Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-lakk.8

Madaan kee kan darbanii fi yaadonni negaativi ammaa gara olii ol guddachuu irraa duubatti si hin harkisin. Mataa kee ol qabadhu, baatiri/ibsaa milkaa’innaa fuundura keetti ilaali. Fundura kee dukkana goote hin ilaalin. Gargaarsaf Rabbiin kadhu. Dhugumatti Inni Tumsaa /Gargaaraa hundarra caaludha.

Sa’aati lamaa ol boqonnaa malee kompiyutara fi telefoona irra turuun sammuu, ijaa fi qaama miidha. Yoo akkas goote hirriba dhabda, sammuun kee tartiiba dhabuu danda’a, ijji si dhukkubdi. Sammuun kee sirnaan hin hojjatu. Barata guyyaa guutu kopiyutara irra oole ergasi du’ee kitaaba tokkorraa dubbisuun koo nan yaadadha. Kanaafu yommuu teknoloji fayyadamtu of eggannoo godhi. Akka qornannoo yeroo dhiyoo agarsiisanitti Tv sammuu namaa irratti miidha guddaa geessa. Dandeetti qaaccessu fi gadi fageessanii yaadu qancarsa.

Milkaa’inna gabaaba warroota kafaranii ilaalun, amantii kee hin shakkiin, duubatti irraa hin deebi’in. Kuni isaanif qormaata. Milkaa’inni isaan galmaan gahan guutun addunya tana irratti bade hafa. Gonkumaa Aakhiratti gatii wayitu hin qabu. Yoo barbaadde Suura Al_A’raf 7:147, Suuraa At-Towbaa 9:55, sura Al-kahf 18:103-106 ilaali. “Namoonni milkaa’inna gabaaba isaani dinqisifatan akka nama gaala biqiltu summoofte nyaatte yommuu garaan ishii bokokuu fayyaa fakkattu dinqisifatuuti duuti ishii dhiyoo ta’uu osoo hin beekin. ” Kanaafu hanga fedhan milkaa’inna fedhan osoo nutti agarsiisanii qormaata malee wanta biraa ta’uu hin danda’u.

Mallatoon gadi-aantummaa qabeenya ykn sadarkaa dhabuu osoo hin ta’in Imaana dhabuudha. Kasaara akkami imaana dhabuun!

Ulaagaalen nama jallatamaa ta’uu dhugaan amanuu, hojiwwan gaggaarii iklaasanii fi Sunnaa Ergama Rabbii (SAW) waliin deeman dalaguu fi hojiwwan badaa irraa fagaachudha.

Abshiir! Dhiyootti duumessi dhiphinna fi rakkinnaa sirraa ka’uun ifa tola fi tasgabbiitin bakka bu’a. Hangasi obsii, qormaata kanarraa barnoota fudhu, gara Rabbii deebi’i. Rakkoo fi toltii qormaata malee wanta biraa ta’uu hin danda’an. Yeroo rakkoo yoo obsite, yeroo laafinna yoo Rabbii galata galchite qormaata dabarte jedhamta. Garuu ta’u baannan qormaata lamaanu kufudha.

Nama gowwaa jechuun nama dogongora ofii amane irraa baratuu osoo hin ta’in nama dogongoraa ofii irra turuu fi fallaa isaa moo’achuf akka waan sirri ta’etti mirkaneessuf nama carraaqudha. Kanaafu yommuu dogongortu dogongora kee amanii irraa baradhu. ‘Dogongorri kiyyaa miti’ jechuun mormii gogaa hin mormiin.

Namoota gammachisuu fi akka isaani ta’uuf yoo carraaqxu, bu’aan ati argattu dhiphinnaa fi dheekkamsa. Wanta sirrii ta’ee fi Rabbiin gammachisuu hojjadhu. Ergasii namoota gammachiisa jette wanta hin taane irratti hidha of hin kutin, yeroo kee hin gubin. Jireenya mataa keeti jiraadhu. Jireenya riyaa (na argaa, na beekaa) hin jiraatin.

Hubadhu! Milkaa’inni fi gammachuun kee sadarkaa ati Rabbii fi ergasi warra keeti ajajamtu irratti hundaa’a. Yoo Rabbii sirritti kan ajajamtuu fi warra keeti tola ooltuf taate akkasuma milkaa’inni fi gammachuun kee guddaadha. Daangaa Rabbii kan darbituu fi haadha abbaa keeti kan hin ajajamne fi hin kabajne yoo taate immoo akkasuma gammachuu fi milkaa’inna dhabda. Seenaa Nabiyyoota fi namoota gurguddoo dubbisi. Isaan Rabbiif ajajamoo fi warra ofiiti tola ooltota turan.

Sa’aati kudhaniif xiyyeefanno malee hojjachuu irra sa’aati tokkoof yaada guutu fi jeequmsa tokko malee hojjachuu/qo’achutu caala. Kuni kaayyoofis dhugaadha. Nama kaayyoo ifaa fi murtaa’a hin qabnee fi waggoota baay’eef dalagu caalaa namni kaayyo ifaa fi murtaa’a qabuu waggaa muraasa keessatti wanta baay’ee galmaan gaha. Kanaafu, yommuu hojii tokko hojjattu hanga fixxu xiyyeffannoon hojjadhu, wantoota si jeeqan ofirraa fageessi. Kayyoo tokkos galmaan gahuuf yoo kaatu hanga isa galmaan geettu wanta biraatti hin darbiin, hin haafa’in, kan qooxi gubbaa buusatti kan bobaa dhabdaati.

Hijaabni qaama qofaa miti sammuu fi qalbiis faaya. Yommuu dubartiin qaama fi sammuu ofii wanta badaa irraa haguugdu, nama gamnaa(aaqila) taati. Sababni isaas badii fi cubbuun qaama fi sammuu namaa hadoochu. Kanaafu yommuu hijaaba uffattu hin qaana’in. Warroota sitti qoosanis jalaa hin dhagahin.

Akkuma intala qulqullu fuudhu barbaaddu, ati mataan kee jalqabni dhiira qulqulluu ta’ii argami. Akkuma argite dubartii waliin hin ta’in, obsi.

Amala badaa tokko jijjiruuf, ji’oota baay’ee ykn waggoota sirraa fudhatu danda’a. Amala badaan kun kan jijjiramu yoo ati jijjiruuf carraaqxe qofaadha. Ta’uu baannan si waliin yeroo hundaa jiraata. Fakkeenyaf, dubbii baay’isu dhiisu fi namoota ija shakkiitin ilaalu irraa of qusachuuf maloota garagaraa fayyadamaa tureera. Tokko kitaaba dubbisuu. Lama jechoota “BAAY’ISTE HIN ODEESSIN, SHAKKII Fİ MORMII HANBISI, ARRABA KEE SEERAN QABADHU…” jedhan desktoopi kompitaraa fi pirofaayili fesbuuki gochuun of yaadachisa. Atillee akkana gochuun, amala kee jijjiruu dandeessa.

Dhugumatti shirkiin (Rabbitti waa qindeessun) yakka hundarra hamaadha. Uumama namaa sirrii ta’ee ajjeesa. Qalbiin ni duuti(gogdi), ijji ni jaamti (waan gaarii ilaalte hubachuu hin barbaaddu), gurrii ni duuda (waan gaarii hin dhageefatu), wantuma badatti fiigu. Namni shirkii raawwatu ni dhama’a, gara deemu hin beeku. Ardii irratti haqa malee nama cunqursa, rahmata hin qabu. Sababni isaas qalbiin isaa duute (gogde). Gadii fageesse yaadun Aayatoota (Mallatoole, keeyyatoota, mu’ijizaa, ragaa, barnoota fi kkf tti) hin amanu. Mallatoolee baay’een isa funduratti ifa ta’anii osoo jiranuu Rabbiin gana (itti kafara), Guyyaa Qiyaama dida. Sababni isaas hanqinna mallattoole fi ragaa osoo hin ta’in uumamni fi sammuun isaani hojiin ala ta’ee jira, dandeettin xinxalluu fi amanuu du’ee jira. Qalbiin isaani xinxallite akka hin amanne haguugin irra godhame jira. Sababni isaas, karaa Rabbii qajeela dhiisanii karaa sheyxaana jallataa hordofan, karaa qajeela dhiisanii karaa jallinnaa fi baditti fiigu. Sababa kanaan qalbiin isaani amanuu irraa oggoramte. Goginsaa fi du’iinsa qalbii irraa Rabbiin akka si tiiksu itti warwaadhu. Cubbuu irraa dheessi; qalbii ajjeesati. Rabbiin kanarraa nu haa tiiksu. Amiin

Yommuu hojii gaarii hojjattu, ‘Hojii gaarii akkanaa hojjadhe, isaaf tola oolef..” jechuun namatti hin odeessin hojii gaariin tee Rabbiin biratti fudhatama dhabuu dandeetti. Hojii gaarii tee nama kakaasuf yoo ta’ee himi. Ta’uu baannan cal’isi santu caalati. “Akkuma dalagaa badaa kee dhoksitu hojii gaarii keetis dhoksi.”

Wantoota araada nama qabsiisanitti dhiyaachun jireenya kee hin dukkaneessin. Sigaaraa, caati, tamboo, qumaari, hashishii, alkooli fi kkf nitti dhiyaachun namummaa fi gammachuu kee hin balleessin. Namni yommuu araadota kanniin qabamu namooma, gammachuu, milkaa’inna fi abdii dhaba. Sammuun isaa ni dugulti, ni hadooddi. Jireenya dukkanaa fi abdii hin qabne gaggeessa. Qabeenya isaa bakka hin taanetti qisaasessun ofii fi maati isaa baditti darba. Aklaaqa fi namuusni isaa ni xuraa’a. Kabajaa fi jaalala dhaba. Rabbirraa fagaachuun sheyxaana fi fedhii qullaa ofiitif garba ta’a. Haala kanaan galaana gaddaa, hurrii, dukkanaa fi nuffii keessa daaka. Kanaafu araadota kanniiniti dhiyaachun sammuu kee hin dugulchin, fayyaa fi maatii kee balaa irra hin buusun. Hiriyyoota araadota kanniin qabaman irraa fagaadhu. Ta’uu baannan guyyaa tokko isaan waliin taatati.

Tasgabbiin (sakinan), gammachuu fi milkaa’inni qabsoo, rakkoo fi obsa booda dhufu. Har’a rakkoo fi dukkana keessatti kufuu dandeessa. Achii keessa teette abdii kutuu osoo hin ta’in, obsaan carraaqi, qabsaa’i. Rakkoo booda tolli ni dhufti. Osoo rakkoo fi qormaanni jiraachu baatani silaa milkaa’inni hin jiru ture. Kanaafu milkaa’inna rakkoo fi qormaata malee hin eegin. Milkaa’inni fi gammachuun rakkoo fi qormaata booda argaman ni mi’aayu, turtii horatu. Milkaa’inni fi gammachuun salphatti argaman immoo yoosu badu, turtii fi mi’aa hin qaban.

“Yommuu ilmi namaa Rabbii qofaa bitamu, harqoota gabrummaa fedhii isaani, sheyxaana fi namoota biroo jalaa bahan.” Namni yommuu Rabbiin alaa wanta biraati gabra ta’uu harqoota gabrummaa bilisummaa hin qabne jalatti kufa. Sheyxaanni, fedhiin isaati fi namoonni gabra godhatu. Rabbii qofaa bitamuun bilisummaa dhugaa argachuudha. Namni yommuu Rabbiin qofa gabbaruu gadi fageesse yaada, dhugaa fi sobaa addaan baafata, wanti hunduu isa funduratti ifa ta’a. Sheyxaanni fi gargaartonni isaa ilmi namaa Rabbii qofa gabra ta’anii bilisummaa isaani akka hin goonfanne halkanii guyyaa carraaqu. Sheyxaani keessa alaa daandii haqaa irraa nama jallisuuf murate ka’e. Takka si jallisuuf shakkii sitti darbaa, takkaa wanta fokkuu sitti miidhagsa. Takkaa salaata irraa duubatti si harkiisa. Carraaqin kuni hundi si jallisuun gabra isaaf akka taatu fi gammachuu akka dhabduufi. Kanaafu sheyxaanota namaati fi jinni itti qabsaa’i. Daandii qajeela irraa si dabsuun akka si hin hongeessine. Tolee hin jedhin.

Addunyaa tana waliin qaruuxe ta’ii. Ishiidhan hin sobamiin. Faayni fi bilicliciin ishii ijaa fi qalbii tee Aakiraa irraa hin haguugin. Gaa’umsa kee dhumaa gahuuf itti fayyadamii malee ishiin hin sobamiin. Qormaatan ala duniyaan tuni maal ta’uu dandeessi? Iddoo nama kamtu gaarii akka dalaguu fi badaa raawwatu addaan itti bahuudha.

Dogongora kee kan darbee fi hanqinna ammaa kee irratti xiyyeefachun guddachuu irraa gara duubaatti of hin harkisin. Dogongora darbee irraa baradhu bira darbii, hanqinna ammaa kee immoo sirreessuf carraaqi. Jireenya nuffisisa fi gaddaa hin jiraatin. Hojii gaggaarin of ko’oomsi. Cimanii hojjachuun karaa milkaa’inna fi gammachuuti. Hojii malee taa’un immoo madda dhiphinna, gaddaa, rakkoo, addumme, abdii kutuu, nuffii, aarii fi kkf ni dha. Kanaafu cimte hojjachuun jireenya kee jijjiri,

Yeroo kanniin lamaanitti sheyxaanni sammuu dargaggoo garmalee rukuta. Jalqaba waa’ee haqa Islaama ilaalchise shakkii qalbii isaani irratti darba. Yommuu sheyxaanni shakkii kana sitti darbu ofirraa ittisuun sitti ulfaachu danda’a laata. Si dhamaasu fi amantii kee gurraachessu danda’a. Imaana kee ni hurgufa. Yeroo kanatti sheyxaanaf harka kennu osoo hin ta’in waraanan ofirraa ari’uudha. Waraanni sunis Rabbitti isa mangafachu, Rabbiin isarraa akka nama tiiksu itti warwaachudha. Kanaafu yeroo kanatti isa ofirraa ari’uuf irra deddeebi’i ” A’uzu billahi mina sheyxaani rajim” jedhi yookiin aayat kana( 23:97-98) dubbisi. Obsii hanga dukkanni fi dhama’insi kuni sirraa adeemu. Dhugumatti Islaamni akka aduutti ifa. Garuu sheyxaanni shakkii sitti naquun si dhamaasun gara baditti si harkisu barbaada. Keessumayyu waa’ee jireenya booda(aakhira) ilaalchise shakkii hamaa sitti naquu danda’a. Kanaafu shakkiif gonkumaa bakka hin kenniin. Qur’aana hubannaan dubbisi. Dhugumatti Qur’aanni qalbii dhibamteef qoricha, mu’imintootaf rahmataa fi qajeelcha.
Karaan lammataa sheyxaanni itti nama qoru immoo fedhii namaa kakaasun gara haraama nama affeerudha. Namtichi qormaata jalqabaa yoo kufe salaata isa gachisisuun fedhii akka hordofu isa taasisa. Dhugumatti ibiddi fedhii Rabbiin sodaachu fi aakiratti amanuun ni qabbanaa’a.
Kanaafu yommuu sheyxaannni yeroo lamaan kana keessatti si qoru, Rabbirratti hirkachuun,Salaata sirnaan salaatun, du’aayi fi zikrii baay’isun,obsa qabaachun,beekumsa barbaadun, cubbuu fi mormii hin fayyanne irraa fagaachun, gaafi baay’isani gaafachu dhiisun, injifachuu dandeessa.

Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-Lakk.9
Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-Lakk.7
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.