Gosoota Tawhiida-Kutaa 1

Akkuma kutaa darbe keessatti jenne tawhiida jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gooftummaa (rubuubiyyah), zaata, sifaataa Isaatii fi Isa gabbaruu keessatti Isa tokkichoomsu fi waa itti fakkeessu fi qindeessu dhiisudha. Kanarraa ka’uun tawhiidni bakka saditti qoodama: 1ffaa- Tawhiidu Ar-Rubuubiyyah, 2ffaa-Tawhiidu al-asmaa’a wa sifaat, 3ffaa-Tawhiidu al-uluuhiyyah
In sha Allaah kunniin sadan maal akka ta’an bal’innaan kan ilaallu ta’a. Namni tawhiida shirkii irraa qulqulluu ta’e qalbii keessaa yoo qabaate, jireenya qabaata. Sababni isaas, jireenyi tawhiida irratti tan ijaarramtedha. Tawhiida malee jireenyi jireenya hin jedhamtu. Dhandhamaa fi mi’aa hin qabdu. Kanaafu, namni gammachuu bitachuu fi ibidda irraa of baraaru barbaadu waa’ee tawhiidaa sirritti beekun hojii irra oolchuf tattaafachu qaba.

1ffaa- Tawhiidu Ar-Rubuubiyyah (Tawhiida Gooftummaa)

Hiika tawhiida kanaatti seenun dura mee hiika Rabb jedhu ilaaluf haa carraaqnu. Sababni isaa jechi rubuubiyyah jedhu jecha rabba jedhu irraa kan horsifameedha. Jechi Rabb jedhu galmee afaanii keessatti hiika baay’ee qaba. Garuu yeroo sirritti qoratame hiikni Rabb (Gooftaa) jedhu hundee sadiitti deebi’a. Hiikonni biroo hiikota sadan kanniin jalatti ramadamu danda’u.

1ffaa- Jechi Rabb jedhu hiika Maalik jedhu qaba. Asitti maalik jechuun wanta tokko qabaachu, abbaa itti ta’uu fi too’achudha. “Fulaanu Rabbud-daari” yommuu jedhamu, “ebalu abbaa manaati” jechuu isaati. Haaluma kanaan Rabbu daabbati- jechuun abbaa beelladaa. Namni waa qabu hundi wanta saniif rabb ta’a. Kana jechuun mirga abbummaa irratti qabaata. Wanti suni kan isaa ta’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota hundaa waan uumef Rabb (Gooftaa) wantoota hundaati. Wantoonni uumaman hundi kan Isaati.

2ffaa- Jechi Rabb jedhu hiika Bulchaa ajaja isaatiif bulan (As-Sayyidul Muxaa’a) qaba-
Hayyuu lugaa Arabiffaa ibn Munzir ni jedha: Rabeytul qawma (ummata bulche)- kana jechuun ani isaanii ol ta’e. Ni jedhama: Rabba fulaanu qawmahu- ebalu ummata isaa bulche, isaaf kan masakaman (ajajaman) taasise.

3ffaa- Jechi Rabb jedhu hiika “waa kan fooyyessu, qindeessu, guddinnaa fi kunuunsa isaatiif kan dhaabbatu” qaba. Inumaa, haayyoonni gariin jechi rabb jedhu jecha tarbiyah jedhu irraa kan dhufeedha jedhu. Sababni isaas Rabbiin subhaanahu haala uumamtootaa kan sirreessu, qindeessu, isaan guddisuu fi kunuunsudha.  Tarbiyah jechuun guddisuu, kunuunsu, barsiisuu fi wanta guddinnaf barbaachisu biroo dhiyeessudha.
Ni jedhama: Rabba waladahu- kana jechuun hanga gu’uu fi umrii ijoollummaa darbuutti ilma isaa fooyyesse, haala gaariin guddise[1]. Allaahn Rabbi (Gooftaa) wantoota uumaman hundaati. Kana jechuun uumuu irraa jalqabe hanga du’anitti ykn badanitti kan guddisu, kunuunsu, barsiisu, eegu fi haala isaanii sirreessu fi qindeessu Isa.

Sheykul Islaam ibn Taymiyyan ni jedha: al-Rabb jechuun kan gabricha Isaa guddisuu fi kunuunsu, amala isaaf kennu, ergasii ibaada fi wantoota biroo irraa haala isaa hunda keessatti kan isa qajeelchudha.)[2]
Al-Maqruuzi ni jedha:…al-Rabb Uumaa namoota hundaa argamsiiseedha, isaan guddisuuf, kunuunsu fi fooyyessuuf kan dhaabbateedha. Uumuu, sooru, fayyaa [isaaniif kennu], amantii fi addunyaa isaanii fooyyessu irratti itti gaafatamummaa kan fudhateedha.)[3]

Kanaafu, Rabbiin kan wanta hundaa uume, guddisuu, kunuunsu, eegu, qananiisu, barsiisu, qajeelchu, too’atu, bulchu, qindeessu, sirreessu, balaa namarraa deebisuu fi kaasu, sooru fi fooyyessudha. Kanaafu, uumamtoonni sakandii takkaaf Rabbiin malee jiraachu hin danda’an. Wantoonni hundi Isatti hajamu. Sababni isaas, Inni Rabb (Gooftaa) isaaniiti. Kana jechuun kan isaan uume, jiraachisu, nyaachisu, eegu, too’atu, kunuunsu fi wantoota barbaadan biroo isaaniif godhu Isa.

Allaahn Rabbi samii fi dachiiti. Kana jechuun samii fi dachii kan uumee Isa. Akka hin kufnee fi hin banne yeroo hundaa kan eeguu fi too’atu Isa. Rabbiin ni jedha:

35:41

Dhugumatti, Rabbiin samii fi dachiin [bakka isaaniitii] akka hin deemne qaba. Osoo bakkaa deemanii Isa malee wanti tokkoyyuu isaan lamaan hin qabu. Dhugumatti, Inni Obsaa, Araaramaa ta’eera.” Suuratu Faaxir 35:41

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samiin akka hin kufnee fi dachiin socho’uun akka hin banne bakkatti isaan qaba. Osoo samiin kan kuftuu fi diddigamtu taatee, akkasumas, dachiinis sochoo’un badde, Rabbiin ala eenyullee bakkatti isaan qabuu fi deebisu hin danda’u. Yommuu uumamtoonni badii gurguddaa akka shirkii, soba Rabbiin irratti dubbachuu fi kan biroo hojjatan, Rabbiin ni obsa. Dafee isaan hin adabu. Tarii gara Isaatti deebi’uun araarama kan kadhatu ni jira. Innis ni araaramaaf. Inni Obsaa, Araaramaa waan ta’eef. Kuni hundi kan agarsiisu uumamtoota kan uumuu, samii fi dachiin akka hin banne kan eeguu fi qabu Rabbii Tokkicha. Kanaafu, uumamtoonni garmalee Rabbitti hajamu. Gonkuma gargaarsa, eegumsa fi kunuunsa Isaatirraa bilisa ta’anii jiraachu hin danda’an. Garuu namoonni baay’een kana hin hubatan. Qabeenyaa fi wanta barbaadan yommuu argatan mataa isaaniitiin waan jiraatan isaanitti fakkaata. Osoo qileensa isaan gara keessatti fudhatanii fi bishaan dhugan san Rabbiin qabee, eenyutu qileensaa fi bishaan isaaniif fidu danda’aa? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

67:30

Jedhi, ‘Mee naaf himaa! Osoo bishaan keessan dachii keessatti gadi lixaa ta’ee, namni bishaan yaa’u isiniif fidu eenyuu?’” Suuratu Al-Mulk 67:30

Hanga fedhan namoonni haa qotan haala dhaqqabuu hin dandeenyeen osoo bishaan handhuura dachii keessatti garmalee gadi lixee, Rabbiin malee eenyutu bishaan yaa’u fiduu danda’aa? Gonkumaa hin danda’an. Inumaa, osoo bishaan duumessa irraa bu’uu baate, Rabbiin ala eenyutu copha bishaanii duumessa irraa buusu danda’aa? Qur’aana keessatti,  “Sila bishaan dhugdan san argitanii? Isintu duumessa irraa buuse moo Kan buuse Nuhi? Osoo feene ashaboo [kuraawaa] isa taasifna. Kanaafu, maaliif [Rabbiin] hin galateefannee?” (Suuratu Al-Waaqi’a 56:68-70) Bishaan hundee jireenyaati. Bishaan malee jiraachun hin danda’amu. Kanaafu, beekanis wallaalaniis uumamtoonni hundi gara Rabbiitti hajamu. Gonkuma Isarraa of gahanii jiraachu hin danda’an.

Kanaafu, hiika rabb jedhu yoo sirritti hubanne, tawhiidu ar-rubuubiyyah hubachuun nu hin dhibu. Ar-Rubuubiyyah (Gooftummaan) sifaataa (amala) Rabbii ta’a. Kana jechuun Gooftaan waan hunda uumuu, jiraachisu, ajjeesu, kaasu, sooru, kunuunsu, qindeessu fi hojii biroo hojjatu Rabbiidha. Kanaafu, Tawhiidu ar-Rubuubiyyah jechuun waan hundaa kan uumuu, kan sooru, kan ajjeesu fi jiraachisu, kan fayyadu fi miidhu, yeroo fedhetti wanta barbaade kan hojjatu Rabbiin qofa akka ta’e amanuu fi kana keessatti shariikaa fi dorgomaa akka hin qabne mirkaneessudha[4]. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Rabbiin Kan isin uume, ergasii isin sooru, ergasii isin ajjeesu, ergasii isin jiraachisuudha. Shariikota keessan keessaa kanniin irraa wanta tokko kan hojjatu ni jiraa? Wanta isaan itti qindeessan irraa Inni (Rabbiin) qulqullaa’e olta’e.” Suuratu Ar-Ruum 30:40

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kan isin uumu, isin nyaachisuu fi obaasu, isin ajjeesu fi Guyyaa Qiyaamaa isin jiraachisu Isa qofa akka ta’e beeksisa. Shariikota mushrikoonni kadhatan keessaa eenyullee wanta kanniin keessatti Rabbiin waliin kan hirmaatu ykn qooda fudhatu hin jiru[5]. Asitti shariikota jechuun wantoota namoonni Rabbiitti qindeessaniidha ykn Isa waliin kadhataniidha. Kanneen akka taabotaa, sanamaa, namoota, Malaykoota, Jinnoota fi uumamtoota biroo. Namoonni “wantoonni kunniin Rabbitti nu dhiyeessu ykn jaarsummaa nuuf ta’u” jechuun wantoota kanniin kadhatu. Yookiin akkuma Rabbiin wanta tokko hojjatu isaaniis ni hojjatu jechuun yaadu. Haala kanaan Rabbitti qindeessu (shaarraku). Taabonni, namoonni, malaaykonni, Jinnooni kunniin wanta Rabbiin hojjatu hojjachuu hin danda’an. Kanaafu, uumu, sooru, ajjeesu, jiraachisu kan danda’u Rabbii Tokkicha qofa erga ta’e, akkamitti uumamtoota wantoota kanniin hin hojjanne Rabbitti qindeessu?  Wanta isaan itti qindeessan irraa Rabbiin qulqullaa’e olta’e.

Kanaafu, wanti asirraa hubannu Kan wanta hundaa uumuu, sooru, jiraachisu fi ajjeesu Rabbiin qofa. Tarii namoonni wanta tokko uumu danda’u. Garuu kuni fedhii Rabbiitin kan ta’uu fi daangefamaadha. Namoonni wanta tokko yommuu uuman wantuma duraan jiru gara wanta biraatti jijjaran malee wanta gonkumaa hin jirre uumuu hin danda’an. Wanta gonkumaa hin jirre uumuu kan danda’u Rabbiin qofa. Fakkeenyaf, namoonni telefoona, kompiyutara, xiyyaara fi kkf ni hojjatu. Wantoota kanniin wantootuma duraan jiran irraa hojjatu. Sibila, pilaastiki fi seraamiki walitti fidanii hojjatu. Garuu sibiila, seeramiki fi pilaastiki kana dhabama irraa Kan argamsiise Rabbiin qofa. Ammas, namoonni samii irraa bishaan buusun biqiltoota biqilchuu hin danda’an. Rabbiin ni jedha:

Samiiwwan utubaalee argitan malee uume. Gaarreen gadi dhaabbatoo ta’aniis akka dachiin isiniin hin sochoonef keessa kaa’e. Lubbu-qabeeyyi hunda irraa ishii (dachii) keessa facaase. Bishaan samii irraa buufnee [biqiltoota] gosoota gaggaarii hunda irraa ishii keessatti magarsine. Kuni uumama Rabbiiti. Warroonni Isaa gadi jiran wanta uuman mee natti agarsiisaa. Dhugumatti, miidhaa raawwattoonni (zaalimonni) jallinna ifa galaa keessa jiru.” Suuratu Luqmaan 31:10-11

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samiwwan torba garmalee guddatanii fi furdatan tokko kan biraa irra gochuun uume. Samiiwwan kunniin utubaalee homaatu hin qaban. Osoo qabaatanii silaa ni argitu turtan. Akkanatti kan dhaabbatan Dandeetti Rabbii qofaani. Akka isiniin hin sochoone gaarreen jajjaboo fi dhedheeroo dachii keessa godhe. Lubbuu qabeenyi lukaan deemanii fi garaan shololi’an dachii keessa facaase. Kunniin ilma namaatiif kanneen masakamanii fi laaffifamaniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala yommuu dachii keessa lubbu-qabeenyi facaasu, sooranni isaaniif barbaachisaa akka ta’e ni beeke. Kanaafu, samii irraa bishaan buusun biqiltoota gosa gargaraa fi babbareedo ta’an biqilche.

Kuni” kana jechuun samiwwan, dachiin, gaarreen, lubbu-qabeeyyi fi lubbu-dhabeeyyin, biqiltoonni uumama Rabbiiti. Rabbiin qofatu isaan uume. Isaan uumuu keessatti homtu Isa waliin qooda hin fudhanne. “Warroonni Isaa gadi jiran wanta uuman mee natti agarsiisaa.” Kana jechuun taabonni, sanamni, namoonni fi uumamtonni biroo Rabbiin waliin gabbartanii fi kadhattan sunniin wanta uuman yoo qabaatan mee natti agarsiisaa. Akkuma Rabbiin uumuu ni uumuu, akkuma Inni sooru ni sooru? Ibaadan (gabbariin) isin isaaniif gootan sirrii akka ta’uuf kanniin keessaa wanta uuman yoo qabaatan mee natti agarsiisaa?

Akkuma beekkamu, gonkumaa wanta sharikoonni isaanii uuman agarsiisu hin danda’an. Sababni isaas, wantoota tarreefaman armaan olii hunda kan uume Rabbiin qofa akka ta’e mirkaneessanii jiru. “Dhugumatti, miidhaa raawwattoonni (zaalimonni) jallinna ifa galaa keessa jiru.” Kana jechuun namoonni Rabbi gaditti wanta biraa gabbaran (waaqefatan) miidhaa raawwattoota (zaalimota) jallinna ifa bahaa keessa jiraniidha. Sababni isaas, wanta nama fayyaduu, miidhuu, ajjeesuu fi jiraachisuu hin dandeenye gabbaran (kadhatan). Rabbii Khaaliqa waa hundaa sooru fi too’atuf hojii isaanii qulqulleessu dhiisan[6].

Gabbaramu fi kadhatamu kan qabu Rabbii waan hundaa uume, faayda namaaf fidu, miidhaa namarraa deebisu, wantoota hundaa beeku fi wanta hundaa irratti danda’aa ta’eedha. Namoonni Rabbii guddaa kana dhiisanii wanta isaan hin dhageenye, isaan hin fayyannee fi miidhaa isaan irraa hin deebisne kadhatan dhugumatti jallinna ifa bahaa keessa jiru. Namoonni gara qabrii deemun nama achi keessatti awwaalame kadhatan ykn nama du’ee waammatan dhugumatti jallinna ifa bahe keessa jiru. Ammas, namoonni Iyyasuusin, Mariyamiin, Goorgisin, Mikaa’elin, Gabra’eli fi wantoota biroo kadhatanii fi sagadaniif jallinna ifa bahaa keessa jira. Sababni isaas, uumamtoonni kunniin wanta namoonni kunniin jedhan hin dhagahan, faayda isaaniif fidu fi miidhaa isaan irraa deebisuu hin danda’an. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Rabbiin ala waan isa hin miinee fi hin fayyadne kadhata. Suni isatu jallinna fagoodha.” Suuratu Al-Hajj 22:12

46:5

Nama Rabbiin ala waan hanga Guyyaa Qiyaamaatti homaa isaaf hin awwaannee fi isaan (warri kadhataman) kadhaa isaanii irraa dagatoo ta’an gabbaru caalaa jallataan eenyu?” Suuratu al-Ahqaaf 46:5

Guduunfaa

☛Tawhiinni bakka sadiitti qoodama: 1ffaa-Tawhiidu ar-Rubuubiyyah, 2ffaa- Tawhiidu al-asmaa’a wa sifaat, 3ffaa-Tawhiidu al-uluuhiyyah
☛Jechi “Rabb” jedhu hiika baay’ee qaba. Garuu hiikota kanniin bakka sadiitti qoodun ni danda’ama:
1ffaa– wanta tokkotti abbaa ta’uu fi too’annaa guutuu irratti argachuu. Allaahn Rabbul aalamiina- kana jechuun wantoonni uumaman hundi kan Isaati, too’anna guutuu isaan irratti qaba. Sababni isaas, Kan isaan uume, jiraachisu, ajjeesu, haala isaanii qindeessu fi too’atu Isa.
2ffaa-Rabb jechuun Bulchaa ajaja isaatiif bulaniidha.
3ffaa-Rabb jechuun Kan waa fooyyessu, guddisu, kunuunsu fi qananiisudha. Allaahn subhaanahu wa ta’aalaa Rabbi (Gooftaa) waan hundaati. Sababni isaas, kan isaan uume, guddisu, jiraachisu, kunuunsu, eegu, too’atu, fooyyessu, sooru, qajeelchu fi wanta isaan barbaachisu biroo isaaniif dhiyeessu Isa. Gonkumaa uumamtoonni sakandii takkaaf Rabbiin irraa of gahanii jiraachu hin danda’an. Osoo Rabbiin qabuu fi eegu baate samiin ofiin dhaabbachu hin dandeessu. Sababni isaas, jalaa utubaa hin qabdu. Osoo Rabbiin qileensa fi bishaan isaaniif dhiyeessu baate, silaa namoonni sakandii takkaaf jiraachu hin danda’an.
☛Kanaafu ilmaan namaati fi uumamtoonni biroo Gooftaa isaan kunuunsuu fi eegutti garmalee hajamu.
☛Kanarraa ka’uun tawhiidu ar-rubuubiyyah jechuun kan wantoota hundaa uume, sooru, jiraachisu, ajjeesu fi qindeessu Rabbiin qofa akka ta’e amanuu fi hojiwwan Isaa kanniin keessatti shariika (kan Isa waliin qooda fudhatu) akka hin qabne mirkaneessudha. Samii, dachii fi wantoota isaan jidduu jiran kan uumee Rabbii Tokkicha. Eenyulle Isa hin gargaarre. Erga uume boodas isaan bulchuu fi too’achu keessatti gargaaraa fi gorsaa hin qabu. Ni jedha:

17:111

“Jedhi ‘Faaruun Kan Rabbi ilma hin godhatiniiti, Kan mootummaa keessatti shariika hin qabnee fi dadhabbinna irraa kan ka’e gargaaraan kan Isaaf hin jirreeti.’ Guddisu Isa guddisi.” Suuratu Al-Isra 17:111 (Guddisu Isa guddisu-jechuun amaloota gaggaarii Isaa beeksisuun, maqaalee Isaa gaggaariin Isa faarsun kabaja guddaan Isa kabaji)

☛ Wantoota hundaa kan uume, sooru, jiraachisu, eegu, ajjeesu, nama fayyadu fi balaa namarraa deebisu Rabbiin qofa erga ta’e, namoonni Isa qofa gabbaruu qabu. Rabbii Tokkicha dhiisanii wanta isaan hin fayyannee fi hin miine kadhachuu ykn gabbaruu hin qaban.


Kitaabban wabii:
[1] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 56, Abu Bakr Muhammad Zakariya
[2] Madda olii-fuula 59
[3] Madda olii-fuula 60
[4] Madda olii-fuula 65, Min ma’aalim Tawhiid, fuula 20, Sheyk Abdurazzaaq bin Abdul-Muhsin Badri
[5] Tafsiiru Sa’diyy-fuula 755
[6] Tafsiir Sa’idiyy fuula 760
Ibtilaa’ul Iraadati bil Iimaani wal-Islaami wal-Ibaadati– Fuula 165-168, Abdurahman Habankah

Print Friendly, PDF & Email
Gosoota Tawhiida-Kutaa 2
Tawhiida

One comment

Leave a Reply