Kutaa darbe keessatti gosoota kufrii keessaa kufrii gurguddaa amanti keessaa nama baasu ilaalle jira. Har’a immoo gosa kufrii xiqqaa amanti keessaa nama hin baasne ilaalla:

Gosti lamaffaan: Kufrii xiqqaa amanti keessaa nama hin baasnedha.
Kufriin xiqqaan kuni hundee iimaana kan hin diignedha. Garuu iimaana ni hir’isa, ni laaffisa. Beektota biratti, “Kufrun duuna kufrin (Kufrii gadiitti kufrii)” jedhamuun beekkama. Namni kufrii xiqqaa hojjatu Islaama keessaa hin bahu. Garuu dallansuu Rabbii olta’aa irraa balaa guddaa keessa ta’a, yoo irraa hin tawbatin adabbiif of saaxila. Namni kufrii gosa kanaa hojjate, fedhii Rabbii olta’aa jala jira. Yoo fedhe ni adaba, yoo fedhe dhiifama godhaaf. Kufriin gosa kanaa bifa baay’ee qaba. Isaan keessaa:

1-Kufru Ni’mati (qananii waakkachuu)
Isa keessatti sababni kufrii: Kan qananii Kenne irraa qananiin ko’oomudha. Ykn akkaataa shari’aan barbaadun haqa qananiitiin dhaabbachu dhiisudha. Kunis, gabrichi qananii Rabbiin isarratti oole amanuu dhiisu ykn qananii tana amantin osoo hin ta’in arrabaan Rabbiin ala kan biraatti maxxansuu. Yookiin wanta gaarii namni tokko isaaf oolee waakkachuudha. Rabiin olta’aan ni jedha:

Qananii Rabbii ni beeku, ergasii ishii mormu. Irra hedduun isaanii kaafirtoota.” Suuratu An-Nahl 16:83

Fakkeenyaf namtichi tokko qananii abbooti isaatti hirkisuun (qabsiisuun) akkana jechuu: kuni qabeenya kiyya abbooti kiyya irraa dhaaledha.

Yookiin isaan keessaa namni tokko akkana jechuu: “Osoo ebalu jiraachu baate, silaa kuni hin ta’u ture.” dubbii kana fakkaatan biroo arraba awwaamaa irraa yaa’a. Wanti barbaadame, tawfiiqa Rabbiitiin kuni akka ta’ee beeku isaanii waliin qananii kana namoota kanatti maxxansu.

Akkusumas, kana irraa: AbdulHaaris (Gabricha haaris), Abdurasuul (Gabricha Rasuul), Abdulhusen (gabricha huseen) fi kkf jedhanii ijoolletti maqaa baasu. Sababni isaas, Rabbiin ala kan biraatiif gabricha isa godhe.

(Hubachiisa barbaachisaa: Beeki! Kufru ni’mati (qananii waakkachuun) gara kufrii guddaa amanti keessaa nama baasutti jijjiramuu danda’a. Kunis, namtichi Rabbii qananii kennee fi tola isarratti oole yoo mormee fi tola kana Rabbiin dhiisee gara nafsee fi humna isaatti yoo deebiseedha. Akkuma Rabbiin olta’aan haala Qaarun irraa dubbate:

28:78

Kan naaf kennamee beekumsa na bira jiru qofaani. Rabbiin isa dura dhaloota irraa namoota isa caalaa humnaan ciccimoo ta’anii fi [qabeenya baay’ee] walitti qabuun isa caalan akka balleesse hin beeku. Yakkamtoonni badii isaanii irraa hin gaafataman.”  Hanga jecha Isaa “Edaa dhugumatti kaafiroonni hin milkaa’an.” Jedhu gahuutti. (Suuratu al-Qasas 28:78-82)

Asitti Qaarun, Gooftaa isaatti ni kafare, qananii Isaas ni waakkate.

2-Abbaa manaa fi tola waakkachuu
Ibn Abbaas (radiyallahu anhumaa) akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: Ibiddi Jahannam natti agarsiifamte. Irra hedduun achi keessa jiran dubartoota waakkataniidha.”  Ni jedhame, “Rabbitti kafaruu?” Innis ni jedhe, “Abbaa manaa waakkatu. Akkasumas, tola waakkatu. Osoo isaan keessaa takkatti jireenya guutuu tola ooltee, ergasii sirraa waan [hin jaallanne] agarte, ni jetti, “Si irraa waan gaarii gonkumaa hin agarre.” (Sahiih Al-Bukhaari 29)

3-Rabbii olta’aan ala kan biraatin kakachuu
Rabbiin ala wanta biraatin kakachuun kufrii xiqqaa irraayyi. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana waan jedhaniif:
“Namni Rabbiin ala wanta biraatin kakate, kafaree jira yookiin shirkii hojjate.” Jaami’a At-Tirmizii 1535

Akka wali galtee ahli Sunnah wal-jama’aatti, kan ittiin kakatamee qalbii nama kakatuu keessatti akka guddinna Rabbii yoo ol hin guddifamin, shirkii fi kufriin gosa kanaa shirkii fi kufrii xiqqaa Islaama keessaa nama hin baasnedha. Garuu murtii shari’aa keessatti Rabbiin ala wanta biraatin kakachuun haraamaa fi wanta fokkuudha. Kanaafu, eenyullee haa ta’u, Rabbiin ala wanta biraatin kakachuun hin hayyamamu. Nabiyyiin (SAW), Ka’abaan, amaanan, jireenya nama tokkootiin, kabaja ebaluutiin kakachuun hin hayyamamu. Kuni hundi gonkumaa hin hayyamamu. Sababni isaas, hadiisonni sahiih ta’an dhoowwamu kanaa ni agarsiisu. Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam ni jedhan:

Xiyyefannoo itti kennaa! Namni kakatu, Rabbiin malee homaanu hin kakatin.” Sahiih Al-Bukhaari 3836
Ammas bakka biraatti: “Namni kakatu, Rabbiin haa kakatu yookiin haa cal’isu.” Sahiih Al-Bukhaari 2679
Ammas ni jedhan: “Namni amaanaan kakatee nu irraa miti.” Sunan Abu Dawud 3253

4-Muslima waraanu
Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassalam) akkana jedhan:
‏ سِبَابُ الْمُسْلِمِ فُسُوقٌ، وَقِتَالُهُ كُفْرٌ ‏‏‏.‏
“Muslima arrabsuun fusuuqa (hojii badaadha), isa waraanun immoo kufriidha.
Sahiih Al-Bukhaari 48

Ammas, jechi Nabiyyii:
لاَ تَرْجِعُوا بَعْدِي كُفَّارًا يَضْرِبُ بَعْضُكُمْ رِقَابَ بَعْضٍ ‏”‏‏.‏
“Ana booda gariin keessan morma garii rukutuun kuffaara taatanii duubatti hin deebi’inaa
Sahiih Al-Bukhaari 121

Akka wali galtee imaamotaatti kufrii irraa gosti kuni amanti keessaa kan nama baasu miti. Sababni isaas, kanneen wal waraanan amala iimaana hin dhabne. Rabbiin tabaaraka wa ta’aalaa waan akkkana jedheef:

Mu’mintoota (warra amanan) irraa gareen lamaa yoo wal lolan (wal waraanan), gidduu isaaniitti araara buusaa. Yoo lamaan keessaa gareen tokkoo garee biraa irratti daangaa darbite, hanga ajaja Rabbiitti deebitutti garee daangaa darbite lolaanii. Yoo [gara ajaja Rabbiitti] deebite, haqaan isaan jidduutti araara buusaa, haqummaanis hojjadhaa. Dhugumatti, Rabbiin warra haqumman hojjatan ni jaallata.” Suuratu Al-Hujuraat 49:9

Gareen lamaan kunniin kan wal lolanii fi wal waraanan ta’uu waliin Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa isaaniif iimaana ni raggaasise (ni mirkaneesse).

Gosoonni kufrii xixiqaa baay’eedha. Hunda isaanii lakkaawani fixuun ni ulfaata. Wanti keeyyattoonni shari’aa kufrii jechuun waaman kan daangaa kufrii guddaa ykn nifaaqa guddaa ykn shirkii guddaa ykn fisqi guddaa ykn zulmii guddaa bira hin geenye, kufrii xiqqaadha.[1]


[1] Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 683-686, Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii