B. Ibsa Aayaata muraasaa maqaa Al-Waahid, Al-Ahad of keessaa qabanii
Hiikonni “Al-Ahad-Tokkicha”, “Al-Waahid-Tokko” yommuu ta’an, maqaalee Tokkichummaa Rabbii olta’aa agarsiisaniidha. Tokkichummaan kuni gosoota tawhiidaa sadan ibsa: 1ffaa-Zaataa fi Sifaataan Rabbiin subhaanahu tokkicha ta’u. Kana jechuun Zaataa fi sifaanni Isaa uumamtoota hundarraa adda. Wanti zaata fi sifaata Isaatin wal fakkaatu tokkollee hin jiru. 2ffaa-Gooftummaa (rubuubiyyah) keessatti Tokkicha ta’uu-kana jechuun samii fi dachii, wantoota isaan keessa jiran hunda kan uume, too’atu, jiraachisu fi qindeessu Rabbii Tokkicha. Gabaabumatti hojii Isaa hunda adda Ofii hojjata, eenyullee Isa waliin hin hirmaatu ykn qooda hin fudhatu. 3ffaa-Gabbaramuu (uluuhiyyah) keessatti Inni Tokkicha- Kana jechuun haqaan kan gabbaramu qabu Rabbii Tokkicha. Gabbarriin (ibaadaan) Isaaf malee homaafiyyuu hin ta’u. Sababni isaas, Inni Gooftaa wantoota hundaa uume, too’atu, beeku, arguu, dhagahu, wanta hundaa irratti dandeetti qabuu fi yeroo hundaa jiraataa fi turaa ta’eedha. Wantoonni Rabbii guddaan ala jiran amaloota kanniin qabuu? Wantoota hundaa uumu, too’atu, arguu, beeku, dhagahuu danda’uu? Yeroo hundaa jiraachuu fi turuu danda’uu?

Namni wanta tokko kan gabbaruuf (waaqefatuuf) faayda irraa barbaadeti mitii? Wanti kuni faayda naaf kenna ykn miidhaa narraa deebisa jedhee wanta saniif gadi jedha ykn kadhata. Akkasi miti ree? Eeti wanti inni kadhatu fi gadi jedhuuf amaloota armaan olii qabaachu qaba. Rabbii wantoota hundaa uume, beeku, too’atu, arguu, dhagayuu, faayda namaaf fiduu fi miidhaa namarraa deebisuu danda’uuf gadi jechuu fi kadhachuu wayya moo wanta amaloota kanniin hin qabneef gadi jechuu fi kadhachuu wayyaa? Nabii Yuusuf (aleyh salaam) hiriyyoota isaa mana hidhaa jiraniif yommuu waamicha godhu Qur’aanni akkana jechuun gabaase:

12:39

Yaa hiriyyoota kiyya lamaan kan mana hidhaa! Sila gooftota adda addaa baay’ee moo Rabbii Tokkicha hunda Injifataa ta’etu caalaa?” Suuratu Yuusuf 12:39
Kana jechuun uumamtoota akka taabotaa, sanamaa, namootaa, Jinnii fi kanneen biroo nama hin fayyannee fi miidhaa namarraa hin deebisne gooftaa godhachuun gabbaruu wayya moo Rabbii Tokkicha waan hundaa moo’atu gabbaruu wayyaa? Jecha biraatin, gooftota adda addaatiif gabra ta’utu siif caalaa moo Rabbii Tokkichaaf gabra ta’u siif caalaa?

Gooftotin garagaraa fedhii adda addaa waan qabaniif isaaniif gabra ta’uun olii gadi nama dhamaasa. Mee ilaali, tiiksen tokko bulchaa baay’eef gabra yoo ta’e, haalli isaa akkam ta’aa? Bulchaan hundu fedhii adda addaa waan qabuuf oli gadi isa raasa. Garuu tiiksen bulchaa tokkoof gabra ta’u wanta bulchaan suni itti ajaju hojjachuun ba’aa baay’ee ofirraa buusa. Kanaafu, tiikseen bulchaa baay’eef gabra ta’uu wayya moo bulchaa tokkoof gabra ta’uu wayyaa?

Gooftaa tokkicha wanti hundi aangoo Isaatiif gadi jedhuuf gabra ta’uu wayya moo wantoota garagaraa nama hin fayyanneef gabra ta’uu wayyaa? Rabbiin Gooftaa Tokkicha Al-Qahhaar ta’eedha. Al-Qahhaar jechuun Injifataa injifannoo Isaa homtuu daangeessu hin dandeenye, wanti hundi aangoo Isaatiif kan gadi jedheedha.[1] Addunyaa keessa homtu hin jiru aangoo Isaa jalatti kan kufu yoo ta’e malee. Argamsiisuu fi dhabamsiisuun, kennuu fi dhoowwachuun, fayyaduu fi miidhun, sochoosu fi teesisuun wanta fedhe hojjata. Kana jechuun dachii fi samii keessatti wanta fedhe ni argamsiisa, wanta fedhe ni dhabamsiisa ykn ni ajjeesa, wanta fedhe nama fedheef ni kenna, kan fedhe immoo ni dhoowwata. Too’annaa fi aangoon hundi kan Isaati. Homtu aangoo Isaa jalaa hin bahu. Yommuu du’a namarratti murteessu, namni “lakki ani hin du’u” jechuun du’a ofirraa deebisuu jiraa?

Kanaafu, Rabbii Tokkicha Al-Qahhaar (Injifataa) ta’eef gabra ta’uu wayya moo wanta aangoo hin qabne, nama fayyadu fi miidhuu hin dandeenyef gabra ta’uu wayyaa? Deebiin isaa: Shakkii hin qabu, wanta nama hin fayyannee fi hin miine kadhachu fi of gadi qabuu irra Rabbii Tokkicha kadhachuu fi of gadi qabutu caalaa. Dubbiin erga akkana ta’e:

Gabbaramaan keessan Gabbaramaa Tokkicha, kanaafu Isaaf harka kennaa. Warra Isaaf of gadi qaban gammachiisi.” Suuratu Al-Hajj 22:34

Yaa namoota! Gooftaan keessan kan haqaan gabbaramu Gooftaa Tokkicha. Sababni isaas, kan isin uume, samii irraa bishaan buusun isin nyaachisuu fi obaasu Rabbii Tokkicha qofa. Kanaafu, Isa qofaaf gadi jedhaa, hojii qulqulleessaa, ajajaa fi murtii Isaatiif harka kennaa (bulaa).

Yaa nama gara Gooftaa keetitti namoota waamu hoo! Namoota Gooftaa isaaniitiif of gadi qabanii fi ajaja Isaatiif bulan kheeyri addunyaati fi Aakhiraatin gammachiisi. Namoonni kuni addunyaa keessatti tasgabbii qalbii fi boqonnaa sammuu argatu. Aakhiratti immoo mindaan isaanii garmalee guddaadha. Namoonni Gooftaa isaanitiif of gadi qabanii fi of hin tuulle amaloota kanniin qabu:

22:35

Isaan warra yeroo Rabbiin dubbatame, qalbiin isaanii sodaattu, wanta isaan tuqe irratti obsitoota kan ta’an, salaata sirnaan salaatanii fi waan isaaniif kennine irraa baasaniidha.” Suuratu Al-Hajj 22:35

Isaan warra yommuu maqaalee fi sifaanni Rabbii dubbatamu, qalbiin isaanii Isa sodaattuudha. Kana irraa kan ka’e, adabbii fi dallansuu Isaa sodaachun wantoota dhoowwamoo ni dhiisan. Ammas, namoonni kunniin rakkinnaa fi balaa isaan qunnameef ni obsu. Wanta isaan tuqe kanaaf hin dallanan. Kana irra, Fuula Gooftaa isaanii barbaadu fi mindaa Isaa kajeelun ni obsu. Isaan warra salaatas ulaagaalee fi rogoota guutuun sirnaan salaataniidha. Ammas, “waan isaaniif kennine irraa baasaniidha” Kuni baasi dirqamaa kan akka zakaa, kaffaaraa, maatii fi firoota irratti baasu fi baasi jaallatamaa kan akka sadaqaa of keessatti hammata. Namoonni kunniin Jaalalaa fi mindaa Rabbii barbaadun qabeenya isaanii irraa zakaa ni kennu, maatii irratti baasi qisaasessun keessa hin jirre ni baasu, hiyyeeyyif sadaqaa ni kennu, karaa Rabbii keessatti ni baasu.[2]

Namoonni kunniin warra Gooftaa Tokkichaaf gadi of qabanii fi bulaniidha. Isaa gaditti wanta biraatiif of gadi hin qaban. Sababni isaas, Rabbiin guddaan olta’ee Gooftaa samii torbanii fi dachii wantoonni hundi aangoo Isaa jalatti kufaniidha. Wantoonni Isaan ala jiran qabaa Isaa keessa jiru. Hayyama Isaatiin ala nama fayyadu fi miidhu hin danda’an. Kanaafu, wantoota kanniiniif of gadi qabuun, jaalala daangaa darbee jaallachuu fi sodaachuun hin ta’u. Rabbii al-Waahidul Qahhaar (Tokkicha Injifataa) ta’e qofaaf gadi jedhan, jaalala daangaa ol’aanaa irra gahe jaallatan, garmalee sodaatan, waan hundaa irraa kadhatan. Qur’aana keessatti ni jedha:

Jedhi, “Gooftaan samiwwanii fi dachii eenyuu?” Jedhi, “Allah”; Jedhi, “Isaa gaditti kan nafsee ofiitifu faayda [fiduu] fi miidhaa [ofirraa deebisuu] hin dandeenye awliyaa’ota godhattanii?” Jedhi, “Sila jaamaa fi namni argu wal-qixa ta’uu? Yookiin dukkanaa fi ifni wal-qixa ta’uu?” Sila Rabbiif shariikota uumama akka Isaa uuman godhanii uumamni isaan irratti wal-fakkaatee? Jedhi,“Rabbiin Uumaa waa hundaati, Inni Tokkicha Injifataadha.” Suuratu Ar-Ra’ad 13:16

Warroota Rabbii gaditti wanta biraa gabbaran ykn Isa gabbaru didaniin, “Gooftaan samiwwanii fi dachii eenyuu?” jedhii gaafadhu. Kana jechuun samii torbanii fi dachii kan uumee, too’atu fi eeguu eenyudhaa? Deebii shakkiin keessa hin jirre “Rabbiidha” jechuun isaaniif deebisi. Samii, dachii fi wantoota isaan lamaan keessa jiran hunda kan uumee, too’atu, eegu, jiraachisuu Rabbii olta’aa erga ta’ee wantoota ofuyyuu fayyaduu fi miidhaa ofirraa deebisuu hin dandeenye akkamitti awliyaa’ota godhattuu? Akka lugaatti Awliyaan hiika baay’ee qaba. Kanniin keessaa gargaaraa, tiiksaa, jaalalloo…

Akkana jedhiin warroota Rabbii gaditti wanta biraa gabbaran, “Nama biraa dhiisi wanta mataa ofiitu fayyaduu fi miidhaa ofirraa deebisu hin dandeenye akkamitti gargaaraa, tiiksaa fi jaalalloo godhachuun gargaarsa fi eeggumsa irraa kadhattuu? Akkamitti ibaadaa (gabbarri) garagaraatiin isaanitti dhiyaattu?” Fkn, warroonni nama du’e gabbaran gara qabrii deemun gargaarsa ykn eeggumsa kadhatu. Qalma isaaf qalu, nazrii (silati) isaaf seenu. Namni du’e kuni nama biraa dhiisi ofuyyu fayyadu fi miidhaa ofirraa deebisuu hin danda’u. Kanaafu, maaliif isa kadhatanii?

Ergasii itti aansee fakkeenya nama Rabbiin qofa gabbaruu fi nama Rabbii gaditti wanta biraa gabbaru dhiyeesse. Jedhi, “Sila jaamaa fi namni arguu wali qixa ta’uu?” Haaluma kanaan, kaafirri haqa hin arginee fi mu’minni haqa arguu wal-qixaa? Jaamaan hanga qajeelfamutti karaa qajeelaa gahuumsaan isa gahu hin arguu. Namni ijaan argu immoo karaa qajeelaa gahuumsaan isa gahuu sirritti arga. Haaluma kanaan, kaafirri karaa haqaa fi qajeelaa gahuumsa gaariin isa gahu hin argu. Mu’minni (namni dhugaan amane) immoo karaa qajeelaa fi haqaa gahuumsa gaarii (Jannata) isa geessu arguun irra deema. Kanaafu, namoonni lamaan kunniin wal-qixaa?

Yookiin dukkanaa fi ifni wal-qixa ta’uu?” Kuni immoo shirkii fi iimaana. Kaafirri dukkana kufrii, shirkii fi jallinnaa keessa dhama’a. Mu’minni immoo ifa iimaanaa keessa deema.[3]

Rabbiif shariikota uumama akka Isaa uuman godhanii uumamni isaan irratti wal-fakkaatee?” Kana jechuun wanti isaan Rabbii gaditti gabbaran uumama akka Isaa uumanii jiruu? Wanti isaan gabbaran (waaqefatan) samii, dachii, aduu, ji’a, gaarreen, namoota, jinni fi kkf uumanii jiruu? Ergasii uumamtoonni Rabbiin uumee fi wanti gooftonni isaan gabbaran uuman isaanitti wal fakkaatee? Kana jechuun wanta Rabbiin uumee fi wanta gooftonni isaanii uuman addaan baasu dadhabanii?[4]

Shakkii hin qabu, sanamni, taabonni fi wanti biroo isaan gabbaran homaa hin uumne. Garuu wanti isaan gabbaran (waaqefatan) uumama akka Rabbii uuman, hojii akka Isaa hojjatu jechuun yoo shakkan, shakkii kana ragaa ifaatin isaan irraa oofi. Ragaan kunis, “Rabbiin Uumaa waa hundaati”[5]

Argamuu ykn uumamu wanta tokko keessatti filannoo sadii qofa qabna.
1ffaa- Wanti tokko ofiin of uumu,
2ffaa- Uumaa malee akkanumatti tasa argamu.
3ffaa-Uumaan wanta san uumuu jiraachudha

Ragaa sammuutiin filannoon 1ffaa fi 2ffaan yoosu kufan. Wanti duraan hin jirre gonkumaa ofiin of uumuu hin danda’u. Sababni isaas, beekumsa, dandeetti fi ogummaa ittiin of uumu hin qabu. Fkn, Dhangala’aan saalaa (ispermin) beekumsa, dandeetti fi ogummaa qabaatee ofiin of uumuu danda’aa? Kana hubachuuf, namni uumamee erga dhalatee booda kutaa qaamaa tokko dabalachuu hin danda’u. Erga dhalatee kutaa qaamaa tokko dabalachuu kan hin dandeenye, dhalachuun dura yeroo bishaan saalaa ture sanitti akkamitti ofiin qaamaa kana hunda godhachuu danda’aa? Fakkeenyaf, namni harka lamaa fi qubbiin shan shan qaba. Qaamoleen kunniin isaaf guuttamanii erga dhalatee booda harka sadaffaa ykn harka tokko irratti quba jahaffa dabalachuu gonkumaa hin danda’u. Erga dhalatee nama guutuu ta’ee booda harka fi quba dabalachuu kan hin dandeenye, yeroo garaa haadhaa keessatti bishaan saalaa ture san ofumaan harkaa fi quba uummachuu danda’aa? Gabaabumatti wanti sammuu qabu kutaa qaamaa dabalachuu kan hin dandeenye, wanti sammuu hin qabne akkamitti kutaa qaamaa kana hunda ofiin godhachuu danda’aa? Kuni hundi waan hin taanedha. Kana jechuun wanti tokko ofiin of uumuu hin danda’u.

Ammas, wanti tokko uumaa malee akkanumatti tasa argamuu hin danda’u. Sababni isaas, addunyaa keessatti sababa tokko malee akkanumatti wanti tasa argamu hin jiru. Sababa tokko malee bu’aan argamuu danda’aa? Hojjataa malee hojiin argamuu danda’aa? Namni beekes wallaales sababni duubaa akka argamu taasisu ni jira. Fkn, telefoonni guyyaa guyyaan itti fayyadamnu kan ishii hojjatu osoo hin jiraatin akkanumatti tasa argamtee?

Filannowwan lamaan kunnin erga kufanii filannoo sadaffaa waliin hafna. Innis, Uumaan wanta hundaa uumee jiraachudha. Kanaafu, ragaa ifaa shakkiin wayitu keessa hin jirre, “Rabbiin Uumaa waa hundaati” jechuun labsi. Rabbiin guddaan Uumaa waa hundaa erga ta’e, wantoonni kunniin hundi uumamun dura Tokkicha kophaa tureedha. Yommuu samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran uumuu Tokkicha adda Ofii uumeedha. Kan Isa waliin hirmaate hin jiru. Sababni isaas, Rabbiin Uumaa waa hundaati. Wantoonni Isaan ala jiran hundi uumamtoota Inni uumeedha.

Erga wantoota kanniin hundaa uume boodas Tokkicha wantoota hundaa Injifatuudha. Wantoota hundaa Kan uumee Isa erga ta’e, wantoota uume hunda ni injifataa jechuudha. Aangoo fi too’annaa Isaa jalaa hin bahan. Kanaafu, Rabbiin Tokkicha Injifataa erga ta’e kan gadi jechuu fi waan hundaa irraa kadhachuu qaban Isa qofa. Rabbii Tokkicha Injifataa ta’e dhiisanii wanta nama hin fayyannee fi miidhaa namarraa hin deebisneef gadi jechuun, kadhachuu fi gabbaruun dhugumatti wallaalummaa fi zulmii (miidhaa) guddaadha.


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-10/671, Tafsiir ibn Kasiir-4/513
[2] Tafsiiru ibn Kasiir-5/414, Tafsiiru Sa’dii-fuula 628-629, Tafsiiru Xabarii-16/552
[3] Tafsiiru Qurxubii-12/47, Tafsiiru Xabarii-13/494
[4] Tafsiirul Qur’aanil Kariim I’iraabuhu wa bayaanuhu-4/704, Muhammad Aliyy Xaaha
[5] Tafsiiru Sa’dii-fuula 480

Kana Raabsi