Dhugumatti jireenyi maaliif akka uumamte beekuu fi wanta namarraa barbaadamu hojjachuun ba’aa hangana hin jedhamne namarraa buusa. Kutaalee darban keessatti maaliif jireenyi akka uumamte ilaalle jirra. Wantoota hanga ammaa ilaalaa turre ni guduunfina.

Jireenyi tuni iddoo qormaataa namoonni itti qoramaniidha. Jireenya tana akka daree qormaatatti ilaalu dandeenya. Namoota immoo akka baratootatti. Wantoota namoonni addunyaa tana keessatti ittiin qoraman immoo akka gaafilee qormaataa barattoonni ittiin qoramaniitti ilaalu dandeenya. Akkuma barattoonni daree seenun gaafilee adda addaatin qoraman, ilmaan namaas jireenya addunyaa tana keessatti dhufuun qormaata adda addaatiin ni qoramu. Wantoonni namoonni ittiin qoraman baay’eedha. Wantoota kanniin qormaata keessaa fi qormaata alaa jechuun bakka lamatti qoodu dandeenya. Lamaan isaanitu kan wal qabataniidha. Qormaanni keessaa qormaata qalbii fi sammuu namaatin wal qabataniidha. Kanneen akka: Sheyxaana, miirota akka sodaa, beela, dhibee fi kkf dha. Qormaanni alaa immoo qormaata ala irraa gara namaa dhufuudha. Isaan keessaa gurguddoon: Qabeenyi baay’achuu, hiyyummaa, namni jaallatan du’uu, oomishni midhaanii hir’achuu, waraana, diina, dubartiin dhiiraaf qormaata ta’uu, dhiirris dubartiif qormaata ta’uu, kaafirri mu’minaaf qormaata ta’uu, haaluma kanaan namoonni biros waliif qormaata ta’uu fi kkf.

Barataan daree qormaata keessa erga seenee, wanti isarraa barbaadamu ni jira. Innis, hanga danda’ee gaafilee qormaata hojjachuu fi naamusa badaa agarsiisu irraa of qusachuudha. Haaluma kanaan, ilmaan namaa jireenya tana keessatti iddoo qormaata erga kaa’amanii, wantoonni isaan irraa barbaadaman ni jiru.  Wantoonni kunniinis: obsa, shukrii (Rabbiif galata galchuu), Isaaf ajajamuu, wanta Inni dhoowwe irraa of qusachuu fi kan kana fakkaataniidha. Jireenya tana kan uume Rabbii olta’aadha. Ilmaan namas uumuun jireenya tana keessa kan godhe Isa. Kanaafu, kaayyoo jireenya tana uumeef sirritti beeka. Qur’aana keessatti:

“[Rabbii] Mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru tolli Isaa baay’ate. Inni waan hundaa irratti Danda’aadha[Rabbiin] eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin qoruuf Kan du’aa fi jireenya uumedha. Inni Injifataa, Araaramaadha.”

Suuratu Al-Mulk 67:1-2

“[Rabbiin] eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin qoruuf Kan du’aa fi jireenya uumedha.” Kana jechuun Rabbiin isin qoruu fi qormaata kanaan eenyutu hojii irra gaarii akka hojjatu ifa baasuf ergasii hojii isaa irratti hundaa’e nama hundaafu mindaa kennuuf ykn adabuuf du’aa fi jireenya uume[1]. Ibn al-Jawzin (Rabbiin rahmata Isaaf haa godhu) akkana jechuun keeyyata (aayah) tana ibsa: Jireenya tana keessatti isin qoruuf jireenya uume, du’a immoo isin kaasu fi jazaa isiniif kafaluuf uume[2].

Qormaata booda qorannoo fi jazaan ni barbaachisa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota kan qoruuf faayda isaan irraa argachuuf osoo hin ta’in gammachuu fi milkaa’inna guddaa fi zalaalami akka gahaniifi. Mee addunyama tana keessatti haa yaannu. Namni osoo rakkoolee fi qormaata adda addaa hin argin iddoo guddaa gahuu danda’aa? Hin danda’u. Jannani qananiin guuttamte suni hoo, akkanumatti rakkoo fi qormaata tokko malee seenun ni danda’amaa? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

3:142

Sila osoo Rabbiin isin irraa warra qabsaa’anii fi warra obsan hin mul’ifne Jannata seenu yaadduu?” Suuratu Aali-Imraan 3:142

Kanaafu, iddoo ol’aana gahuuf qormaanni rakkoolee fi wantoota nafseen jibbituun guuttame ni barbaachisa. Namni qormaata kanniin yoo darbe iddoo guddaa isaaf waadaa galame gaha. Qormaata kanniin darbu jechuun wanta Rabbiin namarraa barbaadu hojjachuudha. Akkuma duratti jenne namoota Jannata qananiin guuttamte san seensiisuuf wantoonni Rabbiin Guddaan namarraa barbaadu: wantoota Inni ajaje hojjachuu, wantoota Inni irraa dhoowwe dhiisu, obsaa fi shukriidha. Wanti Rabbiin subhaanahu wa ta’aala itti ajajee keessaa inni guddaan, Isatti amanuu fi arkaana iimaana hafanitti amanuu, ikhlaasa, salaata, Isa kadhachuu (du’aayi), Isaaf of gadi qabuu fi hojii gaggaarii biroodha. Wantoonni gurguddaan Inni dhoowwe keessaa, kufrii, shirkii fi badiiwwan birooti.

Namni jireenya tana keessatti wantoota kanniin yoo beeke hin dhama’u. 1ffaa-jireenyi tuni maaliif akka uumamte beeku. (Namoota qoruuf). 2ffaa- Namoota iddoo qormaataa jiran irraa wantoota barbaadaman beeku. (Wantoota Rabbiin itti ajaje hojjachuu, wantoota Inni irraa dhoowwe dhiisu, obsaa fi shukriidha.) 3ffaa- Qormaata booda jazaan akka jiru beeku. Jazaan mindaa fi adabbii of keessaa qaba. (Namni iddoo qormaata kana keessatti wanta isarraa barbaadamu ulaagaalee guutuun yoo hojjate, mindaan isaa Jannata ta’a. Namni wanta isarraa eeggamu hin hojjanne immoo adabbii isaaf malu adabama.) Kuni kan adeemsifamu Guyyaa Qiyaamaati. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Lubbuun hundi du’a ni dhandhamti. Mindaawwan keessanis guutumaatti kan argattan Guyyaa Qiyaamati. Namni ibidda irraa fageeffamee Jannata seensifame, dhugumatti milkaa’eera. Jireenyi addunyaas meeshaa gowwoomsaa qofa.” (Suuratu Aali-Imraan 3:185)

Namni jireenya tana keessa zalaalami turuun qormaata addaan hin cinne hin qoramu. Akkuma qormaanni daree yeroo itti dhumatu qabu, qormaanni namoonni qoramanis yeroo itti dhumatu qaba. Yeroon kunis yeroo duuti dhuftuudha. “Lubbuun hundi du’a ni dhandhamti.” Kuni kan agarsiisu Rabbii gaditti wanti lubbuu qabu hundi ni dhuma. Yeroo hunda Jiraataan hin duune Rabbii Tokkicha. Namoonni erga du’anii booda achumaan kan badanii miti. Kana irra, Guyyaan firiin qormaata isaanii itti mul’atu ni dhufa. Ta’uu baannan, qormaata firii fi dhumti isaa hin beekkamne qoruun maal faayda qaba ree? Rabbiin wanta taphaa hojjachuu irraa qulqulluu fi olta’aadha. Kanaafu, wanta addunyaa keessatti hojjataa turtaniif, “Mindaawwan keessan guutumaatti kan argattan Guyyaa Qiyaamati.

Namni addunyaa qormaataa tana keessatti wanta isarraa barbaadamu hojjatu, Guyyaa Qiyaamaa warra milkaa’an irraa ta’a. “Namni ibidda irraa fageeffamee Jannata seensifame, dhugumatti milkaa’eera.” Kana jechuun namni ibidda Jahannam irraa baraaramu fi fageefamuun Jannata seene, dhugumatti inni wanta jibbamaa irraa fagaachuun wanta jaallatu argate. Nama badii irraa baraaramee fi nama wanta jaallatu argate, “Qad faaza (milkaa’e jira)” jedhama. Guyyaa Qiyaamaa wanti garmaleen jibbamaan ibidda Jahannami. Wanti garmaleen jaallatamaan Jannata. Namni Jahannam irraa baraaramuun Jannata seensifame dhugumatti milkii garmalee guddaa ta’e milkaa’e jira.

Namni tarii addunyaa tana keessatti milkaa’u danda’a. Garuu milkaa’inni addunyaa tanaa kan baduu fi yeroo gabaabaf kan turuudha. Kanaafi namoonni addunyaa tanaan akka hin gowwoomne itti aanse akkana jedha, “Jireenyi addunyaas meeshaa gowwoomsaa qofa.” Namni yommuu addunyaa tana keessa jiraatu hawwiin umrii dheeraaf turu isa gowwoomsa. Umriin kiyya dheeraadha jechuun addunyaa tana keessatti waa baay’ee hojjachuuf hawwa. Garuu duuti tasa itti dhufuun isa mura. Kanaafu namni addunyaa tanaan gowwoomun Aakhira itti deemaa jiru dagachuu akka hin qabne akeekachiisa. Sa’iid bin Jubeeyr ni jedha, “Nama Aakhirah barbaadachuu waliin hin ko’oomneef addunyaan meeshaa gowwoomsati. Garuu nama Aakhirah barbaadachu waliin ko’oomeef meeshaa wanta addunyaa tana caalu ittiin gahuudha.”[3] (Namni Aakhirah quba hin qabne, addunyaan isa gowwoomsiti. Namni Aakhirah kaayyoo godhachuun carraaqu immoo kaayyoo isaa gahuuf addunyatti fayyadama.)

Tolee, jireenyi addunyaa tanaa iddoo qormaataa erga taate namoonni maaliif ittiin gowwoomu? Sababni guddaan Aakhiratti amanuu dhiisu fi kaayyoof yaada isaanii guutuu addunyaa tana qofa keessatti gabaabsudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

30:7

Isaan jireenya addunyaa irraa gubbama (zaahira) beeku. Isaan Aakhiraa irraa immoo daguu keessa jiru.” Suurat Ar-Ruum 30:7

Namoonni baay’een beekumsa waa’ee addunyaa malee beekumsa biraa hin qaban. Dhimma addunyaa akkamitti akka sirreessan, akkamitti akka argatan ni beeku. Ishii argachuu fi karaalee ittiin argatan irratti garmalee ciccimoodha. Garuu wanta Aakhiratti isaan fayyadu irraa gaflaa keessa jiru[4]. Gaflaa (daguu) jechuun xiyyeeffannoo itti kennuu dhiisu fi irraa garagaluudha.

Mallatoolee fi ragaaleen Guyyaan Qiyaamaa (Aakhiraan) jiraachu agarsiisan addunyaa keessa guutanii osoo jiranu Aakhiraa irraa daguu (gaflaa) keessa ta’u. Namoonni baay’een wanta nafseen isaanii barbaaddu waliin ko’oomuun mallatoolee fi ragaalee kanniin irraa sammuu isaanii garagalchanii jiru. Aakhiratti qananii guddaa argachuu fi adabbii (azaaba) irraa baraaramuuf hin carraaqan[5].

Namni addunyaa tana keessa zalaalami erga hin jiraanne, jireenya isaa guutuu addunyaa tana qofaaf hojjachuun maaliif fixaa? Addunyaa tanaan gowwoomun maaliif kasaaraa? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha,

“Yaa namoota! Dhugumatti waadaan Rabbii dhugaadha. Kanaafu, jireenyi addunyaa akka isin hin gowwomsine. Gowwomsan (sheyxaanni) waa’ee Rabbii akka isin hin gowwomsine. Dhugumatti sheyxaanni isiniif diina. Isinis diina isa godhadhaa. Garee isaas warra ibidda boba’aa keessaa akka ta’aniif qofa isaan waama. Isaan kafaran, adabbii cimaatu isaaniif jira. Isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan immoo araaramaa fi mindaa guddaatu isaaniif jira.” Suuratu Faaxir 35:5-7

Aayah tana keessatti, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa addunyaa fi sheyxaana irraa nama akeekachiisa. Waadaa jechuun dhimma gara fuunduraatti hojjatamu isaa irratti ijjannoon guuttame beeksisuudha. Yookiin namni waa’ee dhimma kana beeksisu “gara fuunduraatti wanti kuni ni argama” jedhee dubbachuudha.  “Dhugumatti waadaan Rabbii dhugaadha.” Rabbiin namoota erga du’anii akka kaasu waadaa galee jira. Rabbiin waan hundaa irratti danda’aa fi wanta beeksisu keessatti dhugaa waan dubbatuuf waadaan Isaa dhugaa fi kan hin diigamneedha. Namni waadaa kan diiguf takkaa gufuun isa muudachuun waadaa san akka hin guunne isa taasisa, takkaa immoo namni suni kijibaa ta’uu danda’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan hundaa irratti danda’aadha. Wanti Isa dadhabsiisuu tokkollee hin jiru. Ammas Rabbiin wanta beeksisu hunda keessatti dhugaa kan dubbatuudha. Kanaafu, waadaan Rabbiin namoota du’an kaasu dhibbaan dhibbatti dhugaadha. Shakkii wayitu hin qabu.

Namoonni kaafamanii wanta addunyaa irratti hojjataa turaniif kan qoratamanii fi mindaa itti argatan ykn itti adabaman erga ta’ee, namni akkamitti Guyyaa Murtii kanaaf hojjachuu dhiisaa? “jireenyi addunyaa akka isin hin gowwomsine.” Sa’iid bin Jubeeyr ni jedha, “jireenyi addunyaa nama gowwoomsu jechuun namni “osoo jireenya kiyyaaf hojii gaarii dabarfadhe maal qabaa!” hanga jedhu gahutti hojii Aakhirah [dhiisun] qananii fi mi’aa ishiitiin ko’oomudha.[6]

Gowwoomsu jechuun baaxila (soba) dharraasisuu, wanta miidhaa fi badii qabu keessa faaydan akka jiru itti fakkeessudha[7].

Gowwomsan (sheyxaanni) waa’ee Rabbii akka isin hin gowwomsine.” Shexyxaanni waa’ee Rabbii guddaa ilaalchisee karaa adda addaatin nama gowwoomsa. Sheyxaanni karaa yaadatiin namatti dhufuun dhimma amanti tokkoon tokkoon nama shakkisisuun nama gowwoomsa. Namni shakkisisuu kanaaf deebii deebisee fi hordofe, sheyxaanni hanga namni kuni Rabbiitti kafaruu gahutti isa oofa.  Kuni gowwoomsa suuta suutaa namni kanaaf deebii deebisee fi hordofe warra ibidda boba’aa seenan keessaa itti ta’uudha.

Ammas, sheyxaanni miira namaa kakaasun badii gurguddaa hanga hojjatan gahanatti nama gowwoomsa. Badii irra deddeebi’anii hojjachuun sammuu namaa keessatti dhimma miidhagfamuu fi fuudhatama kan qabu ta’a. Namni hojii badaa kanniin yoo akka miidhagaatti ilaale, murtiwwan shari’aa Rabbiin kaa’e shakkuu jalqaba. Ergasii shakkiin kuni itti fufuun hanga Rabbitti kafaruu gaha. Haala kanaan sheyxaanni nama gowwoomsun warra ibiddaa keessaa nama taasisa.

Ammas sheyxaanni araaramaa fi rahmata Rabbiitiin nama gowwoomsa. Namni badii hojjachuuf yommuu yaadu, “Rahmanni Rabbii bal’aadha. Inni badii hundaa ni araarama” jechuun badii hojjachuutti seena. Kuni hasaasa sheyxaanni ittiin nama gowwoomsudha[8]. Kanaafu, sheyxaanni amanti Islaamaa keessatti nama shakkisiisuun, baditti nama kakaasun nama gowwoomsa.

Sheyxaanni kana hunda kan hojjatuuf ilmaan namaa adabbii ibidda Jahannamitti isaan geessufi. “Dhugumatti sheyxaanni isiniif diina. Isinis diina isa godhadhaa.” Hundemaa diinni nama miidhuu fi adabbii cimaatti geessuf karaa kamittu kan fayyadamudha. Sheyxaanni diina ilma namaa waan ta’eef adabbii cimaatti isaan geessuf karaa hundatti fayyadama.

“Garee isaas warra ibidda boba’aa keessaa akka ta’aniif qofa isaan waama.” Kuni kaayyoo dhumaa sheyxaanaati. Namoota isa hordofan ibidda boba’aa keessatti akka gubataniif kufrii fi badiitti isaan waama. Rabbiin subhaanahu sheyxaanaaf ajajamuu fi ajajamuu dhiisu irratti hundaa’e namoota gosa lamaa dubbate. Jazaa isaaniis ni dubbate.  “Isaan kafaran,” kana jechuun warroonni wanta Ergamtoonni fidanii fi kitaabban himan itti amanuu didan, ibidda Jahannam keessatti “adabbii cimaatu isaaniif jira.” Isaan achi keessatti yeroo hundaa kan turaniidha. “Isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan” kana jechuun warroonni qalbii isaanitiin Rabbitti, Malaaykota, Ergamtoota, Kitaabban Isaatti, Guyyaa Qiyaamatti fi qadaratti amananii fi qaama isaanitiin hojii isaan irraa barbaadamu hojjatan, “araaramaa fi mindaa guddaatu isaaniif jira.” Yoo Rabbiin isaaniif araarame sharriin jibbamaan (adabbiin) isaan irraa deema[9]. San booda mindaan guddaan hamma isaa Rabbiin malee eenyullee hin beeknetu isaaniif kennama.

Kanaafu, namni sheyxaana fi addunyaan gowwoomun kasaaraa fi adabbii guddaatti kufu hin qabu. Yommuu akkana jennu qabeenya argachuuf hin hojjatin, Aakhirah qofa irratti xiyyeefadhu jechuu keenya miti. Kana irra, “karaa Rabbiin hayyameen qabeenya argachuuf carraaqi. Ergasii Aakhiratti mindaa guddaa kajeelun qabeenya kana karaa haqaa keessatti baasi. Ammas, addunyaa tanaan ko’oomun Aakhirah hin dagatin.” jechuu keenya. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha,

Waan Rabbiin siif kenne keessatti ganda Aakhirah ittiin barbaadadhu. Addunyaa irraayis qooda kee hin dagatin. Akkuma Rabbiin tola sitti oole, atis tola ooli. Dachii keessattis badii [facaasuu] hin fedhin. Dhugumatti Rabbiin balleessitoota hin jaallatu.” Suuratu Al-Qasas 28:77

Qabeenya Rabbiin siif kenne sadaqachuun ganda Aakhirah (Jannata) kajeeli. Qabeenya kana fedhii kee guuttachuu qofarratti hin fixin. “Addunyaa irraayis qooda kee hin dagatin.” Kana jechuun qabeenya kee guutuu sadaqachuun harka qullaa akka haftu si hin ajajnu. Garuu, Aakhirah keetiif sadaqadhu, haala amanti kee hin dugulchinee fi Aakhirah kee hin miinen addunyaatti fayyadami. Akkuma Rabbiin qabeenya siif kennuun tola sitti oole, atis gabroota Rabbiitiif tola ooli. Of tuuluun, wanta Rabbiin dhoowwe hojjachuun “Dachii keessattis badii [facaasuu] hin fedhin.” “Dhugumatti Rabbiin balleessitoota hin jaallatu.” Adabbii cimaa fi guddaa isaan adaba[10]. Wa Aakhiru daaw’aanaa anilhamdulillah Rabbil aalamiin.


Kitaabban wabii
[1] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur– Abdurahmaan Hasan Habankaa  14/615
[2] Zaadul Masiir 1456, Ibn Al-Jawzi
[3] Madda olii 246
[4] Tafsiir ibn Kasiir 6/84
[5] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur 15/130
[6] Tafsiir Qurxubii 17/346
[7] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur 7/50
[8] Madda olii
[9] Tafsiiru Sa’diyy– fuula 804
[10] Madda olii-fuula 731-732