Jireenya namaa keessatti wanti garmalee barbaachisaan Gooftaa nama uumee fi kunuunsu beekuu fi ajaja Isaatiif buluudha. Akkuma kutaa darbe keessatti jenne hiika Rabb (Gooftaa) keessaa tokko kan waa fooyyessu, guddisu, kunuunsu, qananiisudha. Allaahn Rabb (Gooftaa) waa hundaati. Kana jechuun Kan isaan uume, guddisu, kunuunsu, qananiisu fi jireenyaa fi turtiif wantoota isaan barbaachisu kan dhiyeessuuf Isa. Sakandii takkaaf qananii fi eeggumsi Isaa osoo isaan irraa citee jiraachu hin danda’an. Fakkeenyaf, qilleensi fi bishaan qananii Rabbiin uumamtoota qananiise. Qilleensi fi bishaan dhabamnaan umamtoonni sakandii takkaaf jiraachu hin danda’an. Kanaafu, Rabbii akkanatti nama qananiisu fi eeguu beekanii Isa qofa gabbaruun karaa tokkicha gammachuu fi milkaa’innatti nama baasudha. Kutaa darbe irraa itti fufuun gosoota tawhiida hafan lamaan haa ilaallu.

2ffaa- Tawhiidu al-asmaa’a wa sifaat (Tawhiida Maqaalee fi Amalootaa)

Kana jechuun gara hundaan amaloota gaggaarii fi gurguddaan kan guuttame Rabbii Tokkicha qofa akka ta’e amanuudha[1]. Jecha biraatiin Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) kitaaba Isaa keessatti yookiin arraba Ergamaa Isaa irratti wanta Ofiin itti of waame fi wanta ofiin itti of ibseen tokkichoomsudha. Kunis kan ta’u, osoo hin micciriin, hin dhabamsiisiin, akkana akkana osoo hin jedhin, osoo wayittu hin fakkeessin wanta Rabbiin mirkaneesse mirkaneessu (isbaat) fi wanta Inni dhabamsiise dhabamsiisudha (nafiyyi gochuudha)[2].

Amaloonni gara hundaan guutuu ta’an Rabbii qofaaf ta’u. Rabbiin ala eenyullee amalootaa guutuu kanniin qabaachu hin danda’u. Wanta hundaa beekuun amala Rabbii keessaa tokko. Rabbiin malee eenyullee wanta hundaa samii fi dachii keessa jiran beekuu hin danda’u.  Amaloonni hir’uu ta’an Rabbiif hin malan. Fakkeenyaf, rafuun, muguun, nyaachun, dhuguu fi kkf Rabbiif hin malan. Sababni isaas, amaloonni kunniin dadhabbinnaa fi hir’inna agarsiisu. Namni waan dadhabuuf ni rafa, ni muga, ni nyaata, ni dhuga. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dadhabbii irraa qulqulluudha.

Rabbii keenya kan beeknuun sifaata (amaloota) gugguutuu Qur’aanaa fi sunnah Ergamaa Isaa (SAW) keessatti dhufaniini. Maqaalee fi sifaata Rabbiin Qur’aana fi sunnah Ergamaa Isaa (SAW) keessatti ittiin of ibse (wassafe) osoo ta’axiila, tahriifa, takyiifa fi tamsiila hin godhiin haala Isaaf maluutiin ni mirkaneessina. Jechoonni armaan olii kunnin hiika cimaa qabuu hordofaa. Sababa kanaan seenaa keessatti namoonni baay’een karaa sirrii irraa jallatan.
Ta’axiila– jechuun sifaata (amaloota) Rabbii fudhachuu diduu fi dhabamsiisuudha. Yookiin garii isaanii mirkaneessanii garii isaanii mirkaneessu dhiisudha.
Tahriifa– jechuun hima hiika isaa ykn jecha isaa jijjiruun hiika ifaa (zaahiraa) irraa fageessuu fi jallisuudha. Gara afaan keenyatti yommuu deebisnu “Hiika ykn jecha Micciruu” jechuudha. Fakkeenyaf, jecha Rabbii:

20:5

Jedhu keessatti hiika istawaa jedhu gara istawlaatti jijjiru. Kuni hiika isaa jijjiruu ykn micciruu waan ta’eef tahriif jedhama. Kuni sifaata Rabbii keessatti kan hin danda’amnee fi dogongora guddaadha. Namni gonkumaa wanta akkanaa hojjatu hin qabu. 

Takyiifa– jechuun haala sifaanni (amaloonni) irra jiran ibsu (“Akkana jira, akkana jira” jedhanii dubbachuudha).
Tamsiila jechuun wayitti fakkeessu jechuudha. Jecha biraatin, amaloonni Rabbii amaloota uumamtootatiin wal fakkaatan jedhanii amanuudha.

Tawhiidni asmaa’a wa sifaataa wantoota armaan olii afran irraa qulqulluu kan ta’eedha. Namni sifaata (amaloota) Rabbii ta’axiil godhee (dhabamsiisee), maqaa fi amaloota keessatti Rabbiin hin tokkichoomsine. Ammas, namni Rabbii Tokkicha uumamtootaan wal fakkeesse, maqaa fi amaloota keessatti Rabbiin hin tokkichoomsine. Kanaafi, namoonni baay’een tawhiida kana yoo dhiisan karaa sirrii irraa jallatu. Kiristaanonni sababni guddaan itti jallataniif Uumaa umamtootaan wal fakkeessu ykn umamtoota Uumaan wal fakkeessudha. Akkasumas, mushrikoonni fi namoonni karaa sirrii irraa kan jallataniif sababa isaan Uumaa uumamtootan wal fakkeessaniif.

Ragaaleen tawhiida kanaa akka armaan gadiitti dhiyaatu. Rabbiin Subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni Dhagahaa, Argaadha.”  Suuratu Ash-Shuura 42:11

“Kana jechuun uumamtoota Isaa irraa wanti Rabbii olta’aa fakkaatu tokkollee hin jiru. Zaata Isaatiin, maqaalee Isaatiin, amaloota Isaatiinii fi hojii Isaatiin wanti Isaan wal fakkaatu tokkollee hin jiru. Sababni isaas, maqaaleen Isaa hundii gaggaariidha, amaloonni Isaa hundi amaloota guutuu fi guddaa ta’aniidha; Rabbiin olta’aan hojiwwan Isaatiin umamtoota gurguddaa shariika (gargaaraa) tokko malee argamsiise. Rabbiin olta’an gama hundaan guutuu ta’uudhaan addaa fi tokkicha waan ta’eef wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. “Inni Dhagahaadha”,lugaan (afaan) hanga fedhe garagara haa ta’uu, haajaan hanga fedhe haa baay’atu Rabbiin sagalee hundaa ni dhagaha. “Argaadha” halkan garmalee dukkanaa’aa ta’e keessatti mixii gurraatti lafa irra deemtu ni arga.”[3] Akkuma wantoota samii ol jiran hundaa argu, wantoota dachii irra jiranii fi dachii jala jiran hunda ni arga. Arguu irraa wanti Isa dhoowwu ykn haguugu tokkollee hin jiru. Wanti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru.

Ammas ni jedha:

20:8

“Rabbii! Dhugaan gabbaramaan Isa malee hin jiru. Maqaaleen gaggaariin kan Isaati.” Suuratu Xaahaa 20:8

17:110

Jedhi, ‘Allaah kadhaa yookiin Rahmaanin kadhaa, kamiinu yoo kadhattan Isaaf maqaalee babbareedoo ta’antu jira.’ Salaata keessatti sagalee kee [garmalee] ol hin fuudhin, [garmalees] gadi hin qabin. Garuu gidduu [lamaan] sanitti karaa [jiddu-galeessaa] hordofi.” Suuratu Al-Israa 17:110

 ‘Allaah kadhaa yookiin Rahmaanin kadhaa’ Kana jechuun yoo feetan yaa Allaah, yoo feetan yaa Rahmaan jedhaa. Lamaan isaanitu gara tokkotti deebi’u. [kana jechuun lamaan isaanitu maqaa Rabbiiti.] , “[maqaa] kamiinu yoo kadhattan Isaaf maqaalee babbareedoo ta’antu jira.” Kana jechuun maqaalee Rabbii keessaa kamiininu yoo Isa kadhattan (du’aayi gootan), Inni maqaalee gaggaarii fi babbareedo ta’an qaba[4]. Yaa Rahmaan, Yaa Rahiim, Yaa Ghaffaar, Yaa Razzaaq, Yaa Waduud fi maqaalee birootiin yoo Isa kadhattan, maqaaleen Isaa hundi babbareedodha. Hanqinna homaatu of keessaa hin qaban.  

Wanti hubatamu qabu maqaaleen Rabbii hundi sifaata (amaloota) Isaa of keessaa qabu. Fakkeenyaf, Maqaalee Rabbii keessaa “Al-Aliim (Beekaa), Al-Ghafuur (Araaramaa), Al-Aziim (Guddaa), As-Samii’u (waan hundaa dhagahaa), Al-Basiiru (Waan hundaa Argaa)”. Maqaaleen kunniin hundi sifaata of keessaa qabu. Sifaanni kunniinis wal-duraa duuban, “beekumsa, araaramu, guddinna, dhagahuu, arguu” ta’u. Beekumsa guutuu qabaachun sifaataa (amaloota) Rabbii keessaa tokko. Namaaf araaramuun sifaata Rabbii keessaa tokko. Akkasumas, guddinni, waan hundaa dhagahuu fi arguun sifaata Isaati. Akkuma maqaaleen Rabbii gaggaarii fi babbareedoo ta’an sifaanni (amaloonni) Isaas guutuu fi gaggaariidha. Hanqinna wayiitu hin qaban. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

16:60

Isaan Aakhiratti hin amanneef amala gadheetu jiru. Rabbiif immoo sifaata ol ta’aatu jira. Inni Injifataa, Ogeessa.” Suuratu An-Nahl 16:60

Kana jechuun warroota Aakhiratti hin amanneef amaloota hanquu, hir’uu fi fafee ta’antu jira. Kanneen akka kufrii, wallaalummaa fi salphinna. Rabbiif immoo amaloota guutuu hanqinna wayitu hin qabnetu jira. Gara hundaan amalootaa guutuu kan qabu Isa qofa. Warroonni Aakhiratti hin amanne amaloota badaa fi gadhee waan qabaniif Rabbiin irratti kijiba dubbatu. “Rabbiin ilma ykn intala qaba” jedhanii dubbachuun kijiba guddaa fi amala badaadha[5]

3ffaa- Tawhiidu Al-Uluuhiyyah

Jechi “Uluuhiyyah” jedhu jecha, “Ilaah” jedhu irraa kan dhufeedha. Akka lugaatti “Ilaah” jechuun “gabbaramaa” jechuudha.
Sheykhul Islaam Ibn Taymiyyah ni jedha: “Ilaahni gabbaramaadha. Gabbaramaan akka gabbaramu haqa kan godhatuudha. Akka gabbaramu haqa kan godhateef sifaata jaallatamaa jaalala guutuun jaallatamuu fi gadi jechuu guutuu kan gadi jedhaniif Isa taasisuun waan ibsameefi.[6]” Kana jechuun gabbaramaan sifaata (amaloota) guutuu qabaachu qaba. Amaloonni guutuun kunniin jaalala guutuun akka jaallatamuu fi akka Isaaf gadi jedhan kan taasisaniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Ilaah (gabbaramaa Dhugaati). Kana jechuun qalbii guutuun garmalee kan jaallatamuu fi garmalee kan gadi jedhanii fi sodaatan Rabbiidha. Sababni isaas, amaloota gugguutuu waan qabuuf. Wantoonni Isaan ala jiran hundi amaloota gugguutuu gabbaramaa isaan taasisu hin qaban.

Ammas Sheykhul Islaam Ibn Taymiyyaan ni jedha: “Gabbaramaan jallatamaa qalbiin jaalalaan gabbartu, isaaf gadi jettu, isa sodaattu fi kajeeltu, yeroo rakkoo gara isaatti deebitu, wanta ishii barbaachisu keessatti isa kadhattu, faayda ishii keessatti isarratti hirkattu, gara isaatti kan dheessitu, zikrii (Isa yaadachuun) tasgabbii kan itti argattu, jaalala Isaatti kan tasgabbooftudha. Kuni Rabbiif qofa malee eenyufillee hin ta’u. Kanaafi, Laa ilaah illa Allaahn jecha hundarra dhugaa taatedha[7]

Ibn Al-Qayyiim ni jedha: “Ilaah (gabbaramaa) jechuun jaalalaan, garmalee kabajuun, gara Isaatti deebi’uun, ol-guddisuun, gadi of xiqqeessun, gadi of qabuun, sodaan, kajeellaani fi irratti hirkachuun kan qalbiin gabbartuudha.[8]” Kanaafu, ilaahni (gabbaramaan) kan garmalee jaallatamu, kabajamu, ol-guddifamu, kan isaaf of gadi xiqqeessanii fi of gadi qaban, sodaatan, waan hundaa irraa kajeelanii fi irratti hirkataniidha.

Ibn Rajab ni jedha: Ilaah (gabbaramaa) jechuun kabajaa guddaan, jaalalaan, sodaan, kajeellaan, Isarratti hirkachuun, isa gaafachuu fi Isa kadhachuun ajaja Isaatti kan bulanii fi ajaja Isaa kan hin faallessineedha.  Kuni hundi Rabbiif malee eenyufillee hin ta’u. Dhimmoota kanniin keessaa namni wanta tokkoon umamtoota hirmaachise, jecha isaa “Laa ilaah illa Allah” jettu qulqulleessu keessatti hir’inna ykn diiggaa fide.[9]” Kana jechuun namni Rabbiin waliin ykn Rabbiin dhiisee uumamtoota garmalee jaallatu, kajeelu, sodaatu, of gadi qabuuf, irratti hirkatuu fi kadhatu, Rabbitti waa qindeessee jira (shirkii hojjatee jira). Shirkiin immoo jecha Laa ilaah illa Allah (Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru)” jedhu faallessa.

Kanaafu, Tawhiid Al-Uluuhiyyah– jechuun “Ibaadaa keessatti Rabbiin tokkichoomsuu fi amantii Isaaf qulqulleessudha.” Hiikni tawhiida kanaa jecha “Laa Ilaah ila Allah (Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru)” kan jettuudha. Ibaada yommuu jennu hojii qalbii fi hojii qaama kan hammatuudha. Hojii qalbii irraa kanneen akka sodaachu, obsa, irratti hirkachuu (tawwakkula), kajeellaa, jaalala, ol-guddisuu (garmalee kabajuu), gadi of qabuu, gadi of xiqqeessu fi kkf. Hojii arrabaa fi qaamaa irraa kanneen akka zikrii, du’aayi, araarama kadhachuu (istighfaara), salaata (sagaduu), hajjii, sooma, jihaada, qalma fi kkf. Hojiiwwan kunniin hundi Rabbiif qofa ta’uu qabu.

Wanti guddaan Rabbiin ilma namaa itti ajaje tawhiida kana. Namoonni baay’een tawhiida ar-rubuubiyya itti amanu. Garuu tawhiida al-uluuhiyya kana itti amanu ni didan. Rabbii gaditti wanta biraa gabbaru. Kanarraa kan ka’e Tawhiida al-uluuhiyyah kanaafi kitaabban kan bu’an, Ergamtoonni kan ergaman, namoonni mu’minaa fi kaafiratti kan qoodaman. Rabbiin ni jedha, hiikni aayah: “Dhugumatti Nuti, “Rabbiin gabbaraa; taabota [gabbaruu] irraas fagaadhaa.” [Jechuun] ummata hunda keessatti Ergamaa erginee jirra. ” Suuratu An-Nahl 16:36

Kaayyoon guddaan kitaabban itti bu’anii fi Ergamtoonni itti ergamaniif jecha Laa Ilaah illa Allah labsuu fi mirkaneessuufi. Kana jechuun ilmaan namaa uumamtoota waa hin fayyannee dhiisanii Rabbii Tokkicha waan hundaa irratti danda’aa ta’e akka gabbaran itti qajeelchu fi waamudha. Rabbiin ni jedha:

98:5

Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessu, salaata sirreessanii salaatu fi zakaa kennuu malee homaa hin ajajamne. Kuni amanti qajeeladha.” Suuratu Al-Bayyinah 98:5

Jedhi, “Dhugumatti, salaanni kiyya, qalmi kiyya, jireenyi tiyyaa fi duuti tiyya Rabbii Gooftaa aalamaa hundaatifii. Shariikni Isaaf hin jiru. Isuma kanatti ajajame, ani jalqaba Muslimootaati.” suurat Al-An’aam 6:162-163

Waa’ee tawhiida kanaa ilaalchisee bal’innaan barruu tana ilaalun ni danda’ama. https://www.sammubani.com/2018/06/30/gooftaan-kee-eenyu-kutaa-3ffaa/

Wantoota Tawhiida Faalleessan

Gosoonni Tawhiida sadan kunniin hundi faallaa isa faallessu qaba.
Tawhiidu ar-rubuubiyyaan Rabbiin Khaaliqa, kan sooru, kan jiraachisu, kan ajjeesu, dhimmoota hundaa kan qindeessu fi too’atu ta’uu fi mootummaa Isaa keessatti shariika (hiriyyaa) akka hin qabne mirkaneessuu fi dhugaan amanuu ta’uu yoo beekte, faallaan kanaa- gabrichi Rabbiin waliin wanti biraa wantoota armaan olii kanniin ni hojjata jedhee amanuudha. Kana jechuun akkuma Rabbiin uumuu wanti kunis ni uuma, akkuma Rabbiin samii irraa bishaan buusun uumamtoota nyaachisuu fi obaasu wanti kunis kana ni hojjata, jedhee yaadu fi amanuudha. Gabaabumatti, namni tokko, wanta Rabbiin qofti hojjatu uumamtoota keessaa namni ykn malaaykan ykn Jinniin ykn wanti biraa ni hojjata jedhee yoo amane tawhiidu ar-rubuubiyyah faalleesse jira.

Tawhiidu al-asmaa’a wa sifaat– wanta Rabbiin ittiin of waamen Isa kadhachuu, wanta Inni ittiin of ibseenii fi wanta Rasuulli Isaa Muhammad (SAW) ittiin ibseen Isa ibsu fi waa itti fakkeessu dhiisu akka ta’e erga beekte, faallaan kanaa waa lama. Lamaan isaanitu ilhaad jedhamuun moggaafama.
1ffaa- Maqaalee fi sifaata Isaa Qur’aanaa fi hadiisota sahiih ta’an keessatti dhufan Isarraa dhabamsiisudha. Fakkeenyaaf, Rabbiin Arshii ol akka ta’ee Qur’aanaa fi sunnaa keessatti kan mirkanaa’edha. Namni Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii oli miti jedhu Tawhiidu al-asmaa’a wa sifaat faallesse jira.
2ffaa-Sifaata (amaloota) Rabbii olta’aa amaloota uumamtoota Isaatiin wal fakkeessu. Rabbiin akkana jedhee jira: “Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni Dhagahaa, Argaadha.”  Suuratu Ash-Shuura 42:11

Tawhiidu al-uluuhiyyan gosoota ibaada kaminiyyuu Rabbii olta’aa tokkichoomsu fi wanta Rabbiin ala jiran hundarraa ibaada dhabamsiisu akka ta’e erge beekte, faallaan kanaa, Rabbiin ala wanta biraatiif ibaada gochuudha[10]. Fakkeenyaf, Rabbiin dhiisanii wanta biraatiif sujuudun, kadhachuun faallaa tawhiidu al-uluuhiyyaati.


Kitaabban Wabii:
[1] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 66, Abu Bakr Muhammad Zakariya
[2] Sharih Usuulu salaasa- fuula 40, Ibn Useymiin
[3] Taysirul Kariimil Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan Naasir Sa’dii, fuula 888
[4] Zaadul Masiir-Ibn Al-Jawzii, Fuula 836
[5] Tafsiiru Qurxubii 12/344, Tafsiiru Sa’diyy-fuula 514
[6] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 53, Abu Bakr Muhammad Zakariya
[7] Madda olii
[8] Madda olii-fuula 54
[9] Madda olii-fuula 54
[10] Min ma’aalim Tawhiid, fuula 21-22, Sheyk Abdurazzaaq bin Abdul-Muhsin Badri