Kufrii
Haqiiqa fi hiika iimaanaa erga hubannee, haqiiqa kufrii iimanaa diigu fi faallessu hubachuun nuuf salphata.

Dhugumatti, murtiin kufrii murtii shari’aati. Kaafirri nama Rabbii fi Ergamaan Isaa kafarsisaniidha. Namoota keessaa murtiin kufrii haqa eenyullee miti. Kana irra haqa Rabbii olta’aati. Abu Haamid Gazaali ni jedha: “ Akkuma gabrummaa fi bilisummaa, kufriinis murtii shari’aati. Nama tokko irratti kufrii murteessu jechuun dhiiga isaa halaala gochuu fi ibidda keessatti zalaalami akka turu isatti murteessudha. Kuni kan ittiin beekkamu shari’aani. Kanaafu, takkaa keeyyata Qur’aanaa fi hadiisa keessatti dhufeen takkaa immoo wanta duraan lafa kaa’amen wal bira qabuun (qiyaasaan) murtiin kufrii hubatama.” (Faysal Tafriqati-fuula 128)

Qaadi Iyaad kutaa (boqonnaa) “jechoota nama kafarsiisan” jedhu keessatti dubbachuu yommuu barbaadu, jalqaba kutaa kanaa keessatti akkana jedhe: “Beeki! Kutaa kana galmaan gahuu fi dhama’iinsa saaquf maddi isaa shari’aadha. Kana keessatti sammuun bakka hin qabu.” (Ash-Shafaa 2/1065)

Ibn Taymiyaan akkana jedha:
Kufriin murtii shari’aa abbaa shari’aa irraa fudhatamuudha. Dubbiin sirrii fi dogongoraa sammuun beekkamu danda’a. Akkuma sammuu keessatti wanti sirrii ta’e hundi shari’aa keessatti beekkamuun dirqama hin taane, wanti sammuu keessattis dogongora ta’e hundi shari’aa keessatti kufrii hin ta’u.” (Ad-Dar’u 1/242)

Ammas ni jedha: “Kanaafi, warri beekumsaa fi Sunnah nama isaan faallesse hin kafarsiisan, osoo namni isaan faallesse kuni isaan kafarsiiseyyu. Sababni isaas, kufriin murtii shari’aati. Fakkaataa isaatiin nama adabuun namaaf hin ta’u. Akkuma nama sirratti kijibee fi haadha manaa tee irratti zinaa hojjate, ati isarratti kijibuu fi haadha manaa isaa irratti zinaa raawwachuun siif hin ta’u. Sababni isaas, kijibni fi zinaan haraama haqa Rabbii ta’aniidha. Akkuma kana, kafarsiisuunis haqa Rabbiiti. Kanaafu, nama Rabbii fi Ergamaan Isaa kafarsiisan malee eenyullee kafarsiisuun hin ta’u.” (Ar-Raddu alaa Al-Bakri-fuula 257)

Ibn Ash-Shaax ni jedha: “Dhimmi kamiyyuu kufrii ta’u, dhimmoota aqlii (sammuu) irraayyi miti. Kana irra, dhimmoota shari’aan kaa’e irraayyi. Shari’aa kan baase (Rabbiin) dhimma kaminiyyuu kufrii yoo jedhe, suni akkasuma kufriidha. Dubbiin kuni ajajoota ta’i odeefannoo ta’e wal qixa.” Tahziibul Furuuq 4/158-159

Ibn Waziir ni jedha: “Dhugumatti kafarsiisuun (takfiir) shari’aa qofaani, sammuun isa keessa hin seenu. Kufrii irratti ragaan shari’aa malee hin ta’u. Kana keessa mormiin hin jiru.” (Al-Awaasimu wal-qawaasum-4/178, 179, gabaabbinaan)

(Wanti aalimman armaan oli jedhan yommuu guduunfinu: “Hojii fi dubbii keessaa kamtu kufrii akka ta’ee beekuuf gara shari’aa deebi’an. Sammuu fi fedhii ofiitiin ragaa tokko malee “hojiin ykn dubbiin kuni kufriidha” jechuun hin ta’u. Nama tokko irratti kufrii kan murteessan ragaalee Qur’aanaa, hadiisaa fi ijmaa’a irratti hundaa’uni. Namoonni Musliima tokko kafarsiisuuf ariifatan dhimma kanatti haa xinxallan.)

Hiika Kufrii

Gara kufrii hiikutti erga darbinee akka lugaatti hiiku jalqabna. Hundeen kufrii wanta tokko haguugudha. Qotee bulaan kaafira kan jedhameef sanyii miidhaanii waan haguuguufi. Halkan kaafira kan jedhameef wanta hundaa waan haguugufi. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Fakkeenyi [addunyaa] akka bokkaa biqilaan isaa kuffaara dinqisiisee” Suuratu Al-Hadiid 57:20
Asitti “kuffaara” jechuun qotee bultoota ykn namoota midhaan facaasaniidha.

Labiid ibn Rabii’ah akkana jedha: “Hanga yommuu kaafira keessatti harka darbuu…”
Asitti kaafira jechuun halkan jechuu isaati. Sababni isaas, halkan wanta hundaa haguuga. Ammas, kufrii jechuun qananii waakkachuudha. Kuni faallaa galata galchu (shukrii)ti. Kaffarahu (isa kafarsiise) jechuun kufrii isatti maxxanse ykn “Rabbitti kafartee” isaan jedhe. (Ilaali Lisaanu Al-Arab 5/144-145, Al-Misbaahul Muniir fuula 647,648, Mufradaatil Asfahaani-653-655)

Ibn Al-Jawzi ni jedha: “Qur’aana keessatti kufriin haala shan irratti akka dhufe mufassiroonni ni dubbatu.
1ffaa-Tawhiidatti kafaruu. Kana irraa jechi Rabbii olta’aan:

“Dhugumatti, warroota kafaran isaan akeekachistee, akeekachisu dhiistes, isaan irratti wal-qixa, hin amanan.” Suuratu Al-Baqarah 2:6

2ffaa-Kufraanu ni’imati (qananii mormuu)-kuni faallaa galateefachuu (shukriiti). Kana irraa jechi Rabbii olta’aa:

2:152

Ana yaadadhaa isin yaadadhaa. Na galateefadhaa, Na hin waakkatinaa.” Suuratu Al-Baqarah 2:152
Na hin waakkatinaa” jechuun qananii Kiyya isin irra jiru hin morminaa.[1]

3ffaa-Tabarru’u (irraa qulqullaa’u fi bilisa ta’u)-kana irraa suuratu Al-Ankabuut keessatti jechi Rabbii olta’aa:

“Ergasii Guyyaa Qiyaamaa gariin keessan gariitti kafara. Suuratu Al-Ankabuut 29:25
Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa gariin keessan garii irraa qulqullaa’a. Kuni haala mushrikootati. Guyyaa Qiyaamaa mushrikoonni gariin garii irraa qulqullaa’a, gariin garii abaara.

4ffaa: Waakkachuu. Kana irraa jechi Rabbii olta’aa:

“Yommuu wanti beekan isaanitti dhufe, isatti kafaran.” Suuratu Al-Baqara 89

Yahuudonni yommuu Ergamaan amala isaatiin beekan isaanitti dhufu, isatti ni kafaran, ni kijibsiisan.[2] Yahuudonni Madiinaa keessa jiraatan nabiyyiin yommuu ergamuutti dhiyaatu, Arabootaan akkana jechaa turan, “Nabiyyiin yeroo kanatti ni ergama, nutis isa hordofna. Waqtiin isaa dhiyaatee jira. Isa waliin isin fixna.”[3] Yommuu Rabbiin Nabiyyii Araboota keessaa ergu, yahuudooni itti kafaran. Kuni nabiyyii nuti jennee miti jechuun waakkatan. Waakkachu jechuun wanta tokko dhugaa ta’uu osoo beekanu fudhachu didu ykn arrabaan mormuudha. Yahuudonni Nabiyyi beekani osoo jiranu fudhachuu ni didan.

5ffaa-Haguugu-kana irraa jechi Rabbii olta’aa suuratu Al-Hadiid jalqaba irratti kaasne:

“Fakkeenyi [addunyaa] akka bokkaa biqilaan isaa kuffaara dinqisiisee” Suuratu Al-Hadiid 57:20

Asitti kuffaara jechuun qotee bultoota sanyii midhaanii haguuganiidha.[4] (Qotee bultoonni midhaan yommuu facaasan biyyee irra deebisuun sanyii haguugu. Asirraa ka’uun namni Rabbitti hin amanne, kaafira kan jedhameef osoo beeku haqa waan dhoksuufi. Akkuma qote bulaan sanyii biyyee itti raruun dhoksu, kaafirris haqa dhoksa. Haqa Islaamaa ni waakkata. Waakkachu jechuun wanta tokko dhoksuun arrabaan mormuudhaa miti ree? Asirraa ka’uun, Afaan Oromoo keessatti jechi kufriitti dhiyaatu “waakkachuu“fi “Amanuu diduu” dha. Amaariffaanis kufrii- kihdat (ክህደት) jechuun hiikan. Akka lugaatti kufrii haala kanaan erga hubannee, shari’aa keessatti wanta beektonni jedhan haa ilaallu.)

Akka wali galtee hayyootatti hiika kufrii ilaalchisee jechoota muraasa warra beekumsaa asitti ni dhiyeessina:
Ibn Taymiyaan ni jedha: Akka wali galtee Muslimootatti, Kufrii jechuun amanuu dhiisudha.” (Majmuu’al Fataawaa 20/86)
Ammas ni jedha: Kufrii jechuun Rabbii fi Ergamtoota Isaatti amanuu dhiisudha. Isa waliin kijibsiisun jiraate jiraatu baatee waluma qixa. Inumaa, waanyu ykn of tuuluu yookiin fedhii qullaa hordofuu irraa kan ka’e kana hundarraa garagaluun, shakkiin [kufriidha].” (Majmuu’al Fataawaa 12/335)

Ibn Taymiyaan itti fufuun ni jedha:….Shakkii hin qabu, kufriin risaalan (ergaan) wal qabata. Kanaafu, Ergamaa Rabbii kijibsiisuun kufriidha. Sahaabota, warra toltuun isaan hordofanii fi iimamtoota beekumsaa biratti, keessan dhugaa ta’uu isaa osoo beekanuu Ergamaa Rabbii jibbuun, arrabsuun, diina itti ta’uun kufriidha.” (Manhaaji sunnah 5/251)

Ammas ni jedha:
Kufriin wanta beeksise keessatti Ergamaa Rabbii (SAW) kijibsiisuun yookiin dhugaa ta’uu isaa osoo beekanu hordofuu diduun ta’a. Fakkeenyaf, kufrii Fira’awna, yahuudaa fi kkf.”  (Ad-Dar’u 1/242)

Jecha ibn Taymiyah irraa wanta dhiyeesse irraa waa’ee kufrii akkana jechuun guduunfu dandeenya: Kufriin faallaa iimaanati. Kufriin qalbii keessatti kijibsiisuun ta’uu danda’a. Kanaafu, kuni dubbii qalbii kan faallessuudha. Dubbiin qalbii kunis “Dhugoomsudha.” Kufriin hojii qalbiis ta’uu danda’a, kan akka Rabbiin ykn aayata Isaa ykn Ergamaa Isaa jibbuu fi diina itti ta’u. Kuni jaalala hojii qalbii ta’ee faallessa. Ammas, kufriin dubbii zaahiraa (gubbaa) dubbii arrabaa faallessu ta’uu danda’a. Yeroo biraas kufriin hojii zaahiraa ta’a. Kan akka diinii Rabbii (Islaama) irraa garagaluu, Rabbii fi Ergamaa Isaatiif ajajamuu irraa naanna’u. Kufriin kuni hojii qaamolee diinii Rabbiitiif masakamu, gadii jechuu fi fudhachuu irratti hundaa’e faallessa.

Hiika kufrii ibsuu keessatti ibn Al-Qayyim ni jedha: “Kufriin dhimmoota beekumsaa (ilmiyyah) ta’i hojii (amaliyyah) ta’i wanta Rasuulli (Ergamaan) ittiin dhufuu isaa beekkame waakkachuudha. Rasuulli ittiin dhufuu isaa erga beeke booda namni wanta Rasuulli ittiin dhufee waakkate (kijibsiisee fi hordofuu dide) kaafira.” (Mukhtaru As-Sawaa’iqil Mursalati 2/421)

Sheyku Abdurahmaan Sa’dii akkana jechuun kufrii hiika:
Daangaan kufrii gosoota isaa hunda walitti qabu: wanta Rasuulli fide waakkachuu ykn muraasaa isaa waakkachuudha. Akkuma iimaanni wanta Rasuulli fidetti amanuu, haala dimshaashatinii fi tokkoon tokkoonitti buluu ta’e, [kufriin immoo itti amanuu dhiisuu fi itti buluu diduudha.] Iimaanaa fi kufriin wantoota wal faallessaniidha. Isaan keessaa tokko gadi dhaabbannaa guutuu yoo gadi dhaabbate, kan lammataa ni dhabama.” (Al-Irshaadu ilaa ma’arifatil ahkaami-fuula 203-204)

Keeyyattoota darban irraa hiika kufrii iimaanan wal hin taane ni hubanna. Inni (kufriin) amanti, dubbii fi hojiiwwan shari’aan iimaana akka diigan murteessedha.


[1] Tafsiiru Muyaassar-23
[2] Tafsiiru Muyassar-14
[3] Tafsiiru Xabarii-2/237
[4] Nuzhatul A’ayani nawaaziri fii ilmil wajuuhi wa nazaa’iri-ibn Al-Jawzi- 2/119-120
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 34-39, Abdulaziz bin Muhammad