Qorsa Jaalalaa-Kutaa 2ffaa

Yeroo darbee keessatti qorsa jaalala waliin mari’achuuf yaalle turre. Kunoo kutaa lammafa itti fufun qabadhe isin dhihaadhe jira.

6. Qabsoo– Qabsoon/ jihaadni cimaan qabsoo lubbuu ofii waliin adeemsisaniidha. Qabsoo kana moo’atuu fi kufuutu jira. Akkuma ibn Kasiira tafsiira isaani keessatti jedhan,”Mu’iminnii(Namni Rabbitti amanee) yommuu diinan ajjeefame shahiida(martyr)  ta’a. Yommuu diina keessaa kan ta’ee sheyxaanan moo’atame immoo shiftaa(bandit) ta’a.  Dabalatee mu’iminni diina ifaatin moo’atamee ajrii(mindaa) argata. Kan diina keessaatiin moo’ataman immoo cubbuu keessattii irbamuu fi jallatoota ta’an. Sheyxaanni bakka namni hin agarree waan nama arguuf Kan sheyxaanni arguu hin dandeenyetti kana jechuun Rabbitti  mangafachuun mu’imintootaf wanta garmalee barbaachisuudha. Rabbitti mangafachuu jechuun sheyxaanni abaarramaan dhimmaa amantii fi addunyaa kootii akka hin miine;wanta ajajametti duubatti akka na hin harkisne; wanta irraa dhowwamee akka natti hin bareechisne Rabbitti mangafadha,Rabbiin tiikfama jechuudha. “ Tafsiira ibn Kasiir Suuraa Al-Fatihaa Vol.I page- 56 (English Translation-Darusalam)

Qabsoon sheyxaana waliin adeemsifamuu qabsoo salpha miti. Ilma namaa jallisuuf halkanii guyyaa hin boqatu. Silaa hojiin isa ilma namaa jallisuu malee hojii biraa maal qabaree? Sharrii fi wanta fokkuu hunda ilma namaatti bareechisun itti affeerudha.  Ilma nama erga jallisee raawwate booda immoo akkana jedhe ilma namaa kaada

“Yeroo dhimmichi murteeffamu sheyxaanni ni jedha“Dhugummatti Rabbiin waadaa dhugaa waadaa isinii galee. Anillee waadaa isiniif galee garuu isin gane. Ani aangoo wayituu isinirratti hin qabuu turee isin affeeru malee. Isinis naa awwaattan. Kanaafu ana hin komatinaa matama(ofuma) keessan komadha. Anii isiniif birmataa mitii isiniis naaf birmatoo miti. Ani waan isin duraan Rabbitti na qindeessittan mormeera. Dhugumatti  zaalimtootaf(wrongdoers) adabbii laalessaatu jiraaf.”  Al-Qur’an 14:22

Fakkii mormii cimaa sammuu ilma namaa keessatti kaafamuu danda’uun Qur’aanni namaa ibsa.  Qur’aana keessatti Rabbiin suuraalee baay’ee keessatti ilma namaa sheyxaana akka hin hordofne akeekachiisa. Mee isaan keessaa muraasa haa ilaallu.
Yaa ilmaan Aadam akka abbaa fi haadha keessan qaama saalaa isaanii isaanitti mul’isuuf uffata isaanii isaan irraa mulquun jannata keessaa baasetti akka shayxaanni isin hin mokkorre.Dhugumatti innii fi gostii isaa iddoo isin isaan hin agarre irraa isin argu. Nuti warra hin amanneef shayxaanota jaalalle goonee jirra.”Al-Qur’an  7:27

Yaa warra amantan Islaamummaa keessa guutuu guututti  seenaa kottee/tarkaanfi sheyxaanas hin hordofinaa. Dhugumatti inni(shayxaanni) isiniif diina ifa bahaadha. “Al-Qur’an 2:208

Yaa warra amantan kotteewwan sheyxaanaa hin hordofinaa. Namni kotteewwan(tarkaanfilee) sheyxaanaa hordofe,inni(sheyxaanni) gocha fokkataa fi jibbamaa ta’anitti ajaja. Odoo tolli Rabbii fi rahmanni isin irra jiraachu baatee silaa tokkoon keessanis gonkumaa badii irraa hin qulqullooftanu türe. Garuu Rabbiin nama fedhe ni qulqulleessa. Rabbiin Dhaga’aa Beekaadha.” Al-Qur’an 24:21

Yaa namoota dhugumatti waadaan Rabbii dhugaadha. Kanaaf jireenyi duniyaa akka isin hin gowwomsine. Gowwoomsan(sheyxaanni) waa’ee Rabbii akka isin hin gowwoomsine.Dhugumatti sheyxaanni isiniif diina. Isinis diina isa godhadhaa. Hordoftoota isaas warra ibidda boba’a keessaa akka ta’aniif qofa isaan waama.” Al-Qur’an 35:5-6

Rabbiin kottee sheyxaana hin hordofinaa erga nuun jedhen booda maloota ittiin diina kana injifachuu dandeenyu nutti akeeka. Humna keenya qofaan diina keessa keenya moo’achuun garmalee ulfaata fi qabsoo baay’ee nama barbaachisuudha.

Yoo garagalchaan shayxaana irraa ta’e tokko (ajaja Rabbii irraa) si bute Rabbitti mangafadhu. Dhugumatti Inni(Rabbiin) Dhagayaa, Argaadha” Al-Qur’an 7:200

Akkamitti sheyxaanarraa Rabbitti mangafachuu akka dandeenyu Rasulli(SAW) fi Qur’aani nuu barsiisanii jiru.

Muxannoo kootirraa yeroo baay’ee du’aayi tana fayyadamuun sheyxaanatti qabsaa’a.

23:97

23:98

Jedhi ‘Gooftaa kiyya, ani hasaasa sheyxaanotaa irraa Sittiin mangafadha.Gooftaa kiyyaa isaan natti dhufuu irraa sitti mangafadha. “ Suuraa Mu’iminuun:97-98

Yookin immoo A’uzubillahi mina sheyxaani rajiim jechuudha. Hiikni isaas Sheyxaana abaarrama Rabbitti mangafadha.

Sheyxaanni akkanumatti lafaa ka’e nama gara baditti hin harkisu. Maloota garagaraa fayyadama. Nama gorsa gaarii namaa kennu fakkaate namatti hasaasa. Fakkeenyaf, akkana siin jedha,” Osoo dubartii tana salaama/nagaya jetteeni, Rabbirraa mindaa hin argattu? Ergasiis kanatti hin dhaabbatu  osoo wal bira teettanii waliin taphattanii rakkoo maaltu jira silaa zinaa hin hojjattanii?” Namtichi kana tole yoo jedhen sadarkaa itti aanutti dabarsa. Addatti wal qunnamuu,bilbila walii bilbiluu dhumarratti zinaa akka hojjatan isaan godha. Sheyxaanni haala kanaan sadarka sadarkaan gara baditti nama geessa malee takkaan nama hin jallisu. Namtichi beekkate sadarkama jalqabaatti yoo dide sheyxaana salphatti ni moo’ata. Yeroma inni sadarkaa jalqabarratti waa’ee badii namatti hasaasu du’aayi armaan olii haa jedhu.

Du’aayi armaan olii yoo jettes takkaan gadi si hin lakkisu. İrra deddeebi’i jedhi. Rabbiin sheyxaanarraa akka si tiksu hundee qalbitirraa kadhadhu,itti warwaadhu. Hanga feete aalimaa fi nama Rabbiin sodaatu yoo taate, yoo Rabbiin si hin gargaarin gonkumaa sheyxaana moo’achuu hin dandeessu. Rabbiin kan itti warwaattu(kadhattu) taate ,Rabbiin dhagayaa fi deebii deebisadhaa.

Kanaafu nama tokkorraa jaalalaan yoo qabamte,sheyxaanni gara baditti akka si hin bunne Rabbitti mangafadhu. Hasaasa isaa jalaa hin dhagayin. “Badi asii ani gonkumaa si hin dhagahu. Yoo Rabbiin jedhe si moo’adha malee na moo’attu” jedhiin. Zinaarraa Rabbiin akka si tiiksuuf du’aayii godhii. Nama jaalatte san gara fuunduratti fuudhu/itti heerumu yoo barbaadde salaata İstikaara salaati malee zinaan itti hin dhiyaatin.

Qabsoon kuni sitti jabaachu danda’a. Shayxaanni karaa adda addaatin gara baditti si harkisa. Kanaafu wanta ‘Qorsa Jaalala kutaa 1ffaa” keessatti tarreessine hordofi. Insha Allah milkaa’innaan sheyxaana ni injifattaati.

7.Fuudhu fi Heeruma – Rabbiin ilma nama wanta nafseen isa hin dandeenya irra hin kaa’u. Jaalalli humna cimaa onnee namaa keessatti uumamuudha. Osoo jaalalli jiraachu baate silaa fuudhaa fi heerumni hin jiru. Sababa kanaatin silaa horteen ilma nama ni citaa ture. Kaayyoon fuudhaa heerumaa inni guddaan fedhii wal-qunnamtii saalaa qabbaneessu osoo hin ta’iin maatii fi hawaasa ijaarudha. Namni fedhii isaa qofa qabaneessuf fuudhu ykn heerumu fedhiin erga qabannaa’e booda dhaabbanni fuudhaa heeruma dhihootti diigama. Kanaafu waa’ee fuudhaa heeruma yoo yaannu kaayyoon keenya inni jalqabaa fi guddaan maatii fi hawaasa cimaa uumuuf ta’uu qaba malee fedhii gabaabdu dabartuf ta’uu hin qabu. Fedhiin akka uffata halluu gadi furuutitti feedi gochuu danda’a.

Yoo gara mata-duree keenyati deebinu ibidda jaalala qabbaneessuf qorichi itti fayyadamnu keessaa tokko fuudhaa heeruma.  Waa’ee fuudhaa heerumaa Abdullah akkana jechuun gabaasan.

Yeroo dargagummaa fi qabeenya hin qabne taane Ergama Rabbii waliin turre. Ergamaan Rabbii(SAW)  akkana jedhan “Yaa warra dargaggoota namni isin keessaa fuudhu danda’u haa fuudhu. Sababni isaas ija ofii akka gadi qabatuu fi qulqullumaa isaa akka eeguf isa gargaara(kana jechuun zinaa akka hin hojjanne isa gargaara). Namni fuudhu hin dandeenye haa soomu. Soomun fedhii wal qunnamtii saalaa hir’isa.” (Sahiih al-Bukhaari,jiildii 7 Kitaabu nikah boqonna 3,lakkofsa  5066-From English translation)

Dhugumatti Hadiisni kuni furmaata gahaa lafa godhe. Yoo danda’e fuudhu qabaa malee humna fi sanyii  ofii bakkuma argetti qisaasessu hin qabu.  Namni kana hin dandeenye hoo maal haa godhu?

8.Soomuu fi nyaata hir’isuudha kaa- Hadiisuma armaan olii irraa ka’uun namni fuudhu hin dandeenye fallii isaa soomudha. Soomni fedhii keessa namaa keessatti boba’u hir’isa. Namni yoo nyaata baay’ise fedhiin isaa ni kaka’a. Hormoniin testosterone jedhamuu fedhii wal qunnamti saalaa geessatti gahee guddaa taphata. Akka qorannoon agarsiisanitti hammi Testosterone yoo dabalee fedhiin wal-qunnamtii saalaas akkasuma dabala. Qorannoon itti fufuun akkana jedha “Namoonni filmii wal-qunnamtii saalaa ilaalan 35% nin hammi Testosterone isaani ni dabala.”

Akkuma beeknu hormonooni kan uumaman sababa kemikaalota adda addaa nyaata nyaannu keessatti argamaniirraayi. Nyaanni nyaannu baay’ee fi gosoota garagaraa kan ta’uu yoo ta’e maddii hormonootas akkasuma dabala.  Mee haa xinxallinuu biyyoota hiyyeeyyi keessatti moo dureeyyi keessatti zinaan/sagaagalummaan, gudeeddan baay’ataa?

Kanaafu soomu fi nyaata hir’isuun hormoniin Testosterone kuni garmalee madduun fedhii namaa akka hin kakaasne taasisa. Mee ilaala furmaata akkam bareedu fi yeroo kamifuu turuu danda’u Islaamni jaarraa 14 dura lafa godhe.  Ija keessan gadi qabadhaa yoo jedhu Rabbiin faaydaa keenyaf malee faaydaa ofiitifii miti.

9.Sabrii fi Mindaa Rabbirraa eegu- sabriin jireenya hadhaawa gara mi’aawatti geeddara. Namni sabri hin qabne mi’aawa dhandhamu hin danda’u. Mindaan sabriin argamuun addunyaa aakiratti xiqqaa miti. Rabbiin (Subhana wa ta’ala) waa’ee warroota obsanii fi mindaa isaani yoo dubbatu akkana jedha:

39:10Jedhi “ Yaa gabroottan kiyyaa kan amantan! Gooftaa keessan sodaadha. Warra duniyaa tana keessatti toltu hojjataniif (Aakhiratti) toltuun qopaa’ee) jira. Dachiin Rabbiis bal’oodha. Warri obsan mindaan isaani kan isaaniif kennamu lakkoofsa malee dha.” Al-Qur’an 39:10

Kanaafu warra obsaniif mindaa lakkoofsa maleetu isaaniif kennama. Addunyaa aakiratti wanta gaaritu isaan qunnama. Eeti yeroo dargaggummaa wanta haraamarra obsuun ni jabaata. Hadhaan jaalala garmalee keessa namaa macheessu danda’a. Namni sabriin hadhaa kana liqimsee bira darbe dhugummatti jireenya gaarii jiraata. Namni Rabbiin sodaatu fi mindaa sabrii beeku fedhii hadhaa yeroo gabaabaf turtu irratti sabbaruun itti hin ulfaatu. Hadhaan jaalala bar yeroo dheeraf hin turu. Yoo tures ji’a sadii ykn sanii oli. Namtichi yoo hojii gaggaarin of ko’oomse hadhaa jaalalatin garmalee hin haleelamu. Torbaan tokko garmalee sitti jabaachu danda’a. Yoo torbii kana obsaan dabarsite fi tarkaanfi garagaraa gara wal-qunnamtii saalatti nama dhiiban yoo fudhachuu baatte,Insha Allah(yoo Rabbii fedhe) torbii itti aanuu sirraa qabbanaa’a. Ammas torbii biraa hadhaan kuni sitti deebi’u danda’a. Ammallee akkuma torbii darbe obsaan bira dabarte torbii kanallee obsaan bira darbii. Insha Allah ni milkooftati.

10.Adabbii fi badii zinaa8sagaagalummaa) dhalatu hubachuu- Rabbiin badii zinaa ilaalchisuun akkana nuun jedha:17:32

Sagaagalummattis hin dhihaatinaa. Dhugummatti inni hojii fokkataa fi karaa hamaa ta’ee jira. “ Suuraa Al-Isra 17:32

Adabii fi badiin zinaa irraa dhalatu hangana hin jedhamu. Namni fedhii gabaabdu guuttachuun dura bu’aa fi miidhaa isaa gadi dhaabbate madaalu qaba. Osoo hin madaalin jarjare yoo itti lixe akka hantuuta waan xiqqoo nyaachuuf jette waxmadii keessa seente ta’a. Namoonni fedhii ofii karaa zinaatin(sagaagalummaan) guuttatan fokkinni zinaa erga rawwatanii booda itti dhagahama. Hangam jibbisiisaa akka ta’ee hadhaan isaa itti dhagahama. Kanaafu hadhaan sabriin darbuu fi hadhaan zinaa irraa dhalatu gonkumaa wal hin gitu. Hadhaan sabrii gara mi’aawatti jijjirama. Hadhaan zinaa immoo gara kamittu hin jijjiramuu hadhama ta’ee hafa. Sammuu fi fayyaa nama miidha.

Dhibeewwan yeroo amma zinaa irraa dhufan lakkoofsa hin qaban. Isaan keessaa lubbuu namoota biliyoona galafatanii fi galaafataa jiran Edisii,fanxoo,cophxoo, fi kkf dha.Namtichii osoo hin toowbatiin yoo du’e immoo balaan zinaa kanaa caalaa.

Sayyid Quxbiin(Rabbiin isaa rahmata haa godhuu) waa’ee zinaa ilaalchisee qabxii garmalee ijoo lafa kaa’ee.
“Zinaan karaa baay’een ajjeecha bakka bu’a. Inni ajjeechadha sababni isaas, dhimma jireenya bakka dogongora ka’uun qisaasessa. Yeroo baay’ee wanta uumamaan argamee karaa dhala baasuu fi daa’ima ajjeesutiin hordofsiisa. Yoo daa’imni baraarame fi akka jireetu hayyamameef jireenya gadadoo fi sarbamaa keessatti dagatama. Kuni karaa biraatin ajjeechadha.

Dabalataan, zinaan ajjeecha hawaasati sababni isaas hariiroon maatii ni bada, funyoon dhiigaa(blood ties) wal dhaba. Namoonni daa’imni isaan guddisaa jiran kan isaani ta’uu itti amanamummaa xiqqaa akka qabaatan godha. Haala kanaan hariiroon hawaasummaa dadhabaa adeema, afuurri(spirit) isaani guddate ykn xiqqaate ni du’a. Sababa adda addaa irraa kan ka’ee ajjeecha hawaasummaa akka ta’eetti ilaallamu danda’a. Zinaan karaa salphaatin fedhii ofii akka guuttatan balbala waan banuuf, fuudhaa heeruma barbaachisa akka hin taane fi ittigaafatamummaan maatii akka dhabamu taasisa. Wanti irraanfachu hin qabne maatiin mana sirrii ijjoolleen itti guddifamanii fi dhalli namaa inni gaarii ta’e wal qabate itti ijaarramudha. Maatiin mana guddinni dhiiraa fi dubartii haala walqixaatin itti mirkanaa’udha. Seenaa keessatti hawaasni sagaagalummaan akka babal’atu hayyame kufiinsa mataa ofiitti kan fideedha.”

In the Shade of the Qur’an jildii 11 ffaa irraa fudhatame.

Kanaafu yeroo ibiddi jaalala nama keessatti qabatuu fi boba’u adabbii fi badii zinaa yaadachuun qabbaneessun ni danda’ama. Qorsii jaalala inni dhumaa adabbii zinaa/sagaagalummaa yaadachudha.

 Gudunfaa
Hanga amma qorsa jaalala kan itti fayyadamnu fi muxannoo namota irraa arganne tarreessine jirra. Namni qorsa kanniin fayyadamu ni milkaa’a. Kana kan dide fedhii gabaabdu guuttachuuf sheyxaanaf harka kenne Rabbii isa haa qajeelchu, karaa sirritti isaa haa deebisu jennaan.  Amantiin Islaama furmaata gahaa dhuunfaa,hawaasa guutumaan guututti addunyaaf ta’u of keessatti kan hammateedha. Namoonni furmaata kanarraa garagalanii furmaata biraa barbaadutti yoo ka’an badii malee wanti isaan eeggatu tokkollee hin jiru.

Kanaafu  namni Islaama duuka bu’u  addunyaa aakiratti ni milkaa’a.  Warra dhihaa irraa qorsa jaalala argadha jette osoo deemte dhibee san caalu malee wanta biraa hin argattu. Akkamatti fedhii akka bobeessan sitti himuu malee akkamatti akka qabbanessan sitti hin akeekan. Gaafa tokko osoo barruu wayii dubbisuu “Rakkoo jaalalaa maal akka godhan hin beeku, akka itti too’atan hin beeku.” jedhe barreesan barruu.

Hanga humni koo danda’een barruu kana qopheessuf carraaqe jira. Wanta dhala namaa fayyadi jedhe yaade barreesse jira. Alhamdulillah,galanni fi faarun Rabbii haa galu. Gargarsa isaatin hojii keeyrii hundaa hojjanna. Namni dogongora irraa hin fagaatu. Yoo dogongore na sirreessa. Hiikkawaan keeyyatoota Qur’aana armaan olii “Hiika Qur’aana Kabajama Afaan Oromotiin” fi Sahih İnternational English Translation irraa fudhataman. Yaa Rabbii dogongora keenya nu araarami,hojii keyrii keenya nurraa qeebali.

Gara funduratti daran akka isin taajajilu yaada keessan asitti qicaa bira darbaa.

Qunnamtiif sammubani@hotmail.com

Ibidda Jaalala-Kutaa 1ffaa
Qorsa Jaalalaa-Kutaa 1ffaa
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.