Jireenya tana keessatti wantoonni namni jaallatu fi jibbu baay’een nama qunnamu. Namoonni gariin wanta jaallatan yommuu argatan, garmalee gammaduun of tuulu fi amalli fafeen biroo isaan irraa mul’ata. Faallaa kanaa, namoonni gariin yommuu wanti jibban isaan qunnamu garmalee gadduun hanga lubbuu ofii galaafatu gahu. Sababni kanaa inni guddaan maali jennee yoo qoranne, kaayyoo jireenyaa wallaaludha. Jireenyi tuni namoota qoruuf akka uumamtee fi qormaata irraa wanti barbaadamu: obsa, galata galchu, Rabbiif ajajamuu fi wanta Inni dhoowwe irraa fagaachu akka ta’e namni beeku, yeroo rakkoo fi toltuu madaala ofii eeggata. Garmalee dhama’uun dukkana keessatti hin taru.

Fakkeenyaf, yeroo rakkoo obsa isarraa barbaadamu ni qabaata, wanta Rabbiin isaa itti ajaje ni hojjata, wanta Inni dhoowwe irraa ni fagaata. Wanti Rabbiin subhaanahu wa ta’aala itti ajajee keessaa inni guddaan, Isatti amanuu fi arkaana iimaana hafanitti amanuu, salaata, Isa kadhachuu (du’aayi), Isaaf of gadi qabuu fi hojii gaggaarii biroodha. Wanti guddaan Inni dhoowwe keessaa, kufrii, yeroo rakkoos ta’e yeroo toltu wanta nama hin fayyannee fi hin miine kadhachuu dhiisu. Fkn, nama du’e kadhachuu irraa ni dhoowwa. Ammas, rahmata Isaatirraa abdi kutu ni dhoowwa. Kanaafu, namni yeroo rakkoo, obsa isarraa barbaadamu yoo qabaate, wanta itti ajajame yoo hojjate fi wanta irraa dhoowwame yoo dhiise, ulfaatinni rakkoo isaaf hir’ata.

Kutaa darbe irraa itti fufuun waa’ee qormaataa haa ilaallu. Qormaanni jabeenyaa fi dadhabbinna iimaana namaa ifa baasa. Namoonni yommuu qoraman, namni dhugaa fi namni sobaa ni beekkama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Aliif Laam Miim. Sila namoonni ‘Amanne’ jechuudhaan odoo hin qoramiin dhiifamu yaadu? Dhugumatti,Nuti warra isaanin duraas qorree jirra. Dhugumatti Rabbiin isaan dhugaan [amanne] jedhan beekuf jira, sobdootas beekuf jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:1-3

Wanta haqiiqaa (dhugaa) iimaana isaanii ifatti baasun osoo hin qoramiin sila namoonni, “Nuti amanne ykn mu’mintoota” jechuun qofti isaan gahaa? Amanne erga jedhanii booda osoo fitnaa (qormaata) irraa nagaha kan bahan ta’anii silaa namni dhugaa nama sobaa irraa adda hin bahu ture. Garuu ummata darbanii fi kan ammaa keessatti seerri Rabbii, badhaadhinnaa fi gadadoon, rakkoo fi laafinnaan, wanta jaallatanii fi jibbaniin, durummaa fi hiyyummaan, yeroo tokko tokko diinota isaan irratti moosisun, dubbii fi hojiin diinotatti duuluni fi kan kana fakkaataniin isaan qoruudha. Qormaata kanniin fitnaa lama jalatti ramaduun ni danda’ama. 1ffaa- Fitnaa shubahaata- kana jechuun dhugaan soba fakkaachu, sobni dhugaa fakkaachu. Kuni iimaana qalbii keessa jiru faallessa. 2ffaa- fitnaa shahwaa- kuni fedhii lubbuu ijjannoo namaa faallessuudha. Namni yeroo shubahaanni isatti bu’u, gadi dhaabbatu fi hin sochoone, shubahaata kana haqa isa bira jiruun yoo ofirraa ittise, kuni iimaanni isaa dhugaa fi sirrii ta’uu agarsiisa. Ammas, yommuu fedhiin lubbuu gara badiitti nama waamtu ykn ajaja Rabbii fi Ergamaa Isaatirraa nama garagalchu isatti bu’u, fedhii lubbuu isaatti qabsaa’uun badii hojjachuu yoo dhiise ykn wanta Rabbiin itti ajaje hojjate, kuni iimaanni isaa dhugaa fi sirrii ta’uu agarsiisa.

Faallaa kanaa, namni yeroo shubahaanni isatti bu’u qalbii isaa keessatti shakkiin yoo uumamee fi yeroo fedhiin lubbuu isatti bu’u badii hojjatu ykn dirqamoota itti ajajame kan dhiisu yoo ta’e, kuni imaanni isaa dhugaa fi sirrii akka hin taane agarsiisa[1].

Mee kana fakkeenyaan haa ilaallu. Yeroo waraanaa fi rakkooleen cimaan Muslimoota muudatu, shubahaanni (dhugaan soba fakkaachun, sobni dhugaa fakkaachun) namatti bu’a. Namni iimaanni isaa dhugaa fi sirrii ta’e, kuni qormaata Rabbiin irraa ta’e jechuun obsa. Wanta iimaana faallessu hin hojjatu. Waa’ee amanti isaa ilaalchisee hin shakku. Faallaa kanaa, namni iimaanni isaa qalbii keessatti hidda hin qabanne immoo shakkiin itti bu’a. Waa’ee amanti Islaamaa ilaalchise shakkuu jalqaba. Haala kanaan, namni iimaanan dhugaa ta’e fi hin taane ifa baha.

Ammas, yeroo qabeenyi baay’atuu fi wantoonni fokkuun babal’atan, namni iimaanni isaa cimaa ta’e gadi dhaabbata. Akka fakkeenyaatti biyyoota Awrooppaa fi Ameerikaa ilaalu dandeenya. Ammas, telefoona, tv, interneeti harka qabnu ilaalu dandeenya. Fiilmin wal-qunnamtii interneeti irratti baay’innaan gadi lakkifama. Wantoonni fokkuu fedhii ofii haala salphaa fi haraama ta’een akka guutatan nama waaman gara hundaan jiru. Namni iimaanni isaa dhugaa fi sirrii ta’e, fedhii qullaa kanaaf hin bitamu. Wanta sheyxaanni namaati fi jinni itti waaman kana hin hojjatu. Namni iimaanni isaa qalbii keessatti hidda hin qabanne immoo wantoota kanniin haala salphaan hojjata. Kanaafu, yommuu wantoota kanniin hojjatu, hanqinna iimaana isaa agarsiisa. Haala kanaan, namni iimaanan cimaa ta’ee fi hin taane ifa baha. Namni iimaanan cimaa ta’e yeroo adda jiruu interneeti banuun fiilmi wal-qunnamti hin ilaalu. Namni iimaanan cimaa hin taane immoo ni ilaala. Ergasii hojii hojjatan irratti hundaa’e takkaa mindaa argatu takkaa immoo ni adabamu. Namni badii hojjatu gonkumaa Rabbiin jalaa hin miliqu. Kanaafi, itti aanse Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:

29:4

Sila isaan hojii gadhee dalagan Nu jalaa bahuu yaaduu? Wanti isaan murteessan waa fokkate!” Suuratu Al-Ankabuut 29:4

Namoonni hojii gadhee akka shirkii fi kan biroo hojjatan, hojii isaanitiif osoo isaan hin qabinii fi hin adabiin waan Nu jalaa miliqan isaanitti fakkaataa? “Wanti isaan murteessan waa fokkate!” murtiin isaanii murtii haqa irraa jallate waan ta’eef murtii fokkatee fi badaa ta’eedha. Sababni isaas, murtiin kuni Dandeetti Rabbii fi ogummaa Isaatti amanuu diduu, adabbii Isaa ofirraa deebisuuf dandeetti akka qaban godhanii yaadu of keessaa qaba[2]. Warroonni badii gurguddaa hojjatan, Rabbiin nu hin qabu, nu hin adabu, Aakhiraan itti adabaman hin jirtu jechuun yaadu. Garuu kuni murtii fi yaada fokkataadha.

Kanaafu, namni jireenya tana keessatti karaa adda addaatin akka qoramu beekun, yeroo rakkoo obsu fi shakkii qalbii isaatti dhufu ofirraa deebisuuf carraaqu qaba. Ammas, yeroo toltu galata galchuu, wanta fokkuu hojjachuu irraa of qabuu fi wanta itti ajajame hojjachuu qaba. Ta’uu baannan qormaata kan kufu ta’a. Qormaata yoo kufe immoo mindaa guddaa dhabuun adabbiif of saaxila.

Wanta dhugummaa iimaana namaa ifa baasan aayah takka dabaluun kutaa kana haa xumurru.

17:60

Yeroo, “Dhugumatti Gooftaan kee namoota marseera.” siin jennes [yaadadhu]. Argiinsa kee kan [halkan Israa’a] si agarsiifne, namoota ittiin mokkoruuf malee waan biraatiif hin goone. Mukatti Qur’aana keessatti abaarramtes [mokkorrif malee hin goone]. Nuti isaan sodaachifna; garuu inni daangaa darbiinsa guddaa malee waan biraa isaaniif hin dabalu.” Suuratu Al-Israa 17:60

“Dhugumatti Gooftaan kee namoota marseera.” Kana jechuun Gooftaan kee beekumsaa fi dandeettin namoota marsee jira. Hundi isaanitu qabaa Isaa keessaa fi injifannoo Isaa jala jiru.[3] Rabbiin wanta namoonni hojjatan hunda kan beeku fi gonkuma Isa jala bahuun gara biraatti dheessun hin danda’amu. Kanaafu, namni kana yoo beeke wanta Rabbiin dallansu irraa of qusata.  

“Argiinsa kee kan [halkan Israa’a] si agarsiifne, namoota ittiin mokkoruuf malee waan biraatiif hin goone.” Halkan Israa’a halkan Ergamaan Rabbii (SAW) Makkaan irraa gara Al-Quds geeffamaniidha. Halkan kana keessatti Rabbiin wantoota ajaa’iba Nabiyyii Isaatti agarsiise. Nabiyyiin wanta arge kana namootatti yommuu beeksisu, wanta kanaan namoonni ni qoraman. Qureeshonni dandeetti Rabbii hin hubanne, Muhammad halkan tokkoon akkamitti biyya tokko irraa gara biyya biraa geefama jechuun mormii fi kufrii guddaa agarsiisan. Warroonni iimaanni isaanii dadhabaa ta’es amanti keessatti shakkuun duubatti deebi’an. Haa ta’u malee osoo dandeetti Rabbiitti xinxallanii kuni wanta nama shakkisiisu miti. Yeroo ammaa namni halkan tokkoon biyya tokko irraa biyya biraatti xiyaaran balali’a hin jiruu? Garuu haalli Ergamaan Rabbii (SAW) Makkaan irraa Al-Qudsitti geefaman haala namoonni xiyaaran itti balali’an irra adda.

“Mukatti Qur’aana keessatti abaarramtes [mokkorrif malee hin goone].” Mukni tuni muka Zaqquum jedhamtuudha. Hundee Jahannama keessatti biqiluun warroota achi keessa seenaniif nyaata taati. Arabni nyaata jibbamaa fi nama miidhu tokkoon, “kuni nyaata abaarrame” jedhu. Zaqquum warroota Jahannam seenaniif nyaata garmalee hadhaawa fi jibbamaa ta’eedha. Rabbiin kanarraa nu haa tiiksu. Mukni tuni namootaf fitnaa (Qormaata) dha. Warroonni amanan Rabbiin hundee ibiddaa keessatti muka biqilchuu akka danda’u waan amananiif dhugoomsun isaanii ni dabalaaf. Kaafironni immoo, “Akkamitti mukni ibidda keessatti biqila” jechuun kijibsiisan[4]. Wanta addunyaa tana keessatti hin taane Aakhirattis ta’uu hin danda’u jechuun yaadu. Wanta beekumsa irratti hin qabne kijibsiisan.

Wanti guddaan asirraa barannu, odeefannoo Qur’aana keessatti dhufe itti amanne fudhachuudha. “Akkamitti akkana ta’a? Kuni ta’uu hin danda’u” jechuun namni haqa yoo kijibsiise of miidha. Guyyaa Qiyaamaa namoonni haqa Rabbiin irraa dhufe kijibsisan bakka tokkotti walitti qabamuun waqqafamu. Qur’aana keessatti waa’ee isaanii ilaalchisee ni jedha:

27:84

Yeroma isaan dhufanu, “Sila isin beekumsaan osoo ishii hin marsin keeyyattoota Kiyya sobsiiftuu? Mee maaluma hojjachaa turtanii?” jedhaan.” Suuratu An-Naml 27:84

Yeroma warroonni aayaata (keeyyattootaa fi mallatoolee) Rabbii kijibsiisaa turan iddoo wal-gahii (ooydi maashar) dhufan, Rabbiin (Azza wa jalla) akkana isaaniin jedha: “Sila isin beekumsaan osoo ishii hin marsin keeyyattoota Kiyya sobsiiftu?” Kana jechuun aayaata (keeyyattoota) Kiyya guutumaan guututti osoo hin beekinii fi sirrii ta’uu isaanii osoo itti hin xinxallin soba akka ta’etti yaaduun irraa garagaltan. Beekumsa malee kijibsiiftan. Hanga haqni ifa isiniif ta’uu dirqamni isin irra jiru dhaabbachu ykn eegu ture. Beekumsa malee dubbachuun isin irra hin jiru ture. Dhimma guutumaan guututti beekumsa itti hin qabne akkamitti soba jettuuni? “Mee maaluma hojjachaa turtanii?” Addunyaa keessatti wanta itti isin ajajee fi wanta irraa isin dhoowwe keessatti maal hojjachaa turtanii? Beekumsa isaaniiti fi hojii isaanii ilaalchisee ni gaafata. Beekumsi isaanii haqa kijibsiisu, hojiin isaanii immoo Rabbiif ala ykn sunnah Ergamaa Isaatin ala akka ta’e ni arga[5].

Kanaafu, namni Qur’aanatti osoo itti hin xinxallinii fi hiika isaa sirritti osoo hin hubatin, kijibsiisuuf yoo ka’e dhumti isaa badaadha. Wanta isaaf hin galle yoo jiraate beektota gaafachu. Hanga ifa isaaf ta’uu eegu ykn qorachuu qaba.

Guduunfaa
➹ Jireenya tana keessatti namoonni hunduu karaa adda addaatin ni qoramu. “Ani iimaana qaba. Rabbiin waan na jaallatuuf na hin qoru.” jedhee namni yaadu yoo jiraate, yaanni isaa kuni dogongora akka ta’e haa beeku. Osoo hin qoramiin bakka guddaa gahuun ni danda’amaa? Jannani iddoo guddaa qananiin guuttamteedha. Garuu iddoo tana gahuuf addunyaa tana keessatti qormaata barbaachisa.
➹ Namni qoramu wantoota isarraa eeggaman yoo hojjate iddoo guddaa kana ni gaha.
➹ Wantoonni gurguddaan namni ittiin qoramu keessaa: durummaa, hiyyummaa, fayyaa, dhibee, waraana, odeefannoo gheeybi (ijaan hin mul’anne) itti beeksiisu fi kkf dha.
➹ Qormaanni nama dhugaa ta’ee fi nama sobaa addaan fooya (baasa).
➹ Namni addunyaa tana keessatti yeroo hundaa qormaata keessa waan jiruuf kan isa gargaaru fi qajeelchu barbaachisa. Guutumaan guututti nama gargaaru fi qajeelchu kan danda’u Rabbii olta’aadha. Kanaafu, namni qormaata kana darbuuf, yeroo hundaa gargaarsa fi qajeelchaaf Rabbii olta’aa kadhachuun isarra jira. Ta’uu baannan dukkana jireenyaa keessatti bada.


Kitaabban wabii
[1] Tafsiir Sa’diyy-734-735
[2] Tafsiir Qurxubii-16/338, Tafsiir Sa’diyy-735
[3] Tafsiir ibn Kasiir 5/91, Tafsiir Sa’diyy-536
[4] Ibtilaa’a- 105-106
[5] Zaadul Masiir- 1054, Tafsiir Sa’diyy-715