Rakkoolee gurguddaa jireenya keessatti nama muudatan keessaa tokko rakkoo diinagdeeti. Yommuu qabeenya argatan garmalee israafa gochuun (qisaasessuun) dhiphinna cimaatti seenu. Yookiin immoo doy’a ta’uun osoo itti hin fayyadamin, qabeenyi suni irraa fudhatama ykn inni irraa du’a. Gabroonni Ar-Rahmaan akkaataa diinagde itti horatanii fi bulchan warra beekaniidha. Kutaa darbe keessatti Gabroonni Ar-Rahmaan namoota waliin walitti dhufeenya akkami akka qabanii fi ibaada akkamitti akka hojjatan ilaalle turre. Har’a immoo diinagdee waliin hariiroo akkami akka qaban ni ilaalla. Amaloota kanniin qo’annee diinagdee keenya too’achuu fi haala sirriin bulchuuf nuti qophiidhaa? Waliin haa jalqabnu…

25:67

Isaan yommuu baasan kan hin qisaasessinee fi hin doy’oomneedha. Garuu gidduu kanatti [baasin isaanii] jiddu-galeessa kan ta’eedha.” Suuratu Al-Furqaan 25:67

Gabroonni Ar-Rahmaan baasi (nafaqaa) dirqamaas ta’ee baasi jaallattamaa yommuu baasan, baasi barbaachisu caalaa baasun kanneen hin qisaasessineedha. Ammas, baasi dirqamaa dhiisun kanneen hin doy’oomnedha.

“kan hin qisaasessinee” kana jechuun baasi keessatti daangaa sirrii ta’ee kanneen hin darbineedha.
“hin doy’oomneedha” kana jechuun baasi ofii fi baasi namoota isaan irratti baasun dirqama ta’ee kanneen hin dhiphisneedha. Jecha biraatin, qabeenya osoo qabanu baasi ofirratti baasu hin danqan (hin dhiphisan). Namoota isaan jala jiran irrattis hin dhiphisan.

Garuu gidduu kanatti [baasin isaanii] jiddu-galeessa kan ta’eedha.” Kana jechuun baasin isaanii qisaasessuu fi doy’ummaa jidduu karaa jiddu-galeessaa irra kan ta’eedha.

Qisaasessuun gara mirgaatin yommuu ta’uu, doy’ummaan immoo gara bitaa irratti argama. Karaan jiddu-galeessaa immoo karaa qajeelaa isaan lamaan jidduutti argamuudha.[1] Gabroonni Ar-Rahmaan baasi isaanii keessatti, gara mirgaa gorun osoo hin qisaasessin ammas, gara bitaa gorun osoo hin doy’oomin, karaa jidduu-galeessaa hordofu.

Kanniin hubachuuf mee fakkeenyaan haa ilaallu. Namni tokko nyaata ni nyaata. Nyaata isaa keessatti garmalee nyaachun daangaa yoo darbe, qaamni isaa ni dadhaba. Hojii gaggaarii hojjachuu hin danda’u. Kuni israafa (qisaasessuudha). Gama biraatin immoo, osoo qabeenya qabu hamma barbaachisu gadi yoo nyaate ykn nyaata yoo dhiise, qaamni isaa garmalee laafee hojii gaggaarii hojjachuu dhiisa. Kuni doy’ummaadha. Karaan jiddu-galeessa ta’e, osoo garmalee hin baay’isinii fi garmalee hin xiqqeessin haala madaallamaa ta’een nyaachudha.

Akkuma beekkamu namni humnaa ol baay’isee yoo nyaate, dhibee adda addaatiif of saaxila. Akkasumas, hamma barbaachisu gadi yoo nyaates rakkinna adda addaatiif saaxilama. Kanaafu, qisaasessuu fi doy’ummaan karaalee jallataa ta’aniidha.

Gabroonni Ar-Rahmaan diinagdee isaanii baasu keessatti gamnoota fi warra qalbii qabuudha. Fedhii lubbuutin dhiibamuun qabeenya isaanii akkuma argan hin balleessan. Ammas, doy’ummaa, haafa’uu fi sodaa hiyyummaatin dhiibamuun dirqama isaan irra jiru baasu irraa qabeenya isaanii garmalee hin qusatan.

Hayyoonni keenya qisaasessuu fi doy’ummaa aayah tana keessatti barbaadame haala kanaan guduunfu:
Asitti qisaasessuun hiika lama qaba: 1ffaa-baasi halaalaa yommuu baasan daangaa darbuudha. Fkn, uffata, nyaata fi kkf irratti baasi daangaa darbe baasu. 2ffaa- wanta Rabbiin dhoowwe irratti qabeenya baasu. Osoo xiqqaatellee, haraama irratti qabeenya baasun qisaasessuudha. Fkn, khamri (wanta nama macheessu) bituu fi wanta fokkuu adda addaa irratti qabeenya baasun qisaasessudha.
Doy’ummaanis hiika lama qaba: 1ffaa-hamma nama barbaachisu irraa hanqisuu fi garmalee xiqqeessu. 2ffaa-Haqa Rabbii dhoowwachuu[2]– fkn, osoo qabeenya gahaa qabanu zakaa baasu ykn sadaqaa kennuu diduu.

Gabroonni ar-Rahmaan dhaamsa Rabbiin kitaaba Isaa keessatti buuse waan beekaniif, qabeenya isaanii badii irratti baasun ykn hamma isaan barbaachisu ol baasun hin qisaasessan. Ammas, hamma isaanii fi namoota isaan jala jiraniif barbaachisu hanqisuun ykn haqa isaan irratti dirqama ta’e dhoowwachuun hin doy’ooman. Akkaata diinagde itti horatan ilaalchise dhaamsi Rabbii (Subhaanahu) kana ture:

Firaaf, harka qalleeyyi fi karaa deemaafis haqa isaa kenni. Qisaasessuu hin qisaasessin. Dhugumatti, warri qisaasessan obboleeyyan sheyxaanotaa ta’anii jiru. Sheyxaannis Gooftaa isaa akkaan waakkataa ta’eera. Gooftaa kee irraa rahmata abdattu barbaadun yoo isaan irraa garagalte, jecha laafaa isaanitti dubbadhu. Harka kee gara morma keetti sakaallamaa hin godhin, diriirsuu guutus hin diriirsin, komatamaa fi harka qullaa taate teessati.” Suuratu Al-Israa 17:26-29

Firaaf, harka qalleeyyi fi karaa deemaafis haqa isaa kenni.”
Firaaf yommuu jedhu dhiigummaan fira kan ta’an, kanneen akka abbaa, haadha, ijoollee fi kanneen biroo. Firaaf haqaa isaa kennuun kan ta’uu tola isatti oolu, hariiroo firummaa sufuu, baasi dirqamaa fi jaallatamaa isaan irratti baasudha. Garaagarummaa haajaa isaanii, dhiyeenya firummaa fi yeroo irratti hundaa’e haqni kunniin garagara ta’u. Harka qalleeyyi jechuun nama hiyyeessa ta’eedha. Haqni nama kanaaf kennamu zakaa ykn sadaqaa irraa hamma ta’ee isaaf kennuun haajaa isaa guutudha. Haqni karaan deemaan qabu immoo yoo mana namaa bule, haala gaariin isa keessumeessu. Yoo maallaqa iddoo jireenya isaa ittiin gahuu fixate ykn dhabe, maallaqa biyya ofii ittiin gahuu isaaf kennuudha.

Kanaafu ibsi aayah: fira keetiif tola oolun, baasi isaan irratti baasun, hariiroo firumma sufuun haqa isaanii kenniif. Ammas, hiyyeessafis sadaqaa kennuun, karaa deemaas keessumeessun ykn itti sadaqachuun haqa isaanii kenniif.[3]

“Qisaasessuu hin qisaasessin. Dhugumatti, warri qisaasessan obboleeyyan sheyxaanotaa ta’anii jiru. Sheyxaannis Gooftaa isaa akkaan waakkataa ta’eera.”

Qisaasessuu jechuun faffacaasudha. Akkuma sanyii midhaanii facaasanitti qabeenya bakka sirrii hin taanetti faffacaasun qisaasessudha. Kuni shari’aa keessatti daangaa waan darbuuf balaalefatamaadha. Wanta Rabbiin dhoowwe irratti baasin bahu hundi qisaasessuudha. Wanta Rabbiin hayyame keessatti haajaa ol baasi baasunis qisaasessuudha. Miidhaaf ykn rakkisuuf baasin bahu hundi qisaasessuudha. Baasin karoora hin qabnee fi bakki qabeenyi itti bahuu hin beekkamnes qisaasessuu irraayyi.
➞Qisaasessuu keessaa wanta nama macheessu, araada nama qabsiisu hunda irratti qabeenya baasudha. Fkn, alkooli, sigaaraa, caati fi kkf irratti qabeenya baasun qisaasessuudha.
➞Mana keessatti meeshaan gahaan osoo jiru, bakka biraatti waan arganiif meeshaa san bituun mana guutun qisaasessuudha.
➞Ammas, qisaasessu keessaa affeerraa cidhaa, affeera nyaataa (diggisii) irratti hamma barbaachisu ol nyaata qopheessun ergasii kositti darbuudha.
➞Gosoota qisaasessuu hawaasa keenya keessatti adeemsifamu lakkoofne hin fixnu. Gabaabumatti qisaasessuun badii irratti qabeenya baasu, hanga itti hajamanii ol baasu, karoora malee qabeenya bittineessudha.

Qisaasessuu hin qisaasessin.” Kana jechuun qabeenya kee Rabbiin faallessu keessatti hin baasin (haraama irratti hin baasin), hanga itti hajamtu ol hin bittineessin, qabeenya kee bakkuma argiteetti hin balleessin. Kana irra, Rabbiif jedhii karaa kheeyri (gaarii) keessatti haala madaallamaan baasi.

“Dhugumatti, warri qisaasessan obboleeyyan sheyxaanotaa ta’anii jiru.”
Rabbiin subhaanahu warra qisaasessan obboleeyyan sheyxaanota ta’uu ibse. Kana jechuun sheyxaana waliin kan saahiboman ykn hiriyyoomaniidha. Isaan hasaasa sheyxaanatiin kan dhiibamaniidha. Sababni kanaa, baasi keessatti qajeelinni isaan bira waan hin jirreef hasaasa sheyxaanaa fedhii isaanii too’atuuf saaxilamu. Hanga fedhan qabeenya haa baasan, fedhii lubbuu sheyxaanni itti isaan kakaasu guuttachuuf gara fuunduraatti furga’u. Wanti fedhii lubbuu isaanii too’atu isaan bira waan hin jirreef, fedhii duuka bu’uun qabeenya qisaasessu. Sheyxaanni jinnii fi namaa gadi isaan xiqqeessun isaanitti taphatu. Suuta suutaan wanta hayyamamaa irraa gara wanta jibbameetti, ergasi gara wanta dhoowwamaa xiqqaatti, ergasii gara wanta dhoowwame guddaatti san booda gara kufriitti isaan geessu. Kunis kan ta’u, hamma injifannoo fedhiin lubbuu namoota dhuunfaa tokkoon tokkoon irratti qabuuni.[4]

(Sheyxaanni wanta tokko nama hawwisiisa. Namni kuni yoo of hin too’atin, fedhii lubbuu isaa guuttachuuf qabeenya qabu hunda ni baasa. Tarii wanti kuni haraama ta’uu danda’a. Kanaafu, sheyxaanaaf tolee jechuun haraama irratti qabeenya baasuun obboleeyyan sheyxaanaa irraa nama godha. Ammas, sheyxaanni namaa TV, gazeexaa fi midiyaa adda addaatin gara badiitti nama waamu. Namni isaaniif awwaachun qabeenya ofii yoo bittineesse obboleeyyan sheyxaanaa keessaa ta’a. Miidhaan qabeenya qisaasessu maal akka ta’e gara boodaatti ni ilaalla.)

“Sheyxaannis Gooftaa isaa akkaan waakkataa ta’eera.” Sheyxaanni qananii Gooftaan isaa isarratti ooleef galata hin galchu. Kana irra ni waakkata. Waakkachuun kunis kan ta’u, Rabbiif ajajamuu diduu fi Isaa faallessuudha. Haaluma kanaan, ilmaan Aadam irraa obboleeyyan sheyxaanaa qisaasessitoota ta’an, qananii Rabbiin isaan irratti ooleef galata hin galchan. Kana irra, ajaja Isaa ni faallessu, badii adda addaa hojjatu.[5]

“Gooftaa kee irraa rahmata abdattu barbaadun yoo isaan irraa garagalte, jecha laafaa isaanitti dubbadhu.” Kana jechuun yommuu firri kee, hiyyeessi fi karaa deemaan waa si kadhate, garuu si bira homaa kan hin jirre yoo ta’ee irraa garagaltee, jecha laafaa fi gaarii isaanitti dubbadhu. Jecha biraatin, rizqii waan dhabdeef garuu gara fuunduraatti Rabbiin rizqii akka siif kennu kan abdattu taate yoo isaan irraa garagalte, dubbii laafaa isaanitti dubbadhu. Asitti “isaan irraa garagaluun” fuulaan irraa garagaluu osoo hin ta’in, qabeenya waan hin qabneef, “Waa isaaniif kennuu dhiisudha.” Garuu yommuu waa kennuu dhiisan, jecha laafaa fi gaarii ta’e dubbachuudha. Fakkeenyaf, Waadaa gaarii isaaniif seenu. “Yoo rizqiin Rabbii nuuf dhufe, in sha Allah siif kennina” isaaniin jechu. Yookiin, “Rabbiin nuu fi siif haa razzaqu.” Jechuu fi dubbii gogiinsi fi jabeenyi keessa hin jirre isaanitti dubbachuudha.[6] Kuni kan agarsiisu kadhataa dubbii badaa itti dubbachuu fi arrabsuu dhiisudha. Namoonni gariin kadhataa ni arrabsu. Osoo waa isaaf kenniniyyu dubbii jabaa fi gogaa itti dubbatu. Kuni amala badaa Muslima irraa hin eeggamneedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

2:263

“Jecha gaarii fi araaramatu sadaqaa rakkisuun hordofame irra caala. Rabbiin Dureessa, Obsaadha.” Suuratu Al-Baqarah 2:263 (Kana jechuun sababa sadaqaatin nama rakkisuun sadaqaa namaaf kennu irra dubbii gaarii namatti dubbachuu, du’aayi namaaf gochuu fi hanqinna namaaf dhoksutu caala.)

“Harka kee gara morma keetti sakaallamaa hin godhin, diriirsuu guutus hin diriirsin, komatamaa fi harka qullaa taate teessati.” Rabbiin subhaanahu aayah tana keessatti haala nama haafayuu fi doy’aa haala nama harki isaa morma isaatti sakaallameen ykn hidhameen wal fakkeesse. Namni harki isa mormatti hidhame harkaan homaa hojjachuu hin danda’u. Nama qisaasessuu immoo haala nama harka ofii guutuu gadi diriirseen wal fakkeesse. Namni harka isaa guutuu yoo gadi diriirse fi gadi lakkise homtu harka isaatti hin hafu. Duraan harkatti kan waa qabatu yoo ta’e, yommuu harka isaa gadi diriirse wanti suni harkaa kufa. Haaluma kanaan namni qabeenya isaa qisaasessuu fi balleessu dhumarratti homaa isa harkatti hin hafan.

“Harka kee gara morma keetti sakaallamaa hin godhin” kana jechuun nafsee tee, maatii kee, firoota kee, keessummaa keeti fi namoota biraa irratti baasu keessatti haafayaa fi doy’a hin ta’in.
“diriirsuu guutus hin diriirsin”, ammas baasi kee keessatti hin qisaasessin. Humna keeti ol kennitee fi galii kee caalaa baaste komatamaa fi harka qullaa taate teessati.[7] Asitti “diriirsu guutuu hin diriirsin” jechuun ajaje. Sababni isaas diriirsun gariin faarfamaa fi gaariidha. Kana jechuun qabeenyaa guutuu hin kenniin ykn hin balleessin. Garuu qabeenya kee irraa hamma ta’ee karaa gaarii keessatti baasi.

Aayan tuni osoo doy’a hin ta’inii fi hin qisaasessin karaa jiduu galeessaa akka hordofan nama qajeelchiti. Namni karaa jiddu-galeessaa hordofuu dhiisee doy’aa ta’e ykn qisaasessaa ta’e, dhumarratti komatama fi harka qullaa kan hafu ta’a. “komatamaa fi harka qullaa taate teessati”

“Eeti, namni qisaasessu harka qullaa hafuu danda’a. Garuu namni doy’i qabeenya ofii waan kuufatuuf akkamitti harka qullaa hafuu danda’aa?” Gaafin jedhu ka’uu danda’a. Deebii isaa haala kanaan haa ibsinu:

Namni haafayuu fi doy’ummaa irraa kan ka’ee qabeenya garmalee qabatu, Rabbiin biratti, Malaykootaa fi namoota biratti komatamaa (waqqafamaa)dha. Ergasii Guyyaa Qiyaamaa Gooftaa isaa biratti wanta barbaadu argachuu irraa dadhabaa fi harka qullaa hafa. Guyyaa Qiyaamaa yommuu namoonni sadaqaa kennaa turan wanta isaan gammachiisu argatan, namni doy’i immoo sadaqaa waan hin kenniinef wanta namoonni sadaqa kennan argatan ni dhaba. Sababa kanaan, homaa kan hin arganne ta’e harka qullaa hafa. Kan gadduu fi seena’u ta’ee taa’a. Nama isa gargaaru hin argatu.

Namni qabeenya qisaasessuus Rabbiin biratti, Malaykootaa fi namoota biratti komatamaa (waqqafamaa) ta’a. Ergasii Guyyaa Qiyaamaas, wantoota baay’ee barbaadamu argachuu irraa dadhabaa fi harka qullaa kan hafu ta’a. Addunyaa tana keessattillee qisaasessuun isaa hiyyeessaa fi sadaqaa namootatti kan hajamu isa taasisa. Wanta Rabbiin dhoowwe keessatti qabeenya baasu isaatiif kan gaabbu ta’ee harka qullaa taa’a.[8]

Eeti, namoonni doy’a ta’anii fi qisaasessan hawaasa keessattillee ni komatamu. Nama doy’a namoonni maqaa badaan isa kaasu. Akkasumas, osoo haafayuu fi doy’a ta’uu guyyaa tokko qabeenya isaa balaan itti buute harka dhadhoofti (balleessiti). Ergasii kan gaddu fi gaabbu ta’e harka qullaa taa’a. Namni qisaasessuus yommuu qabeenyi isa jalaa dhumu, kan gaabbu, harka qullaa waa harkaa hin qabnee fi dadhabaa mala dhabe ta’ee taa’a.

Gabroonni Ar-Rahmaan kana waan beekaniif qabeenya isaanii baasu keessatti karaa jiddu-galeessaa hordofu.

Guduunfaa
✒ Qisaasessuun waa lama of keessatti qabata: wantoota Rabbiin dhoowwe (haraama) irratti qabeenya baasuu fi haajaa ol wantoota hin barbaachisne irratti qabeenya baasudha.
✒ Doy’ummaanis wantoota lama of keessaa qaba: nafsee ofiitiif, maatii fi namoota nama jala jiraniif wanta dirqamaan barbaachisu guutuu dhiisu fi haqaa Rabbiin itti ajajee kennu didu. Fkn, osoo qabeenya baay’ee qabanuu zakaa dhoowwachu, sadaqa kennu didu.
✒Karaan jiddu-galeessaa kanniin hundarraa bilisa kan ta’eedha. Gabroonni Ar-Rahmaan hin qisaasessanis, hin doy’oomanis. Baasin isaanii madaallamaa fi jiddu-galeessa kan ta’eedha.


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi – 6/626
[2] Zaadul Masiir fuula 1022, Akkasumas, Tafsiiru Xabarii-17/497-…
[3] Tafsiiru Sa’dii-530, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -9/601-602, Tafsiiru Xabarii-14/564-565
[4] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi 9/603-604
[5] Tafsiiru Xabarii-14/568
[6] Tafsiir ibn Kasiir, 5/69, Fathul Qadiir-fuula 819-Shawkaani, Ma’aariju tafakkuri 9/605, Zaadul Masiir 810
[7] Tafsiir ibn Kasiir, 5/69
[8] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -9/607

Kana Raabsi