Nabiyummaa Muhammad (SAW) fudhachuf Qophii Namootaa
Ibn Taymiyaan ni jedha: “Warri kitaabaa (Yahuudota fi Kiristanoonni) amaloota Nabii Muhammad (SAW) isaan biratti kitaabban darban keessatti beekuun, isaan irraa oduu mutawaatira ta’eedha. (Mutawaatira jechuun oduu namoonni baay’een odeessan yommuu ta’uu namoonni kunniin bakka tokkotti walitti dhufuun oduu sobaa uumuu kan hin dandeenyedha.) Ibn Taymiyaan itti aanse ni jedhe, “Nabiyyoonni isa dura dhufan dhufaati isaa akka gammachiisan karaa adda addaatin ni beekkama:

1ffaa- Kitaabban yeroo ammaa warra kitaaba harka jiruu
2ffaa-Namoonni Islaama keessa seenanii fi hin seenne kanneen kitaabban kanniin argatanii dubbisan beeksiisu. Akka fakkeenyaatti ollaan Ansaaraa Yahuudota turan. (Ansaara jechuun jiraattota Madiinaa Nabiyyii fi warra Makkarraa isaanitti godaane gargaaraniidha.) Yahuudonni Ansaarota waa’ee ergamuu Nabii Muhammad (SAW) fi inni Ergamaa Rabbii ta’uu isaanitti himu turan. Isaan bira waa’een isaa ni jira. Yahuudonnis nabiyyii eegaa turan. Yommuu Nabiyyin (SAW) Ansaarota gara Islaamatti waamu kuni sababa guddaa Ansaarota akka isatti amananii fi waadaa galaniif taasiseedha. (Kana jechuun ollaan isaanii waa’ee nabiyyii waan isaanitti himaa turaniif yoosu nabiyyitti amananii hordofan.)”

Salamata ibn Salaamata ibn Waqsh (radiyallahu anhu) warra duula Badri irratti hirmaatan keessaa tokko ture. Akkana jedha: Yahuudota irraa Bani Abdul Ash’hal keessatti ollaa qabnaa turre. Nabiyyiin (SAW) ergamuun dura gaafa tokko ollaan yahuudaa kuni mana isaati nutti gadi bahe. Iddoo taa’umsa Abdul Ash’hal irraa ni dhaabbate. Salamat ni jedha: Ani yeroo sanitti nama hundarra umriin xiqqaa ture. Marxoo marxifadhee dallaa maatii kiyya keessa taa’aa ture. Inni (namni yaahudaa kuni) waa’ee erga du’anii kaafamuu, Guyyaa Qiyaamaa, Qorannoo, miizaana, Jannata fi ibidda ni dubbate. Isaanis ni jedhaniin: “Ee badii kee yaa eebalu! Namoonni du’a isaanii booda gara biyya Jannanii fi ibiddi keessa jirutti kaafamuun hojii isaaniitiin ni mindeefamu jettee yaaddaa?” Innis ni jedhe, “Eeyyen, Kan ittiin kakatamuun kakadhe kana nan amana.” Ummata warra Rabbiin waliin waan biraa gabbaraa turanitti kana hime. Namoonni kunnin erga du’anii booda kaafamutti hin amanan. (Asitti waa’ee gosa isaa Bani Abdul Ash’hal dubbata.)” Namni kuni, ibidda sanirraa qooda isaa Aakhiratti dhandhamuu irra osoo addunyaa tana keessatti boolloo ibiddaan guuttamtetti seenun isarratti cufamee ergasii sababa kanaan boruu [Guyyaa Qiyaamaa] nagaha bahee jaallata.

Namoonni nama yahuuda kanaan ni jedhan: Mallattoon kanaa maalidhaa? Innis ni jedhe, “Nabiyyiin kallatti biyya tanaa keessaa ni baha. Harka isaatiin gara Makkaa fi Yaman akeeke.
Isaaniis ni jedhan: Yoom isa arginaa? Innis gara kiyya ilaalun akkana jedhe, “Mucaan kuni umrii isaa yoo fixe isa ni dhaqqaba. (kan jechuun yoo jaarsa ta’e isa ni dhaqqaba).

Salamat ni jedha: Osoo namtichi yahuudaa kuni nu keessa jiruu halkanii fi guyyaan hin darbine hanga Rabbiin Ergamaa isaa erguutti malee. (kana jechuun osoo namtichi kuni lubbuun jiru fi anillee hin du’in nabiyyiin (SAW) ergaman). Nuti Nabiyyitti ni amanne, garuu inni hinaaffi fi daangaa darbuu irraa kan ka’e Nabiyyitti ni kafare. Akkanas isaan jenne, “Ee badii kee yaa ebalu! Sihii mitii waa’ee isaa ilaalchise wanta jettu kan nuun jette? Innis “eeti, garuu isaa miti.” Jedhe. (Sahiihu As-Siiratu An-Nabawiyyah, By Ibraahim Alii-fuula 31)

Abdullah ibn Amr (radiyallahu anhu) amala Ergamaa Rabbii Tawraat keessatti kaafame akkana jechuun dubbata: Rabbiin kakadhe! Amala garii Qur’aana keessatti ibsameen Nabiyyiin (SAW) Tawraat keessattis ibsamee jira: (Yaa Nabiyyicha! Dhugumatti, ragaa bahaa, gammachiisaa, akeekachiisaa fi warroota barreessu fi dubbisuu hin dandeenyef eegaa goonee si erginee jirra.) Ati gabrichaa fi Ergamaa Kiyya, Mutawakkil jechuun si waame. Inni (nabiyyiin) dubbii badaa kan dubbatu miti, gogaas miti, gabaaya keessatti sagalee olkaase hin iyyu, wanta badaa badaan hin deebisu garuu irra darbuun ni araarama. Amanti Ibraahim kan Araboonni jallisan hanga sirnaan qajeelche dhaabutti Rabbiin isa hin ajjeesu. Amanti kana kan qajeelchanis “Laa ilaah illallah (Haqaan Gabbaramaan Allah malee hin jiru)” jechuuni. Jecha tanaan, ija jaamte, gurra duude fi qalbii cufamte bana.” (Sahiih Al-Bukhaari 2125)

2-Hayyoonni Warra Kitaabaa Nabiyyummaa isaatiin gammachiisu
Salmaan Al-Faarisi (radiyallahu anhu) seenaa Islaamawu isaa yommuu himu hayyoonni warra kitaabaa (kiristaanaa fi yahuudaa) waa’ee Nabiyyii ergamuu hedu isatti himani turan. Molokseen Amuuriyyah yommuu duuti isatti dhiyaattu Salmaaniin akkana jedhe: Dhugumatti, yeroon nabiyyiin amanti Ibraahimiin itti ergamu dhiyaatee jira. Dachii Arabaa keessaa baha. Gara lafa Harrateyni jidduutti argamtuuti godaana, kana jechuun Madiinaa. (Harrateyn jechuun lafa lama dhagaa volkaanotin guuttamtedha. Dhihaa fi bahaan Madiina daangessu.) Isaan lamaan jidduu muka teemiraatu jira. (kana jechuun Lafa lama Harateeyn jidduu ykn Madiina keessa muka teemiraatu baay’ata). Inni (Nabiyyiin kuni) mallattoolee hin dhokanne of waliin qaba. Kennaa ni nyaata, garuu sadaqaa hin nyaatu. Ceequ isaa lamaan jidduu mahatama Nabiyyummaatu jira. Biyya tana deemu yoo dandeesse deemi.” (Siiratu An-Nabawiyyah-Ibn Kasiir (1/300)

Dhumarratti Salmaan imala isaa gara Madiinaa godhe. Garuu adeemsa keessa booji’amuun gabra godhame. Yeroo muraasan booda akkuma Madiina gaheen, Ergamaan Rabbii (SAW) gara Madiinaa godaanan. Dhugummaa jecha Moloksee yaaluf, Salmaan gara Nabiyyi (SAW) deemun nyaata dhiyeessef. Garuu nyaanni kuni sadaqaadha jedheen. Nabiyyiinis osoo homaa irraa hin nyaatin sahaabota isaatiif kenne. Boodarra, Salmaan nyaata biraa fiduun nabiyyiif dhiyeesse. Garuu yeroo kanatti, akka sadaqaatti osoo hin ta’in akka kennaatti siif kenna jedheen. Nabiyyinis (SAW) nyaata garii sahaabotaaf ni kenne, garii immoo n nyaate. Salmaan yeroo biraa mahatama nabiyummaa ceequ Nabiyyii (SAW) jidduutti ni arge. Salmaanis yoosu Islaamawe.” (Ilaali- As-Siirah An-Nabawiyyah As-Sahiihah by Al-Umarii (1/122))

Ammas, hayyoonni Yahuudaa nabiyyiin zamana san keessa akka ergamuu beeksisaa turan. Kana keessaa seenaa Abu Tayhaan dhiyeessun ni danda’ama. Abu Tayhaan biyya Shaam irraa gara Madiinaa godaanun gosa Yahuuda Bani Qureyzah jedhamtu keessa qubate. (Yeroo sanitti Shaam biyyoota akka Sooriya, Filisxeemi fi Libanoonin of keessatti hammatti). Wagga lama Nabiyyiin ergamuun dura Abu Tayhaan ni du’e. Yommuu duuti isatti dhuftu, Bani Qureyzaatiin ni jedhe, “Yaa tuuta Yahuudaa! Lafa weeyni fi daabboo laafaa qabduu irraa na baasee lafa rakkinnaa fi beelatti wanta na galche beektu?  Isaanis ni jedhan: Ati ni beekta. Innis ni jedhe, Biyya tana kan dhufeef bahiinsa nabiyyii kan yeroon isaa dhiyaate eeguufi. Akka isa hordofuuf ni ergama jedhee abdachaa ture.”

Dubbiin kuni hawaasa keessa babal’ataa tureera. Yahuudota fi namoota biroo jidduu kan faca’eedha. Kanarratti hundaa’e, Yahuudonni warroota Madiina keessa jiraniin akkana jechaanii turan: Yeroon Nabiyyiin itti ergamu dhiyaate jira. Isa waliin waraana cimaa isin waraanna.” Oduun kuni Ansaarota irraa namoonni baay’een akka Islaamawaniif sababa ta’ee jira. Ansaaronni akkana jedhan: “Rahmataa fi qajeelcha Rabbii waliin wanta gara Islaamatti nu waame keessaa wanta dhiirota yahuudaa irraa dhageenyudha. Nuti ummata shirkii fi warra sanama gabbaru turre. Isaan immoo warra kitaabaa turan. Isaan bira beekumsa nuti hin qabnetu jira. Isaanii fi nu jidduu diinummaan hin dhaabbatu. Wanta isaan jibban yommuu isaan irratti buusnu, akkana jedhu: Yeroo Nabiyyiin itti bahuu dhiyaate jira. Isa waliin waraana cimaa isinitti banna.”

Seenaa kana Qur’aanni haala kanaan dhugoomsa:

“Yeroo kitaabni Rabbiin biraa ta’e wanta isaan waliin jiru kan dhugoomsu ta’ee isaanitti dhufu_duraan warra kafaran irratti injifannoo argachuuf [dhufaati nabii Muhammad (SAW)] kadhachaa haa turaniyyuu malee, yommuu wanti beekan isaanitti dhufu, isatti ni kafaran. Kanaafu kaafirota irratti abaarsi Rabbii haa jiraatu.” Suuratu Al-Baqarah 2:89

Akkuma seenaa armaan olii keessatti ilaalle, Yahuudonni Madiinaa keessa jiraatan Qur’aanni buufamuu fi Nabii Muhammad (SAW) ergamuun dura warroota kafaran irratti injifannoo argachuuf dhufaati Nabii Muhammad (SAW) Rabbiin irraa kadhachaa turan. Madiinaa keessatti gosoonni Awsi fi Khazraj yeroo sanitti kaafiroota waan turaniif, Yahuudonni “Yeroon nabiyyiin itti bahuu dhiyaate jira, isa waliin isin fixna” jechaani turan. “yommuu wanti beekan isaanitti dhufu, isatti ni kafaran.” Kana jechuun yommuu nabii Muhammad (SAW) amala isaatiin isa beekan isaanitti dhufu, isatti ni kafaran. Sababni akka itti kafaran isaan taasise waanyu (hinaaffi) fi daangaa darbuudha. Akkuma aayah itti aanu keessatti dubbatu.

Nabiyyiin Ergamuun Dura Haala namoonni irra gahan
Gabaabumatti, wantoonni fokkuu fi badiin garmalee kan babal’ate ture. Yommuu badiin hawaasa keessa babal’achu jalqabu, namoonni dhuunfaa furmaataa fiduuf ni ka’u. Garuu furmaanni walakkaa jaarraa 6ffaa keessa wanta hin taanedha. Haala amanti tokko jijjiruu ykn wanta badaa kaasu qofa osoo hin ta’in jireenyi guutuun jijjiramu barbaachisa, karaan jireenyaa haaroftu seensifamu qaba. Jaarraa baay’eef amantii fi gochaalee sobaa walirra tuulamuun karaa jijjiramaa irratti gufuu ta’anii dhaabbatanii jiru. Namoonni dhuunfaa rakkoo furuuf gahaa miti. Ilma namaa dukkana keessaa gara ifaatti baasuu fi akka nama haarawa dhalateetti ceesisuuf Rabbiin subhaanahu Nabiyyii erge. Ni jedha:

“Sila namni du’aa turee ergasii isa jiraachifne ifa isaaf goone fi [ifa] saniin namoota keessa deemu, akka nama dukkana keessa jiru kan isa keessaa hin baane ni ta’aa? Akka kanatti kaafirootaf wanti isaan dalagan miidhagfame.” Suuratu Al-An’aam 6:122

Kuni fakkeenya Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa mu’mina jallinnaa fi dhama’iinsa keessatti du’aa tureef dhiyyeessedha. Ergasii Rabbiin isa jirachise. Kana jechuun qalbii isaa imaanaa fi beekumsaan ni jiraachise. Namoota keessa ifaan kan deemu ta’e. Kana jechuun dhimmoota isaa sirritti kan argu, karaa isaatti kan qajeelfame, kheeyri kan beeku fi filatu, hojii irra kan oolchu fi namoonni biroos hojii irra akka oolchan kan carraaqudha. Akkasumas, sharrii kan beeku fi jibbu, sharrii kana dhiisu, ofii fi namoota biroo irraa kaasuf kan carraqudha. Namni kuni eessarraa ka’ee garam deemaa akka jiru, maaliif addunyaa tana keessa akka jiraatu ifa iimaanaa fi beekumsaatiin beeka. Namni haalli isaa akkana ta’e nama dukkana wallaalummaa, kufrii fi badii keessatti tareen wal-qixxaataa? “Dukkana kana keessaa hin bahu.” Kana jechuun gara karaa ittiin bahuutti hin qajeelfamu, wanta keessa jiru keessaayis hin bahu.

Kanaafu, namni ifa keessa deemu fi namni dukkana keessa deemu wal-qixxaataa? Gonkumaa wal hin qixxaatan. Akka waan akkana jedhameeti, namni sammuu irraa hubannoo xiqqaallee taatu qabu akkamitti dukkana keessa dhama’aa ta’ee turaa? Akkana jechuunis deebii deebisa: “ Akka kanatti kaafirootaf wanti isaan dalagan miidhagfame.” Hanga isaan hojii badaa fi fokkataa akka gaarii fi haqa ta’etti ilaalan gahanitti sheyxaanni hojii isaanii qalbii isaanii keessatti miidhagsu itti fufe. Hojiin badaa fi fokkuun isaan akka gaaritti ilaalan kuni qalbii isaanii keessatti amanti hidda qabatee fi amala isaanitti maxxanee ta’ee jira. Kanaafi, shirkii fi wanta fokkuu keessa jiranitti gammadan. Isaan kunniin dukkana isaanii keessa dhama’u, soba isaanii keessa raata’u[1].

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dukkana cillimi kana keessaa gara ifaatti akka ilma namaa baasuf Ergamaa Isaa (SAW) erge. Namni isatti amanee isa hordofe, qalbiin isaa jiraachifamuun ummata keessa ifa iimaanaa fi beekumsaatiin deema. Namni isatti amanuu fi hordofuu dide immoo dukkana wallaalummaa fi kufrii keessa raata’a.  Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warra Qur’aana fi sunnah Nabiyyii Isaa beekee itti buluu nu haa taasisu. Tarii warra ummata keessa ifaan deemu taanati.


Kitaabban wabii
[1] Tafsiiru Sa’dii- fuula 303-304
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 67-70, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/118-123