Jireenya fuudhaa heerumaa keessatti wal dhabbii fi rakkoon adda addaa uumamuun waan hin oolledha. Rakkoon kuni takkaa haadha manaa irraa takkaa immoo abbaa manaa irraa burquu danda’a. Haati manaa abbaa manaa ishii irratti ol’aantummaa agarsiisuun isaaf ajajamuu diduu dandeessi. Nama Rabbiin rahmata godheef malee namoonni qalbii isaanii keessaa of-tuulu hin dhaban. Dubartiin dadhabinna wayii abbaa manaa ishii keessatti yoo argite, irratti of tuulun nushuuz (fincila) mul’isuu dandeessi. Yeroo kanatti, maal akka godhu kutaa darbe keessatti ilaalle jirra. Dubartii qofaas miti, dhiirris wanta tokko niiti irraa yoo jibbe ishii irratti ol’aantummaa agarsiisuu fi ishii jibbuu danda’a. Sababa kanaan ishirraa finciluu ykn fottoquu danda’a. Tarii ishiin isa jaallachuu dandeessi. Yoo inni ishii jibbee ishirraa fottoquu barbaade, ishiin maal gochuu dandeessi?

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

4:128

Dubartiin takka dhiirsa ishii irraa nushuuza yookiin [ishii] irraa garagaluu yoo sodaatte, gidduu isaaniitti walii galtee yoo uuman badiin isaan irra hin jiru. Walii galteen gaariidha. Lubbuun of jaallachuu kennamte. Yoo tolchitanii fi [badii irraa]of eegdan, dhugumatti Rabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha.” Suuratu An-Nisaa 4:128

“Dubartiin abbaa manaa ishii irraa nushuuza yookiin irraa garagaluu yoo sodaatte”, kana jechuun ishii irratti ol’aantummaa agarsiisu, ishii jaallachuu dhiisu, ishii irraa fagaachu, dubbiin ykn rukuttaan ishii rakkisuu ykn ishii irraa garagaluu yoo sodaatte, haala kana keessatti dubartiin haqa ishii muraasa dhiisun walii galuu danda’u. Dhiirri yommuu dubartiin dulloomtu ykn qaamni ishii furdatu ykn yoo tan hin deenne taate, ishii jibbuu danda’a. Sababa kanaan, amala badaa itti agarsiisa. Yeroo kanatti, yoo ishiin isa jaallattee fi isa waliin turuu barbaadde, haqa ishiin isarraa qabdu muraasa irraa gadi bu’uun isa waliin walii galtee uumte turuu dandeessi. Fakkeenyaf, baasi inni ishii irratti baasu ykn uffata ishii uwwisuu muraasatti gammadu ykn halkan ishii masaanu ishiitiif kennu dandeessi. Dhiirri niiti takkaa ol yoo qabaate, halkan isaan bira bulu ni qoodaf. Guyyaa tokko takka bira yoo bule, guyyaa itti aanu immoo tan biraa bira bulu qaba. Kuni haqa niitin abbaa manaa irraa qabduudha. Garuu abbaan manaa ishii yoo jibbee fi na hiika jettee yoo sodaatte, halkan ishii bira bulu san niiti biraa bira akka bulu hayyamuufi dandeessi. Yoo haala kana irratti walii galan, isaan lamaan irratti badiin hin jiru. Kanaafu, abbaan manaa haala kana keessatti ishii waliin turuu danda’aa jechuudha. Addaan bahuu irra kanatu irra caala. Kanaafi, “Walii galteen gaariidha” jedhe.

Wanti jecha kanarraa fudhatamu, namoonni lama haqa walirraa yoo qabaatan ykn wal mormiin yoo uumame, isaan lamaan haqa guutuu walirraa barbaadu irra haqa muraasa walii dhiisun waligaltee uumuun keeyridha (gaariidha).

Lubbuun of-jaallachuu kennamte.” Kana jechuun nafsee namaa keessa of jaallachuun kaa’ame. Of jaallachuun kunis namni wanta isarra jiru baasu jibbuu fi haqa isaatiif haafa’uudha. Namni qabeenya ofii muraasa wanta gaariif baasu ykn haqa isaa muraasa dhiisu hin barbaadu. Dubartiin haqa ofii irraa garagaluu fi haqni ishii akka hir’atu hin barbaaddu. Haqa guutuu dhiirsa irraa barbaaddi. Dhiirris haqa ishii guutuman guututti guutefi of biratti ishii tursiisu hin barbaadu. Lamaan isaanitu wanta barbaadan ni jabeessu. Kanaafu, amala badaa akkanaa nafsee keessan keessaa baasu fi faallaa isaa bakka buusuf tattaafachu qabdu. Faallaan doy’ummaa ykn of jaallachuu, haqa namni sirraa qabu baasu fi haqa kee muraasa dhiisudha. Yommuu amala gaarii akkanaa horate, isaa fi nama isa mormuu jidduutti walii galuu fi araaramuun ni laafa. Ergasii karaan isaan lamaanu waan barbaadan itti argatan ni salphata. Garuu namni haqa isarra jiru baasu hin barbaannee fi haqa isaa guutuu namarraa barbaadu, isa waliin walii galuun ni ulfaata. Haala kanaan karaan wanta barbaadan argachuus ni cufama.

“Yoo tolchitanii fi [badii irraa] of eegdan, dhugumatti Rabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha.” Yoo dubartootatti tola ooltanii fi isaan miidhu irraa of eegdan, santu isiniif irra gaariidha. Dhugumatti, Rabbiin waan isin hojjatan hunda keessaa ala beeka. Ergasii, hojii keessaniif jazaa isiniif kafala[1].

Wal dhabbii Abbaa manaa fi Haadha manaa Jidduu

Wal dhabbii fi wal mormuun mana fuudhaa heerumaa keessatti yoo itti fufe, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala, furmaata akka fidaniif jaarsumma ajajee jira. Jaarsi ykn Araarsaan tokko warra ishiitirraa dhufa, araarsaan lammataas warra dhiirsaa irraa dhufa. Araarsitonni (jaarsonni) kunniin namoota qajeeloo fi haqaa ta’uu qabu. Erga walitti dhufanii booda haala niiti fi dhiirsaa ilaalun takkaa walitti araarsu takkaa immoo addaan baasu. Rabbiin olta’aan ni jedha:

4:35

Yoo gidduu isaan lamaanitti wal dhabbii beektan, araarsaa tokko warra isaa irraa, araarsaa tokko immoo warra ishii irraa ergaa. Yoo isaan lamaan araara (walii galuu) fedhan, Rabbiin isaan lamaan gidduutti walii galtee uuma. Dhugumatti, Rabbiin waan hundaa Beekaadha, keesso wanta hundaa Beekadha.” Suuratu An-Nisaa 4:35

Yoo abbaa manaa fi haadha manaa jidduutti wal dhabbii fi walirraa fagaachu beektan, dhiirota lama, warra isaatii fi ishii irraa ergaa. Jechi Hakam jedhu hiika “Abbaa Murtii” waan qabuuf namoonni dhiirsaa fi niiti jidduutti furmaata fiduuf deeman namoota sammuu qaban, haqaa, qajeeloo, amanamoo fi Muslimoota ta’uu qabu. Hundema abbaan murtii nama haqaa, sammuu qabuu (aaqila), amanamaa fi qajeelaa ta’uu qabaa miti ree? Namoonni haqaa, amanamoo, sammuu qabanii fi qajeeloo ta’an warra niiti fi dhiirsaa irraa yoo hin argamin, hawaasuma naannoo keessaa namoota amaloota armaan olii qaban erguun ni danda’ama. Namoonni jaarsummaaf deeman kunniin haala abbaa manaati fi haadha manaa ni ilaalu. Yoo abbaan manaa niiti miidhe, haqa ishii irraa fuudhuf. Haqa ishii akka kennuuf ni dirqiisisu. Yoo ishiin haqa isaa hanqiste immoo, haqa isaa akka baatu ni dirqiisisu.

Namoonni jaarsummaaf deeman kunniin isaan lamaan walitti araarsuf hanga danda’ameen tattaafachu qabu. Garuu isaan lamaan walitti araarsun kan hin danda’amne yoo ta’ee fi isaan addaan baasun irra gaarii yoo ta’e, addaan baasu. Dhiirsi jaallachuun sharxii miti. Sababni isaas, jaarsoliin kunniin akka abbaa murtiitti bakka waan buufamaniif wanta irra gaarii ta’e murteessu. Garuu isaan lamaan addaan baasu irra akka walitti araarsanii fi dhimma sirreessan Rabbin ni kakaasa. “Yoo isaan lamaan araara (walii galuu) fedhan, Rabbiin isaan lamaan gidduutti walii galtee uuma.” [2]

Guduunfaa
♥Jireenya gaa’ilaa keessatti haadha manaa fi abbaa manaa jidduu wal dhabbiin uumamuun isaa hin oolu.
♥Yommuu abbaan manaa haadha manaa jibbuu fi irraa fottoquu barbaadu, haati manaa wantoota kanniin gochuu dandeessi.
✏Haqa ishii keessaa haqa muraasa dhiisu. Kanneen akka baasii xiqqaatti gammadu, darbe darbee halkan ishii dhiisufi.
✏Wantoota isa gammachiisan hojjachuu fi kkf gochuun walii galuu danda’u.
♥Abbaan manaas haadha manaa isaatiif mararfachuun haala gaariin ishii kunuunsuuf tattaafachu qaba.
♥Namoonni walii galanii haala gaariin waliin jiraachuf haqa guutuu walirraa barbaadu osoo hin ta’in haqa muraasa waliif dhiisu qabu.
♥Namni of jaallattu (selfish) haqa guutuu waan namarraa barbaaduf, nama waliin walii galee jiraachun baay’ee itti ulfaata.
♥Namni amala of jaallachuu yoo of keessaa baase, haqa isarra jiru ni kenna, haqa isaa immoo ni fudhata. Garuu dhibbaan dhibbatti haqni kiyya guutuu ta’u qaba jedhe hin mormu. Haqa muraasa ni dhiisa. Namni akkanaa namoota waliin walii galuun haala salphaan jiraata.
♥Abbaa manaa fi haadha manaa jidduu wal dhabbii fi mormiin yoo itti fufe, jaarsummaan furuun ni danda’ama. Araarsitonni (jaarsonni) kunniin amala kana qabaachu qabu: Islamumaa, haqummaa, amanamummaa, qajeeloo, gamnummaa fi amaloota gaggaari biroo.
♥Araarsaan tokko warra isaa irraa, araarsaan biroo warra ishii irraa dhufa.

Alhamdulillah Rabbil aalamiin. Ji’oota lamaaf waa’ee Gaa’ila (Fuudhaa Heeruma) Islaamaa qo’ataa tureerra. Wantoota baay’ee akka barattan abdiin qaba. In sha Allah, haala kitaabatin barruulee kanniin walitti qabun daran akka irraa fayyadamtan haala ni mijeessina. Waa’een Fuudhaa Heeruma Islaamaa asirratti ni xumurama. In sha Allah itti aansine gargaarsa Mawlaatiin waa’ee Xalaaq (Nikaah buusu) ni ilaalla. Yaada yoo qabaattanii fi wanti sirraa’u qabu yoo jiraate, saanduqa yaada keessatti katabuu dandeessu. Yaada yommuu kennitan email osoo itti galchitanii bayeessa.
Like, share: https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/


Kitaabban Wabii 
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3,fuula 228 , Abu Maalik  
al-Fiqhul Waadih -J.2,fuula 98-99
[1] Tafsiir Sa’diyy-224-225, Tafsiirul Qur’aanil Kariim wa i’iraabuh wa bayaanuh 2/239-240, Muhammad Aliyy Xaahaa,
[2] Maddoota olii