Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.9

Sababa dogongora keetin qaana’uun achitti kufte hin hafin. Namni dogongora tokko malee takkaan milkaa’u akka hin jirre beeki. Ammalle hojjadhu, dogongoruu dandeessa, ammallee hojjadhu kasaaru dandeessa, ammalle hojjadhu wanti yaadde si ta’uu dhiisu danda’a. dogongora kanniin yommuu uumtu karaan ati hordofaa jirtu akka si hin baasne sitti akeeka, gara funduraatti karaa kana hordofuu akka hin qabne sitti agarsiisa. Gabaabumatti yaada hin danda’u jedhuun sammuu kee cufuu dhiisiti wanta si harka jiruun wanta hojjachuu dandeessu dalaguun sammuu fi ija kee banii, jireenya kee haaromsi.

Yommuu badiitti fedhiin kee kaka’u, kaayyoo kee guddaa yaadadhu. Badii hojjachuun kaayyoo guddaa dhiisi kayyoo xiqqaayyu bakka akka hin geenye taasisa. Fakkeenyaf yeroo dargagummaa kee kanatti fedhii too’achuu dhiiste yoo baditti jallatte kaayyoo qabatte irraa duubatti mucucaatta. Barataa yuniversitii yoo taate dafte barnoota kee akka hin xumurre gufuu sitti ta’a. Kuni kaayyoo xiqqaadha. Kaayyoon inni guddaan immoo Jalala Rabbii argachuu fi jannata seenu yoo ta’ee badiin/cubbuun kayyoo guddaa kana nama dhabsiisa, adabbiif nama saaxila. Sababa cubbuutin sammuun ni jeeqamti, ni dhamaati, qalbiin tasgabbii dhabdi. Sababa hojii gaggaari hojjachuutin sammuun ni banamti. Walumagaalatti Imaanni sammuu bana, qalbii ibsa, jireenya mi’eessa. Nama dukkana jireenya dhandhame ergasii mi’aa imaana dhandhametu firii fi bu’aale imaana beekaa. Rabbiin imaana keenya nuu haa dabalu.

Namoota birootin wal bira of qabuun, gammachuu fi nageenya hin dhabin. Wanta qabdu ilaali. Telefoonota guyyaa guyyaan haarawa bahan harka namootati ilaalun, dharra’uu fi bituuf of hin dhiphisin. Namootan wal qixxaa’u qaba jette idaa hin dandeenye ofirratti hin fe’in. Akkataa mataa keetitii fi dandeetti keetti jiraadhu. Namoonni maal naan jedhan jette of shakkaa kan jiraattu yoo taate dhiphinnaa keessaa hin baatu. Namoota hundaa tokkoon tokkoon gammachisuuf of dhiphista. Jiraadhu jireenya mataa keeti. Wanta qabduuf Rabbiin galateefadhu, itti gammadi.

Wanta akkam badaa fi fokkuudha Rabbitti waa qindeessun(shirkii raawwachuun)! Osoo Rabbiin wanta isaan barbaadan hundaa kennuuf, ‘Ilma qaba’ jedhani arrabsu, Isaan ala wanta biraa gabbaru. Dhugumatti kufriin cubbuu hundaa caalaa hamaa, jibbisiisaa fi uumama namaa sirrii diiga. Ibbida jahannamatti nama geessa. Wanta hanga shirkii kosii fi badaan hin jiru. Rabbiin badii kanarraa nu haa tiiksu.

Bidiruu jijjiramaa yommuu yaabbattu, bubbeen cimaan bidiruu tee galaana jala dabarsuu hedu si muudatu danda’a. Kanaafu bubbeen kuni bidiruun tee galaana jala akka dabartuf sababa hin ta’in. Kana irraa gara funduraatti bidiruu tee kan oofu haa ta’u. Gargaarsa Rabbiirraa kadhu. Adda kee bubbee kana ofirraa deebisu hin dandeessuti.
Jireenyi tana fakkaatti. Yeroo tokko tokko qormaanni sidaaqsu fi hurgufu danda’u si qunnama akkuma bidiraa galaana irraa bubbeen cimaan qunnamu danda’u. Qormaata kana darbuuf hanga dandeessu carraaqi. Gargaarsaf Rabbiitti warwaadhu, gara Rabbii deebi’i (towbaa godhii).

Qabeenya caalaa imaana keetif dhiphadhu. Rabbiin nama jaallatu fi hin jaalanne yoo fedhe qabeenya ni kenna. Garuu Imaana nama Inni jaallatu qofaa kenna. Imaanni kee akka si jala hin banne fi harka qullaa addunyaa keesaa akka hin baane sodaadhu. Abdii fi sodaan kee madaalamaa haa ta’an.

Furtuwwan milkaa’inna fi gammachuu kanniin armaan gadiiti. Yommuu Qur’aana qaraatu furtuwwan kanniin fi kan kana fakkaatan irratti xinxalli.

√ Haqaan Amanuu
√Taqwaa (sodaa Rabbii)
√ Rabbii fi Ergamaa Isaati (SAW) ajajamu
√ Sabrii fi salaata
√ Hojiiwwan gaggaari dalagu
√ Tawakkula (Rabbirratti hirkachuu)
√ Iklaasa (hojii tokko Rabbiif qulqulleessu)
√ Rabbiif galata galchuu (shukrii)
√ Wanta qabanitti quufu
√ Du’aayi
√ zikrii (yaadanno Rabbii)
√ Tawbaa (gara Rabbii deebi’u) fi araarama kadhachuu
√ Beekumsa
√ Badii irraa fagaachu
√ Qulqullummaa (naamusa fi kabaja ofii eegu)
√ Dubbii jibbisiisa fi hin fayyanne (lagw) irraa garagaluu
√ Karaa Rabbii irratti qabsaa’u
√ warraaf tola oolu
√ sadaqaa kennu
√ qalbii ofii qulqulleessu fi kkf

Kufaati, dhama’iinsa, gammachuu dhabuu, cinqii, gadda, abdii kutuu fi kan kana fakkaataniif bu’uura kan ta’an kanneen armaan gadiiti:

√ Kufrii, shirkii
√ Nifaaqa
√ Boonu (kibr)
√ Rabbii fi Ergamtoota Isaatif ajajamuu diduu
√ Rabbiin sodaachu dhiisu
√ Daangaa Darbuu fi cunqursaa
√ Obsa dhabuu
√ Salaata dhiisu
√ Sheyxaana fi fedhii duwwaa hordofuu
√ Zikrii (Yaadannoo) Rabbii irraa garagaluu keessummaayyu Qur’aana
√ Galata galchuu dhiisu
√ Cubbuu keessatti lixuu
√ Wallaalummaa (Jaahiliyyaa)
√ Doy’a ta’uu
√ Jireenya aakiraa caalaa jireenya addunyaa filachuu
√ Ribaa (dhala) nyaachu fi kkf
Yommuu Qur’aana qaraatu bu’uuraale kufaati kana fi kan kana fakkaatan irratti xinxalli.

 Dheerinna karaa keetiti miti bu’aa gahuumsa keeti ilaali. Imalli jireenya dheeradha jette kaayyoo keetirraa duubatti hin deebi’in.

Akkuma waa’ee kee ilaalchise haala badaan yommuu ka’u jibbitu, namoota biraas waa’ee isaani ilaalchise haala badaan kaasu jibbi. Fakkeenyaf, namni tokko “Inni/ishiin nama jallataadha, dhiira/dubartii waliin akkana ta’a/taati…” yommuu jedhe si hamatu akkuma jibbitu, atille namoota biroo akka armaan olii jette hamachuu jibbi. Arraba ofii loggomuun furmaata akkam bareedu yommuu wanta dubbatan keessa bu’aan hin jirre!

Addunyaan tuni bakka milkaa’inna yookiin kufaati itti bittuudha. “Milkaa’inna bitadhu osoo gabayaan jirtuu, meeshan isaa rakasaa fi salphatti kan argamu ta’ee osoo jiru.” Guyyaan ni dhufa kan gabayaan cufamtu, meeshan isaa kan hin argamne. Suni Guyyaa Murtiiti. Kanaafu hojii gaariitti fiigun milkaa’inna boruu bitadhu. Yeroon kee gabaabadha carraa keetti fayyadami.

Namni dogongora kee argee si gorsuuf carraaqu waan gaarii guddaa siif hojjate. Kanaafu gorsa irraa fudhuu, dogongora kee sirreessuf carraaqi. Gorsa nama sanii fudhachuun sitti ulfaatu fi of tuulun sitti dhagahamu danda’a. Garuu dogongorri kee fe’aa guddaa sitti ta’a, gatii baay’ee si kafalchiisa. Har’a homaa sitti fakkaachu dhiisu danda’a garuu guyyaa tokko garmalee gaabbita. Yeroon erga dhumateen booda gaabbin maal fayyada ree?

Rabbiin nama fedhe qajeelche qulqulleessa. Kanaafu Rabbiin qajeelummaa fi qulqullinnaaf kadhadhu. Jedhi “Yaa Rabbii daandii haqaatti nu qajeelchi, qalbii teenya qulqulleessi.”

Namoota hundumatti gammachuu fi milkaa’inna kee ibsuun gaarii miti. Gariin nama yommuu ati gammachuu fi milkaa’inna kee itti ibsattu si waayyun karaa duubatti si harkisuun barbaada, waxmadii adda addaa si funduratti xamada. Guyyaa tokko osoo hin beekini fi hin argin itti tarta. Kanaafu nama gammachuu fi milkaa’inna kee itti ibsattu laalladhu.

Amaloota gaarii keessaa tokko dubbii fi mormii faaydi hin qabne, bu’aa hin buusne fi duwwaa ta’an irraa garagaluudha. Bakka kanaa yeroo qaalii ofii hojii gaarii gara sadarkaa ol’aanutti ol nama kaastu hojjachuuf itti fayyadamuudha.

Jireenyi kee kan darbee yookaa si kolfiisisa yookaa si boochisa. Kanaafu jireenya kee kan darbe ilaalun, jireenya har’a kee ijaari. Yoo jireenyi darbee kee milkaa’innaan guuttame Rabbii galata galchi, milkaa’inna kee akka siif ol guddisu. Garuu jireenyi darbee kee yoo wanta fafee fi badaan guuttame, abdii hin kutin. Rahmanni Rabbii badii ati raawwatte caala. Araarama kadhu, towbaa dhugaa towbadhu. Jireenya kee irra deebi’i ijaari. Boqonnaa haarawa jireenya keeti bani. Eeti jireenya kee keessatti dogongora si barsiisu danda’u raawwachu dandeessa. Dogongora kee irraa baradhu gara funduraa tarkaanfadhu. Tattaafi fi dogongora keessa milkoofta.

Akkuma namoota kadhachuu irraa of qabduu fi wanta qabdutti gammadduun akkasuma Rabbiin qabeenya kee barakachiisa, quufa fi sooressa si godha Insha Allah. Kanaafu wanta qabdutti gammadi Rabbii galata galchi, quufa fi sooressa ni taatati. Sooressa jechuun qabeenya baay’ee qabaachu qofa osoo hin ta’in wanta qabanitti quufudha, haafa’u dhiisudha. Meeqatu qabeenya baay’ee qaba garuu hin quufu, wanti qabu isa hin gahu. Yeroo hundaa isaaf hiyyummaadha quufu dhabuu isaatirraa kan ka’e. Namoota baay’ee argina osoo qabeenyaf haafayanu wanta qabanu dhaban, kasaaratti seenan. Qabeenyi isaani barakaa hin qabdu. Kanaafu qabeenya namoota biroo dharra’uun hin haafa’in. Gargaarsaf Rabbiin kadhu. Dhugumatti Inni Al-Mughni (Sooressa kan nama taasisu), Ar-Razzaaq ( Kan nama nyaachisu fi obaasu). Garuu ilmi nama hiyyeessa fi dadhabaadha. Namoota biroo sooreessa gochuu dhiisi mataa ofiitu sooressa gochuu hin danda’u yoo Rabbiin sooressa isa hin taasisin. Yoo nama kadhatte yookaa ni argatta yookaa ni dhabda. Gadii aantummaan sitti dhagahama. Garuu Rabbiin yommuu kadhattu kabajaa fi tasgabbii sitti dhagahama.

Arraba kee waan badaa fi hin barbaachisne dubbachuu irraa qabnaan ati haala gaarii fi nageenya keessa jirta.

Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-Lakk.10
Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-lakk.8
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.