Qormaata Biyyoollessa fi Kan biroof Milkaa’uf

Duraan durse barattoota qormaata biyyoolessa kutaa 12ffaa fudhataniif hamileen keessan hin cabin, carraaqin keessan akkanumatti kan hafu hin ta’in isiniin jedha. Qormaata jechuun hangam ati jabaa akka taate si qoruuf kan sitti dhufuudha. Qormaanni kan waraqaa irratti qoramnu qofa osoo hin ta’in jireenyu mataan ishii qormaata guddaadha. Ilmi namaa qormaata adda addaa keessa darbee bakka tokko gaha. Osoo qormaanni jireetu baate silaa badaa fi gaariin addaan hin foo’aman, jabaa fi laafan addaan hin bahan. Kanaafu qormaanni kan nutti dhufuuf nu jabeessufi.

Gara qormaata waraqaatti yommuu deebi’u, qormaanni yommuu kalaa’u (dhiyaatu) sodaan, dhama’iinsi fi wantoonni adda addaa nama muudatu. Sababa kanaan barattoonni kufuu danda’u. Insha Allah har’a qormaata biyyoolessa kutaa 12ffaa akkamitti akka milkaa’an qabxii muraasa ni eerra.

1.Qo’achuu– Qormaata biyyoolessaaf yommuu qophooftu ji’a lamaan dura qo’annaa jalqabi. Garuu akka carraa ta’ee rakkoo si muudaten osoo hin qo’atin hafte ta’a, fakkeenyaf rakkoo bara kanaa. Jiinni tokko yookiin torbaan muraasni si hafe haa jennu. Yeroo gabaaba kana keessatti maal gochuu dandeessaa? Yeroo gabaaban qaba, qo’adhe hin fixu jechuun abdii kutuu hin qabdu. Tasgabbiin hanga dandeessu qo’achuuf yaali.

Hiriyyaa waliin qo’adhu– hiriyyaa waliin qo’achuun yeroo fi humna kee qusata, wanta hin beekne salphatti baratta, qormaata ni dabarta. Ani yeroo kutaa sagal turee Fiziksiin garmalee na dhibaa türe. Garuu yommu gara kutaa kudhanitti darbuu hiriyyaa waliin qo’achuu eegale. Ergasii Fiiziksiin na salphate.

Hiriyyaa waliin yommuu qo’attu of eegganno godhii. Hiriyyaa akkanumaan sitti dhufe yeroo kee gubutu jira. Yookaa irraa hin barattu, yookiin itti himte sirraa hin baratu. Si waliin kolfuun yeroo kee ajjeessa. Hiriyyaa akkanaa irraa fagaadhu. Akkasumas hiriyyoota hin baay’isin. Yoo baay’iste wal jeequn yeroo keessan gubdu. Hiriyyaan lama yookiin sadii si waliin gahaadha. Hiriyyaa fedhii qo’annaa qabu filadhu waliin qo’adhu. Ammas hiriyyaa saalaa faalla filachuun yeroo fi sammuu kee hin qisaasessin. Hiriyyaa saala faalla waliin qo’achuun fayda ati yaadde irra miidhaa isaatu caala. Sababni isaas, sababa fedhiitin xiyyeefannoon kee ni bittinaa’a, sirnaan hin qo’attu. Kanaafu saala faalla waliin qo’achuu irraa fagaadhu.

Hiriyyaa kee irraa na caala jette wanta beektu hin dhoksiin itti himi. Akkuma itti himtuun wanta hin beekne baratta, kan duraa caalaa si gala.

Yaada fi xiyyeefannoo kee sassaabi- yommuu qo’attu yaanni kee garaagarana kan ta’u yoo ta’ee yeroo keetis ni gubda, firiin keetis gadi bu’a. wanta si jeeqan ofirraa fageessi yookiin irraa fagaadhu kan akka teleefonaa, Tv, waca fi kkf.

Yaadannoo qabadhu– yaadanno qabachuu jechuun kitaaba guutu barreessu osoo hin ta’in jechoota keetin wanta ijoo katabuudha. Wanta kitaabarra jiru guutu sammutti qabachuuf (shamadaduuf) hin deemin. Yaad-rimee isaa hubachuuf carraaqi. Maal jechuu akka yaade hubadhu. Wanta si galee yaadanno kee irratti gudunfii.

Wantoota akka heeraga of keessa qaban kan akka Fiziksii, heerrega, Keemistirii, fi kkf fakkeenyota baay’ee hojjachuun salphatti akka si galan gochuu dandeessa. Fakkeenyas yommuu hojjattu kitaaba rifaransii hundaa abuurun si hin barbaachisu. Rifaransii tokko filadhu isarraa fakkeenyota hojjachuuf carraaqi. Fakkeenyota kitaaba daree irra jiru hojjadhu. Qormaanni kan dhufu kitaaba daree bu’ureefateti. Qormaata waggoota darbanii hojjachuuf carraaqi. Akkuma duratti jenne hiriyyoota waliin fakkeenyota fi gaafiwwan furuuf carraaqi.  Formullooni akka si jalaa hin banne yaadannoo irratti qabadhu.

2.Yeroo sirnaan fayyadamuu– yeroon tee lubbuu teeti. Akka si jala hin qisaasesofne sirnaan itti fayyadami. Yeroo muraasa qabdu keessatti sirnaan itti fayyadamuuf, guyyaa guutu wanta raawwattu guyyaa guyyaan saganteessi. Torbaan kana keessa barnoota kam xumuruu akka qabdu karoorfadhu. Torbaan itti aanus akkanumatti karoorsi. Guyyaa guutuu barnoota tokko qofa qo’achuuf hin yaalin, ni hifatta, si jalaa baduu danda’a.

Ganama yeroon ka’uun qo’annaa jalqabi. Akkuma kaaten Tv fi interneetitti hin fiigin. Kunniin sammuu kee jeequn akka hin qo’anne si godhu. Sa’aati tokko yookiin tokkoof walakkaan booda hara baafadhu(boqadhu). Sa’aati dheeraa boqonnaa malee dubbisa irra hin turin. Sa’aa walakkaaf yookiin tokkoof rafii yookiin ciisi yookiin immoo gara alaa bahii takka olii gadii deemi yookiin ispoorti hojjadhu.

Yeroo sammuun kee hoo’a(fresh) barnoota tiyoori kan akka Baylooji, Seenaa fi kkf qo’adhu.

3.Boqonnaa fudhachuu– boqonnaan hojii keenya kam keessattu baay’ee murteessadha. Boqonnaa malee kan sa’aati 24 hojii kan hojjannuu yoo taane sammuu fi qaamni keenya ni dadhaba, hojiin ala ta’a. Hirribni fi ispoorti hojjachuun anniisaa sammuu fi qaama haaromsu. Akkasumas kunniin lamaan daangaa yoo darban qaama fi sammuu miidhu. Hirribni garmee yoo baay’ate sammuu dugulcha. Sa’aati hirribaa kee murteessi. Wal duraa duuban sa’aati saddeet rafuu osoo hin ta’in addaan qoqqoodi rafi. Fakkeenyaf, halkan sa’aati 5 irraa hanga sa’aati 11 yoo rafte, sa’aati shan ta’a. Ergasii guyyaa walakkaa sa’aati tokko yookiin lama rafuu dandeessa. Haala kanaan qo’anna kee keessatti sammuu fi humna kee haaromsita. Barattoonni gariin sa’aati sadii qofa rafuun qo’ataa bulu. Anas wanti akkana ana muudate türe. Garuu kuni sammuu kan miidhu fi firiin isaa gadii bu’aadha. Hirriba gahaa xiqqaate xiqqaatu sa’aati 5 rafi. Addunyaa tanaaf jette sammuu of hin dhoosin. Rabbitti hirkadhu.

4.Nyaata madaallamaa- gariin keenya ni qo’anna jenne garmalee nyaanna. Garuu kuni sammuu kan cufuu fi qaama kan dadhabsiisudha. Garmalee yoo nyaatte sammuun kee waa fudhachuu hin danda’u. Warrii keenyas waan qoo’attuf garmalee nyaachu qabda jedhu. Eeti nyaachun garmalee barbaachisadha. Garuu madallaama ta’uu qaba. Yeroo qo’atte garaan kee si beela’u osoo hin guddisin nyaadhu, dhugi. Akka garmalee quufte hin dadhabne garaa kee eegi. Garuu amma ji’a Ramadanaa waan ta’eef dhoksatti nan nyaadha, nan dhuga jette hin carraaqin. Ramadaanni qormaata kee caalaa. Obsi. Yeroo anniisa qabdu ganamaan qo’annati ka’i. Guyyaa walakkaa yommuu dadhabdu rafi. Beela kee irratti osoo hin ta’in qo’annaa kee irratti xiyyeefadhu. Galgala yommuu sooma hiiktu garmalee nyaachun of hin dadhabsiisin. Nyaanni fi dhugaatin kee madaallamaa haa ta’an.

5.Sodaa fi shakkii kee qabaneessi – akkuma sa’aati fi daqiiqan darbaniin qormaatatti dhiyaata adeemta. Shakkii, dhiphinnii fi sodaan kee dabaluu danda’a. Abshiir garmalee dhiphachuu fi sodaachun wanta qo’ataa turte of keessaa hin haaqin. Qormaanni hangam jabaa akka taate si ilaaluf malee dhuma jireenya keetiti miti. Qormaata kana darbuu fi kufuun dhuma jireenya keeti hin murteessu. Namoota meeqatu jiru qormaata kana kufani soreessa ta’an. Meeqatu jiru qormaata kana darbanii fi yuniversitii seenani erga bahanii hojii dhaban. Kanaafu tasgabbaa’i. Qormaanni addunyaa tanaa ni darbaa, qormaata qabrii fi Guyyaa Qiyaama yaadadhu.

Halkan qormaataa garmalee qo’ataa hin buliin. Yaadannoo kee irra deebi’i ilaali. Barattoonni gariin halkan qo’ataa bulanii guyyaa qormaata sammuun isaani waan dadhabuuf firii gaarii osoo hin galmeessin hafu. Hirriba gahaa rafi. Xiqqaate xiqqaatu sa’aa 7. Guyyaa yommuu qormaata deebitu xiqqoo rafu dandeessa. Garuu hirribni si fudhate qormaanni akka si jala hin dabarre of eeggadhu, sa’aati iyyitu guuti.

6.Qormaata irratti-yeroo qormaata tasgabbaa’i. Rabbirratti hirkadhu. Wanta qormaataf barbaachisan kan akka ID, israasi, haaqxu fi kkf ganamaan qopheefachun gara qormaata seeni. Yommuu qormaata jalqabdu hin jarjarin. Bismillahi jedhi jalqaba irraa jalqabi. Gaafin tokko yoo sitti ulfaate yeroo irratti hin gubin irra marsii gara gaafi itti aanutti darbii. Garuu waraaqa deebii irratti filannoowwan keessa tokko irratti tilmaaman gurraachessi.

Yoo hin dogongoriin qormaanni jalqabaa İngiliffa natti fakkaata. Qormaata ingiliffaa irratti rakkoon barattoota muudatu, keenyata (passage) fi gaafiwwan isaati. Dubbisanii hubachuuf yeroo namarraa guba. Keenyata san guutu dubbisuun sirraa hin eeggamu. Gaafi inni gaafatu dubbisii keenyata keessaa deebii isaa barbaadi. Yeroo garii mata dureen keenyata kanaa maaliidha? Guddunfaan (infer, conclusion) keenyata kana maaliidha jedhe gaafachu danda’a. mata dureen keenyaticha yookaa jalqaba, jiddutti yookin dhumarratti argamu danda’a. filannoowan gaafi erga dubbiste booda salphatti ijaan keenyatti keessa barbaadu dandeessa.

Qormaatan dura gaafiwwan Comprehensive Passage qaban hojjadhu. Haala kanaan siif salphata.

Ingiliffa keessatti harkii caaluu seerluga gaafatu. Kanaafu wanta kitaaba irra jiru qo’adhu. Rifaransii dabalataa fayyadamii. Kan akka “Advanced English, book 1 and 2”

Herregni, fiziksii fi barnoonni biroos haaluma kanaan. Gaafiwwan si dhiban yeroo kee irratti hin gubin irra darbii gaafiwwan sasalphaa hojjadhu.

Ofitti amanummaa qabaadhu. Barataa biraa irraa garagalchuuf osoo hin ta’in hanga qo’atteen qormaata hojjachuuf of amansiisi manaa bahi. Yaada ‘Insha Allah hojjachuu nan danda’a.” jedhuu sammuu kee keessatti maxxansi. Du’aayi godhii.

7.Firii qormaata– firiin qormaata yommuu bahuu, yookaa rifachuun wanta hin taanen lubbuu kee badii irra hin buusin yookiin immoo firiin qormaata kee garmalee gaarii waan ta’eef of tuulun ardii irra hin deemin. Lamanuu daangaa haa qabaatan. Barattoonni tokko tokko yommu qabxiin isaani gadi bu’uu gara of ajjeechatti deemu. Kunii of kasaarsu fi miidhu malee wanta biraa ta’uu hin danda’u. Akkuma duratti jenne qormaanni jabeenya kee qoruuf malee dhuma kee murteessuf kan dhufuu miti. Rizqiin Rabbii bal’aadha. Maaltu gara of ajjeechatti nama oofe ree? Qabxiin kee yoo gadii bu’e, hin gaddinii obsii. Carraawwan argatteeti fayyadamuun jireenya kee foyyeessuf carraaqi.

Qormaata gaarii isiniif haa ta’u. Rabbiin isin haa gargaaru jechaa barreefama har’a koo asirratti xumura.

Arraba Kee Eeguf- Kutaa 1ffaa
Piroojektii Ramadanaa
Kana Raabsi

2 comments

Leave a Reply

Your email address will not be published.