Iimaanni dubbii fi hojii erga ta’e, kufriinis dubbii fi hojii ta’a. Kijibsiisuun dubbii qalbii kan ta’e “dhugoomsu” waan faallessuuf kufridha. Islaama jibbuun hojii qalbii kan ta’e “jaalala” waan faallessuuf kufriidha. Dubbiin arrabaas iimaana faallessu kan akka Rabbii olta’aa arrabsuu kufriidha. Ammas, hojiin qaamolee amanti keessaa nama baasan kan akka siidaaf sujuudu kufriidha.

1-Kufriin qalbii keessatti “kijibsiisun” ta’uu
Kufriin qalbii keessatti kijibsiisu ta’u ni danda’a. Kunis aayat (ragaalee, mallattoolee fi keeyyattoota) Rabbii subhaanahu kijibsiisu, Ergamtoota kijibsiisuu, du’aan booda kaafamu fi jazaa Guyyaa Qiyaamaa kijibsiisu fi hundeewwan iimaana biroo kijibsiisuun ta’a. Qur’aana keessatti warroota kijibsiisanii fi xumura isaanii bakka baay’etti ni arganna. Akkuma haqa dhugoomsun hundee iimaanaa ta’e, haqa kijibsiisuun immoo hundee kufriiti.

2-Kufriin Dubbii arrabaatiin ta’uu
Ammas, kufriin dubbii arrabaatin ta’uu danda’a, osoo qalbiin dhugoomseyyuu ykn dubbii kufrii kanatti kan hin amannee ta’eeyyu. Osoo “Masiih Rabbiidha “jedhe, ajaja Islaamaa fudhachuu didee fi “qalbiin tiyya kana irraa homattu hin amanne” jedhee, kana ifa baasuu isaatiif inni kaafira, mu’minaa miti.

Ibn Hazm ni jedha: nama dubbii kufrii dubbate, kufriin waamu fi kufrii isarratti murteessun Qur’aana keessa akka jiru warri beekumsaa wal hin dhabne. Akka fakkeenyaatti jecha Rabbii olta’aa:

Warroonni Rabbiin Masiih ilma Mariyam jedhan dhugumatti kafaranii jiru.” Suuratu Al-Maa’ida 5:17

Ammas jecha Rabbii olta’aa:

“Dhugumatti jecha kufrii jedhanii jiru; Islaama [fudhachu] isaanii booda kafaranii jiru.” Suuratu At-Tawbah 9:74
Kanaafu, kufriin dubbiin akka ta’u sirriidhaa jechuudha. (Al-Muhallaa13/498=gabaabbinnaan)

Kufriin dubbii arrabaatin ta’uu wanta agarsiisu keessaa munaafiqota ilaalchisee jecha Rabbii olta’aa:

“Yoo isaan gaafatte, dhugumatti [akkana] jedhu: “Nuti haasawatti kan seennu fi taphannu qofa turre.” Jedhi, “Sila Rabbiitti, keeyyattoota Isaatti fi Ergamaa Isaatti qishnaa (qoosaa) turtanii?” Rakkoo hin dhiyeefatinaa! Erga amantanii booda kafartanii jirtu. Isin keessaa garee tokkoof yoo irra dabarre, garee biraa immoo ni adabna, isaan yakkamtoota waan turaniif.” Suuratu At-Tawbah 9:65-66

Ibn Taymiyaan ni jedha:
“Nuti osoo itti hin amaniin kufrii dubbanne. Inumaa, haasawatti lixaa fi taphachaa turre.” jechuu isaanii waliin Iimaana isaanii booda akka kafaran Rabbiin olta’aan beeksisee jira. Aayaata (keeyyattoota) Rabbiitti qoosun kufrii akka ta’e ifa godhe. Nama kufrii kanaan qoma isaa bal’ise irraa malee kuni hin ta’u.” (Majmuu’al Fataawaa 7/220)

Ibn Najiim ni jedha: “Namni baacoof ykn taphaaf jecha kufrii dubbate hunda biratti kafaree jira. Amantin isaa hin ilaallamu.” (Al-Bahrul Raayiq 5/134)

3-Kufriin hojii qalbiitiin ta’uu
Ammas, dhugumatti kufriin hojii qalbiis ta’uu danda’a. Hojiiwaan qalbii kan akka jaalalaa, tawakkulaa, sodaa… iimaana irraayyi. Faallaa kanaa, jibbuun, diina itti ta’uun, of tuulun hojii qalbii kufrii irraa ta’aniidha.

Ibn Taymiyaan ni jedha: Namni Rasuula (Ergamaa) dhugoomsee garuu isa jibbee, qalbii fi qaaman diina itti ta’e, inni kaafira.” (Majmuu’al Fataawaa 7/556, ilaali 7/397,529,541) Akka fakkeenyaatti Yahuudonni Nabii Muhammad sallallahu aleyh wassallam Ergamaa Rabbii ta’u ni beeku, ni amanu. Garuu garmalee jibban, diina itti ta’an. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

2:98

“Namni Rabbiif, malaykoota Isaatiif, Ergamtoota Isaatiif, Jibriili fi Miikaa’ilaf diina ta’e, dhugumatti, Rabbiin kaafirotaaf diina.” Suuratu Al-Baqarah 2:98

Tafsiira aayah tanaa ilaalchise wanta Baydaawi jedhe keessaa: “…. Malaykootaa fi Ergamtootatti diina ta’uun kufriidha.” (Tafsiiru Baydaawi-1/72)

4-Kufriin hojii alaa qaamoleen hojjatamuun ta’uu
Ammas, kufriin hojii zaahiraa (alaas) ni ta’a. Fakkeenyaaf kan akka diinii Rabbii irraa garagaluu. Rabbiin olta’aan nama Isaa fi Ergamaa Isaatiif ajajamuu dide kufrii itti murteesse jira. Rabbiin olta’aan ni jedha:

3:32

Jedhi, “Rabbii fi Ergamaaf ajajamaa. Yoo garagalan, dhugumatti Rabbiin kaafiroota hin jaallatu.” Suuratu Aali-Imraan 3:32

Ibn Kasiir (rahimahullahu) aayah tana ilaalchisee ni jedha: karaa keessatti Rasuula (Ergamaa) sallallahu aleyh wassalam faallessuun kufrii akka ta’ee aayan tuni ni agarsiisti. Osoo nafsee isaa keessatti Rabbiin akka jaallatu fi Isatti akka dhiyaatu odeesseyyu, hanga Nabiyyii xumuraa (sallallahu aleyh wassallam) hordofutti malee Rabbiin nama kanaan ibsamee (Ergamaa faallessu) hin jaallatu.” (Tafsiir ibn Kasiir 2/336-337)

Al-Khallaal, gabaasa Al-Humeyd irraa gabaafame akkana jechuun dhiyeessa: Humeyd akkana jedha: namoonni akkana akka jedhan natti odeefamee jira: “Namni salaata, zakaa, soomaa fi hajjii mirkaneessee garuu hanga du’uutti kanniin keessaa homaa hin hojjanne. Yookiin hanga du’utti dugda isaa hirkisuun ykn qiblaa irraa garagaluun salaatu, kan mormuu yoo hin ta’in, dirqamoota fi qiblatti garagaluu kan mirkaneessu yoo ta’e, inni mu’mina.” Anis ni jedhe: Kuni Rabbiitti kafaru ifa bahaa fi faallaa Kitaaba Rabbii fi Sunnah Ergamaa Isaati (sallallahu aleyh wassalam). Akkasumas, faallaa hojii Muslimootaati. Rabbiin azza wa jalla ni jedha:

98:5

Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessu, salaata sirreessanii salaatu fi zakaa kennuu malee homaa hin ajajamne. Kuni amanti qajeeladha.” Suuratu Al-Bayyinah 98:5

Ibn Taymiyaan ni jedha:Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“[Munaafiqonni] “Rabbiitti fi Ergamaatti amanne, ajajamnees.” jedhu. Ergasii, san booda isaan keessaa gareen wayii ni garagalu. Isaan suni mu’mintootaa miti (warra amananii miti.)” Suuratu An-Nuur 24:47

Garagaluun Rabbiif ajajamuu irraa garagaluudha. Akkuma Rabbiin jedhe:

“(31)-Hin dhugoomsine, hin salaanne. (32)-Garuu kijibsiisee garagale.” Suuratu Al-Qiyaamah 75:31-32

Kanaafu, kijibsiisun garagalu akka hin taane beekkamee jira. Kana irra, Rabbiif ajajamu irraa garagaluudha. Dhugumatti, wanti namoota irra jiru: wanta Ergamaan beeksise keessatti isa dhugoomsu fi wanta itti ajaje keessatti isaaf ajajamuudha. faallaan dhugoomsu kijibsiisuudha. Faallaan ajajamu immoo irraa garagaluudha. Kanaafi akkana jedhe: “(31)-Hin dhugoomsine, hin salaanne. (32)-Garuu kijibsiisee garagale.”

Dhugumatti Rabbiin olta’aan akkana jedhee jira: “[Munaafiqonni] “Rabbiitti fi Ergamaatti amanne, ajajamnees.” jedhu. Ergasii, san booda isaan keessaa gareen wayii ni garagalu. Isaan suni mu’mintootaa miti (warra amananii miti.)” Suuratu An-Nuur 24:47

Osoo dubbiinu dhufee nama hojii irraa garagalee irraa iimaana ni dhabamsiise… Hanga akkana jedhutti: Qur’aanaa fi Sunnah keessatti nama hojii [Islaamaa itti ajajame] hin hojjanne irraa iimaana dhabamsiisun iddoo baay’ee keessatti dhufee jira. Akkuma munaafiqa irraa iimaana dhabamsiise.” (Majmuu’al Fataawaa 7/142)
Ammas ni jedha: “Kufriin wanta beeksisee keessatti Rasuula kijibsiisuun yookiin dhugaa ta’uu isaa beeku waliin isa hordofuu diduun ta’a. Akka fakkeenyaatti, kufrii Fira’awna, Yahuudaa fi kan kana fakkaatanii.” (Ad-Dar’u 1/232)

Guduunfaa
❗Kufriin amanti qalbii keessa jiruun, dubbii arraba irraa bahuun ykn hojii qaama irraa mul’atuun ta’a.
❗Haqa Rabbii olta’aa irraa dhufe kijibsiisuun kufriidha. Kuni kufrii qalbii keessatti ta’uudha.
❗Dhugaafis ta’i taphaaf arrabaan dubbii kufrii dubbachuun nama kafarsiisa. Ragaan kana aayah suuratu tawbaa armaan oliiti (Suuratu At-Tawbah 9:65-66). Kanaafu, namni Rabbii olta’aatti, keeyyattoota Qur’aanatti ykn murtiiwwan Islaamatti ykn Ergamaatti qoosu, taphachuu ykn arrabsuu irraa of eegu qaba. Ta’uu baannan, osoo hin beekin kufriitti kufee hojiin isaa jalaa bada.
❗Ammas, kufriin hojii qaamatinis ni ta’a. Kunis, takkaa hojii Islaama keessaa nama baasu hojjachuun takka immoo guutumaan guututti Islaama irraa garagaluun ta’a. Islaama hin baratu, hin dhageefatu, hojii irra hin oolchu. Kana irra, Islaama irraa dheessa. Arrabaan amane osoo jedheelle, kuni isa hin fayyadu. Ragaan kanaa: “[Munaafiqonni] “Rabbiitti fi Ergamaatti amanne, ajajamnees.” jedhu. Ergasii, san booda isaan keessaa gareen wayii ni garagalu. Isaan suni mu’mintootaa miti (warra amananii miti.) Suuratu An-Nuur 24:47


Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 39-44, Abdulaziz bin Muhammad