Kabajamtoota dubbistoota sammubani.com Assalamu aleykum wa rahmatullahi wa barakaatuh (nageenyi, rahmanni fi barakaan Rabbii isin irra haa jiraatu) Gara waggoota lamaaf waa’ee iimaana, Islaamaa fi tawhiida osoo ilaallu kuno as geenye. Alhamdulillah Rabbiil aalamiin. Sababa barreefama kanaatin iimaana keenya ijaarrachuu fi bareechisu akka jalqabne abdii qaba. Biqiltuu iimaanaa keenya kana guyyaa guyyaan beekumsaa fi hojiin kunuunsaa akka jirru abdi qaba. Akkuma wanta biqiltuu teenya tana jabeessuu fi guddisu beekuu fi hojii irra oolchuuf carraaqnu, wanta biqiltu tana balleessu beekuu fi irraa fageessuuf carraaqun nurraa eeggamaa miti ree? Hanga ammaatti wanta biqiltu iimaana dagaagsu fi jabeessu ilaalaa tureerra. Amma immoo wanta biqiltu iimaanaa balleessu ilaalla. Isin qophiidhaa?

Akkuma wanti iimaana jabeessu fi dagaagsu waggaa tokko fi ji’a 11 nurraa fudhate, wanti iimaana diigu kana qorachunis yeroo dheeraa nurraa fudhachuu akka danda’u hin dagatinaa. Ammaf kitaaba, “Nawaaqidul Iimaanil qawliyat wa amaliyyat” jedhuu irraa jalqabna.

Seensa
Dhugumatti, faarun hundi kan Rabbiiti. Isa faarsina, gargaarsaa fi araarama Isa kadhanna. Sharriwwan nafsee teenyaati fi badii hojiwwan keenyaa irraa Rabbiin tiikfamna. Nama Rabbiin qajeelche, kan isa jallisu hin jiru. nama Inni jallise kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbii tokkicha shariika hin qabne malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha. Ammas, Muhammad gabrichaa fi ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha.

3:102

Yaa warra amantan! Sodaa dhugaa Rabbiin sodaadhaa. Muslimoota taatanii malee hin du’inaa.” Suuratu Ali-Imraan 3:102

Yaa namoota! Gooftaa keessan Kan lubbuu takka irraa isin uume, ishii (lubbuu takkatti san) irraa cimdii ishee uumee fi isaan lamaan irraas dhiirotaa fi dubartoota baay’ee facaase sodaadhaa. Rabbii ittiin wal kadhattanii fi firummaas [muruu] sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin isin too’ataadha.” Suuratu An-Nisaa 4:1

“Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; jecha sirrii dubbadhaa. Inni (Rabbiin) dalagaalee keessan isiniif tolcha, badiiwwan keessaniis isiniif araarama. Namni Rabbii fi Ergamaa Isaatiif ajajame, dhugumatti milkii guddaa milkaa’e jira.” Suuratu Al-Ahzaab 33:70-71

Itti fufuun…
Seensi kuni wanta armaan gadi of keessatti qabate:
Barbaachisummaa mata duree kanaati fi sababoota filannoo isaa

Barbaachisummaan mata-duree: “Dubbii fi hojii iimaana diigan” jedhu karaa adda addaatin ifa baha. Isaan keessaa:
1-Wanti iimaana diigu badii hundarra guddaa ta’eedha. Namni wantoota iimaana diigan keessaa tokko hojjate, amanti keessaa bahee jira. Wantoota iimaana diigan kanniin keessaa tokko jiraachu waliin iimaanni hin ta’u. (Iimaanaa fi wanti iimaana diigu bakka tokkotti waliin ta’uu hin danda’an.) Hojii gaarii hunda balleessa. Kanarratti dabalatee, Rabbiin nama wanta iimaana diigu irratti du’e hin araaramuuf. Kana irra, namni kuni ibidda Jahannam keessa zalaalamiif jiraata. Akkuma kitaaba Rabbii olta’aa keessatti dhufe:

“Dhugumatti, warroonni kafaranii fi kaafiroota ta’anii du’an, isaan keessaa namni tokko warqii dachii guutuun osoo ittiin of bituu [fedheyyuu] irraa hin fuudhamu. Isaan sun adabbii laallessaatu isaaniif jira. Isaaniif tumsitoonni hin jiran.” Suuratu Aali-Imraan 3:91

Kana jechuun, namoonni Nabiyyummaa Muhammad (SAW) mormanii fi Rabbii fi Ergamaa Isaatti kafaranii osoo jiranuu du’an, Guyyaa Qiyaamaa isaan keessaa namni tokko warqii dachii guutuu adabbii Rabbii jalaa nagaha of baasuuf osoo kennu danda’e, gonkumaa  isarraa hin fuudhamu. Isaan suni, adabbii garmalee nama dhukkubsutu isaaniif jira. Adabbii Rabbii jalaa kan isaan baasu hin jiru.[1]

Namni iimaanatti kafare, hojiin isaa jalaa badee jira. Inni Aakhiraatti warroota hoonga’an (kasaaran) irraa ta’a.” Suuratu al-Maa’ida 5:5

Warroonni kafaran ibidda Jahannamtu isaaniif jira. Akka du’aniif [duuti] isaan irratti hin murteefamu. Adabbii ishii irraas homtu isaan irraa hin salphifamu. Akka kanatti akkaan kafaraa hunda jazaa kafallaaf.” Suuratu Faaxir 35:36

Dhugumatti, warroonni kafaranii fi karaa Rabbii irraa [namoota] dhoowwan, ergasii kaafiroota ta’anii du’an, Rabbiin gonkumaa isaaniif hin araaramu.” Suuratu Muhammad 47:34

Ibn Taymiyaan (rahimahullahu) dhimma kafarsiisuu fi bu’aalee achirraa dhalatuu yommuu dubbatu, wanta jedhe keessaa:
“Beeki, dhimmoonni kafarsiisuu fi fassaqsiisuu dhimmoota maqaalee fi murtiwwan keessaa kan waadaa fi sodaachisni ganda Aakhirah keessatti isaan wal qabatuudha. Akkasumas, ganda addunyaa keessatti jaalalummaa fi diinummaan, ajjeessu fi eegunii, fi kanneen biroo wal qabataniidha. Dhugumatti, Rabbiin subhaanahu Jannata mu’mintootaaf dirqama godhe, kaafiroota irratti immoo Jannata ni dhoowwe. Kuni yeroo fi bakka kamittuu murtiwwan wali galaa irraayyi.”[2] (Kafarsiisu jechuun inni kaafira jechuun irratti murteessudha. Fassaqsiisu jechuun inni faasiqa jechuun dubbachuu ykn irratti murteessudha.)

2-Balaa wantoota iimaana diigan kanniinii ilaallaan, isaan beeku fi gosoota isaanii baruun nurratti dirqama ta’a. Itti kufuu irraa of eeggachuuf karaan kaafirootaa ifatti mul’achuu qaba. Rabbiin azza wa jalla ni jedha:

“[Haqni akka mirkanaa’u] fi karaan yakkamtoota ifa ta’uuf akka kanatti keeyyattoota addeessina (ibsina).” Suuratu Al-An’aam 6:55

Bakka kanatti imaamu ibn Al-Qayyim ni jedha: “Rabbiin olta’aan kitaaba Isaa keessatti karaa mu’mintootaa bal’innaan, karaa yakkamtootaa (kaafirotaa fi namoota badii hojjatan) bal’innaan, dhuma mu’mintootaa bal’innaan, dhuma yakkamtoota bal’innaan ibsee jira. Warroonni Rabbiin, kitaaba Isaatii fi amantii Isaa beekan, karaa mu’mintoota bal’innaan beekanii jiru, karaa yakkamtootas bal’innaan beekanii jiru. Kanaafu, akkuma nama imala deemuuf karaan gahuumsa yaadetti isa geessu fi karaan wanta isa balleessutti isa geessu ifa ta’eef, karaaleen lamaan kunniin isaaniif ifa ta’anii jiru. Namoonni kunniin uumamtoota hunda caalaa beektota kan ta’aniidha, namootaaf faayda kan buusanii fi dhugaa ta’aniidha. Sababa kanaafi, hanga Guyyaa Qiyaamaa sahaabonni namoota isaan booda dhufan hunda caalan. Dhugumatti, isaan karaa jallinnaa, kufrii fi shirkii keessatti guddatan. Bal’innaan karaa kana ni beekan. Ergasii, Ergamaan Rabbii (Sallallahu aleyh wassallam) dhufuun dukkana cimaa keessaa gara ifa guututti isaan baase. Shirkii keessaa gara tawhiidaatti [isaan baase]. Kanaafu, hamma isa (tawhiida) argatanii fi hamma wanta keessa turanii ni beekan. Dhugumatti, wantoonni faallaadhaan ifa ta’u.

Dhama’iinsi kan uumamuu yommuu beekumsi karaalee lamaanii ykn isaan keessaa tokko dadhabaa ta’uudha. Akkuma Umar (radiyallahu anhu) jedhe: qabannoon Islaamaa tokkoon tokkoon kan diiggamu yommuu namni wallaalummaa (jaahiliyyah) hin beekne Islaama keessatti guddateedha.” Kuni beekumsa guutuu Umar (radiyallahu anhu) irraayyi. Namni karaa yakkamtoota hin beekne fi isaaf ifa hin taane, karaa isaanii garii karaa mu’mintoota akka ta’etti yaadun isaa hin oolu. Dhimmoota baay’ee ilaalchise akkuma ummata kana keessatti uumame…” (gabaabbinnaan, Fawaa’id fuula 101, 102, ilaali Al-Fataawaa 10/301, Ibn Taymiyah)

Barbaachisummaa mata duree kanaa sheykh Abdullah bin sheykh Muhammad bin Abdulwahhaab akkana jechuun ifa godha:
Osoo hin beekin akka itti hin kufneef dhimmoonni kunniin wantoota barbaachisoo mu’minni xiyyeefannoo itti kennu qabuudha. . Akkasumas, Islaamaa fi kufriin isaaf ifa akka ta’u, hanga dongongorri sirrii irraa isaaf adda bahuutti, kanaafu, diini Rabbii keessatti beekumsa ifaa irratti ta’utti [wantoota iimaana diigan xiyyeefannoo itti kennuu qaba.] Warra wallaalaa fi shakkaniin gowwoomu hin qabu. [Wallaaltoonni fi shakkitoonni] osoo lakkoofsan baay’ee ta’aniyyuu, Rabbiin biratti, Ergamaa Isaatii fi mu’mintoota biratti gatiin isaanii xiqqaadha.” (Ad-Duraru As-Sinniyatu fii ajuubati najdiyyati-8/118)

Guduunfaa
Wantoonni gurguddoon iimaana diiganii fi Islaama keessaa nama baasan kufrii fi shirkiidha. Kufrii fi shirkiin gosootaa fi dameewwan baay’ee qaba.
Namni tokko iimaanni isaa yoo jalaa diigamee fi Islaama keessaa bahe, du’aan dura yoo hin tawbatin, adabbii Jahannam keessa zalaalamiif jiraata. Kanaafu, wantoota iimaana diigan beekun garmalee garmalee barbaachisaadha.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-61
[2] Majmuu’ al fatawaa-12/468
Nawaaqidul Iimaani qawliyat wal amalayat” fuula 3-6, Abdulaziz bin Muhammad