Farra Sammuu

Sammuun motora ilma namaati. Motorri kuni yoo hojiin ala ta’ee namni guutun suni hojiin ala ta’a. Motora kana yeroo hundaa boba’aa itti qicu (guutu), kunuunsu fi badii irraa eegu barbaachisa. Abbichi motora ofii kana yoo hin kunuunsin, miidhaf of saaxila. Wanti isin ajaa’ibsiisu sammuun ilma namaa motoras, jeneretaras. Garaagarummaan kanniin lamaani maalii? Jeneretarri anniisa makaanikaala gara annisaa elektrikitti jijjiruudha. Motorri immoo gosa annisaa tokko gara makaanikaalatti jijjiruudha. Fkn, jeneretaratti gaazi yoo itti qican tarbaayinii naannessun annisa elektrikii mana ibsu maddisiisa. Motorri konkolataa bobaa’a of keessatti gubuun konkolaatan akka adeemu taasisa. Amma kanniin lamaan sammuu keenyan wal bira haa qabnu. Sammuun keenya wantoota kunniin lamaan hojjatan caala hojjata. Alhamdulillah. Sammuu kee jenerataran wal bira qabii. Akkuma jeneretarri ifa elektirikii maddisiisu, sammuun kees ifa beekumsa maddisisa.

Ammas sammuu kee motoraan wal bira qabi. Akkuma motorri konkolaatan akka adeemtu taasisu, sammuun keetis akka sirnaan adeemtu si taasisa. Fakkeenyaf, namni farsoo dhuge, sirnaan dhaabbatee deemu danda’aa? Kanaafu motora kee wanta gaarii itti qicuu fi kunuunsun, badii irraa eegi.

Farra sammuu yommuu jennu wanta sammuu laamshessan, dugulchan, ajjeessan, summeessanii yookiin inuma maraachaniidha. Amma mee wantoota motora-jeneretara keenya kana nu jalaa miidhan haa ilaallu.

  1. Cubbuu

Yeroo tokko tokko barnoota kee ni dubbista garuu homaa siif hin galu. Ammallee irra deddeebite dubbista, ammas homaa siif hin galu. Kitaaba ni dubbista, wanti ati irraa hubattu garmalee baay’ee xiqqaa ta’uu danda’a. Ni dubbista, ni qo’atta garuu sirritti siif galuu dhiisu danda’a. Sababni kanaa inni guddaan maal akka ta’ee sirritti ilaaltee? Sababni kanaa inni guddaan cubbuudha. Akkuma irranatti jenne, sammuun ifa beekumsaa burqisiisu hin danda’u yoo cubbuun haguuggame, akkuma jeneretarri keessi isaa yoo bade ifa elektrikii burqisiisu hin dandeenye. Imaam Shaafi’i akkana jedha;

“Dadhabiinna sammuu kooti sheeka kiyya Waki’itti komii dhiyeesse. Akka cubbuu irraa fagaadhu na barsiise. Ni jedhe, “Beekumsi Rabbii ifa. Ifni Rabbii nama cubbuu raawwatuuf hin kennamu.”

Imaam Shaafi’i gorsa kanatti fayyadame, sammuun isaa garmalee qara ta’uun takkaan wanta dubbise kan qabatu ta’uu danda’eera. Kanaafu, sammuu kee qaruu yoo barbaadde cubbuu irraa dheessi. Cubbuu keessaa kanneen garmalee sammuu doomsanii fi dugulchantu jiru. Isaan keessaa;

Shirkii- Rabbii gaditti wanta biraatiif gabra ta’uun dhugumatti sammuu garmalee dugulcha. Namummaa keessaa nama baasun sadarkaa horitti gadi nama deebisa. Namni yommuu Rabbi qofaaf gabricha ta’uu bilisummaa sammuuti fi qaama argata. Sammuun isaa ni qaramti. Shirkii fi kufriin karaa adda addaatin sammuu namaa galaafatu. Namni tokko Rabbiin dhiise qalbii isaa namaaf ykn wantoota duniyaa tanaatif yommuu gurguru, gadi aantummaa fi salphinni itti dhagahama. Maddii guddaan cubbuu fi dillii hundaa shirkii fi kufriidha. Fakkeenyaf, yommuu inni Rabbiin dhiise, jaalalle isaatiif ykn addunyaa tanaaf gabra ta’uu, sammuun hangam akka miidhamu haa ilaallu. Halkanii guyyaa hirribaa fi boqonnaa gaarii hin argatu. Kanaafi, Rabbiin qofa gabbaruun bilisummaa fi gammachuu dhugaati, sammuu namaa qara, kabaja namaa olkaasa. Jireenya mi’eessa. Aarifa (nama Rabbiin beeku) tokkotu akkana jedhe, “’Warroonni Jannata seenan haala ani amma keessa jiru keessa yoo jiraatan, haala gaarii keessa jiruu jechuudha.’ yaanni jedhu yeroo tokko tokko natti dhagahama” Dhugumatti, Rabbii qofaaf gabricha ta’uun gammachuu fi bilisummaa akkamii! Jechi nama hanqata kana ibsuuf. Rabbiin gabbaruu jechuun wanta Rabbiin itti nama ajaje hojjachuu fi wantoota irraa dhowwee irraa fagaachudha.

Zinaa- sagaagalummaan sammuu namaa dugulchuun bullukoo salphinnaa namatti uwwisa. namni gocha kana raawwatu yeroo hundaa badii kana yaadachuun keessa ofii jeeqa, sammuu ofii qancarsa. Kanaafu, zinaa irraa fagaachun sammuu namaa qara.

Masturbation (اِسْتِمْناء )- jechuun qaama hormaata harkaan tuttuqanii kakaasudha. Kuni garmalee sammuu namaa miidha. Dhangala’oon saalaa (mi’oon) akka dhangala’u waan taasisuuf qaama fi sammuu namaa laamshessa. Dargageessi adda jiru halkan yommuu kana raawwatu, sammuun isaa waa qabachuun itti ulfaata, salphatti wanta tokko dagata, dandeetti waa qalbeefachuu fi hubachuu dhaba, keessi isaa gammachuu fi tasgabbii hin qabu. Kanaafu, namoonni kana raawwatan gocha kanarraa fagaachun, tawbaa dhugaan gara Rabbii deebi’u qabu.

Fiilmi, diraama fi moovi dargaggoonni yeroo ammaa filmii wal-qunnamtii saalatiin macha’aanii jiru. Yommuu isaan filmii kanatti ija bobaasan, keessi isaanii ni gubata, sammuun isaani ni dugula. Miidhan isaa miidhaa zinaa caala. Takkaa wanta hawwu san hin argatu takkaa immoo ilaalu hin dhiisu. Haala kanaan, sammuu fi jireenya ofii guba. Osoo ajaja Rabbii armaan gadii kana hojii irra oolche maaltu gubaa kana hundatti isaa oofaa turee?

Ija isaanii akka gadi qabatanii fi qaama saala isaanii akka eegan mu’umintootatti (warroota amananitti) himi. Santu isaaniif irra qulqulludha. Dhugumatti Rabbiin keessa beekaa waan isaan dalaganitti.” Suuraa An-Nuur 24:30 

Kanaafu, yaa obboleessa filmii wal-qunnamtii saalaa ilaalu fi suura dubartii telefoona kee irratti kuusun sammuu kee hin dugulchin, hin maraachin. Wantoota fokkuu akkanaatirraa fagaadhu, keessi kee gammachuu fi tasgabbiin guutamaati.

Hamii– wantoota sammuu namaa dugulchan kan biraa yommuu qorattu, hamii fi oduu oli gadi guurun sababoota humna motora ykn jeneretara keeti laaffisan keessaa tokko akka ta’e ni argita. Namni yommuu wanta isa hin galchine keessatti utaale seenu sammuun isaa ni jeeqama. Yommuu namoota hamachuun kabaja namaa quuncisu, sammuun isaa ni quunca’a, ni dugula. Kanaafi, Qur’aanni nama hamachuu foon obboleessaa nyaachutin wal bira qabe. Eenyutu foon obboleessaa nyaachu jaallataa? Akkuma foon lafee uwwisu, kabajni namaas keessa namaa uwwisa. Yommuu kabajni namarraa quunca’u (mulqamu), namni hangam akka miidhamu haa ilaallu. Foonis lafee irraa yommuu quunca’u hangam akka miidhamu haa hubannu. Kabaja namaa namarraa quuncisuun akka foon namarraa quuncisuuti. Kanaafu, hamii irraa fagaachun sammuu namaa qara.

2.Hawwii sobaa – wantoota sammuu namaa dugulchan keessaa hawwii sobaati. Namoota gammachisuuf, jaalalle ofii taphachisuuf, yaadota faaydi hin qabne yommuu of keessatti daaku, sammuun isaa ni daakamti. Hawwiin sobaa galaanaa daarii (beach) hin qabne jedhama. Namni galaana kana keessatti tare gahuumsi isaa hin beekkamu. Karaan hundarra gaariin hawwii sobaa kana jalaa itti bahan gara Rabbii dhiyaachudha. Sababni isaas, namni yommuu Rabbiin irraa fagaatu sheyxaanni hawwii sobaatin masakuun dukkana cimatti galcha. Rabbitti dhiyaachun immoo sheyxaana namarraa fageessun keessa namaa tasgabbii fi gammachuun guuta. Rabbiin (Azza wa jalla) akkana jedha:

47:25

“Isaan erga karaan qajeelan ifa isaaniif ta’ee booda duubatti deebi’an, sheyxaanni (hojii gadhee) isaanitti bareechisee hamilee isaanitti godhe.” Suuratu Muhammad 47:25

Namoonni Rabbiin irraa garagalan kunniin hojii gadhee hojjatan akka gaaritti ilaalu, galaana hawwii sobaa keessa daaku. Kanaafu, Rabbiin irraa fagaachu fi ajaja Isaa hordofuu dhiisun hadhaa fi adabbii baay’ee nama dhandhamsiisa. Gara Rabbii dhiyaachu fi ajaja Isaa hordofuun immoo nageenya fi tasgabbii namaaf kenna.

3.Araadota adda addaa– araadonni akka sigaaraa, alkooli, farsoo, biiraa, caati, hashiishii fi kkf sammuu dugulchuu fi laamshessu keessatti gahee ol’aana taphatu. Araanni yeroo ammaa kanniin caalaa babal’ataa jiru araada interneetiti. Dargageessi fi shamarri wanta fokkuu ilaaluuf, dubbisuuf yookiin dhageefachuuf ammaa amma yommuu interneeti banan, sammuun isaani ni dugula, keessi isaanii gammachuu fi tasgabbii dhaba. Walaloo, barreefama, fi suuraa jaalalaa dubbisuu fi ilaaluf yommuu interneetti ammaa amma banu sammuun isaa/ishii hangam faaydan ala akka ta’uu itti haa yaadu! Kana jalaa bahuuf hiriyyoota, peeji fi garee (group) suura fi barreefamoota akkanaa nutti fidan bilook gochuu fi keessaa bahuudha. Namoonni kunniin ibidda jaalala akkamitti qabsiisanii zinaa (sagaagalummaa) akka raawwatan nama barsiisu. Filmii wal-qunnamtii saalaa fi suura dubartii qullaa raabsun sammuu namaa dugulchu, keessa namaatti ibidda qabsiisu. Kanaafu, isaan irraa fagaachun furmaata hunda caalu. Akkasumas, namni jireenya gaarii jiraachu barbaadu araadota armaan olitti eerre hunda irraa fagaachu qaba.

4.Hirribaa fi nyaata baay’isuu ykn tartiiba dhabuu- hirribni boqonnaa sammuu deebisuu fi annisaa haaromsa keessatti gahee ol’aana taphata. Sirnaan yoo hin rafin, sammuun namaa ni jeeqama. Dandeetti waa hojjachuu fi hubachuu dhaba. Akkasumas, hirriba fi nyaata baay’isuun qaama butucha, sammuu dugulcha. Halkan hirriba gaarii rafuuf, namni tokko wantoota sammuu isaa jeeqan irraa fagaachu qaba. Fakkeenyaf, guyyaa cubbuu kan rawwataa oolu yoo ta’e ykn filmii fi moovi kan ilaalu yoo ta’e, halkan hirriba gaarii hin rafu, ni jeeqama. Ammas, akkuma nyaata nyaate fi dhugaati dhugeen gara hirribaa deemun hirriba isaa jeeqa. Dhugaatin lallaafa fi wantoonni sammuu namaa kakaasan kanneen akka bunaa, shaayi, chokoleetti fi kkf hirriba namarraa ari’u.

In shaa Allah torbaan hanga ‘Sammuu Kee Qaruuf’ jedhuun walitti deebinutti Assalamu aleykum wa rahmatullahi wa barakaatuh. Hubachiisa: www.sammubani.com sababa hin beeknen cufame jira. Hanga banamu websaayiti kanatti fayyadamu dandeessu, barruuleen achirra jiran asitti waan darbaniif.

Istiqaama
Zikrii fi Du’aayi Salaataa
Kana Raabsi

6 comments

Leave a Reply

Your email address will not be published.