Jalqaba irratti wantoota barbaachisoo keessaa hiika iimaanaa fi wanta isa faallessuu dubbachuu barbaanna. Gabaabinnaanis ta’uu mata duree iimaanaa fi diiggaa isaa (kufrii) keessatti dhimmoota barbaachisoo garii qorannoo keenyaan hidhata qabu akeekna. Hiikkaa iimaanaa ilaalchisee dubbiin keenya haala armaan gadiitiin ta’a:

Qur’aanaa fi Sunnah keessatti jechoota biroo caalaa iimaanni irra deddeebi’uun dubbatamee jira. Iimaanni hundee amantiiti, namoonni dukkana keessaa gara ifaatti iimaanan bahu. Iimaanni namoota gammachuu fi gidiraa, nama jaallatu qabanii fi diina itti ta’an adda baasa. Akkuma Ibn Taymiyaan jedhu:
“Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) jecha iimaanaa kanaan wanta barbaadame fi wanta isa faallessu ibsa ragaa biraa hin barbaachisne ibsee jira. Kanaafi,moggaafama maqaalee akkanaatiif gara ibsa Rabbii fi Ergamaa Isaatti (SAW) deebi’uun dirqama. Dhugumatti ibsi kuni fayyisaa fi gahaadha. Inumaa, hiikni maqaalee kanniinii galuumsa himaa keessatti namoota addaati fi wali galaatiif kan beekkameedha. Inumaa, namni hiika iimaanaa ilaalchisee wanta Khawaariji fi Murji’aan jedhan yoo itti xinxallee, hiikni isaanii Ergamaa akka faallessu ni beeka.” (Majmuu’al-Fataawaa-7/287)

(Khawaarij- ummata kana keessatti firqaa (garee adda baate) jalqabaati. Namoota badii gurguddaa shirkii fi kufrii gadi jiran hojjatan ni kafarsiisu. Sahaabota garii irraa of qulqulleessu, hoggantoota irratti finciluu ni hayyamu. Garee adda addaa qabu.
Murji’aan garee keeyyattoota Qur’aanaa waadaa fi abdii fudhatanii fi hojii iimaana irraa duubatti harkisaniidha (hojiin iimaana keessa hin seenu jedhu.) Kutaa adda addaa qabu.)

Iimaanni murtiwwan Rabbii fi Ergamaa Isaa (sallallahu aleyh wassallam) irraa fudhataniidha. Wanta namoonni yaadaa fi fedhii qullaa isaaniitiin murteessanii miti.

1-Hiikkaa IimaanaaKutaa 1ffaa

(Akka lugaatti iimaana jechuun amanuu, dhugoomsudha.)
Shari’aa keessatti immoo Qur’aanaa fi hadiisa irratti hundaa’un ahli sunnah wal jam’aa iimaanni dubbii fi hojii akka ta’ee hiikanii jiru: dubbii qalbii fi dubbii arrabaa, hojii qalbii fi hojii qaamoleeti. Kana irratti wal galteen akka jiru beektonni baay’een dubbatanii jiru, kan akka Abdul Barr, kitaaba isaa “Tamhiid” jedhu keessatti. Warri Sunnah keeyyattoota Qur’aanaa fi hadiisota Nabiyyii iimaanni qalbiin dhugoomsu, arrabaan mirkaneessu fi qaamoleen hojjachuu akka ta’e agarsiisan hordofuun hiika kana fudhachuu fi harka kennuun qunnamanii jiru.
(Qalbiin dhugoomsun dubbii qalbii keessa seena. Hojiin qalbii immoo maal akka ta’e gara fuunduraatti In sha Allah ni ilaalla.)

Ragaalee iimaanni qalbiin dhugoomsu akka ta’a agarsiisan keessaa, Jecha Rabbii olta’aa:

“Hanga silaa iimaanni qalbii keessan keessa hin seenne.” Suuratu Al-Hujuraat 49:14
Kuni namoota baadiyaa “Nuti iimaana guutuu amanne” jedhaniif deebii kennameedha. Yaa Nabiyyicha isaaniin akkana jedhi, “Isin iimaana guutuu hin himatinaa. Garuu, “Harka kennine (Islaamofne)” jedhaa. Hanga silaa iimaanni qalbii keessan keessa hin seenne.”

Ammas ragaan biraa iimaanni qalbiin dhugoomsu (dhugaan amanuu) akka ta’e agarsiisu keessaa jecha Rabbii olta’aa:

Isaan san [Rabbiin] qalbii isaanii keessatti iimaana katabe.” Suuratu Al-Mujaadalah 58:22

Ammas jecha Isaa:

“Yaa Ergamaa! Warroota afaan isaaniitiin amannee jedhanii garuu qalbiin isaanii hin amanne irraa kanneen kufrii keessa ariifatan si hin gaddisiisiin.” Suuratu Al-Maa’idah 5:41

Ammas iimaanni arrabaan mirkaneessu (dubbachuus) akka ta’ee ragaalee agarsiisan keessaa jecha Rabbii olta’aa:

2:136

Jedhaa “Nuti Rabbitti amannee jirra; wanta gara keenyaatti buufame, wanta gara Ibraahim, Ismaa’il, Is’haaq, Ya’aquubi fi Asbaaxatti buufames [amanne jirra]. Wanta Muusaa fi Iisaaf kenname fi Gooftaa isaanii irraa wanta Nabiyyootaaf kennamettis [amannee jira]. Isaan keessaa tokko fi kan biraa jiddu garagara hin goonu. Nutis warra Isaaf bitameedha (Muslimoota).” Suuratu Al-Baqaraa 2:136
Asbaaxa jechuun sanyii ilmaan Ya’aquub kudha lamaan

Ammas ragaan biraa:

Jedhaa, “Gara keenyaatti kan buufamee fi gara keessaniitti kan buufameetti amannee jirra. Gabbaramaan keenyaa fi Gabbaramaan keessan Tokkicha, nuti warra Isaaf harka kennaniidha (Muslimoota).” Suuratu Al-Ankabuut 29:46

Iimaanni hojii qaamolees ta’uu ragaa agarsiisan keessaa jecha Nabiyyii (SAW):
Iimaanni dameewwan torbaatamaa ol yookiin jahaatamaa ol qaba; isaan hundarra kan caalu jecha “Laa ilaah illallah” dha. Gadi aantun immoo wanta nama rakkisu karaa irraa kaasudha. Qaanin (hayaan) damee iimaanaa irraayyi.” Sahih Muslim 35 b

Ammas, jecha Ergamaan Rabbii (SAW) jiila Abdul Qaysiin jedhaniidha: Rabbii tokkichatti amanuu isin ajaja. Rabbii tokkichatti amanuun (iimaanni) maal akka ta’e beektu?” Isaanis ni jedhan, “Rabbii fi Ergamaan Isaa hundarra beeku.” Nabiyyiinis ni jedhan: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa bahuu, salaata sirnaan salaatu, zakaa kennu, ji’a Ramadaanaa soomuu fi boojii irraa tokko shanaffaa kennuudha.Sahiih Al-Bukhaari 53

Jecha Nabiyyii (sallallahu aleyh wassallam): “Namni isin keessaa wanta badaa arge, harka isaatiin haa jijjiru. Yoo hin danda’in, arraba isaatiin. Ammas, yoo hin danda’in, qalbii isaatin. Suni iimaana hundarra dadhabaa ta’eedha.” Jedhu, Haafiz ibn Mundih (rahimahullahu) iimaanni qalbiin amanuu, arrabaan dubbachuu fi qaamoleen hojjachuu akka ta’e, akkasumas, akka dabaluu fi hir’atu agarsiisuuf akka ragaatti dhiyeesse. (Kitaabul Iimaan 2/341, Dr.Aliyy bin Muhammad Faqiihiyy ilaali)

Dhimma kana ilaalchisee jechoonni salafu saalih (namoota gaggaarii darbanii) iimaanni dubbii fi hojii akka ta’e irratti wali galuu. Haala armaan gadi kanaan jechoota isaanii muraasa ni kaasna: Iimaamu Ahmad ibn Hanbal (rahimahullahu) ni jedha: Iimaanni dubbii fi hojiidha. Ni dabala ni hir’ata.” (As-Sunnah- Imaamu Abdullah bin imaamu Ahmad bin Hanbal (1/307)

Imaamu Al-Aajurii (rahimahullahu) kitaaba isaa “Ash-Sharii’ah” jedhu keessatti boqonna tokko akkana jechuun kaa’e: Boqonnaa iimaanni qalbiin dhugoomsu, arrabaan mirkaneessu fi qaamoleen hojjachuudha. Namni mu’mina ta’uu hin danda’u hanga amaloonni sadan kunniin isa keessatti walitti qabamaniitti malee.” (Ash-Sharii’ah-fuula 119)

Imaamu ibn Baxxah (rahimahullahu) hiikkaa iimaanaa ilaalchisee ni jedha: Hiikni isaa, Rabbiin biraa wanta Ergamtoonni fidanii fi Kitaabban ittiin bu’an irraa wanta [Rabbiin] jedhe, itti ajaje, dirqama godhee fi wanta dhoowwe dhugoomsudha. Ergamtoonni kanaan ergaman. Rabbiin azza wa jalla ni jedha:

21:25

“[Yaa Muhammad] Si dura ergamaa tokkooyyuu hin ergine, “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; kanaafu, Ana [qofa] gabbaraa” [jechuun] kan isatti buufnu yoo ta’e malee.” Suuratu Al-Anbiyaa 21:25

Kana dhugoomsun: arrabaan dubbachuu, qalbiin amanuu fi qaamoleen hojjachuun ta’a.” (Ash-sharhu wal-ibaanatu ani usuuli Sunnati wa diyaanati (al-ibaanatu Sughraa)-fuula 176

Haala kam irrattu jechoonni salafaa hiika kana fakkaatu ilaalchisee garmalee baay’eedha. Qorannoo gabaabaa kana keessatti tarreessun ni ulfaata.

Caalatti ifa akka ta’uuf hiika iimaana kutaa itti aanu keessatti In sha Allah itti fufna…

Madda: Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 14-18, Abdulaziz bin Muhammad