Dhama’iinsa-Kutaa 2ffaa

Dhama’iinsa4.Daraara ummataa Musliima irra gahaa jiru- Bombiin yommuu halkanii guyyaa ummata Musliima irratti roobu, shakkii fi dhama’iinsi nama haguuga. Tokko qabeenyan yoo machaa’u gariin immoo boombii fi beelan dhumu. Gariin baay’iinna qabeenya irraa kan ka’ee haalaa dhabuun daangaa Rabbii darbuu fi ilma namaa cunqursu gariin immoo wanta nyaate uffatu dhaba.

Gaafiwwan kunniin mataa namoota naaneessaa fi akka Islaama shakkanii fi irraa garagalaniif karaa banaa jiru. Gaafiwwan suniis, “Musliimonni namoota Rabbiif bulaniidha. Erga isaan Rabbiif bulanii, Inni maaliif cunqursiitota harka irraa hin qabu? Sirumaa cunqursiitonni qabeenya guddaa walitti tuulu fi jireenya gaarii jiraatu. Mee ilaali Ameerikaa jireenya ummanni ishii jiraatan! Kaafironnii Rabbitti kafaranii osoo jiranu qabeenya akkanatti itti gadii dhangalaasa. Muslimoonni immoo daraara fi gadadoon dhumaa jiruu. Kunii maalii, naa hin galle.” Jechuun meeqa kamtu dhama’aa jira. Seera, tooftaa fi ogummaa Rabbii kan hin beekne gubbaa ilaale dhama’a.

Gaafii armaan olii osoo hin deebisiniin duratti jalqaba mataa keenya sakatta’u qabna. Gaafiin armaan olii fi kan biroo deebii kan argatan Qur’aana irraayyi. Yoo Qur’aanatti dhihaanne gaafiwwan mataa keenya naannessaniif deebii gahaa arganna. Kanaafi Qur’aanni hayyama Rabbiitin fayyisaa qalbii kan jedhameef. Qur’aanni wanta hunda haguuge kan of keessatti qabateedha.

Gara deebitti yoo seennu dhugumatti Musliimonni yeroo ammaa Rabbiitti bulaa jiruu, shari’aa (seera Islaamatiin) bulaa jiru? Qur’aana fi sunnaa heera ofii godhatanii itti bulaa jiru moo heera nam-tolchetti bulaa jiru? Rabbiin waqqasuu fi Islaama shakkuun dura daangaa nuti darbinee fi badii raawwataa jirru mee haa ilaallu. Kanaafu miidhaa fi daraaran ummata Musliima irra gahaa jiru sababni guddaan tokko qajeelfama Rabbii fi sunnaa Ergamaa Isaatirraa garagalanii karaa biraa hordofuudha. Yeroo kana Rabbiin adabbii irraa jalaan namatti buusa. 6:65

Jedhii ‘Inni (Rabbiin) adaba (azaaba) gubbaa keessan irraa yookiin miila keessan jalaa isin irratti erguu yookiin garee haala taataniin isin walitti makee garii keessan lola garii dhandhamsiisu irratti danda’aadha.’ Akka isaan hubataniif jecha akkamitti keeyyattoota akka ibsinu ilaali.” suuraa Al-An’aam 6:65

Aaya tana yommuu ilaallu seena keessatti fi yeroo amma gareen tokko gareen biraa miidhaa fi cunqursaa akka dhandhamsiisa jiru ni agarra. Ibidda lolaatin wal fixaa akka jiran ni ilaalla. Kanaafu yommuu gareewwan ibidda lolaatin wal fixan dhama’uu fi haqa Islaama shakkuu hin qabnu, aaya armaan olii ilaalun gahaadha.

Gaafi cunqursitonni jireenya toltuu fi mi’ooftu jiraata jiruu jedhuuf immoo- namoonni yeroo baay’ee osoo damma fi summii walitti makanii itti kennanii dhuguu irraa duubatti hin deebi’an. Summii qabeenyi qabduu osoo hin beekin ‘Rabbiin akkanatti isaanitti gad dhangalaase gara biraatin Musliimonni jireenya dararaa jiraatu.’ Jedhu. Afachu namoonni kunniin qabeenya kana summii waliin isaanitti akka gadi dhangalaase sirritti hin hubatanii! Ummanni Ameerika jireenya akkamii akka jiraata jiran mee ilaali. Dhiphinni fi of galaafachuun hojii isaaniti. Rabbiin qabeenya kanaan isaan adabuuf itti gadi lakkisa. Kan aqlii qabduu hoo qabeenya Rabbiin akkanitti itti gadi füruu isaan waan jaallate sitti hin fakkaatinii hubadhu.9:55

Qabeenyi isaaniiti fi ilmaan isaanii si hin ajaa’ibsiisin. Dhugumatti, wanti Rabbiin fedhu jireenya Addunyaa keessatti isheedhaan (Qabeenya fi ilmaanin) isaan adabuu fi kaafiroota ta’anii lubbuun isaani bahuu fedha.” Suuraa At-Towbaa   9:55

Kasaaran kana caalu maaltu jiraa? Addunyaa irraa kaafira ta’anii boqochu caalaa kasaran biraa ni jiraa sila? Gonkumaa hin jiru. Kanaafu qabeenya fi ilmaan isaani dinqisifachuun maaliif dhamanaa osoo isaanif adabbii ta’ee jiru? Dhumti isaani yoo hin towbatiin addunyaa fi aakiratti kasaara hamaadha. Baay’inna qabeenya isaani ilaalun qananii guddaa nu bira jiru kan isaani kan caalu tufanna. Qananiin Islaama caalu ni jiraa sila?

Seenaa irraa mee hubadhu wanta Qaarun fi fakkaattonni isaa ta’an. Rabbiin qabeenya itti gadi fure ergasi tasa qabaa hamaan isaan qabe.

Yommuu namoonni daangaa Rabbii darban, gara Isaa deebi’anii araaramaa akka kadhatanii fi towbaa godhaniif hiyyummaa, rakkoo, dhukkuba fi kan kana fakkaataniin isaan qora(mokkora). Kana akka barnootatti fudhatanii deebi’uu yoo diidan wanta isaan barbaadan itti gadi fura. Ergasii qabaa hamaan isaan qaba. Kuni seera Rabbiiti. Namni seera kana hin beekne dhugumatti ni dhama’a, haqa Islaama shakka. Rabbiin seera kana haala kanaan ifa nuu godha. (Ilaali Al-Qur’an suura Al-An’aam 6:42-45)

Cunqursiitonni yommuu daangaa darban Rabbiin akkanumatti cal’isee isaan hin ilaalu. Yeroo kennaaf. Ergasii qabaa hamaan isaan qaba. Fakkeenya cunqursitoota kan ta’e Fira’oowni maal akka ta’ee mee haa ilaallu.

“Rabbiin waan miidhaa hojjattoonni (Zaalimonni) raawwatan irraa dagataa ta’uu hin yaadin. Kan Rabbiin isaan tursiisuuf guyyaa isa keessa ijji sodaadhan bobaastudha (Guyyaa Qiyaama). (Gara waamichaatti) mataa isaani kan olkaasan ta’anii (ijji isaani olkaati). Ijji isaaniis gara isaaniitti hin deebitu. Qalbiin isaanis duwwaadha.” Suuraa Ibraahim: 42-43

Muslimoonni hanga fedhen osoo Rabbiin sodaatanii fi qajeelfama isaatti bulanii osoo isaan hin qorre (hin mokorre) Rabbiin hin dhiisu.

Sila namoonni ‘Amanne’ jechuudhaan odoo hin mokkoramiin dhiifamu yaadu? Dhugumatti,Nuti warra isaanin duraas mokkorre jirra. Dhugumatti Rabbiin isaan dhugaan amanne jedhan beekuf jira,sobdootas beekuf jira.” Suuraa Al-Ankabuut 29:2-3

Rabbiin warra dhugaan amanee fi sobaan amane osoo hin mokkoriinin durattu ni beeka. Namootatti ifa isaan baasuf qormaata itti buusa. Ergasii wanti dhokataan keessaa ummataaf ifa ta’a. haala kanaan sobaa fi dhugaan addaan baha. Ilmi namaa yommuu qoramuu ciminnaa fi jabeenya argata. Osoo qormaanni jiraatu baase silaa laamsho ta’ee hafa.

5.Ummama gareewwan adda addaa– dhama’iinsi fi shakkiin yeroo ammaa namoota haguuga jiru uumamma gareewwan adda addaati. Tokkummaan hawaasa tokkoof ciminna guddaadha. Diinni salphatti isaan hin injifatu. Karaan salphaan dinni ittiin nama injifatu tokkummaa hawaasa bittineessu fi gareewwan adda addaa uumudha. Oduu durii waa’ee sangoota sadanii waliin jiraacha turan warabeessi akkamitti akka isaan hundaa nyaate fixe ni beeknaa mitii ree? Waraabeessi sadan isaani bakka tokkotti nyaachu akka hin dandeenye yommuu hubatu tokko tokko irratti diina gochu eegale, ofirraa ari’aa jedhe itti hasaase.

Diinni namaas akkanumatti nama nyaata. Sababni yeroo ammaa ummanni Musliima humna dhabeef baay’innaan xiqqaa waan ta’aniif osoo hin ta’in tokkummaa waan dhabaniif. Gareen gareen wal qoodun addaan bittinaa’an. Maqaa Musliima jedhu dhiisanii maqaa garagaraa ofitti maxxansu. Diinnis wanti barbaadu kana. Sababa kanaan dhama’iinsi fi shakkiin nu haguuga jira. Sababni uumamni gareewwan kanaa baay’ee haa ta’uuyyu malee muraasni isaani kanarraa burquu danda’u:

Qur’aana sirritti hubachuu dhabuu fakkeenya kanaaf kan ta’an kaarijoota. Kaarijoonni baay’een isaani warra baadiyaa kan turaniidha. Barnoota amantii sirritti hin arganne. Yeroo ammaas gareewwan kaarijoota fakkaatan kan akka ISIS sababa Islaama sirritti hubachuu dhabuutin uumaman baay’eedha. Gareewwan kunniin hordoftoota amantii biroo caalaa Muslimoota irratti miidha geessaa jiru.

Kaayyoo diina galmaan gahuu fi haafa’iinsa addunyaa- diinni wanta xiqqoo afaan isaan buuse Islaama fi Muslimoota miidhuf gareewwan tattaafatan lakkoofsa hin qaban. Akka fakkeenyatti garee Ahbaash gara biyya keenyatti seene hubachuun gahaadha.

Garaagarummaa yaada– yaada xixxiqqoo irratti wal danda’u dhiisanii diina ta’uu fi gareewwan adda addaa uumaa adeemu.

Gareewwan kanniin yommuu ilaallu fi dhama’iinsi fi shakkiin yommuu nu muudatu furmaanni keenya maaliiree? Namni yommuu qajeelfama Rabbii fi sunnaa Ergamaa Rabbii (SAW) faallessu Rabbiin wanta inni filate irratti isa hambisa.4:115

Namni erga karaan sirriin ifa isaaf ta’ee booda Ergamaa Rabbii faallesseefi karaa mu’umintootan ala hordofe, karaa inni filate irratti isa dhiisna. Jahannamis isa seensifna. Deebiin waa fokkate.” Suuraa An-Nisaa 4:115

Kanaafu Ergamaa Rabbii faalleessun dhuma kanaaf nama geessa.

Furmaanni keenya dhama’iinsa fi jallinna keessatti liqimfamne hafuu osoo hin ta’iin karaa salphaa fi ifaa hordofuudha. Innis Qur’aana fi Sunnaa Ergamaa Rabbiiti. Warroota karaa kana hordofan ni qabanna, warroota karaa kana irraa daban immoo irraa fagaanna. Aadaa fi bartee keenya kan Islaama waliin hin deemne achi ganna. Kana kan milkaa’innatti nu geessu.6:153

Dhugumatti kuni karaa Kiyya isa qajeeladha, isa hordofaa. Karaa Rabbii irraa isin baasanii karaa hedduu hin hordofinaa. Inni(Rabbiin) kana akka muttaqoota (warra Rabbi sodaatan) taataniif isiiniif dhaama.” Suuraa Al-An’aam 6:153

Kanaafu karaan qajeelaa fi salphaan karaa Qur’aanatii fi karaa Ergamaa Rabbiiti.  Tokko addaan baasanii hordofuun hin danda’amu. Lamaanu wal qabatu. Hadiisni hin barbaachisu warroonni jedhan kana haa beekan.

Kanaafu yoo Qur’aana fi hadiisatti maxxanne shakkii fi dhama’iinsan hin haguugamnu. Karaa sirrii irra akka jirru ni hubanna.

6.Sodaa fi shakkii sheyxaanni namatti darbuu– sheyxaanni jallinnatti nama harkiisu yommuu barbaadu sodaa, shakkii, dhama’iinsa, duubatti harkifachuu (laamsho ta’uu), fedhii daangaa hin qabne (overzealous) fi kkf namatti darba. Inni nama jallisuuf boqonnaa hin qabu. Kallatti afuuriin namatti deema. Fedhii jala deemu fi addunyaa akka jaallatan, Aakiraa immoo akka dagatan nama taasisa. Haqa soba, soba haqa fakkeesse namatti mul’isa. Islaama akka adutti ifa ta’e shakkii namatti darbuun nama dhamaasa. Amantiwwani fi karaalee sobaa Islaaman ala jiran dhugaa fakkeesse namatti mul’isa.

Ammas shakkii fi dhama’iinsa sheyxaanni namatti darbuu jala bahuuf gara Qur’aana deebi’uu, du’aayi fi zikrii gochuudha. Yommuu Islaama qabattu fedhii olbobeessun daangaa akka darbituu fi namoota akka tufattu si gochuu danda’a. Imaam ibn Al-Qayyim (Rabbiin rahmata isaa haa godhuu) kana nu mirkaneessa. “Yommuu Rabbiin wayiti nama ajaju sheyxaani karaa lamaan nama gowwoomsa. Yookaa namticha laamshoo(dadhabaa) taasisu fi hojii gaggaari akka hin hojjanne godhu yookiin immoo dhaadhessuu fi daangaa akka darbu gochuun sheyxaanni nama gowwomsa. Dhugumatti amantiin Rabbii nama dadhabaa fi daangaa darbu jiddutti madaallamaadha akkuma sulula gaarren lamaan jiddu. Namni ajaja Rabbii irraa laafe fi duubatti harkifate,ajaja san qisaasse jira. Namni daangaa darbees ajaja san qisaasse ykn balleesse jira. Kan jalqabaa daangaa xiqqaa (minimum limit) guutu dhiisu isaatin. Kan lammataa immoo daangaa ol’aanaa (maximum limit) darbuu isaatin ajaja qisaasesse/balleesse jira”

Kanaafu sheyxaanni dadhabinna, sodaa fi shakkii nutti darbuun kaayyoo keenya irraa duubatti nu harkisuu hin qabu. Akkasumas fedhii keenya garmalee kakaasun akka of tuullu fi daangaa darbinu nu gochuu hin qabu. Sheyxaanni haala kanaan fedhii garmalee namatti kakaasun nama jallisa. Yoo beekumsi xiqqoo ta’ee waa hundaa waan beeku itti fakkeessa. Aalimota fi namoota gurguddoo akka hin dhageenye nama taasisa. Namtichi beekumsa xiqqoo qabuun fatwaa kennuuf carraaqa. Haalli kaarijota kana. Nama Musliima ta’ee cubbuu waan hojjateef kaafira jedhuun.

Falli keenya yeroo hundaa sheyxaana irraa eeggamuuf Rabbiin kadhachuu qabna. ‘Yaa Rabbii akkuma gabroottan kee gaggaari sheyxaana irraa tiksite nullee tiksi. Karaa qajeelatti nu qaleelchi’ Jechuu qabna. Rabbiin daraara fi gadadoo hawaasa Musliima irraa haa kaasu.Nasrii (Injifannoo) nuuf haa fidu. Inni dhugumatti Dhaga’aa fi waa hundaa irratti Danda’aadha.

Alhamdulillah Rabbil Aalamiin. Har’aaf waa’ee dhama’iinsa asirratti xumurra. In sha Allah hanga torbaan mata duree biraatin walitti deebinutti Assalamu aleykum wr wb.

Salaata:Burqaa Gammachuu
Dhama’iinsa (Confusion)-Kutaa 1ffaa

5 comments

Leave a Reply