Namni hojii tokko yommuu hojjatu wantoonni isa kakaasanii fi dhiiban jiraachu qabu. Keessattu hojichi hojii nafsee irratti ulfaatu yoo ta’e, kakaa’umsa cimaa barbaachisa. Islaama keessatti wanti nama ajaa’ibu guddaan hojii tokkotti yommuu nama qajeelchu mindaa (ajrii) guddaan nama abdachiisa. Ammas hojii badaa irraa yommuu nama dhoowwu, adabbii badaan nama sodaachisa. Kuni hundii nafseen nama tuni akka qulqullooftu fi sadarkaa ol’aana irra geessu taasisa. Soomni hojiwwan nafsee irratti ulfaatan keessaa tokko waan ta’eef, Islaamni faaydaa fi mindaa sooma irraa argamuun nama abdachiisun kaka’uumsa, injinnoo fi humna namaa dabala. Namoonni faayda fi mindaa soomaa yoo beekan kaayyoo soomaa galmaan gahu. Ta’uu baannan, aadaa godhachuun faayda homaatu osoo irraa hin argatin dabarsu. Qur’aana fi Hadiisa keessatti gabaabbinaanis ta’i dheerinnaan faaydalee fi mindaan soomaa dhufani jiru. Yeroo darbe, aayah waa’ee soomaa dubbattu irratti xinxalline turre. Har’as itti fufuun hadiisota muraasa faayda fi mindaa soomaatin wal qabatan ni ilaalla.

Hadiisa Abu Hureyran gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

قَالَ اللَّهُ كُلُّ عَمَلِ ابْنِ آدَمَ لَهُ إِلاَّ الصِّيَامَ، فَإِنَّهُ لِي، وَأَنَا أَجْزِي بِهِ‏.‏ وَالصِّيَامُ جُنَّةٌ، وَإِذَا كَانَ يَوْمُ صَوْمِ أَحَدِكُمْ، فَلاَ يَرْفُثْ وَلاَ يَصْخَبْ، فَإِنْ سَابَّهُ أَحَدٌ، أَوْ قَاتَلَهُ فَلْيَقُلْ إِنِّي امْرُؤٌ صَائِمٌ‏.‏ وَالَّذِي نَفْسُ مُحَمَّدٍ بِيَدِهِ لَخُلُوفُ فَمِ الصَّائِمِ أَطْيَبُ عِنْدَ اللَّهِ مِنْ رِيحِ الْمِسْكِ، لِلصَّائِمِ فَرْحَتَانِ يَفْرَحُهُمَا إِذَا أَفْطَرَ فَرِحَ، وَإِذَا لَقِيَ رَبَّهُ فَرِحَ بِصَوْمِهِ ‏”‏‏.‏

Rabbiin ni jedhe: ‘Hojiin ilma Aadam hundi mataa isaatif, sooma malee. Soomni Anaafi. Anatu isaan (sooman) mindaa kafalaaf.’ Soomni [ibidda irraa yookiin badii hojjachuu irraa] gaachana yookiin eeggumsa. Isin keessaa guyyaa sooma isaa, namni tokko wanta fokkuu dubbachuu fi hojjachu hin qabu, iyyuu fi mormii baay’isuu hin qabu. Namni tokko yoo isa arrabse yookiin loleen, akkana haa jedhu ‘Ani nama soomu.’ Rabbii harka Isaa nafseen Muhammad jirtuun kakadhe! Fooliin badaan afaan nama soomuu keessaa bahu Rabbiin biratti foolii misk caalaa urgaa’adha. Nama soomuf gammachuu lamatu jira. 1.Yeroo soomu hiiku ni gammada. 2.Yeroo Gooftaa isaa qunnamu sababa sooma isaatin ni gammada.” (Sahiih Al-Bukhaari 1904 fi Muslim)
Misk-jechuun wanta garmalee urgaa’udha.

Gabaasa biraa keessattis akkana jedha:
Rabbiin (Azza wa jalla) ni jedha: ‘Soomni Anaafi. Anatu isaan mindaa kafalaaf. Sababa Kiyyaaf fedhii foonii, nyaata fi dhugaati dhiise.’ Soomni gaachana. Nama soomuf gammachuu lamatu jira. Gammachuu yeroo sooma hiiku fi gammachuu yeroo Gooftaa isaa qunnamu. Fooliin badaan afaan nama soomu keessaa bahu Rabbiin biratti foolii misk caalaa urgaa’adha.’’ Sahiih Al-Bukhaari 7492

Hadiisota lamaan kanniin irratti hundaa’un naamusa, faaydaa fi mindaa soomaa mee haa ilaallu.

Naamusa (Adaba) Yeroo Soomaa Hordofuu Qaban
Hadiisa keessatti jechoonni kunniin naamusa yeroo sooma hordofuu qaban namatti himu:
1-Falaa yarfus (فَلاَ يَرْفُثْ)– asitti yarfus xumura yommuu ta’u, ar-rafasu maqaa ta’a. fakkeenyaf Afaan Oromoo keessatti, “Deeme” xumura yommuu ta’u, “Adeemsi” immoo maqaa ta’a. Akka lugaatti ar-rafasu jechuun wal-qunnamti saalaa, wanta fokkuu, waa’ee qaama dhokataa dubbachuu, waa’ee qunnamti saalaa ilaalchisee dubartii waliin haasawu fi wantoota qunnamtii dubartootaa qofaan wal qabatan dubbachuudha.  Kanaafu, hiikni falaa yarfus jedhu, “wanta fokku hin dubbatin, wanta fokku hin hojjatin” ta’a.

2-walaa yaskhab (وَلاَ يَصْخَبْ)– kana jechuun sagalee isaa iyya badaan ol hin kaasin.
3- Namni tokko yoo isa arrabse yookiin loleen, akkana haa jedhu ‘Ani nama soomu.’

Wantoota sadan kanniin irraa of qusachuun soomni nama tokko akka hin bannee ykn mindaan hin hir’anne taasisa. Naamusa tokkoffaa yommuu ilaalu, qunnamti saalaa fi jecha isaan wal qabatan irraa dhoowwa. Guyyaa soomaa qunnamti saalaa raawwachuun wantoota sooma balleessan keessaayyi. Namni guyyaa adiin osoo soomu qunnamti saalaa raawwate, kaffaara kafaluu fi qadaa baasu qaba. Kaffaaran isaas, gabra bilisa baasu. Yoo kana dadhabe, ji’oota lama wal duraa duuban soomu. Yoo kanas dadhabe hiyeeyyi 60 (jahaatama) nyaachisudha.

Ammas jechi ar-rafasu jedhu hiika “dubbii fokkuu dubbachuu fi waa’ee qunnamti ilaalchise dubartoota waliin haasawu” jedhu waan qabuuf, yeroo soomaa gochoota akkana irraa namni ni dhoowwama. Sababni isaas, dubbiin badaan kunniin gara qunnamti saalaatti wanta nama geessanii fi qulqullinna soomaa hir’isaniidha.

Dubbii fokkuu dubbachuun wantoota guutumatti sooma balleessan irraa miti. Garuu wantoota qulqullinna soomaa hir’isanii fi iddoo duwwaa uuman irraayyi. Wantoota sooma guutumatti hin balleessine garuu qulqullinna isaa hir’isan keessaa hamii, kijiba, sobaan ragaa bahuu fi kkf dha.

Abu Hureeyraan(RA) akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
مَنْ لَمْ يَدَعْ قَوْلَ الزُّورِ وَالْعَمَلَ بِهِ وَالْجَهْلَ فَلَيْسَ لِلَّهِ حَاجَةٌ أَنْ يَدَعَ طَعَامَهُ وَشَرَابَهُ ‏”‏‏
“Namni dubbii sobaa, soba saniin hojii badaa hojjachuu fi jechoota badaa namatti dubbachuu hin dhiisin Rabbiin nyaata fi dhugaati dhiisu isaatti haajaa hin qabu.
Sahih Al-Bukhaari 6057

Kana jechuun soomni hojii gubbaa nyaata, dhugaati fi wanta sooma cabsan biroo dhiisuu qofaan guutuu kan ta’u osoo hin ta’in, ibaada guutuu qaamaa fi ruuhi qabuudha. Qaamni soomaa wantoota sooma cabsan kanneen akka nyaata, dhugaati fi qunnamti dhiisudha. Ruuhiin ykn lubbuun soomaa immoo nafsee ofii Rabbiif ajajamuu fi Isa sodaachu irratti sassaabu fi wanta Inni dhoowwe hundarraa fageessudha.

Nama soomu meeqatu jira, sooma isaatirraa homaa hin argatu beelaa fi dheebu malee. Nama meeqatu halkan dhaabbata, dhaabbannaa isaatirraa ifaajee fi hirriba dhabuu malee homaa hin argatu. Sababni kanaa, lubbuu ibaada dhiisun boca qofa irratti xiyyeefachuudha.  Ibaadan yommuu ruuhi ykn lubbuu dhabu bocni ykn qaamni isaa Rabbiin biratti wanta sirritti ilaallamu miti.

Kaayyoon soomaa inni guddaan namoota nyaata, dhugaati fi wantoota sooma cabsan biroo irraa dhoowwu qofaaf osoo hin ta’in nafsee namaa tana wanta fokkuu fi fedhii gadi bu’aa irraa qulqulleessu, Rabbiin sodaachu, naamusa (adaba) Islaama qabachuu fi murtiwwan shari’aa hordafuu irratti leenjisuudha. Akkasumas, hiyyeeyif garaa laafu, nafsee obsaa fi ijjannoo irratti leenjisuu fi mindaa (ajrii) guddaa Rabbii Olta’aa bira jiru akka kajeeltu taasisuudha.

Naamusni lammataa yeroo soomaa hordofan haajaa tokko malee iyyuu dhiisudha. Bakka namoonni walitti qabamaniitti sagalee olkaasanii iyyuun wanta amala gaarii faallessuudha. Aqliin nama kanaa hir’uu akka ta’etti ilaallama.

Naamusni sadaffaan yeroo soomaa hordofan nama nama arrabsuu fi loluuf dhufe wanta fakkaatun itti deebisuu dhiisudha. Adaba nama soomu keessaa tokko dirree arrabsoo fi lolaatti faallaa sanii ta’uudha. Namni tokko yoo isa arrabse ykn loleen, “Ani nama soomu” haa jedhu. Kana jechuun naamusa nama soomu irraa eeggamu waan hordofuuf fakkaata sanii akka itti hin deebisne haa beeksisu. Akkuma inni arrabseetti arrabsuu dadhabee osoo hin ta’in ibaada soomaa waan uffateef jaalala Rabbii barbaaduun fakkaata wanta badaa akka itti hin deebisne isa dhoowwe. Akkasumas, naamusa soomaa faallessun lubbuu/ruuhi soomaa balleessu danda’a. Sababni isaas, wanta badaa fakkaataa isaatiin deebisuun lubbuu fi kaayyoo soomaa faalleessa. Kaayyoo soomaa keessa tokko obsaa fi wal danda’u nama barsiisuu waan ta’eef namni wanta badaa fakkaataa saniin yoo deebise, sooman nafsee isaa leenjisaa hin jiru jechuudha.  

Faaydaa fi Mindaa Soomaa

Faaydaa fi Mindaa sooma bakka lamatti qoonne ilaalu dandeenya. Tokkoffaa: Faaydaa fi Mindaa namni soomu addunyaa tana keessatti argatu. 2ffaa: Faaydaa fi Mindaa Aakhiratti argatu.

Hadiisa armaan olii keessatti, soomni gaachana yommuu jedhu, faayda addunyaati fi Aakhirah of keessatti qabata. Gaachana jechuun wanta rakkoo fi miidhaa namarraa dhoowwudha. Yeroo lolaa ykn farda gulufsiisan eboo fi xiyya ofirraa eeguf godhatu. Soomni gaachana kan jedhameef nama soomu san badii keessatti lixuu irraa ni tiiksa. Namni yommuu nyaatu fi dhugu, nafseen isaa socho’uun badii hojjachuuf dharraati. Garuu namni soomu soomni isaa Rabbiin biratti fudhatama akka argatuuf naamusaa soomaa kan hordofuu fi badii irraa kan fagaatudha. Soomni wanta hayyamama dhiisan malee guutuu hin ta’u. Tolee, wanta hayyamama yoo dhiisan, wanti dhoowwamaan hoo maal ta’inna laata? Namni dhugaan amanee soomu wantoota haraama (dhoowwamaa) irraa ni fagaata.

Soomni ibidda fedhii qabbaneessuun hojii badaa irraa akka of qaban nama taasisa. Fakkeenyaf, dargaggeessi ibidda fedhii sooman yoo qabbaneesse, badii zinaa irraa dhalatu irraa ni tiikfama. Addunyaa tana keessatti dhibee qunnamtiin daddarban kanneen akk Eedisii fi kan biroo irraa ni eeggama. Aakhirattis ibidda hamaa jalaa nagaha baha. Kanaafi, Qur’aana keessatti akkana jechuun nama fedhii ofi too’atu faarse:

Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaate fi lubbuu ofii waan ishiin hawwitu irraa dhoorge, dhugumatti Jannanni bakka qubannaa isaati.” (suurat An-naazi’aat (79):40-41)

Soomni karaa guddaa lubbuu ofii wanta badaa ishiin hawwitu irraa ittiin dhoowwaniidha. Abdullah bin Mas’uud (Radiyallahu anhu) akkana jechuun gabaase: “Yeroo dargagummaa fi qabeenya hin qabne taane Ergamaa Rabbii (SAW) waliin turre. Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhan “Yaa tuuta dargaggootaa! Namni isin keessaa ba`aa fuudhaa danda’u haa fuudhu. Sababni isaas ija ofii akka gadi qabatuu fi qulqullumaa isaa akka eeguf isa gargaara (kana jechuun zinaa akka hin hojjanne isa gargaara). Namni fuudhuu hin dandeenye haa soomu. Soomun fedhii qunnamtii saalaa hir’isaati.” Sahiih Al-Bukhaari 5066

Jiiyni Ramadaanaa ji’a Qur’aana itti qara’an, zikrii itti heddummeessan, salaata baay’isanii itti salaatan, tawbaa fi istighfaara itti baay’isan, sadaqaa itti kennanii fi hojii gaggaarii biroo halkanii guyyaa itti hojjatan yoo ta’e, soomni gaachana badii fi adabbii irraa nama eegu namaaf ta’u. Ta’uu baannaan, jiiyni Ramadaanaa ji’a filmii itti ilaalan, caati itti qama’aa bulan, halkanii guyyaa itti rafan, nyaata baay’ee itti nyaatan, tapha itti taphatanii fi wantoota faaydi hin qabne fi badaa biroo itti hojjatan yoo ta’e, soomni namaaf gaachana hin ta’u. Ruuhi ykn lubbuu waan hin qabneef.

Faaydan biraa namni soomu argatu gammachuu yeroo sooma hiiku fi yeroo Gooftaa isaa qunnamu argatuudha. Mee yeroo dheebonnu fi beelofnu maal akka taanu haa ilaallu. Dheebuu fi beela cimaa booda yommuu nyaataa fi dhugaati argannu ni gammanna. Haaluma kanaan namni guyyaa sooma irra oolee yommuu galgala sooma hiiku gammachuun guddaan itti dhagahama. Kuni faayda soomni nafseef kennuudha. Nafseen teenya yeroo hundaa gammachuu barbaaddi miti ree? Ammas namni soomu Guyyaa Qiyaamaa mindaa guddaa sababa sooma isaatiin yommuu Rabbiin biratti argatu garmalee gammada. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa mindaa warroota amananii fi hojii gaarii hojjachuuf carraaqaa turan erga dubbatee booda akkana jechuun isaan dubbisa:

76:22

Dhugumatti kuni mindaa isiniif ta’ee jira. Dalagaan keessanis galateefamaadha.” Suuratu Al-Insaan 76:22

Kana jechuun Jannanii fi qananiin ishii keessa jiru sababa amantanii fi hojii gaarii hojjattaniif mindaa isiniif ta’ee jira. Dalagaan isin addunyaa irratti hojjataa turtan Rabbiin qananii guddaa isiniif kennuun galateefamaa ta’ee jira.

Namni hojii gaggaarii akka soomaa hojjataa ture yommuu qananii kana argu garmalee gammada. Qur’aana keessatti:

“Fuulonni gariin guyyaa san kan qananii’an ta’uu. Dalagaa isaaniitti gammadoodha. Jannata ol-fagoo keessa jiraatu.” Suuratu Al-Ghaashiyah 88:8-10

Kana jechuun namoonni amananii fi dalagaa gaarii hojjataa turan Guyyaa Qiyaamaa fuulli isaanii qananii fi gammachuun ifa. Sababa addunyaa irratti Rabbiif jedhanii hojii gaggaarii hojjatanii fi rakkoo isaan qunname obsaan dabarsaniif, yommuu mindaa isaanii argan, garmalee gammadu. Jannata ol fagoo keessa ta’u. Kanaafu, namni mindaa guddaa kana yommuu yaadatu, soomni homaa isatti hin fakkaatu.

Soomni hojii dhoksaa iklaasni namaa itti mirkaneefamu waan ta’eef Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa “Soomni Anaafi. Anatu isaan (soomaan) mindaa kafalaaf.’ Jechuun waadaa gale.Rabbiin subhaanahu mindaa soomaa ofitti qabe. Hojiiwwan gaggaariin biroo lakkoofsa isaanitiin baay’atu. Hojiin gaariin takka si’a kudhan baay’achuun hanga dachaa dhibba torbaa yookiin san caalaa geetti. Soomaf garuu Rabbiin mindaa isarratti (sooma irratti) kafaluuf ofitti qabuun lakkoofsa malee kafalaaf.

Sababa Kiyyaaf fedhii foonii, nyaata fi dhugaati dhiise.” Namni wanta jabaa lama nama dhiiban fedhii isaatiin Rabbiif jedhee dhiisa. Wantoonni lamaan kunniin: nyaataa dhugaati fi qunnamtii saalaati. Namni Jaalala Rabbii barbaadun wantoota kanniin yoo dhiise, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa arjaa Isaatiin mindaa lakkoofsa malee kennaaf. Wanti asirraa hubannu, namni mindaa guddaa sooma irraa kan argatu Rabbiif jedhee yoo soomedha.

Mindaa soomaa keessaa hadiisa tokko dabaluun haa xumurru. Sahl Bin Sa’d akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedha:
Jannata keessa balbala Ar-Rayyaan jedhamu jira. Guyyaa Qiyaamaa warroonni soomaa turan isa keessaan seenu. Warra sooman malee namni biraa isaan waliin hin seenu. Akkana jedhama: ‘Akka balbala kanaan seenaniif warroonni soomaa turan eessa jiruu?’ Yommuu cufti (hundi) isaanii seenan, balballi kuni ni cufama. Sana booda eenyullee isa keessaan hin seenu.” (Sahiih Musliim 1152)

Guduunfaa
➦Soomni qaama ykn bocaa fi ruuhi/lubbuu qaba. Qaamni ykn bocni soomaa nyaata, dhugaati, qunnamtii saalaa fi wantoota sooma balleessan biroo dhiisudha. Ruuhiin/lubbuun soomaa nafsee ofii Rabbiif ajajamu irratti sassaabu, wantoota Inni dhoowwe hunda irraa fageessudha. Jecha biraatin, jaalala Rabbii fi mindaa Isaa barbaadun hojii gaggaarii baay’isanii hojjachuu fi hojii badaa hundarraa fagaachudha.
Kaayyoon soomaa inni guddaan: nafsee hojii badaa fi fedhii qullaa irraa qulqulleessu, Rabbiin akka sodaatan, naamusaa fi murtiwwan Islaamaa akka hordofan namoota leenjisuu, hiyeeyyif mararfachuu, wal danda’uu, obsaa fi ijjannoo akka qabaatan barsiisu. Mindaa Guddaa Rabbii olta’aa bira jiru akka dharra’anii fi kajeelan taasisudha.
➦Mi’aan guddaan gara fuunduraatti argatan hadhaa fi ulfaatinna amma keessa jiran nama dagachiisa.

Kitaabban wabii:
As-sawmu wa ramadaanu fii sunnati wal Qur’aani-Fuula 129-138, Abdurahmaan Habankaa
Kitaabban Tafsiir: Tafsiir Sa’diyy, Zaadul Masiir