Nikaah Hidhachuu-kutaa 3ffaa
Dhiirri fi dubartiin takka fedhii wal fuudhu erga qabaatanii nikaah hidhachuun jireenyaa halaalaa (hayyamamaa) gaggeessu danda’u. Ulaagaalee fi dirqamoota isaan irraa eeggamu yoo guutan warri shamaraa tole jechuun nikaah hidhuu qofa. Kanaan ala, namoota wal jaallatan lama addaan baasuf carraaqun akka harka namaa namarraa buqqisuuf carraaquti. Harki yoo buqqa’e faayda hin qabu. Namoota wal jaallatanii fi wal madaalaan yoo walitti hin heerumsiisin miidhaa baay’etu duuban dhalata. Miidhaan kuni beekkama waan ta’eef tarreessun hin barbaachisu.

Kutaa darbe keessatti dirqama guddaa nikaahaf barbaachisu keessaa tokko mahrii akka ta’ee ilaalle turre. Mahrii jechuun kennaa dhiirri tokko dubartii fuudhuf kennuudha. Hanga fi gosa mahrii iddoo nikaahatti murteessu danda’u. Erga murteessanii booda hatamtamaanis kennuu danda’a, gara boodaattis tursiisee kennu danda’a. Garuu hanga dagatamutti yeroo dheeraaf tursiisu hin qabu. Har’a immoo kan ilaallu wantoota sadii:

A- Hidhannaa Nikaah keessatti Sharxii Kaa’u

Yeroo nikaah dhiirsaa fi niitiin sharxii (ulaagaa) kaa’u danda’u. Sharxii kana bakka saditti qoodu dandeenya:
1ffaa- Sharxii kaayyoo nikaaha fi kaayyoo shari’aa waliin deemu
Fakkeenyaf niitin akkana jechuun sharxii kaa’u dandeessi: “Baasi anaa fi daa’ima kiyyaaf gahu narratti baasta.” Namtichi waan badaa kan hojjatu yoo ta’e, “Wanta badaa kana dhiisu qabda.” Jechuun ulaagaa kaa’u dandeessi.
Dhiirsis ulaagaalee kanniin kaa’u danda’a: Hayyama isaa malee manaa akka hin baane; wal-qunnamtiif akka isa hin dinne, qabeenya isaa gammachuu fi fedhii isaa malee akkanumatti cal’istee akka hin bittineessine fi kkf.
Sharxiin gosa akkanaa sharxii sirrii fi guutuun isaa dirqama ta’eedha. Isaan lamaan yommuu ulaagaalee armaan olii irratti wali galan guutuun ykn bakkaan gahuun isaan irratti dirqama.

2ffaa- Sharxiiwwan Kaayyoo nikaah ykn shari’aa faalleessan
Fakkeenyaf, niitin “Hayyama kee malee akka fedhetti manaa nan baha ykn masaanu tiyya irratti baasi hin baasin fi kkf” jechuun sharxii ka’uu. Yookiin dhiirsi “Mahrii siif hin kennu” jechuun sharxii kaa’u. Sharxiwwan akkana wanta shari’aan itti ajaje waan faallessuuf, faasida (sirrii miti). Kanaafu, hojii irra oolu hin qabu. Gabaabumatti sharxiin wanta halaala ta’e haraama taasisu ykn wanta haraama ta’e halaala taasisu, sharxii faasida (sirrii hin taanedha). Akkasumas, sharxiin wanta Rabbiin itti ajaje akka dhoowwan nama taasisu ykn wanta Rabbiin dhoowwe akka itti ajajan nama taasisu, sharxii faasida (sirrii hin taanedha).

3ffaa- Sharxii shari’aan itti hin ajajnee fi irraa hin dhoowwine
Fakkeenyaf, niitin ganda ishii keessaa akka ishii hin baasne ykn barnoota ykn hojii seera qabeessa ishii akka itti fuftuu dhiirsa irratti sharxii kaa’udha.

Sharxiiwwan kutaa darbee keessatti kaasnee fi sharxiiwwan armaan olii akka walitti hin buusne. Sharxiin yeroo darbe kaasne, sharxii shari’aan kaa’e fi namni fuudhaaf deemu kamiyyuu guutuu qabuudha. Sharxiwwaan armaan oli immoo wali galtee namoonni wal fuudhan wal jidduutti walii galaniidha. Sharxiwwan kanniin yoo barbaadan kaa’u danda’u, yoo barbaadan dhiisu danda’u.

B.Khuxbah

Namni sirna nikaah raawwatu yeroo nikaah jalqabu, Khuxbatul Haajaan jalqabuun ni jaallatamaaf. Abdullah ibn Mas’uud Khuxbatul Haaja akkana jechuun gabaase:

 إِنَّ الْحَمْدَ لِلَّهِ نَحْمَدُهُ وَنَسْتَعِينُهُ وَنَسْتَغْفِرُهُ وَنَعُوذُ بِاللَّهِ مِنْ شُرُورِ أَنْفُسِنَا وَمِنْ سَيِّئَاتِ أَعْمَالِنَا مَنْ يَهْدِهِ اللَّهُ فَلاَ مُضِلَّ لَهُ وَمَنْ يُضْلِلْ فَلاَ هَادِيَ لَهُ وَأَشْهَدُ أَنْ لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَحْدَهُ لاَ شَرِيكَ لَهُ وَأَشْهَدُ أَنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ

Innal Hamda lillahi nahmaduhu wa nasta`iinuhu wa nastaghfiruhu, wa na`uuzu billahi min shuruuri anfusinaa wa min sayyi’aati a`maalinaa, man yahdihillahu falaa mudilla lahu, wa man yudlil falaa hadiya lahu. Wa ash-hadu an laa ilaaha ill-Allahu wahdahu laa shariika lahu, wa anna Muhammadan `abduhu wa rasuuluhu.

Hiika jechoota: Inna-Dhugumatti, hamda-faaru, lillahi-Kan Rabbiiti, nahmaduhu-Isa faarsina, wa-fi, nasta’iinuhu-Isa gargaarsifanna, nastaghfiruhu-araarama Isa kadhanna, na’uuzu-maganfanna (eeggamna), min-irraa, shuruuri-sharriwwan, anfusinaa-lubbuu teenya, sayyi’aati-hamtuwwan, a’maalinaa-hojiwwan keenya, man-kan (nama), yahdihillahu-Rabbiin isa qajeelche, falaa-hin jiru, mudilla-kan jallisu, lahu-isaaf, man yudlil-kan Inni jallise, haadiya-kan qajeelchu, Ash-hadu(ragaa nan baha)An (akka) Laa-hin jiru, ilaaha (dhugaan gabbaramaan)illa (malee), Allaah (Rabbiin)wahdahu (Isa tokkicha)laa (hin qabne)shariika (hiriyyaa)lahu (Isaaf), anna (akka)abduhu (gabricha isaa)rasuuluhu (Ergamaa Isaa (Rabbii))

Hiika himaa: Dhugumatti Faaruun hundi kan Rabbiiti. Isa ni faarsina, ni gargaarsifanna, araarama Isa kadhanna. Sharriwwan nafsee teenyaa fi hamtuwwan hojiiwwan keenyaa irraa Rabbiin eeggamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru. Nama Rabbiin jallise kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbii Tokkicha shariika hin qabne malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha. Akkasumas, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha.
Ergasii Khutbaa keetitti Aayaata armaan gadii itti dabalii:

3:102

Yaa warra amantan! Sodaa dhugaa Rabbiin sodaadhaa. Muslimoota taatanii malee hin du’inaa.” Suuratu Ali-Imraan 3:102

Yaa namoota! Gooftaa keessan Kan lubbuu takka irraa isin uume, ishii (lubbuu takkatti san) irraa cimdii ishee uumee fi isaan lamaan irraas dhiirotaa fi dubartoota baay’ee facaase sodaadha. Rabbii ittiin wal kadhattanii fi firummaas [muruu] sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin isin too’ataadha.” Suuratu An-Nisaa 4:1

“Rabbii ittiin wal kadhattanii” kana jechuun maqaa Rabbii kaasun wanta tokko wal kadhachuudha. Fakkeenyaf, “Rabbiif jedhi kana naaf godhi” jechuu.

“Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; jecha sirrii dubbadhaa. Inni (Rabbiin) dalagaalee keessan isiniif tolcha, badiiwwan keessaniis isiniif araarama. Namni Rabbii fi Ergamaa Isaatiif ajajame, dhugumatti milkii guddaa milkaa’e jira.” Suuratu Al-Ahzaab 33:70-71
Sunan Ibn Maajaa 1892, Abu Daawud 2118

Ergasii gara haajaa fuudhaa heerumaatti seenu danda’a…

C. Iijaab fi Qabuul (Kennuu fi Fudhachuu)

Amma tarkaanfi dhumaa hidhannaa nikaah itti xumuran irra geenye jirra. Iijaab fi qabuul rukni (utubaa) nikaahati. Iijaab fi qabuul jechoota lama namoonni wal fuudhan lamaan walitti gammaduu isaaniitii fi walitti dhufuuf qophii ta’uu kan agarsiisuudha.

Iijaab– jecha waliyyin intalaa ykn bakka bu’aan isaa, “Sitti heerumsisee, siif kenne, nikaaha hidhee fi kkf” jechuun jecha dubbatuudha.
Qabuul– jecha dhiirsi, “Fudhadhe, fuudhaa heeruma kanatti gammade” jechuun dubbatuudha.

Jechoonni iijaab fi qabuul haala ifa ta’e fi bakka ragaaleen jiranitti ibsamu qabu. Qabiyyeen isaan lamaanitu kan wal simatu ta’uu qaba. Qabiyyeen yoo wal hin simatin nikeenyi sirrii akka hin taane taasisa. Fakkeenyaf, waliyyiin osoo akkana jedhe, “Mahrii kuma tokkoon ebaluun sitti heerumsiise.” Gurbaan fuudhu hedus akkana jedhe yoo deebise, “Mahrii dhibba saddeetin ebaluun fuudhaf fudhadhe ykn itti gammade.” Nikeenyi kuni sirrii hin ta’u. Sababni isaas, mahriin wal hin fakkaatu. Waliyyiin kuma tokko jedha, kan fuudhu immoo dhibba saddeet jedha. Kanaafu, hangi mahrii iijaab fi qabuul keessatti dubbatame wal fakkaachu qaba.  Iijaab fi Qabuul akkaata itti dubbatan sheekkonni naannoo jiran nama gargaaru danda’u.

Ijaab fi Qabuuliin nikeenyi xumurame. Gurbaa fi intalli ajnabiyyah (nyaaphaa) waliif turan sa’aati kana booda niiti fi dhiirsa waliif ta’u. Kanaafu, namoonni ija shakkiitiin akka isaan hin ilaalle, nikaah ykn fuudhaa heeruma isaanii haa labsan. Karaan baratamaan nikaah itti labsan cidha. In sha Allah kutaa itti aanu keessatti ni ilaalla.

Kitaabban Wabii 
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3,fuula 152-155, Abu Maalik 
[1]Quest for Love and Mercy Fuula 84-86
Fiqhu Maysiir fii daw’il Kitaabi wa sunnati– fuula 296