Namni ija, qalbii fi sammuu ofii banuun uumama ofiitti yoo xinxalle haqa tokkorra ni gaha. Garuu haqa kanarra gahuuf wantoota meeshaalee xinxallii irratti dhiibbaa fidan irraa of qulqulleessuf tattaafachu qaba. Meeshaaleen xinxalliif gargaaran, ija, gurra, qalbii fi sammuudha. Wantoonni meeshaalee xinxallii irratti dhiibbaa fidan gurguddaan, badii fi fedhii qullaa hordofuudha. Fedhiin qullaan: of tuuluu, wanta sobaa abbootii fi namoonni naannoo irra jiran irratti goguu, hinaafu (waanyu), jibbaa, faaya addunyaatiin sobamu fi kkf. Dhugumatti, namni qalbii fi sammuu qulqulluun uumama ofiitti yoo xinxalle, haqni isaaf banama, jireenya gammachuu gaggeessa. Garuu sammuu fi qalbii isaa haqaaf yoo hin baniin balballi haqaa fi milkaa’innaa akkamitti banamaaf? Kutaa darbe irraa itti fufuun uumama keenyatti ni xinxallina.

Onnee (Qalbii)

Mee amma gara onnee ilaali. Ajaa’iba meeqa agartaa! Rabbiin ogummaa fi beekumsa Isaatiin onnee tana bakka lamatti hire. Tokko gara mirgaa, tokko immoo gara bitaa. Ammas gubbaa jalaan goloota dhiiga itti fudhattuu fi baastu godheef. Bitaa mirgaan golli lamaan gubbaan dhiiga fudhatu. Maqaan isaanii atriya bitaa fi mirgaa jedhamu. Atriyan bitaa dhiiga sonba irraa fudhata. Atriyan mirgaa immoo qaamolee hafan irraa dhiiga fudhata. Ammas, bitaa mirgaan golli lamaan jalaan dhiiga onnee keessaa baasun gara qaamatti raabsu. Maqaan isaaniis ventiriklis bitaa fi mirgaa jedhamu. Ventiriklin mirgaa dhiiga onnee irraa gara sonbaatti raabsa. Vertikliin bitaa immoo dhiiga onnee irraa gara qaamolee hafanitti raabsa.


Fakkii 1: Goloota onnee fi ujumoowwan dhiigaa

Rabbiin guddaan goloota afur onneef erga godhee ujumoowwan dhiiga itti fudhattuu fi baastu godheef. Mee ilaali ajaa’iba hojii Rabbii olta’aa. Ujumoowwan dhiigaa qaama irraa gara onnee geessan veens (veins) jedhamu. Ujumoowwan onnee irraa gara qaamaa dhiiga raabsan immoo artarii (arteries) jedhamu[1]. Mee amma of haa gafaannu eenyutu akkatti onnee daqiiqa takka keessatti si’a 70-80 dhikkistuu jalaa gubbaan golootaa fi ujumoolee godheef? Mee sirriitti itti xinxalli ujumoowwan hundaa ol qajeelchee gubbaan wal keessa galche. Ujumoo homaatu jalaan itti hin maxxanse. 

Image result for human heart
Fakkii 2: Onneen cinaa fi gubbaan yommuu mul’attu

Mee ilaali ogummaa Khaaliqaa! Ilmi namaa onnee guutuu uumuu dhiisii osoo ujumoon takka buqqaate itti deebisuu danda’aa? Onneen namaa tuni motora guddaa ilma namaati. Guyyaatti si’a 100,000 dhikkisti, waggaatti immoo si’a miliyoona 40 dhikkisti. Qaamaaf dhiiga qulqulluu oksijinii fi dhangaalee nyaatatiin badhaadhe dhiyeessuunii fi xurii keessaa qulqulleessuun fayyummaa qaamaa eegdi. Maashinii kamtu hojii onneen xiqqoon tuni hojjatu hojjataa? Kuni ogummaa, beekumsaa fi Dandeetti Rabbii olta’aa kan agarsiisudha.

Mee gaafadhu nama Rabbitti hin amanne, kuni ofiin of tolche moo kan duubaa isa tolchutu jiraa? Mee haa ilaallu motora konkolaataa. Motorri konkolaataa ujumoo aaraa fi beenzila itti seensisuu fi baasu qaba. Beenzilli yommuu motora seenu sababa sochiitiin gubachuun haala aaraatiin baha. Bakka beenzilli itti gubatuu fi ujumoo kanniin kan godheef eenyu? Motorri fi ujumoowwan kunniin ofumaan of hojjachuu danda’u? Namni kuni, “Hin danda’an, namatu hojjate” jedhee ni deebisa. Haaluma kanaan onnee fi ujumoowwan kunniin ofumaan of uumuu danda’uu? Namni onnee uumuu hin danda’u. Kanaafu, Kan duubaa onnee tana uumuu fi too’atu jiraachu qaba. Innis Rabbii Ogeessaa Beekaa ta’eedha. Ogummaa fi beekumsa Isaatiin onnee namaa tanaa haala fi boca ajaa’ibaatiin uume. Kana booda, Rabbii akkanitti nama uumeef harka kennuu fi ajajamuu malee of-tuuluu fi finciluun namarraa bareedaa?

Sammuu

Ajaa’ibni sammuus himamee hin dhumu. Iccitii isa keessa jiru guutuu qorattoonni qoratanii waliin gahuu hin dandeenye. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sammuus kutaa gurguddaa sadiitti qoode. Isaaniis: serebrami, serebelami fi hundee sammuu (brainstem). Serebramiin kutaa sammuu isa guddaa ta’ee fi walakkaa bitaa fi mirgaatti kan qoodameedha. Walakkaaleen bitaa fi mirgaa kunis kutaalee xixxiiqoo adda addaatti kan qoqqoodamaniidha.

Fakkii 3: Fakkii sammuu ilma namaa

Ammas mee itti xinxalli! Bocni sammuu wal keessa kan galee fi bareededha. Eenyutu akkanatti boca isaa sirreesse fi bareechisee? Kana yommuu ilaallu ogummaa fi beekumsi Rabbii daangaa akka hin qabne ni beekna. Wantoota hundaa irratti Danda’aa fi Beekaa akka ta’e ni hubanna. Ogummaa jechuun wanta tokko bakka isaaf maluu kaa’udha. Wanta tokko bakka isaaf malu kaa’uuf beekumsaa fi dandeetti barbaachisa. Kutaalee sammuu kana bakka isaaf maluu kaa’un, hojii isaaf malu akka hojjatu taasisuun, bocaa fi hamma isaa sirreessuu fi murteessun Ogummaa, Dandeetti fi Beekumsa Rabbii olta’aa agarsiisa.

Hariiroo Onnee (qalbii) fi Sammuu
Onnee fi sammuun dhiigaa fi odeefannoo wal jijjiruun gahee ol’aanaa taphatu. Afaan oromootiin jechi onnee jedhu erga gabaaba dabarsa. Garuu jechi qalbii jedhu ergaa bal’aa dabarsa. Onnee jenne yommuu dubbannu, yaanni jalqabaa nutti dhufu foon xiqqoo qaama keessatti dhiiga raabsituudha. Garuu qalbii yommuu jennu yaadonni baay’een nutti dhufu. Kanaafu, yaad-rimee bal’aa akka dabarsuuf hiika Qur’aanaas ta’i hog-barruwwan Islaamaa keessatti jecha qalbii jedhu osoo fayyadamne irra gaariidha. Eeti, qalbiin hiika “onnee” jedhus kan qabduudha. Garuu kana caalaa yaada bal’aa of keessatti qabatti.

Qalbii fi sammuu jidduu hariiroon guddaan akka jiru hayyoonni Islaamaa fi saayinsin ammayyaa ni akeeku. Miironni akka jibbuu, jaallachuu, dallansuu, hinaafu, sodaachuu fi kkf qalbii keessatti uumamu. Wanta tokko hubachuu fi itti yaadun qalbii keessatti jalqabuun sammuu keessatti bilchaata. Ergasii namni yaada sammuu keessatti bilcheesse kana hojii irra oolcha ykn ni dhiisa. Kanaafu, qalbii fi sammuun yeroo hundaa wal-qunnamti addaan hin cinne adeemsisu. Odeefannoo wali dabarsuun yaada, amala fi adeemsa namaa keessatti gahee ol’aanaa taphatu.

Islaamaa keessatti qalbiif iddoon guddaan kennameefi jira. Sababni isaas, qalbiin wiirtuu amantiin, niyyaan, jaallachuun, jibbuun, dallansuu fi miironni biroo irraa ka’aniidha. Hojiin namaa amantii (iimaana) fi niyyaa qalbii keessa jiruun madaallama. Amantii fi niyyaan isaa gaarii yoo ta’e, hojiin isaa Rabbiin biratti fudhatama argata. Amantii fi niyyaan isaa gaarii yoo hin ta’in immoo fudhatama hin argatu. Kanaafu, milkaa’inni guddaan kan argamu wanta qalbii keessa jiru yoo too’atanii fi karaa qabsiisaniidha. Nabii Ibraahim (aleyh salaam) akkana jechuun du’aayi akka godhe Qur’aanni nuuf hima:

Guyyaa isaan kaafaman na hin salphisin. Guyyaa qabeenyi fi ilmaanis homaa hin fayyanne. Nama qalbii qulqulluun Rabbitti dhufe malee.” Suuratu Ash-shu’uraa’i 26:87-89

Lugaa keessatti salphinni hiika adda addaa qaba:
Hiikni 1ffaan-Sharrii, balaa, adabbii fi musiibaa keessatti kufuu
Hiikni 2ffaan– wantoota fokkuu, badii fi yakkaan ifatti saaxilamuu
Hiikni 3ffaan: sababa xiqqeenyaa fi salphinni namatti bu’eef garmalee qaana’u ykn saalfachuu [2].

“Guyyaa isaan kaafaman na hin salphisin.” Kana jechuun Yaa Rabbii! Guyyaa Qiyaamaa uumamtoonni Murtiif kaafaman san na hin adabin, na hin salphisin.
Guyyaa Qiyaamaa qabeenyis ta’ee ilmaan nama hin fayyadan, nama qalbii qulqulluun dhufe malee. Qalbu saliim (qalbiin qulqulluun) qalbii wantoota badoo lama irraa qulqulluu taatee fi wantoota gaggaarii lamaan ibsamteedha[3].

Wantoonni badoon lama:
1ffaa– wantoota iimaana faallessan kanneen akka kufrii, shirkii, shakkii fi nifaaqa irraa qulqulluu ta’uu.
2ffaa– Shahwaata irraa qulqulluu ta’uu- kana jechuun fedhii lubbuu badaa fi qullaa hordofuu irraa qulqulluu ta’uudha. Kanneen akka badii gurguddaa. Fakkeenyaf, bid’aa (wanta haarawa amanti keessatti uumuu), zinaa, hanna, lubbuu haqa malee ajjeesu, qabeenya namaa haqa malee nyaachu fi badiwwan biroo. Ammas, amaloota badaa akka riyaa (na argaa), of tuulu fi kkf irraa qulqulluu ta’uudha.

Wantoota gaggaarii qalbiin qulqulluun ittiin ibsamu qabdu
1ffaa- Iimaana-kuni dhugaan amanuu, iklaasa, sodaa Rabbii, Isa jaallachuu fi hojiiwwan qalbii biroo kan hammatuudha.
2ffaa– Shari’aa hordofuun hojii gaggaarii hojjachuu- wanta dirqamaa fi jaallatamoo shari’aan Islaamaa itti nama ajaje hojjachu. Fedhii fi yaada ofitiin osoo hin ta’in akkaataa shari’aan itti nama ajajeen hojjachu. Jecha biraatiin, Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuu.

Kanaafu, namni qalbii isaa kufrii, shirkii, nifaaqa, shakkii fi badiiwwan gurguddoo biroo irraa qulqulleessee fi iimaanaan of faayee Guyyaa Qiyaamaa dhufe, qabeenya karaa Rabbiin hayyameen argachuun karaa kheeyri irratti baasetti ni fayyadama. Qabeenya kana karaa halaalaatiin argatee karaa kheeyrii irratti yoo baase, Guyyaa Qiyaamaa mindaa (ajriitti) ni fayyadama. Haaluma kanaan, ilmaan isaa Islaama irratti yoo guddise, mindaa ifaajee isaa galmee isaa keessatti ni argata. Du’aayi ilmaan isaa isaaf godhan irraayyis ni fayyadama[2]. Kanaan alatti, namni kufrii, shirkii, nifaaqa irraa of hin qulqulleessin, qabeenyaa fi ilmaan isaatirraa homaa hin fayyadamu.


Maddoota Wabii:

[1] https://www.myvmc.com/anatomy/cardiovascular-system-heart/
https://mayfieldclinic.com/pe-anatbrain.htm
[2] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 8/634, Abdurahman Habanka
[3] Bidaa’u tafsiir 2/275-276, Imaamu ibn Al-Qayyim
Men and The Universe– fuula 36
https://www.academia.edu/35252218/The_Concept_of_Heart_in_Islam_and_its_Relevance_to_Islamic_Psychology
https://www.heartmath.org/articles-of-the-heart/the-math-of-heartmath/heart-intelligence/
https://quantumlifesource.com/heart-brain-connection/