Gaafin guddaan sammuu namaa keessa naanna’an keessaa tokko, “Ani maaliif uumame?” kan jedhuudha. Namni gaafi kanaaf deebii gahaa deebise, jireenya keessatti tasgabbi fi boqonnaan jiraata. Kaayyoo itti uumameef waan beekuf wanta isarraa barbaadamu ni hojjata. Namni kaayyoo itti uumamee fi wanta isarraa barbaadamu hin beekne immoo jireenya keessatti ni dhama’a. Eessarraa ka’ee garam deemaa akka jiru hin hubatu. Kanaafu, namni dukkana’a jireenyaa keessaa bahuuf kaayyoo itti uumameef qorachuu fi wanta isarraa barbaadamu hojjachuuf tattaafachu qaba. Ta’uu baannan, yeroo hundaa jireenya gammachuu hin qabnee fi nuffiin guuttamte jiraata. 

Torbii darban keessa jireenyi maaliif akka uumamte ifa Qur’aanaatiin ilaalaa turreera. Jireenyi tuni iddoo qormaata akka taate hubanne jirra. Jireenyi tuni iddoo qormaata erga taate namoonni immoo warroota ishii keessatti qoramaniidha. Yaadachisaaf mee aayah waa’ee qormaata dubbattu haa dhiyeessinu:

“[Rabbii] Mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru tolli Isaa baay’ate. Inni waan hundaa irratti Danda’aadha[Rabbiin] eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin qoruuf Kan du’aa fi jireenya uumedha. Inni Injifataa, Araaramaadha.” Suuratu Al-Mulk 67:1-2

“[Rabbiin] eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin qoruuf Kan du’aa fi jireenya uumedha.” Kana jechuun Rabbiin isin qoruu fi qormaata kanaan eenyutu hojii irra gaarii akka hojjatu ifa baasuf ergasii hojii isaa irratti hundaa’e nama hundaafu mindaa kennuuf ykn adabuuf du’aa fi jireenya uume[1]. Ibn al-Jawzin (Rabbiin rahmata Isaaf haa godhu) akkana jechuun keeyyata (aayah) tana ibsa: Jireenya tana keessatti isin qoruuf jireenya uume, du’a immoo isin kaasu fi jazaa isiniif kafaluuf uume[2].

Namoonni jireenya tana keessatti qoramuuf ulaagaaleen qormaataa isaaniif guuttame jira. Ulaagaaleen kunniinis, fedhii bilisaa fi dandeettidha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa addunyaa tana keessatti ilmaan namaa qoruuf fedhii waa ittiin filatan, sammuu ittiin yaadan, ija ittiin argan, gurra ittiin dhagahanii fi dandeetti waan fedhan ittiin hojjatan isaaniif kennee jira. Namni fedhii ofiitiin Rabbitti amanuu danda’a, dhiisus danda’a. Amanti irratti hin dirqisifamu. (Laa ikraah fi-ddiini-Amanti keessatti dirqisisuun hin jiru) (Ilaali suuratu Al-Baqarah 2:256). Namni fedhe kafaruu, namni fedhee immoo amanuu danda’a. Garuu dhuma irratti namni hundu jazaa waan hojjate ni argata. Yoo kafare, adabbii kufrii Guyyaa Murtii ni baadhata. Kana jechuun namni kafare (Rabbitti amanuu didee fi Isa qofa gabbaruu didee) ibidda Jahannam seena. Yoo amane immoo mindaa guddaa argata. Innis Jannata seenudha.

Asirraa ka’uun, gaafi maaliif amantiin namootaa gargar ta’e jedhuufis deebii ni arganna. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

﴾ وَلَوۡ شَآءَ ٱللَّهُ لَجَعَلَكُمۡ أُمَّةٗ وَٰحِدَةٗ وَلَٰكِن لِّيَبۡلُوَكُمۡ فِي مَآ ءَاتَىٰكُمۡۖ فَٱسۡتَبِقُواْ ٱلۡخَيۡرَٰتِۚ إِلَى ٱللَّهِ مَرۡجِعُكُمۡ جَمِيعٗا فَيُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمۡ فِيهِ تَخۡتَلِفُونَ ﴿

Rabbiin osoo fedhee silaa ummata tokko isin godhaa ture. Garuu wanta isiniif kenne keessatti isin qoruuf, [gargar isin godhe]. Hojii gaarii keessatti wal-dorgomaa. Hunda taatanii deebiin keessan gara Rabbiiti. Waan isin keessatti wal dhabaa turtaniis isinitti hima.” Suuratu Al-Maa’ida 5:48

Kana jechuun Rabbiin osoo fedhe haqa irratti walitti isin qaba, hunda keessanu amantii tokko qofa akka qabaattan isin godhaa ture. Garuu kitaabban isiniif buusun amanti ibse, haqaa fi soba addaan baase. Kana booda kitaabban buuse kanaan namoota qora. Kana jechuun nama kitaaba kanatti buluun Isaaf ajajamuu fi nama kitaaba kanatti buluu diduun Isa faallessu adda baasa. Ergasii hunda isaanitiif wanta hojjataa turaniif jazaa isaaniif kafala.

“Hojii gaarii keessatti wal-dorgomaa.” Kana jechuun gara hojii gaarii hojjachuutti fiigaa. Kuni kan agarsiisuu hojii namarratti dirqama ta’an (waajiba) yeroo jalqabaa isaatti hojjachuun irra gaarii akka ta’eedha. Fakkeenyaaf salaata yeroon akkuma gaheen salaatun irra gaarii fi jaallatamaadha. Namni hojii gaarii keessatti namoota dursuuf waa lama yoo hojjateedha. 1ffaa- hojii san yeroo isaa keessatti hojjachu. Yeroon suni akkuma gaheen gara hojii sanii fiigu fi carraa argame hundatti fayyadamuun hojii jaallatamoo ta’an hojjachuudha. 2ffaa-hojii san haala namarraa barbaadamuun guutanii hojjachu[3]. Fakkeenyaf, namni salaata yeroo isaa eege salaatu fi sharxiiwwanii fi arkaanaa isaa guute salaatu namoota ni dursa.

“Hunda taatanii deebiin keessan gara Rabbiiti. Waan isin keessatti wal dhabaa turtaniis isinitti hima.” Kana jechuun Aakhiratti hundi keessanu gara Rabbii deebitu. Addunyaa tana keessatti wanta keessatti wal dhabaa turtan Guyyaa Qiyaamaa isinitti beeksisa. San booda shakkiin ni deema. Hayyuun beekkaman Ibn Jariir ni jedha, “Rabbiin addunyaa keessatti wanta namoonni keessatti wal dhaban ragaaleen ibsee jira. Boru (Guyyaa Qiyaamaa) immoo jazaa kafaluun ifa godha.[4]” (Rabbiin subhaanahu amantii dhugaa kitaaba buusun ifa godhe jira. Namoonni fedhii qullaa hordofuu fi kitaaba Inni buuse irraa jallachuun amanti keessatti wal dhaban. Rabbiin guyyaa Qiyaama nama kitaaba Isaatii fi amanti dhugaa hordofe, mindaa Guddaa kennaaf. Nama kitaaba Isaati fi amanti dhugaa irraa garagalee immoo adabbii cimaa adaba. Haala kanaan, shakkiin ni deema, dhugaa fi sobni adda baha.)

Kanaafu, namoonni amantiin gargar kan ta’aniif kitaaba Rabbiin buuse keessatti waan wal dhabanii fi qajeelcha Isaa irraa waan jallataniifi. Gariin isaanii kitaabatti amanuun ni hordofan, gariin isaanii immoo kitaabatti kafaruun daandii haqaa irraa bahan. (Ilaali suuratu Al-Baqarah 2:213 fi 253)

Namoonni yaadan, amantiin, qabeenyaan, dandeettiin, beekumsaa fi kan kana fakkaataniin gargar ta’uun qormaata. Akkuma yeroo darbe jenne namoonni addunyaa tana keessatti karaa adda addaatin ni qoramu. Namoota qoraman irraa wantoonni barbaadaman: obsa, shukrii, Rabbiif ajajamu, wanta Inni dhoowwe irraa fagaachu fi kkf. Garuu wantoonni kunniin jecha wali galaa tokko jalatti walitti qabamu danda’u. Jechi suni maal akka ta’e beektuu? Jechi suni jecha, “Ibaada” jettuudha. Ibaadan yaad-rimee bal’aa kan qabuudha. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti bakka adda addaatti namoota akka qoruu fi wanta isaan irraa barbaadamu ni dubbata. Ergasii jecha tokkoon wanta isaan irraa barbaadamu suuratu az-Zaariyaat keessatti walitti qaba. Ni jedha:

51:56

Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.” Suurat Az-Zaariyaat 51:56

Aayah tanaaf mufassiroonni (hayyoonni Qur’aana ibsan) ibsa adda addaa kennanii jiru. Isaan keessaa mee muraasa haa eerru. Aliyy bin Abi Xaalib (radiyallahu anhu) ni jedha, “Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.” Jechuun Jinnii fi ilma namaa hin uumne ibaadatti ajajuuf malee. Jechi Rabbii olta’aan kana ni agarsiisa, “Gooftaa Tokkicha gabbaruutti malee hin ajajamne” (suuratu At-Tawbaa 9:32, akkasumas suuratu al-bayyinnah 98:5 ilaali). Abdullah bin Abbaas (Radiyallahu anhu) ni jedha, “Jaallatanis jibbanis ibaada akka mirkaneessaniif malee hin uumne.” Ammas akkana jedhamee jira, “Akka Anaaf gadi jedhaniif malee hin uumne.” [5]

Dubbin akkana erga ta’e mee hiika ibaada haa ilaallu. Al-Azhariyyi ni jedha: akka lugaatti ibaada jechuun of gadi qabuun ajajamuudha. Karaan yeroo baay’ee irra deddeemun yoo qaacca’e “Xariiqu mu’abbadu” jedhama.
Ammas hayyuun lugaa Arabiffaa Al-Jawhariyy ni jedha, “Hundeen ibaadaa al-Khuduu’u (gadi of qabuu) fi az-zillatu (xiqqeenya)dha.”

Akka shari’aatti ibaadan hundee gadi of qabuu fi of gadi xiqqeessu irraa kan fudhatamee fi yaada bal’aa kan of keessatti qabuudha. Hayyoonni Ibaadaf hiika garagaraa kennanii jiru. Garaagarummaan hiikaa kuni gara wanta lamaatti deebi’a:

1ffaa jechi ibaada jedhu akka masdaraatti yoo itti fayyadaman “at-ta’abbud (gabbaruu)” ta’a. At-ta’abbud (gabbaruun) hojii gabrichaati. (Masdara jechuun jecha xumura irraa ijaarramun yeroo itti hojjatamu hin agarsiisnedha. Fkn, deeme, adeemsa. “Deeme” xumura ta’a. “Adeemsi” immoo masdara ta’a. Xumurri“deeme” jedhu gochi yeroo darbe akka raawwatame agarsiisa. Garuu jechi “adeemsa” jedhu gochi yeroo kamiin akka raawwatame hin agarsiisu.)

2ffaa jechi ibaadah jedhu akka maqaatti yoo itti fayyadaman, “al-Muta’abbad bihi (wanta ittiin gabbaran)” ta’a. 

Kanaafu, ibaada jecha “at-ta’abbud (gabbaruu)” jedhutti yoo fayyadamne, hiikni isaa, “Akkaata shari’aan Rabbii itti dhufeen hojiiwwan Inni itti ajajee hojjachuu fi hojiwwan Inni dhoowwe dhiisun Jaalalaa fi ol guddisuun Rabbiif of gadi xiqqeessudha.” Jechi Sheykhul Islaam Ibn Taymiyah, “Ibaadan jaalala guutuu fi gadi of xiqqeessu guutuu of keessatti qabata.” Jedhu, hiika ta’abbud jedhu jalatti ramadama. Haaluma wal fakkaatun jecha Imaamu Ibn Al-Qayyimis as jalatti ramaduun ni danda’ama. Imaamu ibn Al-Qayyim ni jedha, “At-Ta’abbud (gabbaruu) jechuun jaalala daangaa ol’aanaa irra gahee fi of gadi xiqqeessu daangaa ol’aana irra gaheedha. (Ibaadan bu’uura lama irra kan naanna’uudha. Isaan lamaan kunniin hundee ibaadati: Jaalala guutuu fi of gadi xiqqeessu guutuu)”. Ammas ibn Kasiir ni jedha, “Ibaadan jecha jaalala, of gadi qabuu fi sodaa guutuu of keessaa qabuudha.)

Gabaabumatti ibaadan hiika “at-ta’abbud (gabbaruutiin)” yoo ta’e, hiikni isaa “ajajamuu (xaa’a) gadi of qabuu fi jaalala daangaa ol’aanaa irra gahe of keessaa qabuudha”. Maal keessatti ajajamuun (xaa’an) kuni ta’aa? Kuni gara hiika lamaffaa akka deemnu nu taasisa[6].

Ibaadan akka maqaatti itti fayyadamuun “al-Muta’abbad bihi (wanta ittiin gabbaran)” yoo ta’e, hiikni isaa, “maqaa waligalaa dubbii irraa, hojii keessaa fi alaa irraa wanta Rabbiin jaallatu fi itti gammaduudha. Salaanni, zakaan, soomni, hajjiin, dubbiin dhugaan, amaanaa eegun, haadha abbaa toola oolun, firummaa eegun, waadaa guutun, wanta gaaritti ajajuun, wanta badaa irraa dhowwuun, kaafirota fi munaafiqootatti qabsaa’uun, ollaatti, yatimootatti, harka qalleeyyitti, karaa deemaa fi tajaajilaatti tola oolu fi beeladoota kunuunsun, du’aayi (Rabbiin kadhachuun), zikriin, Qur’aana qara’uun fi kkf ibaadaa (gabbarrii) irraayyi. Haaluma kanaan, Rabbii fi Ergamaa isaa jaallachuun, Rabbiin sodaachun, amantii isaaf qulqulleessun (iklaasa qabaachun), murtii Isaatif obsuun (balaa nama qunnameef obsuun), qananii Isaatiif galata galchuun (shukriin), murtii Isaatti gammaduun, Isarratti hirkachuun, rahmataa Isaa kajeelun, adabbii isaa sodaachunii fi kan kana fakkaatan ibaada (gabbarri) Rabbii irraayyi.[7]

Hiika jalqabaati fi kan lammataa akkamitti gargar baasu dandeenya jechuun namni gaafachu danda’a. Hiika jalqabaa irratti ibaadaa jechuun jaalalaa fi of gadi qabuu guutuudha. Namni wanta tokko garmalee yoo jaallatee fi of gadi qabeef wanta san gabbaraa jiraa jechuudha. Akka hiika lamaffaatti immoo ibaada jechuun wantoota Rabbiin itti ajajeedha. Fkn, kan akka salaata, zakaa, sooma, hajjii fi kkf. Namni wantoota kanaan Rabbiin gabbara. Kanaafu, hiikni ibaada lamaan kunniin wal keessa kan seenaniidha. Namni Rabbiin gabbaru jaalala fi of gadi qabuu guutuun wanta Inni itti ajaje nama hojjatuudha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota karaa adda addaatin qora. Wantoonni namoota qoraman irraa barbaadaman: Obsa, shukrii, wantoota Rabbiin itti ajaje hojjachu, wanta Inni dhoowwe dhiisu, iklaasa, Isaaf of gadi qabuudha…”  Hiika ibaada armaan olii yoo ilaalle, ibaadan wantoota armaan olii kanniin of keessa qaba. Kana jechuun obsi, shukriin, wantoota Rabbiin itti ajaje hojjachuun, wanta Inni dhoowwe dhiisun, iklaasni, Isaaf of gadi qabuu fi kkf “ibaada” jalatti walitti qabamu. Kanaafu, namoonni jireenya addunyaa tana keessatti yommuu qoraman wanti isaan irraa barbaadamu “Ibaadadha” jechuudha.

Kanarraa ka’uun namoonni maaliif uumaman jenne yoo of gaafanne, deebiin isaa kana ta’a: namoonni kan uumamaniif qoramuun ibaadah isaan irraa barbaadamu akka mirkaneessaniifi ykn galmaan gahaniifi. Ergasii jazaa hojii isaanii ni argatu.

Namoonni jaallataniis jibbanis ibaadah ni mirkaneessu. Namni Rabbiin gabbaru didee fi ibaadaa irraa of tuulu, yeroo rakkoo ibaada ni mirkaneessa. Kana jechuun yeroo rakkoon garmalee itti cimu gara Rabbii deebi’un Isa ni kadhata, of gadi qabaaf. Warroonni amanan immoo filannoo isaaniitiin yeroo rakkoo fi tolaa Rabbiin ni gabbaru, ibaada isaan irraa barbaadamu ni hojjatu. Kanaafu, namoonni jaallatanis jibbanis ibaada ni mirkaneessu. Garuu ibaada kana irraa eenyutu fayyadamaa?

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ilmaan namaa irraa ibaada kan barbaaduf mindaa gaarii isaaniif kennuufi. Ibaada isaanii irraa gonkumaa hin fayyadamu. Sababni isaas, Inni Dureessa, Of Danda’aa fi Of Gahaadha. Namoonni Isa gabbaranii dhiisanii wanti Isarraa hir’atu ykn dabaluuf hin jiru. Kanaafu, ibaada irraa kan fayyadamu namuma ibaada hojjatuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Namni qabsaa’e kan inni qabsaa’u lubbuma isaatiifi. Rabbiin dhugumatti aalama hundarraa Dureessa. Isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, badii isaanii isaan irraa haaqna. Dhugumatti gaarii waan isaan dalagaa turanii isaan mindeessina.” Suuratu Al-Ankabuut 29:6-7

Namni nafsee isaatti, sheyxaanaa fi diinotatti qabsaa’un wanta itti ajajame hojjate, kan inni qabsaa’u fi hojjatu lubbuma isaatiifi. Kana jechuun bu’aa fi mindaan qabsoo fi hojii isaa gara isaatti kan deebi’uudha. Rabbiin hojii isaanitti hin fayyadamu, Inni wantoota uumaman hundarraa Dureessa waan ta’eef. Hojii badaa irraa isaan dhoowwun hojii gaaritti kan ajajeef mindaa gaarii isaaniif kennuufi. Kanaafi, itti aanse ni jedha, Isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, badii isaanii isaan irraa haaqna. Dhugumatti gaarii waan isaan dalagaa turanii isaan mindeessina.”

Rabbiin warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan badii isaan irraa haaqa. Kana jechuun badiin suni hanga akka hin hojjatamne ta’utti isaan irraa haaxawa. Akkasumas, hojii gaarii isaan hojjataniin isaan mindeessa. Kana jechuun Isaaf ajajamuun hojii gaarii hojjataniif mindaa guddaa kennaaf[8].

Garuu ibaadan kuni nama fayyaduuf ulaagaalee sadii guutuu qaba. 1ffaa-Iimaana qabaachu. Kana jechuun Rabbitti amanuu, Malaykota Isaatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Aakhiraatti fi qadaratti amanuudha. 2ffaa-Rabbiif jedhanii hojjachuu (iklaasa). 3ffaa-Akkaata shari’aan ajajeen hojjachuu- kana jechuun Nabiyyii (SAW) hordofu.

In sha Allah kana booda waa’ee fi gosoota ibaada ni ilaalla. Jireenya keessatti wanti guddaan namarraa barbaadamu ibaada erga ta’e, namni wanta isarraa barbaadamu kana guutuun adabbii cimaa jalaa bahuu fi mindaa guddaa argachuuf waa’ee fi gosoota ibaadaa bal’innaan beeku qabaa jechuudha. Akkasumas, wanta ibaada isaa jalaa balleessu beeku qaba.


Kitaabban wabii
[1] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur– Abdurahmaan Hasan Habankaa  14/615
[2] Zaadul Masiir 1456, Ibn Al-Jawzi
[3] Tafsiiru Sa’diyy-fuula 258
[4] Zaadul Masiir 389, Ibn Al-Jawzi
[5] Tafsiiru Qurxubii 19/507, Zaadul Masiir 1352
[6] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 149-152, Abu Bakr Muhammad Zakariya
[7] al-ubudiyata fuula 6, Ibn Taymiyah
[8] Tafsiiru Sa’diyy-fuula 735, Zaadul Masiir 1077

Kana Raabsi