Jireenya tana keessatti namoonni karaa adda addaatin ni qoramu. Gariin isaanii yoo rakkatan gariin immoo ni bashannanu. Gariin yommuu beela’anii fi dheebotan, gariin immoo quufuun dachii keessatti badii baay’ee hojjatu. Namni jireenyi maaliif akka uumamte hin beekne, “Kuni maaliif akkana ta’aa?” jechuun dhama’a. Yommuu rakkoon isatti buutu obsa dhabuun namoota garmalee dhiphatan keessaa ta’a. Namni jireenyi maaliif akka uumamte beeku immoo iccitii rakkoo fi qananii duuba jiru hubachuun jireenya keessatti ifaan tarkaanfata.  Kutaa darbe irraa itti fufuun ammas daran jireenyi maaliif akka uumamte ni ilaalla.

Yaadachisaaf jireenyi addunyaa tuni iddoo namoonni itti qoramaniidha. Wantoonni namoonni ittiin qoraman wantoota nafseen isaanii jaallattu ykn jibbituudha. Nama qormaata keessa jiru irraa wantoonni barbaadaman: obsa, shukrii (Rabbiif galata galchuu), Isa faarsu, yeroo hundaa Isaaf ajajamuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisudha. Akkasumas, qormaanni dadhabinna fi jabeenya iimaana namaa ifatti baasa.

Namni qorame jazaa isa barbaachisa. Kana jechuun dhuma qormaata irratti qoratamuun mindaan isaaf kennama ykn ni adabama. Kuni qormaata mana barnootatti fudhannu irraayyu wanta beeknudha. Namni qormaata keessatti qabxii gaarii yoo galmeesse mindaa gaarii argata. Kan qabxii gaarii hin galmeessine immoo mindaa gaarii hin argatu. Karaa adda addaatiin rakkoo jireenyaatin adabama. Kuni haala salphaan waa’ee qormaata akka hubannuuf malee guutumaan guututti qormaata Rabbiin ilmaan namaa qoruun wal fakkaata jechuu miti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota karaa adda addaatin erga qoree booda Guyyaa Murtii jazaan (mindaan/adabbiin) akka jiruu waadaa galee jira. Ta’uu baannan, qormaanni bu’aan isaa hin beekkamne tapha ta’a. Rabbiin subhaanahu tapha irraa qulqulluudha. Qur’aana keessatti yommuu ilaallu qormaata fi jazaa wal bira fida.

Nama qormaata keessa jiru irraa “Obsi” ni barbaadama. Mindaan isaaf kennamus obsa isaa irratti hundaa’a. Mee kana ilaalchise Qur’aana irraa wanta namni ittiin qoramu, wanta isarraa barbaadamu fi mindaa isaa haa ilaallu:

Dhugumatti Nuti sodaa fi beela irraa wanta tokkoon, akkasumas qabeenya, lubbuu fi fuduraale irraa hir’isuun isin qorra (mokkorra). Warra obsan gammachiisi. Isaan yeroo balaan isaan tuqe, “Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.” Jedhaniidha. Isaan warra faaruu fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudha. Warri suni isaanumatu qajeelfamoodha. ” Suuratu Al-Baqarah 2:155-157

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayah tana keessatti wantoota shaniin gabroota Isaa akka qoru dubbata. 1ffaa- Sodaa irraa wanta tokkoon isaan qora.  Kana jechuun diinotaa fi yeroo waraanaa sodaachu fi rifachuu. 2ffaa-beelaan isaan qoru. Kuni yeroo hoongee fi midhaan dhabamu ta’uu danda’a. 3ffaa-qabeenya irraa hir’isuun- kunis balaa uumamaa kanneen akka roobaa, lolaa fi kkf qabeenyatti bu’uun qabeenyi hir’achuu danda’a. Ammas, nama jalaa baduun, zaalimni (cunqursaan) nama jalaa fudhachuun, hannaa fi karaalee adda addaatin qabeenyi hir’achuu danda’a. 4ffaa- lubbuu irraa hir’isuun- kana jechuun namoonni jaallatan kanneen akka ijoollee, firoota fi hiriyyootaa du’uudha. 5ffaa-fuduraalee irraa hir’isuun- akka duraanitti firaafireen akka temiraa, muuzi, burtukaanaa fi midhaan nyaata kanneen akka qamadii, garbuu fi kkf oomisha isaanii kennuu dhiisu. Wantoonni kunniin sababa adda addaatin oomisha isaanii ni hir’isu.

Obsa irratti akka of leenjisaniif wantoota kanniinin akka isaan qoru Rabbiin namootatti beeksise. Yeroo wantoota kanniin keessaa muraasni isaanii bu’an namni obse, Rabbiin mindaa isaaf kenna. Namni dallanee fi abdi kute immoo adabbiin isatti bu’a. Sababni isaas, wanta qormaata kanarraa barbaadamu waan hin hojjanneef. Wanti qormaata kana irraa barbaadamu obsa. Kanaafi, Rabbiin ni jedha, “Warra obsan gammachiisi” kana jechuun mindaa isaanii lakkoofsa ykn hisaaba malee akka argatan isaan gammachiisi. Warroonni obsan warroota gammachiisa guddaa fi kennaa dilbiin milkaa’aniidha. Sababa obsaniin Aakhiratti Jannata qananii seenu. Addunyaa keessatti warra qajeelfamanii fi faarfaman ta’u. Warroonni kunniin warra yeroo balaan isaan tuqe, “Innaa Lillaahi wa innaa ileyh raaji’uun (Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha).” jedhaniidha.  “Dhugumatti nuti kan Rabbiiti” kana jechuun nuti gabroota Isaati, wanta fedhe nutti hojjachuu danda’a. “nuti gara Isaatti deebi’oodha” kana jechuun du’aan booda kaafamuu, hojiiwwan keenya irratti jazaa argachuu fi obsa keenyaaf mindeefamu ni mirkaneessina.

Warroonni obsan kunniin “warra faaruu fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudha.” Kana jechuun maqaa gaariin isaan faarsu, isaaniif araaramu fi rahmanni Rabbiin irraa ta’e isaan irra jiraachudha. Rahmata Isaa keessaa tokko obsa mindaa guddaa ittiin argatan akka qabaatan gochuudha. “Warri suni isaanumatu qajeelfamoodha.” Kana jechuun warra haqa beekanii fi irratti hojjataniidha. Bakka kanatti haqa beekun isaanii, “isaan gabroota Rabbii fi gara Isaatti kan deebi’an ta’uu” beekudha. Haqa kana hojii irra oolchun immoo Rabbiif jedhanii obsuudha[1].

Kanaafu keeyyattoota kanniin keessatti wantoonni ittiin qoraman: sodaa, beela, qabeenyi nama jalaa hir’achuu, namoonni jaallatan du’uu, oomishni midhaanii fi firaafiree hir’achuudha. Wanti nama qorame irraa barbaadamu immoo obsa. Obsi kuni Rabbiif ajajamuu, wanta Inni dhoowwe dhiisu, dallansu fi abdii kutuu irraa of qusachuu of keessatti qabata. Mindaan namoota obsanii immoo Jannata, faaruu fi rahmanni Rabbii isaan irratti jiraachudha. 

Mee ammas aayah biraa keessatti wanta namni ittiin qoramuu fi wanta qormaata irraa barbaadamu haa ilaallu.

“[Yaa Muhammad] siin duratti ergamtoota irraa [ergamaa] hin ergine dhugumatti isaan nyaata kan nyaatanii fi gabayaa keessa kan deeman yoo ta’an malee. Garii keessan gariidhaaf fitnaa (qormaata) taasifne jirra. Ni obsituu? Gooftaan keetis [waan hundaa] Argaa ta’ee jira.” Suuratu Al-Furqaan 25:20

Aayan tuni mushrikoota Makkah Ergamaa Rabbiitiin (SAW) akkana jedhaniif deebii kennuuf buute, “Sila kan nyaata nyaatu fi gabayaa keessa deemu kuni ergamaa akkamii?” Mushrikoonni kunniin ‘ergamaan Rabbiin ergu nama osoo hin ta’in malaayka maaliif hin taane?’ jechuun mormu. Garuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Nabii Muhammadin (SAW) dura ergamtoota nyaata nyaatanii fi soorata (rizqii) isaanii argachuuf gabayaa keessa kan deeman malee namoota hin nyaanne fi hin dhugne godhee hin ergine. Akkuma Nabii Muhammad (SAW) nyaata nyaatu fi gabaaya keessa deemu, ergamtoonni isa dura darbaniis nyaata nyaatu fi daldalaaf gabayaa keessa deemu turan. Kuni sadarkaa fi guutummaa amala isaanii kan hir’isuu miti. Ergamtoonni hunduu gaarummaan amala isaanii fiixe kan tuqeedha. Jechoonni fi hojiin isaanii namoota hundarra kan caalu fi bareedudha. Eenyufillee fakkeenya gaarii ta’u.

“Garii keessan gariidhaaf fitnaa (qormaata) taasifne jirra.”  Walitti dhufeenya namootaa keessatti gariin gariif wanta ittiin qoramaniidha. Tokko kan biraatiif qormaata ta’a.  Ergamaan ummata itti ergameef qormaata ta’a. Kana jechuun warroonni Rabbiif ajajamanii fi hin ajajamne ifatti akka beekkaman sababa ta’a. Akkasumas, ummattoonnis ergamtootaaf qormaata ta’u. Rakkoo fi gufuu adda addaa isaan fuundura kaa’u. Ammas, kaafirri mu’minaaf (nama amaneef) qormaata, namni dureessi hiyyeessaf qormaata; hiyyeessis dureessaaf qormaata, dubartiin dhiiraaf qormaata, dhiirris dubartiif qormaata ta’u. Haala kanaan namoonni biroos addunyaa qormaataa tana keessatti waliif qormaata ta’u.

Kaayyoon qormaata kanaa obsa. Kanaafu, “Ni obsituu?” Kana jechuun itti gaafatamummaa fi dirqamoota isin irra jiran obsaan bahuun mindaa obsaa argattan moo kan hin obsine ta’uun adabbiif of saaxiltan?[2]

Dureessi yommuu hiyyeessa argu gargaaru qaba, isa tuffachuu fi gadi xiqqeessu hin qabu. Obsuu jechuun wanta tokko irraa of qabuu waan ta’eef, dureessi hiyyeessa tuffachuu fi gadi xiqqeessu irraa of qabuu (obsuu) qaba. Hiyyeesis dureessa hinaafu fi haqa malee qabeenya isaa jalaa fudhachuu hin qabu[3]. Kanaafu, hiyyeessi hinaafu fi hatuu irraa of qabuu (obsuu) qaba. Dubartiniis dhiiraaf qormaata. Dhiirri karaa haraamaatiin dubartiiti deemu irraa of qabuu (obsuu) qaba. Akkasumas, dubartiinis karaa haraamatin dhiiratti deemu irraa of qabuu (obsuu) qabdi. Ammas kaafirri nama amaneef qormaata ta’a. Takkaa yaada sobaa itti darbuun isa qora takkaa immoo sababa Islaama qabateen itti qoosun, baacun, tuffachuun, rakkisuun qormaata ta’aaf. Kanaafu, namni amane (mu’minni) wanta kaafirri itti waamu irraa of qabuu ykn of qusachuu qaba. Akkasumas, Islaama irratti obsu qaba. Haala kanaan namoonni addunyaa qormaata tana keessatti haqa irratti yoo obsan mindaa guddaa argatu. Yoo dhiisan immoo adabbiif of saaxilu.

“Gooftaan keetis [waan hundaa] Argaa ta’ee jira.” Kana jechuun nama hundaa ni arga, nama obsuu ykn hin obsine, nama amanuu fi hin amanne, nama haqa isarra jiru bakkaan gahee fi hin geenye hundaa Inni ni arga[4]. Haala fi hojii keessan hunda ni beeka. Ergasii hojii keessan irratti hundaa’e jazaa isiniif kafala. Nama gaarii hojjate mindaa gaarii kennaaf, nama badii hojjate immoo ni adaba[5].


[1] Tafsiir Sa’diyy- 71-72, Zaadul Masiir-95-96,
[2] Tafsiir Sa’diyy-679
[3] Tafsiir Qurxubii 15/390
[4] Madda olii 392
[5] Tafsiir Sa’diyy-679