Hawwin guddaan namni jireenya tana keessatti qabu keessaa tokko nama amalaa fi kabajaa guddaa qabu ta’ee argamuudha. Amala gaariin of faayee kabajamuu barbaada. Eenyullee taanan salphinnaan haguuggamee jiraachu hin barbaadu. Akkasi miti ree? Dhugumatti karaan amaloota gaggaarii fi kabaja guddaa itti argatan gabroota (ibaadu) ar-Rahmaan keessaa ta’uudha. Sababni isaas, yommuu isaan Rabbii Guddaa olta’aaf gabra ta’an, wantoota fokkuu fi salphinnatti nama geessan irraa ni fagaatu. Rabbiinis subhaanahu isaan qulqulleessun kabajaa fi sadarkaa isaanii olkaasa. Nu keessaa eenyutu amaloota kanniinin of faaye dachii irra tasgabbii fi kabajaan tarkaanfachuu jaallataa? Mee amaloota kanniin ibsa waliin suuratu Al-Furqaan irraa (aayah 63-76) haa ilaallu. Laa hawla walaa quwwata illaa billah.

25:63

“Gabroonni Ar-Rahmaan kanneen dachii irra haala salphaan adeemanii fi yommuu wallaaltonni [dubbii badaan] isaan dubbisan, nagaha jedhaniidha.” Suuratu Al-Furqaan 25:63

Rabbiif gabroomun gosa lama: 1ffaa-Gooftummaa Isaatiif gabroomu.(Gabrummaa walii galaa-Ubuudiyyatu Aamma)- Kuni namoonni hundi itti hirmaatu. Muslimaa fi kaafirri, namni gaarii fi badaan hundi Rabbiif gabroota ta’uu. Jaallatanii jibbanii hundi isaanitu gabroota Isaati. Sababni isaas, Kan isaan uumee fi wanta fedhe isaan irratti murteessu Rabbiidha. Wanta Inni murteesse jalaa bahuu hin danda’an. Fkn, du’a, dhibee fi kkf yoo isaanitti murteesse, ofirraa deebisu hin danda’an. Kanaafu, haala kana keessatti namoonni hundu gabroota Rabbiiti.

2ffaa-Isa gabbaruu keessatti gabra ta’uu- jecha biraatin filannoon Rabbiin gabbaruu-(Gabrummaa addaa-ubuudiyyatu Khaassa)- kunniin warra filannoo isaanitiin wanta Rabbiin itti ajajee hojjatanii fi wanta Inni dhoowwe dhiisaniidha. Gosti kuni Nabiyyoota, awliyaa’ota, namoota gaggaarii of keessatti qabata. Gabroonni Ar-Rahmaan warra gosa kanaati. Kanaafi, gabrummaa gosa kanaa maqaa Isaa Rahmaan jedhuun walitti hidhee. Kunis kan agarsiisu, haalaa fi sadarkaa guddaa kana kan gahan sababa rahmata Isaatini. Amaloonni isaanii amaloota hundarra guutuu fi hunda caalan ta’u ni dubbate.[1] Mee amaloota isaanii kanniin haa ilaallu:

Gabroonni ar-Rahmaan, “kanneen dachii irra haala salphaan adeemanii…” dha.Kana jechuun dachii irra haala madaallamaa hin jarjarreen, osoo of hin tuulinii fi ol aantummaa hin agarsiisin tasgabbiin dachii irra deemu.

Amaloota gabroottan Ar-Rahmaan keessaa namni adeemsa isaanii yeroo jalqabaatiif arge, dachii irra haala salphaan akka adeeman ni hubata. Kana jechuun dhimma jireenya addunyaa isaanii guuttachuuf dachii irra haala gaariin, qarummaa fi haala madaallamaa ta’een adeemu.

Haala adeemsa gabroottan ar-Rahmaan aayah keessatti ibsameen wantoonni faalleessan: of jajuun, of tuuluun, dachii garmalee gadi rukutuun, samii keessa of ol dheeressuun deemudha. Ammas, akka waan dhibee qabanii garmalee suuta deemu fi rincicuudha.

Gabroonni Rahmaan garmalee of tuuluu fi of jajuun dachii keessa hin deeman. Dhugumatti, Rabbiin of tuulaa fi of dhaadachaa dachii keessa deemu akka dhoowwe dhagahanii jiru. Qur’aana keessatti ni jedha:

17:37

Of tuulaa dachii keessa hin deemin. Dhugumatti ati dachii hin urtu. Dheerinnaanis gaarreen hin geessu.” Suuraa al-Israa 17:37

Rahmaaniif gabrummaa isaanii mirkaneessuuf ajaja kana tolee jedhanii fudhatan. Kaayyoon dhoowwaa kana duuba jiru gabroottan Rabbii irratti of tuultota, of guddistoota akka hin taaneef ni beekan. Wanta of tuuluu fi of dinqisiifachuu agarsiisan irraa of fageessuuf nafsee ofii ni leenjisan.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Aayah suuratu Al-Israa armaan olii keessatti dhugaa nama of tuuluu fi xiqqeenya haala isaa ifa baase jira. Yommuu namni of tuuluun miila ofiitiin dachii humnaan gadi rukutuu, dachii uruu hin danda’u. Sababni isaas, dachiin isa caalaa jajjaboodha. Ammas, dhaabbata isaatin namoota irratti of ol dheeressu fi of ol guddisuun, dheerinnaan gaarreen gahuu hin danda’u. Sababni isaas, guddinnaa fi dheerinnaan gaarreen isa caalu.

Kana keessa akeeka gadi fagoo xiqqeenya nama of tuulu agarsiisutu jira. Akkana isaan jedhama: Dachiin ati irra deemtu humna kee caalaa jabduudha. Hanga feete dhaabbata keetin ol dheeradhu gaarreen dhagaalee jajjaboon guuttaman dhaabbata kee caalaa garmalee dheerodha. Dachii irra garmalee miili keetin rukutuu fi qaama keetin of ol dheeressuun guddinna dhugaa naaf kennan jettee hin yaadin. Ammas akkana isaan jedhama: yaa nama of tuuluu fi of jajuu nafsee tee irratti laaffisi. Of ol dheeressuun nafsee keetin eessa deemtaa? Gara kallatti lafaa miila keetin rukutuun moo ol dheerachuun mataa keetiin samii tuquuf?of irratti laaffisi. Hanga feete of tuluun deemi dachii uruu hin dandeessu. Ammas hanga feete jismii (qaama) keetin gara olii osoo of guddistee fi dheeressitee, dheerinnaan gaarreen gahuu hin dandeessu.

Gaarreen hanga fedhan osoo dheeratanii gatiin isaanii gatii ilma namaati gadi. Sababni isaas, Rabbiin amaloota baay’een ilma namaa wantoota uumee baay’ee caalaa kabajee jira. Yaa nama of tuulu, qaamaan of bokoksuu fi of ol guddisuun ykn namoota irratti of tuuluun kabaja argachuuf hin carraaqin. Dhugumatti, kabajni namaa dheerinna fi bal’inna qaamatiin ykn yommuu deeman dachii miilan garmalee rukutuun kan ta’uu miti.

Gabroonni Rahmaan amaloota armaan olii kana hin qaban. Akkasumas, ariiti jarjarsuu agarsiisu hin ariifatan. Ammas, duubatti harkifachuu ceem’uu, rincicuu agarsiisu duubatti hin harkifatan. Kana irra haala salphaa ta’een ijjannoon, dhiirummaan, humnaan adeemu. Namni of tuulu nafsee ofii dirqiisisa. Gabroonni Rahmaan garuu osoo of hin dirqiisisiin haala salphaa fi madaallama ta’een adeemu. Jecha Luqmaan ilma isaatiif “Deemsa kee keessatti giddu galeessa ta’i” jechuun dhaame hojii irra oolchu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dhaamsa Luqmaan akkana jechuun Qur’aana keessatti dubbate:

 “Boonaa maddi boqoo kee namoota irraa hin garagalchiin. Dachii keessas of tuulaa hin deemin. Dhugumatti Rabbiin of tuulaa, of dhaadataa hundaa hin jaallatu. Deemsa kee keessatti giddu galeessa ta’i; sagalee keetis gadi qabi. Dhugumatti irra jibbamaan sagalee sagalee harreeti.”  (Suuraa Luqmaan 31:18-19)

Namni dhugaan amanee, wanta Rabbiin itti ajaje hojjatee fi wanta Inni dhoowwee dhiisee dachii irra haala madaallamaa fi tasgabbiin deemu gara fuunduraatti gabroota Ar-Rahmaan keessaa tokko akka ta’uu ni eeggama.

yommuu wallaaltonni [dubbii badaan] isaan dubbisan, nagaha jedhaniidha.

Asitti wallaaltota jechuun gowwummaa, dallansuu, arrabsuu, jechootu fokkuu gadi dhiisu fi dhimma gara lolaatti nama oofu irraa aqlii isaan qabu kanneen hin qabneedha. Yommuu wallaaltonni gowwummaa fi dubbii badaa dallansuu isaanii kakaasu isaanitti dubbatan, gabroonni Ar-Rahmaan, “Salaamaa (Nagaha)” isaaniin jedhu. Teessoo wallaaltoota irraa nageenya labsuun addaan bahu. Asitti “salaamaa (nagaha)” jechuun jecha nagahaa fi gaarii badiin keessa hin jirree wallaaltotatti dubbachuun badii irraa nagaha ta’u. Wallaaltootaa fi gowwoota faakkaataa wallaalummaa fi gowwummaa isaaniitiin isaanitti hin deebisan. Kana irra, dubbii gaarii isaanitti dubbachuun isaan irraa garagalanii deemu. Wanta badduu wanta toltuu taaten deebisu. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

41:34

“Hojiin gaarii fi hamtuun wal hin qixxaa’an. [Wanta baddu] ishii toltuu taaten deebisi. Yeroo san inni gidduu keetii fi gidduu isaa diinummaan jiru akka jaalalloo firaa ta’uu [argita].” (Suuratu Fussilat 41:34)

Nageenyi (salaamni) nageenya kabajaa, qaamaa, qabeenyaa fi wanta namni nageenya isaatiif itti yaaddawu hunda of keessatti hammata. Gabroonni Ar-Rahmaan wal-qunnamtii nagahaa booda wallaallummaa fi gowwummaa wallaaltoota irraa yoo argan, wallaalummaa fi gowwummaa isaa obsaa fi irra darbuun addaan kutu. Dubbii badaa itti deddeebisuun gara lolaatti hin seenan. Haqa Muslimni tokko Muslima biraa irraa qabu erga yaadachisanii booda teessoo wallaaltoota gadi furanii deemu. Haqni kunis “nageenya”. Nageenya kana Muslimoonni yommuu wal qunnamuun Assalaamu aleykum (Nageenyi isin irratti haa jiraatu)” jechuun labsu.

Ergamaan Rabbii (SAW) amaloota bu’uuraa Muslimaa keessaa tokko arrabaa fi harka isaa irraa Muslimoonni nagaha ta’uudha. Al-Bukhaari fi Muslim akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhanii jiru: “Muslimni nama Muslimoonni arrabaa fi harka isaa irraa nagaha ta’aniidha. Muhaajirri (Godaanaan) nama wanta Rabbiin irraa dhoowwe dhiisedha.” Sahiih Al-Bukhaari-6484, Sahiih Muslim 41

Gabroonni Ar-Rahmaan dubbii nagahaa wallaaltotti dubbachuun bira darbuun isaanii amalli obsuu, waa danda’uu fi gamnummaan isaan keessatti hidda qabachuu agarsiisa. Wallaalummaan wallaaltotaa gara gowwummaatti isaan hin oofu. Kana irraa arrabaa fi sammuu ofii ni too’atu. Hojii dhumti isaa faarfamaa hin taane hin hojjatan.

Dhugumatti isaan, wallaaltota irratti karaa fitnaa fi sharrii ni cufu. Qaanqee jalqabaa osoo fakkaattu akka ishiitiin deebisanii ibiddaa qabsiifamaa ta’uun lola guddaa fi sharrii baay’eetti geessitu yoosu dhaamsu.

Gabroonni Ar-Rahmaan sababa iimaanaa fi gaarummaa Islaamaa isaanitiin yommuu wallaaltonni jecha badaa dallansuu isaanii kakaasu itti dubbatan, gootummaa obsaatiin nafsee ofii ni too’atu. Dhugumatti gootummaan obsaa gootummaa haqaati.  Yeroo baay’ee namni wal’aanson namoota baay’ee kuffisu nama garmalee cimaa akka ta’etti ilaallama. Garuu amaloota gaarii keessatti yunitiin safaraa ciminnaa fi gootummaa “humna qaamaa” osoo hin ta’in “yeroo dallansuu nafsee ofii too’achuu”dha. Kuni waan Nabiyyiin (SAW) akkana jechuun ibsaniidha:“Namni cimaan nama wal’aanson cimaa ta’ee osoo hin ta’iin,nama yeroo dallansuu (aari) nafsee ofii too’atudha.” Sahiih Muslim 2609

Guduunfaa
Har’aaf hanga kana amaloota Gabroota Ar-Rahmaan erga ilaalle, kutaa itti aanu keessatti amaloota biroo In sha Allah itti fufna. Mee amma amaloota armaan olitti ilaalle haa guduunfinu:
1-Yommuu dachii keessa deeman, haala salphaa, madaallamaa ta’ee fi tasgabbiin adeemu. Rabbiif of gadi qabu, gabroota Isaa irratti of hin tuulan. Of tuuluu jechuun mataa ofii garmalee guddaa akka ta’an of ilaaluun haqa fudhachuu diduu fi namoota biroo tuffachuudha. Gabroonni Ar-Rahmaan deemsa isaanii keessatti amaloota badoo ta’an lama irraa kan qulqullaa’aniidha. Of tuulaa dachii keessa miilan garmalee lafa gadi rukutaa fi qaamaan of ol guddisaa hin deeman. Ammas, akka nama dhukkubsatee rincicaa hin deeman. Kana irra, madaala isaanii eeggataa tasgabbiin dachii keessa deemu.

2-Yommuu wallaaltonni fi gowwoonni dubbii badaa isaanitti dubbatan, ykn wanta badaa Rabbiin hin jaallanne iddoo teessummaa isaanitti dubbatan, “Salaamaa” isaaniin jedhu. Kana jechuun dubbii badaa wallaaltootaa dubbii badaa wal fakkaatun hin deebisan. Kana irra dubbii gaarii nagaha itti ta’an isaanitti dubbatu.

3-Obsaa fi of too’achuu- yommuu wallaaltonni dubbii badaa isaan dallansiisu isaanitti dubbatan, obsuu fi of too’achuun dubbii gaarii isaanitti deebisu. Ergasii iddoo teessummaa walaaltootaa gadi dhiisanii deemu. Rabbiin subhaanahu haala isaanii akkana jechuun aayah biraa keessatti ibsa:

28:55

Isaan yommuu lagw dhagahan, irraa garagalu. Ni jedhus, “Nuuf hojii keenyatu jira, isiniifis hojii keessantu jira. Nageenyi isin irratti haa jiraatu. Nuti wallaaltota hin barbaannu.” Suuratu Al-Qasas 28:55
Lagw jechuun dubbii qullaa fi kufaa faaydaa hin qabneedha. Faayda waan hin qabneef dhiifamu kan qabuudha. (In sha Allaah waa’ee kanaa gara fuunduraatti ni ilaalla.)


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Sa’dii-fuula 686
Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-jiildi 6, fuula 608-614, (Barreefamni armaan olii irra caalaan kitaaba kanarraa fudhatame)
Tafsiiru Ibn Kasiir-5/605

Kana Raabsi