Kutaa darbe keessatti amaloota gaggaarii gabroota Ar-Rahmaan ilaalle jirra. Isaan warra amaloota hundarra baay’ee gaariin of faayaniidha. Amaloota kanniin keessaa lama ilaalle turre. Isaaniis, yeroo dachii irra deeman haala salphaa fi tasgabbiin kan deemaniidha. Yommuu wallaaltonni dubbii badaa isaanitti dubbatan, dubbii gaarii isaanitti deebisuun nagaha kan ta’aniidha. Of tuulu fi dubbii fokkuun isaan irraa hin mul’atu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota kana keessaa nu haa taasisu jechaa amaloota itti aanan haa ilaallu:

25:64

“[Isaan] Gooftaa isaaniitiif sujuudaa fi dhaabbataa kanneen bulaniidha.” Suuratu Al-Furqaan 25:64

Amaloota zaahiraa (ifaa) gabroota Ar-Rahmaan keessaa tokko hojii hundarra guddaa qaaman hojjatamu kan ta’e salaata eegudha. Fardiis ta’e sunnah sirnaan salaatu. Keessummaayyu, salaata sunnaa keessaa salaata halkaniitti sirritti jabaatu.

Akka lugaatti Sujuuda jechuun gadi of qabuudha. Salaata keessatti immoo sujuudni kallacha, harka lamaan, jilbaa fi fiixee miilaa lafa tuqsiisudha. Sujuudni qaamaa kuni Rabbii olta’aaf gadi of qabuu daangaa ol’aanaa irra gahee agarsiisa. Salaata keessatti dhaabbannaan maal akka ta’e hundi keenya ni beekna.

Kana booda ibsi aayah kana ta’a: amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa, halkan isaanii keessatti Gooftaa isaanii gabbaruuf hojii biroo dhiisu. Rabbii qofaaf sujuuda baay’isuun, Isa qofaaf dhaabbachuun, arraba, qalbii fi yaada isaanitiin Rabbiin yaadachuu fi faarsuun tahajjuda godhu. Faaruu Isaatiin Isa qulqulleessu, sodaa fi kajeellaan Isa kadhatu, azaaba Isaa ni sodaatu, mindaa Isaa ni kajeelu. Qur’aana keessatti:

Cinaachi isaanii ciisicha isaanii irraa fagaata. Sodaa fi kajeellaan Gooftaa isaanii ni kadhatu, waan isaaniif kennine irraas ni baasu. Waan isaan hojjataa turaniif jecha akka mindaatti gammachuu ijaa irraa waan isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu.” Suuratu As-Sajdah 32:16-17

Cinaachi ykn dirri isaanii, bakka rafan irraa hirriba mi’aawa keessaa gara wanta caalatti mi’aawa ta’etti ka’u. Wanti isaan biratti garmalee jaallatamaa fi mi’aawa ta’e salaata halkanii (salaatu leyli) fi Rabbii olta’aa waliin maqoo dhaabbachuudha. Kanaafi, ni jedhe, “Gooftaa isaanii ni kadhatu” kana jechuun faayda addunyaa fi Aakhirah akka isaaniif fidu fi wanta miidhaa qabu akka isaan irraa deebisu ni kadhatu. “Sodaa fi kajeellaan” kana jechuun adabbii Isaa sodaachuu fi rahmataaf mindaa Isaa kajeelun Isa kadhatu.

Gabroonni Ar-Rahmaan Gooftaa isaanii qofaaf gabroota ta’uu. Ibaada keessatti homaa Isa waliin hin gabbaran. Dhugummaa fi Ikhlaasan gadi of qabuu daangaa ol’aanaa irra gahe Isaaf of gadi qabu. Yommuu halkana’uu, carraa Gooftaa isaanii waliin kophaa ta’uu ni saammatu. Isa qofaaf sujuudaa fi dhaabbataa bulu. Fedhii lubbuu isaaniitiif hin bulan. (Fkn, TV, Filmi, badii, oduu faaydi hin qabne fi kkf irra hin bulan).

Gabroonni Ar-Rahmaan halkan isaanii Gooftaa isaanitiif godhu. Kana jechuun haala sujuudaa fi dhaabbannaa irra ta’aniin Gooftaa isaanii gabbaraa bulu.

Akkuma beekkamu, walakkaa halkanii keessatti salaanni gabrichi Rabbii isaa waliin kophaa ta’uun salaatu, Rabbiif dhugaa ta’uu fi hojii qulqulleessutti dhiyoodha, na argaa fi na dhagahaa irraa immoo fagoodha.

Gabroonni Rahmaan dukkana halkanii keessatti, gara Rabbii qajeeluun yeroo isaanii dabarsu.Isa qofa gabbaru, homaa Isa waliin hin shaarrakan. Sababni isaas, dukkana halkanii keessatti Rabbiin gabbaruun na argaa fi na dhagahaa ykn addunyaa irraa waa barbaadu irraa kan fagaate ta’uu ni beeku. Ammas, dukkana halkanii keessatti Rabbii olta’aa gabbaruun qalbii isaaniitiif gammachuu, nafsee isaanitiif tasgabbii, sammuu itti yaadanii fi arganiif ifa, humna keessa isaaniif chaarjii akka ta’e ni beeku. Wantoota garmalee qaali ta’an kanniin Rabbii olta’aaf ibaada qulqulleessu, Isaaf of gadi qabuu fi Isa faarsun malee hin argatan.

Gabroonni Ar-Rahmaan qajeelcha Kitaaba Rabbii fi sunnah Ergamaa isaatiin, akkasumas, mi’aa iimaanaa isaanitiin, mi’aa ibaadaa hojjataniin, mi’aa Rabbii waliin kophaa ta’uu fi maqoo dhaabbachutiin kana ni beeku.

Gabroota Ar-Rahmaan keessatti amalli halkan sujuudaa fi dhaabbataa buluu haa mirkanaa’u malee halkan guutuu hirriba malee buluun isaan irratti dirqamaa miti. Kana irra hanga danda’an halkan irraa ni salaatu. Rasuulli (SAW) hogganaa gabroota Ar-Rahmaani fi sadarka ol’aanaa irra jiru yommuu ta’u, Rabbiin halkan guutuu akka salaataa buluu dirqama isarratti hin goone. Kana irra, halkan irraa hanga ta’e akka salaatu ajaje. (Ilaali suuratu al-Muzzammil 1-5)

Bu’aa Salaanni Halkanii qabu

Irranatti bu’aa salaata halkanii tuttuquuf yaalle jirra. Mee Qur’aanaa fi hadiisa irraa itti haa dabballu. Qur’aana keessatti:

73:6

 “Dhugumatti, ka’uumsi halkanii [arrabaa fi qalbii] wal simachiisutti irra jabaa fi dubbiifis irra qajeelaadha.” Suuratu Al-Muzzammil 73:6

Dhugumatti, ka’uumsi halkanii” kana jechuun hirriba booda yeroo halkanii salaatun[1], “[arrabaa fi qalbiin] wal simachiisutti irra jabaa fi dubbiifis irra qajeelaadha.” Kana jechuun Qur’aana qara’uu fi hiika isaa hubachuuf guyyaa caalaa halkan yaanni fi niyyaan walitti sassaabamu. Sababni isaas, guyyaan waqtii namoonni faffaca’an, sagaleen itti baay’atuu fi yeroo galii jireenyaa itti barbaadataniidha.[2] Guyyaa caalaa yeroo halkanii arrabaa fi qalbiin walitti galuu (wal simatu). Kana jechuun wanta arrabaan jedhan qalbiidhaan ni hubatu, itti xinxallu. Qalbiin yeroo halkanii na argaa, fedhii lubbuu, jeequmsa fi kkf irraa duwwaa ykn bilisa waan taatuf wanta arrabaan jedhan sirritti hubatan.

dubbiifis irra qajeelaadha.” Kana jechuun sammuun waan qulqullaa’uuf, nafseen waan tasgabboftuuf, naannoon iyyansa sagalee fi jeequmsa irraa waan qabbanaa’uuf guyyaa caalaa halkan Qur’aana dubbiisuuf, zikrii fi du’aayi gochuuf sirrii fi gadi dhaabbataadha. Guyyaa caalaa namni yeroo halkanii yommuu Qur’aana qara’uu qajeelche sirnaan qara’a. Yommuu du’aayi godhus du’aayi jecha qajeelaa fi kadhaa hundarra gaarii fi kabajamaa of keessaa qabuun du’aayi godha (kadhata). Akkasumas, namni yeroo halkanii wanti isa jeequ fi yaada isaa bittineessu waan hin jirreef yommuu du’aayi godhu xiyyeefannoo fi yaada isaa sassaabuun godha. Kuni immoo du’aayin akka qeebalamtuuf sababa guddaa ta’a. Namni yaanni fi xiyyeefannoo isaa bittinaa’e osoo jiru du’aayi godhuu fi namni xiyyeeffannoo fi yaada sassaabun du’aayi godhu wal-qixaa?

Sadarkaa salaata halkanii (leyli) ilaalchisee hadiisonni baay’een Nabiyyii irraa dhufanii jiru. Isaan keessaa:
Salaata Fardii (dirqamaa) booda salaanni hundarra caalu salaataa halkaniiti.” Sahiih Muslim 1163

Salaata halkanii qabadhaa. Inni (salaanni halkanii) bartee namoota gaggaarii isin duraati, karaa gara Gooftaa keessanii itti dhiyaattaniidha, hamtuuf kaffaaraadha, badii irraa nama dhoowwa.Jaami’u At-Tirmizii 3549

Dubbiin erga akkana ta’ee mee minda warra salaata halkanii salaatan haa ilaallu.

 “Dhugumatti, Muttaqoonni Jannataa fi burqaalee keessa ta’u. Wanta Gooftaan isaanii isaaniif kenne fudhachaa. Dhugumatti, isaan san dura toltu hojjattoota turan. Halkan irraa xiqqoo qofa kan rafan turan. Obboroo isaan araarama kadhatu. Qabeenya isaanii keessa kadhataa fi hiyyeessa hin kadhanneef haqatu jira.” Suuratu Az-Zaariyaat 51:15-19

Muttaqoota jechuun warra qalbii isaanitiin amananii hojii itti ajajaman hojjatanii fi hojii irraa dhoowwaman dhiisun azaaba (adabbii) Rabbii irraa of eeganiidha. Warra kuni azaaba irraa erga of eeganii, “Jannataa fi burqaalee keessa ta’u” Guyyaa Murtii Jannata keessa seenun burqaa aannanii, bishaanii, dammaa fi farshoo mi’aawaa nama hin macheessine irraa ni dhugu. “Wanta Gooftaan isaanii isaaniif kenne fudhachaa.” Qananii gosa adda addaa Rabbiin isaanii isaaniif kennee irraa fudhachaa Jannata keessa gammachuu fi mirqaansuun jiraatu.  

Dhugumatti, isaan san dura toltu hojjattoota turan.” Kana jechuun Qananii Jannataa kana gahuun dura ganda addunyaa keessatti toltuu hojjattoota (muhsiniin) turan. Toltuun (ihsaanni) waa lama of keessatti qabata: 1ffaa- Ibaadaa bareechisanii sirnaa fi qulqullinnaan hojjachuu-Osoo Isa arguu baataniyyu akka waan Rabbiin arganitti Isa gabbaru. 2ffaa-gabrootta Rabbiitti tola oolu-kan akka qabeenya isaaniif kennu, beekumsa isaan barsiisu, isaan gorsuu, toltutti ajajuu fi badduu irraa dhoowwu, fi kanneen biroo… Inumaa jecha gaarii fi laafaa ta’e dubbachuun, namoota of jalatti bulchanitti fi beelladaaf tola oolun ihsaana (toltu) keessa seena.

Gosoota ihsaanaa gurguddoo keessaa tokko halkaniin salaata salaatudha. Salaanni kuni ikhlaasa kan agarsiisuu fi yeroo halkanii kana keessatti arrabaa fi qalbiin walitti galaniidha. Kanaafi itti aanse ni jedhe, “Halkan irraa xiqqoo qofa kan rafan turan.” Kana jechuun hirribni isaanii kan halkanii xiqqaadha. Halkan irraa hamma caalu salaatun, Qur’aana qara’uun, zikrii fi du’aayi gochuudhaan Rabbiin gabbaruun dabarsu. Irra caalaa halkanii ni salaatu.

“Obboroo isaan araarama kadhatu.” Obboroon waqtii fajrii dura jiruudha. Salaata isaanii hanga obboroo dheeressuun ergasii dhumarratti Rabbiin araarama kadhatu.[3] Badii dabarsanii fi hanqinna isaaniitiif araarama kadhatu. Araarama jechuun Rabbiin dogongora namaaf dhoksuu, badii namarraa haaqu fi gara fuunduraatti nama adabu dhiisudha. Kanaafu, araarama kadhachuu (istighfaara) jechuun akka Rabbiin subhaanahu badii fi hanqinna namaaf haguugu fi haaqu ergasii sababa badiitiin akka nama hin adabne Isatti warwaachudha. Yeroon obboroo kuni yeroo hundarra gaarii araarama itti kadhataniidha.

Qabeenya isaanii keessa kadhataa fi hiyyeessa hin kadhanneef haqatu jira” Kana jechuun toltuu hojjattoonni (muhsiiniin) qabeenya isaanii keessatti nama kadhataa fi hin kadhanneef qooda godhan. Qabeenya isaanii irraa nama kadhataaf ni kennu. Akkasumas, hiyyeessa hin kadhanneefis ni kennu.

Yeroo Salaata Halkanii
Salaanni halkanii (Salaatu leyl ykn qiyaamu leyl) Ishaa’i boodarraa jalqabee hanga fajrii itti fufa. Ergamaan Rabbii (SAW) jalqaba halkanii, walakkaa halkanii fi dhuma halkanii keessa salaataa turan. Ergasii dhuma halkanii salaatu irratti gadi dhaabbatan.[4]

Akkaataa itti salaataan
Salaanni leyli akkuma salaata taraawitti salaatama. Raka’aa lama lama salaatanii ergasii witrii salaatun xumuran. Osoo raka’aa muraasalleen ta’ee bu’aan salaata halkani nama jala darbuu hin qabu. Raka’aa 11 salaatun dirqamaa miti. Hanga danda’an raka’a 3, 5, 7, 9 ykn 11 salaatun ni danda’ama.

Warri Halkan salaatanii fi hin salaanni wal qixaa? Sababa Maalitu kuni akka saalatu, kaan immoo akka hin salaanne taasisee? Qur’aana keessatti ni jedha:

Sila inni Aakhirah sodaachuu fi rahmata Gooftaa isaa kajeeluun yeroo halkanii sujuudaa fi dhaabbataa [Rabbiif] ajajamu [akka nama kana hin hojjanneeti?]. Jedhi, “Sila isaan beekanii fi isaan hin beekne wal qixxaatu?” Dhugumatti kan gorfamu warra sammuu qaban qofa.” Suuratu Az-Zumar 39:9

Sila namni adabbii Aakhirah sodaachuu fi Rahmata Gooftaa isaa kajeeluun yeroo halkanii sujuudaa fi salaataaf dhaabbataa bulu akka nama kana hin hojjanneeti? Kana irra, namni adabbii Aakhirah sodaachuu fi Rahmata Gooftaa isaa kajeeluun halkan hin salaanne, halkan isaa tapha ykn badii hojjachuun dabarsa. Yookiin halkan irraa sa’aati muraasa salaatu osoo danda’u halkan guutuu rafaa bula. Namni jalqabaatii fi namni lammataa wal qixaa?

Garuu sababa maalitu nama garii Aakhirah sodaachuu fi Rahmata Gooftaa isaa kajeeluun halkaniin salaataa akka bulu, garii immoo akka hin salaanne taasisaa? Tarii sababni kanaa, namni jalqabaa ni beeka. Kana jechuun beekumsa waa’ee Rabbii olta’aa, qananii fi adabbii Guyyaa Qiyaamaa fi kan biroo ilaalchise argachuuf ni carraaqa. Kan lammataa immoo hin beeku, kana jechuun beekumsa Islamaa argachuuf hin carraaqu. Kana irra, beekumsa irraa ni garagala.

Kanaafu, gaafin warroonni beekanii fi warroonni hin beekne wal qixa akka hin taane amansiisu haa ka’u: “Jedhi, “Sila isaan beekanii fi isaan hin beekne wal qixxaatu?” Deebiin isaa: Ifaan ifatti wal hin qixxaa’an.

Dansaadha: namoonni gariin maaliif gorfamuun beekumsa barbaaduf carraaqu? Gariin immoo maaliif hin gorfamne? kanaaf beekumsa argachuuf hin carraaqan. Deebiin isaa: warri gorfaman namoota sammuu waa hubattu fi badii irraa nama dhoowwitu qabaniidha. Kanaafu sammuu akkanaatin ni gorfaman: “Dhugumatti kan gorfamu warra sammuu qaban qofa.” (Kana jechuun ragaalee Rabbii ilaale kan ittiin gorfamuu, ragaalee kanniinitti xinxallee ergasii karaa qajeelaa hordofu warra sammuu qaban qofa. Asitti sammuun-aqlii waa hubatuu fi waan badaa irraa nama dhoowwudha. Kanaafu, beekumsa fi ragaalee Rabbiin irraa dhufe hubachuun kan hordofuu fi waan badaa irraa of qabu warra aqlii qaban qofa.)

Gaafi “Sammuun (aqliin) namoota hin gorfamne eessa dhaqee?jedhuuf deebiin isaa keeyyatoota Qur’aanaa biraa keessatti dhufee jira. Keeyyattoonni kunniin sababni warroonni kuni hin gorfamneef “dhiibbaa nafsee” akka ta’e ifa godhu. Dhiibbawwan nafsee keessaa isaan gurguddoon: of tuuluu, badii hojjachuuf dharra’uu, addunyaa ariifattuu fi gabaabdu tana jaallachuudha.[5] Dhiibbawwan nafsee kanaan sammuun (aqliin) isaanii ni haguuggame. Kanaaf, adabbii Aakhirah sodaachuu fi rahmata Rabbii kajeeluun Isaaf hin ajajaman. Kana irra, addunyaa filatan, hasaasa sheyxaanaa ni hordofan.

Guduunfaa
✏Amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa tokko salaata halkanii irratti ni jabaatu. Garuu warri kuni salaata halkanii irratti kan jabaataniif salaata dirqamaa (fardii) ta’an sirnaan erga salaataniidha. Salaata fardii shanan osoo hin salaatin akkamitti salaata halkanii salaatu danda’uu?
Salaanni halkanii faaydaalee baay’ee qaba. Isaan keessaa:
✏Halkan yeroo tasgabbii waan ta’eef yeroo qalbii fi arrabni wal simataniidha, Qur’aana sirnaan itti dubbisanii fi hubataniidha.
✏Salaanni halkanii badiin akka namarraa haxaawamuuf sababa ta’a. Badiin namarraa yoo haxaawame immoo ba’aan namarraa hir’ata. Kanaafu, jireenya keessatti tasgabbii argatan.
✏Hojii ibaada biroo hojjachuuf, iimaana irratti gadi dhaabbachuu fi badii irraa of qabuuf salaanni halkanii humna cimaa namaaf ta’a. Sababni isaas, salaanni halkanii na argaa fi na dhagaha irraa waan fagaateef Rabbii olta’aa irraa gargaarsaa fi eeggumsa argatan.
✏Kanneen armaan olii hunda hojjachuu fi itti fufuuf beekumsa argachuuf carraaqu barbaachisa. Namni akkuma beekumsa dabalatuun sadarkaan isaa olka’aa fi hojii gaggaarii baay’isaa adeema.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Sa’dii-fuula-1054
[2] Tafsiiru Ibn Kasiir-7/407
[3] Tafsiiru Sa’dii-fuula 954, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-13/233-234
[4] Sifaatu Ibaadu Rahmaani-11-13, Abdurazzaaq AbdulMuhsin Badrii
[5] Qawaa’idu Tadabburil amsali li-kitaabillahi azza wa jalla-fuula 79-80, Abdurahmaan Hasan Habanka
Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-jiildi 6, fuula 616-618

Kana Raabsi