Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.10

Waan namoonni si miidhaniifi mitii waan ati namoota miitef dhiphadhu. Sababni isaas yommuu namoonni si miidhan ajrii (mindaa) argatta. Namtichi yommuu towbate fi ati araaramtuuf Rabbiin mindaa siif kataba. Namtichi osoo hin toowbatin yoo du’e immoo boru Guyyaa Qiyaama harka kee ni kafalatta. Cunqursaan hin jiru, mizaana haqaatu dhaabbata. Garuu ati yoo nama miite fi osoo hin towbatiin duute adabbii argatta, hojiin gaariin(hasanaanni) tee nama saniif kennamti. Kanaafu arrabaan, harkaan fi karaa adda addaatin nama miite yoo jiraate yeroon towbadhu, araarama gaafadhu.Yoo araarama gaafachuun sitti ulfaate hojii gaggaari baay’isi hojjadhu.

Yoo lubbuu (nafsee) tee injifatte namoota biroo injifachuu dandeessa. Osoo nafsee tee hin injifatin namoota biroo gonkumaa injifachuu hin dandeessu. Nafsee ofii xurii adda addaa kanneen akka shirkii,nifaaqa, of tuulu, fi kkf irraa qulqulleessun waa hundaa dursa.

Yommuu Rabbiin sodaattu fi jaalattu, addummee fi abdii kutuu irraa baraaramta. Tasgabbii fi qabbanni sitti dhagahama.

Wanti ati eegdu fi feetu hundii yoo sii dhufe/argame, kufaatif dhiyoo akka taate beeki. Sababni isaas eeggumsaa fi fedhii kee keessaa kamtu kufaatif kan si geessu hin beektu. Kanaafu yommuu wanti ati feetu fi eegdu hin argamiin, sababa isaa qoradhu Alhamdulillah jedhi,hin dheekkamiin. Sababni isaas Rabbitu wanta si miidhu danda’u sirraa qabe, sirraa deebise.

Namoonni milkaa’oon yommuu dogongora raawwatan yookiin cubbutti kufan, gara araarama Rabbii ariifatu, dogongora ofii irraa ni baratu. Hanga duuti isaanitti dhuftu cubbuu fi dogongora keessatti lixanii hin hafan. Namni hunduu dogongoru akka danda’u garuu irra gaariin isaani nama yeroo hundaa gara Rabbii deebi’u (tawbatu) akka ta’ee ni beeku. Tawbaa fi araarama kadhachuun (istigfaarri) furtuu ba’aa dogongora fi cubbuu jala ittiin bahaniidha.

فمن صبر ظفر
“Kan obse moo’ate

Jalqaba irratti cubbuun namtichaaf gammachuu xiqqoo haa kennanii malee boodarratti badii laaleessa keessaa alaa hordofsiisa. Fuggisoo kanaa immoo hojiin gaariin jalqaba irratti kan ulfaatu fi hadhaawa haa ta’uu malee booda irratti gara burqaa gammachutti jijjirama. Kanaafu yeroo lachu obsi. Cubbuu/dillii irraa fagaachu fi hojii gaarii hojjachuu irratti obsi.

Hamni fi wal shakkiin miseesna maatii fi ummaah jiddutti wal dhabbiin akka uumamu fi hariiroon akka dadhabuuf sababa ijoo kan ta’aniidha. Yommuu sheyxaanni wal dhabbii, jeequmsi si fi miseensa maatii keeti yookiin obboleessa/obboleetti Musliima jiddutti akka uumamu barbaadu, shakkii, hama, jibba, basaasu fi kkf darba. Itti qabsaa’u fi dhiisun dirqama sirratti kufeedha.

Yommuu milkaa’innaaf gatii kafaltuu waa baay’ee dhabuu dandeessa. Garuu wantoonni ati dhabdu milkaa’inna kee waliin wal bira yommuu qabamu baay’ee xiqqaadha. Namoonni baay’een bu’aa xumuraa fi guddaa obsa waliin dhufu ilaalu dhiisani kasaara fi bu’aa xiqqaa isaan funduratti mul’atu irratti xiyyeefatu. Wanta ija isaani funduratti argamu ni argu garuu kuusaa fi milkaa’inna ammatti hin mul’anne irraa jaamaa ta’u. Fakkeenyaf, Jannata irraa garagaluun addunyaa gabaabdu fi badduu tana qofa irratti xiyyeefatu, carraaqu. Milkaa’inni guddaan addunyaa dhokataa/hin mul’anne keessatti argamaa beeki.

Yommuu salaata sirnaa fi xiyyeefannoon salaannu, gargaarsa fi qajeelcha Rabbi irraa arganna. Garuu jibbaa fi nuffiidhan kan salaannu yoo ta’e, jireenya ni ulfaatti.

Yoo nafsee tee faarsite fi dinqisiifatte, qarree (daangaa) sodaachisa irra jirta. Garuu hojii keetif nafsee tee yoo ajiifatte (waqqaste) Insha Allah haala gaarii keessa jirta. Fakkeenyaf, yommuu wanta badaa hojjattu yookiin dubbattu yookiin yeroo kee gubdu, of ajiifachun of sirreessuf tattaafatta. Akkana ofiin jetta “Akkamitti fi maaliif kana hojjadhe? Ammaan booda wanta akkana itti hin deebi’u…” Garuu of ajiifachu dhiiste yoo of irraanfatte fi dinqisiifatte waxmadii sheyxaanatti kufte jedhamta. Keessa bahuuf tattaafadhu, warraaqi.

Qur’aana dhiisu keessa tokko isa dhageefachu dhiisani muuziqaa (weeddu) dhageefachuudha. Muuziqaan sagalee sheyxaana malee wanta biraa ta’uu hin danda’u. Muuziqaan qalbiitti laala ykn dhukkubbii fida. Namtichi jalqaba irratti gammachuu xiqqoo argachuu danda’a garuu achi booda laalaan isaa itti dhagahama. Jeequmsa itti fufaa, dhiphinna, nageenya fi tasgabbii dhabuu keessa jiraata. Garuu Qur’aana yeroo dhageefattu fi achi booda qabbanaa fi tasgabbii (sakiina) qalbii siif kenna. Imaam ibn Al-Qayyiim akka jedhanitti “Muuziqaa fi Qur’aanni qalbii takka keessa waliin jiraachu hin danda’an. Isaan keessa tokko qalbii haguuga. Tokko kan biraatif bakka gadii lakkisa.” Namni Qur’aana dhageefatu jaallatu, muuziqa ni jibba, gurra isaa dhukkubsa. Fuggisoon kanaas dhugaadha– kan muuziqaa dhageefachu jaallatu Qur’aana ni jibba. Kanaafu kan jireenya (imaana) siif kennu filadhu. Dhugumatti Qur’aanni qalbiif jireenya kenna. Muuziqaan immoo qalbii ajjeessa, Rabbirraa fageessun qalbii dhiphinna fi rakkootti darba. Artistii muuziqa warri jedhaman dhiphinna irraa kan ka’e meeqatu lubbuu ofii galaafate.

Rabbii irratti sobuun yakka hamaadha. Rabbiin irratti sobuun bifaa adda addaatin dhufu danda’a. Isaan keessaa: akka kiristaanonni, yaahudonni fi kan biroo jedhan Rabbiin ilmo qaba jechu (Rabbiin kana hundarraa qulqullaa’e), haraama halaala gochuu, halaala haraama gochu, beekumsa malee dubbachuu, beekumsa malee fatwaa kennu, Qur’aana beekumsa malee hiiku fi ibsuu, fi kkf. Wanti yeroo ammaa ummaa Musliima keessatti babal’ate argamu beekumsa malee waa’ee Rabbii yookiin Ergamaa isaa dubbachuu, wanta haraama ta’ee halaala gochuu, beekumsa malee fatwaa kennu fi kkf. Kanaafu badii hamaa kanarraa of eegu qabna. Sheyxaanni wanta hin beekne beekumsa malee akka dubbannu nu kakaasa. (Ilaali suura Al-Baqara 168-169). Waa’ee Rabbii yookiin Islaama ilaalchise yoo beekumsa hin qabaatin, “Hin beeku” jedhi. Namoota waliin wanta beekumsa hin qabne irratti nan beeka jette mormuuf hin ka’in. “Hin beeku” jechuun wanta baay’ee irraa si baraara. Beekumsa malee ofii fi namoota biroo jallisuu irraa ni baraaramta. Kanaafu waa’ee Rabbii ilaalchise wanta beekumsa hin qabne irratti hin dubbatin, namoota waliin hin mormiin, tilmaaman hin adeemin.

Dogongorri/dilliin kee Rabbiin irraa araarama akka kadhattu kan si taasisu ta’uu qabaa malee Rabbiin irraa si fageessun Rahmata Isaa keessaa kan si baasu fi abdii si murachiisu hin ta’in. Akkuma dogongora/cubbuu raawwatteen dafii gara Rabbii deebi’i araarama kadhu. Kanatu ba’aa cubbuu keeti sirraa buusa. Hojii gaggaari bakka buusi hojjadhu. Ammaan achi akka itti hin deebine muradhu.

“لا تنظر إلى صغر الخطيئة، ولكن انظر من عصيت”
“Xiqqeenya cubbuu/dillii hin ilaalin garuu Eenyun akka faallessite/fincilte ilaali.”
Kana jechuun xiqqeenya cubbuuti miti Rabbii si uume fi si razzaqaa jiru yaadadhu Isa faalleessu irraa of eegi. Badiin kuni xiqqaadha jette yommuu hojjattu Rabbiin faalleessaa akka jirtu yaadadhu. Wanti ati xiqqaa jette yaadu Rabbiin biratti guddaa ta’uu danda’ati.

Jabeenya dhabuun, dhama’insii fi rakkoon kee zalaalamif hin turan. Hanga miironni kunniin sirraa deemani obsi. Murtii cimaa hin fudhatin boodarra garmalee gaabbitaati. Fakkeenyaf, nama jaalattu kana akka abbaa haadha, obboleessa obbeeletti, niiti, dhiirsa, ollaa, firoota fi kkf waliin yoo waldhabde, hariiro takkamaan addaan kutuuf hin jarjariin. Wanta sheyxaanni sitti hasaasu hin dhagahin. Sheyxaanni shakkii fi jibba onnee kee irratti darbuun hariiro fi funyoo rahiimummaa akka kuttu si taasisa. Ergasii garmalee gaddita, seenofta. Kanaafu yaada babadoo sammuu kee keessaa haaquf carraaqi. Yoo haaqu dadhabde yaadota sanniin hojii irra oolchuf hin carraaqin. Wanta badaan yoo nama gaarii shakkite hin basaasin, nama san duuka bu’uun hin sakatta’in. “Shakkiin dubbii sobaa.” akka ta’ee sammuutti qabadhu.

Imaana dhabuu fi khaatima badaa (haala badaa irratti du’uu) sodaadhu. Hojii gaggaari hojjachuun, beekumsa barbaadun, obsuun, badii,dillii fi cubbuu irraa fagaachun, du’aayi fi zikrii gochuun imaana kee eegi. Imaana kee yoo ati hin kunuunsin eenyulle siif hin kunuunsu. Imaana kee wantoota imaana nama dhabsiisan irraa eegi. Wantoonni imaana nama dhabsiisan; cubbuu hojjachuu itti fufu, tawbachuu fi araarama barbaadu dhiisu, hojii gaggaari hojjachuu dhiisu, beekumsa barbaadu dhiisu, haqaa irraa oftuulu, haqa jibbuu fi waanyu, namarraa gorsa gaarii fudhachuu didu fi itti of tuulu, nafsee ofii qulqulleessu irraanfachuu, addunyaan xamadamuu, aakiraa dagachuu, fi kkf. Kuni immoo khaatima sodaachisaaf nama saaxila. Kanaafu kanniin irraa of eeguf haa carraaqnu.

Wanta qabduun of hin tuulin, guyyaa Rabbiin sirraa fudhatu hin beektuti. Qabeenya baay’ee waan qabduuf namoota biroo hin tufatin, hin xiqqeessin. Meeqa kamtu osoo qabeenyan of tuulu guyyaa tokko harka qullatti hafe. Meeqa kamtu qabeenyan osoo nama cunqursuu fi xiqqeessu ergasii hiyyeessa salphataa ta’e. Kanaafu, qabeenyi tee amaana Rabbiin si bira kaa’e fi guyyaa fedhe fudhachuu akka danda’u beekun, Isaa galata galchi, ittiin of hin tuulin.

“Cubbuun/dilliin ibidda qananiiti. Akkuma ibiddi qoraan nyaatu (cubbuunis) qananii nyaatti” Ni’imaan (qananiin) hundaa caalu imaana.

 Wantoota nama shakkisiisan dhiisun, amantii fi kabaja kee tiiksi. Akkuma wantoota shakkisisatti kuftuun akkasuma haraamatti dhiyaacha adeemta. Dhumarratti haraamatti kufta. Fakkeenyaf interneeti irratti saala faallaa fuudhu/itti heerumu dandeessu waliin chaati gochuu yoo dhiiste, amantii fi kabaja kee ni eegda. Faallaa kanaa garuu waliin yoo taphetti badiif saaxilamta.

Xaari kee kan waggoota baay’ee cubbuu daqiiqa takkaatin si jalaa barbadaa’u danda’a. Kanaafu cubbuu/maasiya irraa of eeggadhu. Xiqqaadha jette hin hojjatin osoo ati hin beekin si balleesiti. Cubbuun maddaa badiinsa/halaakama nama tokkooti. Gammachuu xiqqoof jette yommuu cubbuu raawwattu, waggoota baay’eef sulula gaabbi fi gaddaa keessa jiraachu dandeessa. Kanaafu Rabbiin cubbuu irraa akka si eegu kadhu. Beekumsa barbaadi.


Akkuma yeroon darbuun mallatoole Guyyaa Qiyaama argaa adeemna. Dhugumatti wantoonni Ergamaan Rabbii (saw) dubbatan ija keenyan argine jirra. Mallatoolleen kunniin imaana keenya fi yaqiina (dhugaan amanu) Aakhiraaf qabnu kan dabalaniidha. Mallatoole Guyyaa Qiyaama mee haa xinxallinuu. Ajjeechaan baay’achuu, zinaan (sagaagalummaan) babal’achu, dubartiin qullaa deemu, kijibaan amanaa ta’ee namni amanamaa fi dhugaa akka sobamaatti fudhatamuu, fi kkf. Kuni hundii garam deemaa jiruu? Mee mallatoma tokko fudhu irratti xinxalli. Dubartii qullaa deemtu fi zinaa irratti mee xinxallii. Dubartiin qullaa yommuu deemtu, zinaan yommuu babal’atu maaltu sitti dhagahama? Guyyaan Qiyaama dhiyaachu sitti hin agarsiisu? Yommuu mallatoole kanniin irratti yeroo fudhatte xinxallitu gara hojii gaaritti fiigda, hojii badaa irraa ni dheessita dhufaatin Guyyaa Qiyaama shakkii waan hin qabneef. Sababni isaas, mallatoole Guyyaa Qiyaama argite jirta. Kanaafu maaltu hafe ree mallatoole gurguddoon dhufuu fi Guyyaan Qiyaama dhaabbachuu malee? Itti haa xinxallinu!!!! Mee Aaya tana dubbisi
Sila Qiyaaman tasa Isaanitti dhufu malee maal eegu? Mallattooleen ishii dhufaniiru. Yeroo ishiin isaanitti dhufte gorfamuun isaanii akkamitti isaaniif ta’a?” Suurat Muhammad (47):18 dabalataanis suura Al-An’aam (6): 158 ilaali.

Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-lakk.11
Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-Lakk.9
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.