Kutaa darbe irraa itti fufuun hiika iimaanaa bal’innaan haa ilaallu.

2-Dubbii Salafoota irraa
Dhimma kana ilaalchisee hiika iimaana caalatti ifa gochuu fi dogongora faallessitoota ibsuuf dubbii salafu salaahi (dhaloota gaggaarii darban) garii isaanii ni dhiyeessina. Haala armaan gadi kanaan ifa gabaaba kanaa dhiyeessina:

(A)-Hiikni iimaanaa: dubbii fi hojii qalbii of keessatti qabata. Dubbiin qalbii- amanuu fi dhugoomsudha. Wanta beeksiisan keessatti Ergamtoota dhugoomsun dirqama. “Dhugoomsun qalbii yoo deeme (badee), kutaaleen hafan nama hin fayyadan. Kanaafu, qalbiidhaan dhugoomsun sharxii (ulaagaa)dha.” (Kitaabu Salaat-Ibn Al-Qayyim-fuula 54)

(Hojiin hojjatan kamiyyuu nama fayyaduu fi Rabbiin biratti fudhatama argachuuf arkaana iimaana jahan dhugoomsun ykn itti amanuun sharxii (ulaagaa) hafuu hin qabneedha. Sharxiin kuni yoo hin jiraatin, hojiin gaariin kamiyyuu nama hin fayyadu, Rabbii olta’aa biratti fudhatama hin argatu.)

Ammas, iimaanni hojii qalbii kan akka ikhlaasa, jaalala, sodaa, abdachuu, ol-guddisuu, masakamuu, tawakkula (irratti hirkachuu) fi kanneen biroo of keessatti qabata. (Ilaali Al-Iimaan-ibn Mundih 2/362, Majmuu’al-fataawaa-ibn Taymiyah, 7/186, 13/119, Ma’aarijul Qabuul-Hakamiyy-2/18)

“Dhugaan amanuu waliin hojiin qalbii yoo deeme, ahli sunnaan iimaanni kan deemu ta’uu irratti wali galanii jiru. Hojiin qalbii dhabamuu waliin dhugoomsun nama hin fayyadu waan ta’eef.” ((Kitaabu Salaat-Ibn Al-Qayyim-fuula 54)

Dhimma kana ilaalchise jechoota filatamoo nan dhiyeessa:
Ibn Taymiyaan (rahimahullahu) ni jedha: “Dhugumatti iimaanni hundeen isaa iimaana qalbii keessa jiruudha. Kana irraa wantoonni lama hafuu hin qaban: 1ffaaqalbiin dhugoomsu, mirkaneessuu fi beekudha. Kuni dubbii qalbii jedhama. Juneyd ibn Muhammad ni jedha: Tawhiinni dubbii qalbiiti. Tawakkulli (Rabbiin irratti hirkachuun) hojii qalbiiti. Kanaafu, dubbii fi hojiin qalbii wanta hafuu hin qabneedha. 2ffaadubbii fi hojii qaamaa. Kana irraa hojiin qalbii hafuu hin qabu. Fakkeenyaaf, Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallachuu, Rabbiin sodaachu, wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa jaallatan jaallachuu, wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa jibban jibbuu, hojii Rabbiif qulqulleessu (ikhlaasa), qalbiin Rabbii Tokkicha irratti hirkachuu fi hojiiwwan qalbii biroo Rabbii fi Ergamaan Isaa dirqama godhee fi iimaana irraa taasisee. (Kunniin hojii qalbiiti.)

Ammas akkana jedha: wanta jaallatamaa tokko beekuun akka isa jaallatan nama taasisa. Ol-guddifamaa beekuun akka ol-guddisan nama taasisa. Sodaatamaa beekuun akka isa sodaatan nama taasisa. Rabbiin beekuu fi dhugoomsuun, maqaalee gaggaarii fi amaloota ol’aanoo akka qabu beekun, qalbiin akka Isa jaallattu, Isa ol guddistuu fi sodaattu taasisa. Kunis Isaaf ajajamuuf fedhii akka qabaatanii fi Isa faallessu akka jibban nama taasisa. Dandeetti waliin fedhiin cimaan wanti barbaadamu akka argamu barbaachisa.” (Majmuu’al fataawaa 7/525)

Bakka sadaffatti barbaachisummaa hojii qalbii akkana jechuun jabeessa: hojiiwwan qalbii hundee iimaanaa fi bu’uura amantii irraayyi. Fakkeenyaaf, Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallachuu, Rabbiin irratti hirkachuu, Rabbiif amantii qulqulleessu, Isaaf galata galchuu, murtii Isaa irratti obsuu, Isa sodaachu, Isa abdachuu… akka wali galtee iimaamota amantiitti hojiiwwan kunniin hundi uumamtoota hunda irratti dirqama kan ta’eedha. “ (Majmuu’al fataawaa 10/5)

Ammas akkana jedha: “Gabaabumatti, iimaana qalbii keessa jiru irraa Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsun, Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallachuun waan hafuu hin qabneedha. Ta’uu baannan, akka walii galtee Muslimootatti, Rabbii fi Ergamaa Isaa jibbuu fi diina itti ta’uu waliin dhugoomsun qofti iimaanaa miti.”  Majmuu’al fataawaa 7/537)

Ibn Al-Qayyimis barbaachisummaa hojii qalbii akkana jechuun ifa godha: hojiiwwan qalbii hundee barbaadamaniidha. Hojiiwwan qaamaa immoo [hojii qalbii] kan hordofanii fi guutaniidha. Niyyaan akka ruuhiti. Hojiin immoo akka qaamaa yoo ruuhin isarraa addaan baate du’uuti. Akkuma kana hojiinis niyyaan yoo waliin hin ta’in sochii taphaati. Murtiiwwan qaamaa beekuu caalaa murtiiwwan qalbii beekuun baay’ee barbaachisaadha. Murtiiwwan qalbii hundee waan ta’aniif, murtiiwwan qaamaa murtiiwwan qalbii irratti damee godhatu.” (Bidaa’ul Fawaa’id 3/224)

Ammas akkana jedha: “Bakka irraa jalqabuu fi itti bu’uu keessatti namni shari’atti xinxalle, hojiiwwan qaamaa hojiiwwan qalbiitiin akka walitti hidhaman ni beeka. Hojiin qaamaa hojii qalbii malee nama hin fayyadu. Hojiiwwan qaamaa caalaa hojiwwan qalbii gabricha irratti dirqama kan ta’aniidha. Gabbarrii qaamaa caalaa gabbarriin qalbii guddaadha, baay’eedha, itti fufaadha. Yeroo hunda keessatti dirqama.”   (Bidaa’ul Fawaa’id 3/230)

Ibn Taymiyaan ni jedha: iimaanni dhugoomsu qofaa miti. Kana irra, dhimma biraa hafu hin qabnetu jira. Innis, hojii qalbii jaalala, masakamuu fi fudhachuu of keessatti hammateedha… Ergasii ni jedha:

“Iimaanni dhugoomsu of keessatti haa qabatuyyuu malee dhugoomsu qofaa miti. Iimaanni mirkaneessu fi tasgabbiidha. Kunis, dhugoomsuun odeefannoo qofaaf oola. Ajaja keessa immoo ajajuu waan ta’eef dhugoomsun hin jiru. Jechi Rabbii odeefannoo fi ajaja. Odeefannoon kan beeksisee akka dhugoomsan namarraa barbaada. Ajajni immoo Isaaf masakamuu fi harka kennuu namarraa barbaada… Odeefannoo dhugoomsuun yoo qunnaman, ajaja immoo masakamuun yoo qunnaman, qalbii keessatti hundeen iimaana argamee jechuudha. Hundeen kunis, tasgabbii fi mirkaneessudha. Dhugumatti, iimaanni jecha “Al-Amn” jedhu irraa kan baafameedha. Al-amn jechuun qubannaa fi tasgabbiidha. Kunis (tasgabbiin) kan argamu dhugoomsu fi masakamuun qalbii keessatti yoo hidda qabateedha.” (As-Saarimul Masluul-fuula 519)

(Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Kitaaba buusuu fi Ergamtoota erguun waa’ee Isaa, Guyyaa Qiyaamaa fi wantoota biroo ijaan hin mul’anne beeksisee jira. Kuni odeefannoo dhugoomsu qabaniidha. Ammas, Isa qofa gabbaruutti, salaatatti, zakaatti, soomatti, hajjii fi hojii gaggaarii birootti ajajee jira, hojii badaa hunda irraas dhoowwe jira. Kunniin ajajoota itti buluu qabaniidha. Kanaafu, namni odeefannoo Rabbiin irraa dhufee yoo dhugoomse fi ajajoota Isaatti bule, hundeen iimaana qalbii isaa keessatti hidda qabataa jechuudha. Jireenya keessatti tasgabbii argata.)

 Dubbii kana keeyyata ibn Al-Qayyiim (rahimahullahu) akkana jedhuun guduunfina:
“Dhimma hojii hundaa qalbiidhaan amanuu, dhugoomsu fi jaallachuutu hordofu. (Kana jechuun hojii gaggaarii hojjatan keessatti qalbiidhaan amanuun, dhugoomsu fi jaallachuun waan hafuu hin qabneedha.)  Kuni [mataan isaatu] hojiidha, inumaa hundee hojiiti. Dhimma iimaanaa ilaalchise kuni wanta dubbattoonni (mutakallimiina) baay’een daguu (gaflaa) keessa itti ta’aniidha. Isaan hojii malee iimaanni dhugoomsu qofa akka ta’etti yaadan. Kuni dogongora hundarra fokkuu fi guddaa ta’eedha. Dhugumatti, kaafironni baay’een Nabiyyiin (SAW) dhugaa akka ta’ee jala muranii mirkaneessu, kana hin shakkan. Garuu hojiin qalbii kan akka wanta Nabiyyiin fide jaallachuu, itti gammaduu fi fedhuu dhugoomsu kanatti hin hidhamne. (Kaafironni baay’een nabiyyiin dhugaa ta’uu haa mirkaneessanii malee, wanta Nabiyyiin fide hin jaallatan, itti hin gammadan, hin hordofan. Kanaafu, hojiin qalbii fi qaamaa yoo hin jiraatin dhugoomsun qofti iimaana hin jedhamu.) Mata duree kana hin dhiisin. Dhugumatti, garmalee barbaachisaadha. Kanaan haqiiqaan iimaana beekkama.” (Mukhtasar As-Sawaa’iqil mursalati-2/420)

Wanta darbee irraa wantoota armaan gadii ni hubanna:
1-Guddinna dhimma hojii qalbii. Hojiin qalbii ruuhii ibaadati. Kanarratti dabalatee, yeroo hunda keessatti uumamtoota hunda irratti dirqama.
2-Iimaanni qalbiin wal qabatu hundee lama irra dhaabbata: haqa dhugoomsuu fi itti amanuu, haqa kana jaallachuu fi fedhuudha. Kana jalqabaa hundee dubbiiti. Kan lammataa hundee hojiiti.
3-Dhugoomsun mataa isaa qofaan akka iimaana shari’aatti hin lakkaawamu. Kana irra, shari’aa Rabbiitiif masakamuu fi gadi jechuun wanta hafuu hin qabneedha. Ta’uu baannan, amanti Islaamaa irraa wanti dirqamaan beekkamu keessaa warri kitaabaa fi Mushrikoonni durii fi ammaa baay’een isaanii Muhammad (sallallahu aleyh wassallam) Ergamaa Rabbiitii fi dhugaa akka ta’e ni beeku. Garuu isaan kana waliinu kaafirota. Sababni isaas, wanta dhugoomsun kuni namarraa barbaadu isaan hin hojjanne. Kan akka, jaallachuu, ol-guddisuu, Ergamaa Rabbiitiif ajajamuu fi kan biroo hin hojjanne.
4-Gareen Murji’atul Karaamiyyah jedhamtu yommuu “iimaanni arraba qofaan mirkaneessudha” jechuun yaadan dogongoranii jiru. Akka waligaltee Muslimootatti (Ijmaa’atti) munaafiqonni shahaadateyn haa mul’isaniyyu malee kaafiroota. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

2:8

 “Namoota keessaa nama, “Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanne.” jedhutu jira, garuu isaan warra amananii miti.” Suuratu Al-Baqara 2:8
Munaafiqoota irraa jechi zaahiraa (gubbaa) mul’ate jira. Garuu qalbii keessa dhugoomsu fi wantoonni biroo barbaachisan waan hin jirreef iimaanni isaan irraa ni dhabame.

5-Jahmiyyah irraa Murji’an hojii qalbii keessa jiruun alatti iimaanni guutuu ni ta’a jedhanii yommuu yaadan dogongora guddaa hojjatanii jiru.

 (Jahmiyyan hordoftoota Jahm ibn Safwaan Samarqadiyy-bara 128 hijr keessa ajjeefame. Gareen kuni sifaata Rabbii ni dhabamsiisu, amanti biroo Qur’aana fi Sunnah faallessu qabu.)

(B)- Ammas hiikni iimaanaa dubbii Arrabaa fi hojii qaamolees of keessatti qabata. (Ibsa kanaa kutaa itti aanu keessatti ilaalla…)

Guduunfaa
✐Iimaanni dubbii qalbii, hojii qalbii, dubbii arrabaa fi hojii qaamolee of keessatti qabata.
✐Dubbiin qalbii arkaana iimaaana jahanitti amanuu fi dhugoomsudha.
✐Hojiin qalbii immoo kan akka jaallachuu, ikhlaasa, galata galchuu, obsa, ol-guddisuu, kabajuu… fi kkf.
✐Dubbiin arrabaa shahaadateyni dubbachuu fi wantoota isaaniin wal qabatan mirkaneessudha.
✐Hojiin qaamaa immoo wanta qaaman hojjatamu kan akka salaata, waan gaariitti ajaju fi waan badaa irraa dhoowwu…
✐Hundeen kana hunda dubbii fi hojii qalbiiti. Kana jechuun hundeen hojii qaamaatii fi dubbii arrabaa: amanuu, dhugoomsu fi jaallachuu, ikhlaasa, ol-guddisuu…
Fakkeenyaaf, salaanni osoo arkaana iimaanatti hin amaniini fi hin dhugoomsin nama fayyaduu danda’aa? Hin danda’u. Kanaafu, qalbiin amanu fi dhugoomsun hundee hojiiti jechuudha. Amanuu fi dhugoomsun immoo dubbii qalbiiti. Ammas, erga arkaana iimaanatti amananii fi dhugoomsanii booda, salaata keessatti ikhlaasni yoo hin jiraatin, salaanni kuni nama fayyadu ykn fudhatama argachuu danda’aa? Hin danda’u. Kanaafu, Gabbaramaa (Ilaah) jaallachu fi ol-guddisuu waliin ikhlaasni hundee hojiiti. Jaallachuun, ol guddisuu fi iklaasni immoo hojii qalbiiti. Haala kanaan, dubbii fi hojiin qalbii hundee hojiiwwan qaamaatii fi dubbii arrabaa akka ta’e nuuf gala.
✐Tuqaa ijoo kana hubannee jirraa? Yoo hin hubatin, irra deddeebine haa dubbisnu.

Madda: Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 18-23, Abdulaziz bin Muhammad