Kutaa darbee keessatti kufriin faallaa iimaanati jennee jirra. Jecha biraatin: amantin, hojii fi dubbiin kamiyyuu iimaana faallessu fi diigu kufriidha. Ingliffaan kufriin “disbelief” jedhama. Namni kufrii hojjate kaafira jedhama. Kufriin dameewwanii fi sadarkaalee baay’ee qaba. Gosoota kufrii ilaalun waa’ee kufrii salphaatti akka hubannu nu taasisa.

Shari’aa keessatti kufriin gosa lamaa: Kufrii Guddaa fi Kufrii Xiqqaa
Gosti tokkoffaan: kufrii guddaa amanti Islaamaa keessaa nama baasudha. Kuni iimaana kan diigu, Islaama balleessuu fi ibidda keessa yeroo hundaaf akka jiraatan kan nama taasisuudha. Kufriin guddaan kuni amantiin, dubbiin, hojiin, shakkiin, dhiisun, irraa garagaluun, fi of tuulun argama. Kufriin kuni gosoota baay’ee qaba. Namni kanniin keessaa tokkoon Rabbiin qunname, araarama gonkumaa hin argatu, Guyyaa Qiyaamaa shafa’aan isa hin fayyadu. Kufrii guddaa kana keessaa isaan ijoo ta’an:

1-Kufrii mormuu, waakkachuu fi kijibsiisuu
Kuni kufrii gubbaa fi keessan ta’uudha. Fakkeenyaaf, Ergamtoonni akka sobanitti amanuu, “haqa ilaalchisee wanti isaan beeksiisan dhugaa jiru faallessa ykn Rasuulli (SAW) faallaa haqaa fide” jechuun odeessu. Haaluma kanaan, namni tokko osoo beeku wanta Rabbiin haraamaa godhe ykn halaala godhe faallaa kanaa “Rabbiin wanta kana halaala godhe ykn haraama godhe” jechuun odeessu. (Kana bal’innaan mata-duree “Amantii irraa murtii dirqamaan beekkame mormuu” jedhu jalatti In sha Allah ni ilaalla.)

Waakkachuu jechuun wanti tokko haqa ta’uu osoo beekanu arrabaan mormuudha. Haqa Rabbiin irraa dhufe waakkachun kufrii akka ta’ee ragaan agarsiisu:

Yeroma mallattooleen Keenya ifa ta’anii isaanitti dhufan, “Kuni sihrii (falfala) ifa bahaadha” jedhan. Nafseen isaanii mirkaneeffattee osoo jirtuu, zulmii fi of tuuluu irraa kan ka’e ni waakkatan. Booddeen warra balleessaa hojjatanii akkam akka ture ilaali.” Suuratu An-Naml 13-14

Fira’awnaa fi ummanni isaa mallattoolee sagal Nabii Muusaan (aleyh salaam) nabiyyummaa isaa keessatti dhugaa ta’uu fi waamichi isaa dhugaa ta’uu agarsiisan ni kijibsiisan. Qalbii isaanitiin mallatooleen kunniin Rabbiin irraa ta’uu mirkaneefatani fi beekanii jiru. Garuu haqa irratti daangaa darbuu fi of tuulu irraa kan ka’e arraba isaaniitin ni morman.[1]

Kijibsiisu jechuun immoo wanti haqaa tokko soba akka ta’etti ilaaludha. Kijibsiisuun faallaa dhugoomsuti. Akkuma dhugoomsun hundee iimaanaa ta’e, kijibsiisuun immoo hundee kufriiti. Qur’aana keessatti irra deddeebi’un kijibsiisuu (takziib) ni arganna. Mee achi keessaa akka fakkeenyaatti aayah takka haa eerru:

7:36

“Dhugumatti, warroonni keeyyattoota Keenya kijibsiisanii fi isaan irraa of tuulan, isaan sun warra ibiddaati. Isaan yeroo hundaa achi keessa turu.” Suuratu Al-A’araaf 7:36

2-Dhugoomsu waliin kufrii diddaati fi of tuuluu
Qalbii keessatti Ergamaa Rabbii (SAW) beekuu waliin isaaf masakamuu fi buluu diduudha. Kunis kan ta’u, Wanti Rasuulli (Ergamaan Rabbii) sallallahu aleyh wassallam Gooftaa isaa irraa fide haqa ta’uu ni mirkaneessa. Garuu, of tuuluu, haqaa fi warra haqa hordofan tuffachuu irraa kan ka’e isa hordofuu ni dida. Kuni kufrii akka ibliisaati. Ibliisni ajaja Rabbii hin waakkanne, hin mormine. Garuu diddaa fi of tuuluun qunname. Rabbiin olta’aan ni jedha:

2:34

Yommuu Malaaykotaan “Aadamiif sujuudaa” jenne [yaadadhu]. Ibliisa malee isaanis ni sujuudan. [Ibliisni] didee fi of tuulee kaafiroota irraa ta’e.” Suuratu Al-Baqarah 2:34

Kanaafi aalimman (beektonni) akkana jedhu: Namni akka ibliisatti of tuuluu irraa kan ka’e Rabbiin faallesse (ajajamuufi dide) ni kafara.
Ammas ummata Nuuh ilaalchisee ni jedha:

26:111

“Sila warri gadi aanoon si hordofanii osoo jiranuu nuti siif amannaa?” jedhan.” Suuratu Ash-Shu’uraa 27:111

Ummanni Nuuhi Nabii Nuuhin akkana jedhan: namoonni si hordofan hunda caalaa gadi aanoo (hawaasa keessatti sadarkaa gadi aanaa kan qaban) ta’anii osoo jiranuu nuti akkamitti si dhugoomsinee si hordofnaa? Kuni of tuuluu irraa kan ka’ee hordofuu diduudha. Ifaan ifatti kuni kufriidha.

3-Kufrii shakkii
Shakkiin faallaa yaqiinaati. Haalli isaa, namni shakku Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam dhugaa ta’uu ykn soba ta’uu isaatti jala mure hin amanu. Kana irra, dhimma isaa keessatti ni shakka, isa hordofuu keessatti duubatti deddeebi’a. Akka shari’aatti wanti barbaadamee wanta Rasuulli sallallahu aleyh wassallam Gooftaa isaa irraa fide haqa ta’uu dhugaan shakkii tokko malee amanuudha, yaqiina guutu qabaachudha. Wanta Rasuulli (SAW) fide hordofuu keessatti namni duubatti deddeebi’e ykn haqni faallaa isaa ta’uu akka danda’utti ilaale, kufrii shakkii kafaree jira. Rabbiin olta’aan ni jedha:

Oduun warra isiniin duraa -ummata Nuuh, Aad, Samuudi fi isaaniin booda kanneen dhufan, Rabbiin malee eenyullee isaan hin beekne, isinitti hin dhufnee? Ergamtoonni isaanii ragaalee ifaatiin isaanitti dhufan, garuu harka isaanii afaan isaanitti deebisanii ni jedhan, “Dhugumatti, nuti wanta isin ittiin ergamtanitti kafarree, ammas wanta isin itti nu waamtan irraas shakkii dhamaasaa keessa jirra.” Suuratu Ibraahim 14:9

Yaa ummata Muhammad (SAW) oduun ummattoota isiniin duraa isinitti hin dhufnee? Oduun ummata Nuuh, Aad, Samuudi fi ummata isaanin booda dhufan, lakkoofsa isaanii Rabbiin malee eenyullee hin beekne isinitti hin dhufnee? Ergamtoonni isaanii ragaalee ifaatin isaanitti dhufan. Garuu ummattoonni sunniin iimaana fudhachuu irraa of tuuluu fi dallansu irraa kan ka’e, harka isaanii ciniinan. Ergamtoota isaaniitin ni jedhan: nuti wanta isin nutti fiddan hin dhugoomsinu. Iimaanaa fi tawhiida irraa wanta isin itti nu waamtan irraa nuti shakkii keessa jirra.[2]

Namni shakkuu kuni guutumatti ragaalee Rasuulli (SAW) fi wanti inni fidee dhugaa ta’uu agarsiisan irraa yoo garagalee, kan hin baranne, hin ilaalle fi hin dhageenye ta’e, shakkiin isaa itti fufa. Garuu Rasuulli (sallallahu aleyh wassalam) fi wanti inni fide dhugaa ta’uu mallattolee fi ragaa agarsiisan yoo ilaale fi qorate, shakkiin nama kanaa itti hin fufu. Kanaafi, namoonni Qur’aana fi sunnah baratan, qo’atan, itti amananii fi hordofan, shakkiin isaan biratti hin hafu.

4-Kufrii irraa garagaluu:
Kuni immoo kan ta’u, namni dhageetti fi qalbii isaatiin wanta Ergamaan sallallahu aleyh wassallam ittiin dhufee irraa garagaluudha. Wanta nabiyyiin fide hin dhugoomsuus, hin kijibsiisuus. Gargaaraa fi deeggaraa isaa hin ta’u, diinas itti hin ta’u. Wanta inni fideef gurra itti kennee hin dhageefatu. Haqa Islaamaa ni dhiisa, hin baratu, hojii irras hin oolchu. Iddoolee haqni itti dubbatamu irraa ni dheessa. Inni kuni kufrii irraa garagaluu kafaree jira. Rabbiin olta’aan ni jedha:

“Warroonni kafaran wanta akeekachiifaman irraa garagaloodha.” Suuratu Al-Ahqaaf 46:3

Namoonni Tokkichummaa Rabbiitti amanuu didanii fi morman, wanta Qur’aanni isaan akeekachisee irraa ni garagalu, hin gorfaman, itti hin yaadan.[3] (Mata duree kana In sha Allah gara fuunduraatti bal’innaan ni ilaalla.)

5-Kufrii Nifaaqa
Nifaaqa jechuun Islaamaa fi waan gaarii agarsiisuun kufrii fi sharrii dhoksuudha. Kana jechuun keessi gubbaa faallessudha. Amanti irraa wanta qalbii keessa jiru faallessu arrabaan dubbachuu ykn hojii hojjachuudha.

Munaafiqni dubbiin isaa hojii isaa faallessa, iccitiin isaa wanta ifaa isaa faallessa. Islaama keessa balbala tokkoon seenee balbala biraatin keessaa baha. Kana jechuun gubbaan Islaama keessa seena, qalbiin immoo isa keessaa baha. Kuni nifaaqa hundarra guddaa ta’eedha. Rabbiin olta’aan ni jedha:

2:8

 “Namoota keessaa nama, “Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanne.” jedhutu jira, garuu isaan warra amananii miti.” Suuratu Al-Baqara 2:8

Gosoonni kufrii guddaa itti fufa…


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-378
[2] Tafsiiru Muyassar-256
[3] Tafsiiru Xabar-21/111, Tafsiiru Muyassar-502
Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 679-681, Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii
Madaariju Saalikiin– 1/366-367, Ibn Al-Qayyim